< Izraa 1 >

1 Waaqayyo akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan Ermiyaasiin dubbatame sun raawwatamuuf jedhee bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa jalqabaatti akka inni mootummaa isaa hunda keessa labsii tokko dabarsuu fi akka labsiin sunis barreeffamuuf hafuura Qiiros mooticha Faares ni kakaase; labsiin sunis akkana jedha:
Katika mwaka wa kwanza wa Koreshi, mfalme wa Uajemi, Yahwe akatimiza neno lake ambalo Yeremia alisema, na kuinua roho ya Koreshi. Sauti ya Koreshi ikasambaa na kusikika katika ufalme wake. Hiki ndicho kilichoandikwa na kusemwa:
2 “Qiiros mootichi Faares akkana jedha: “‘Waaqayyo Waaqni samii mootummoota lafa irraa hunda naaf kenneera; akka ani Yihuudaa keessatti Yerusaalemitti mana qulqullummaa isaaf ijaaruufis na muudeera.
“Koreshi, mfalme wa Uajemi, anasema: Yahwe, Mungu wa mbinguni, amenipa mimi ufalme wote wa dunia, na ameniteua mimi kumjengea yeye nyumba katika Yerusalem ya Yuda.
3 Saba isaa keessaa nama gidduu keessanitti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishee Yihuudaa keessaa sanaa ol baʼee mana qulqullummaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, Waaqa Yerusaalem keessa jiraatu sanaa haa ijaaru.
Yeyote katika watu wake (Mungu awe pamoja naye) anaweza kwenda Yerusalem na kujenga nyumba kwa ajili ya Yahwe, Mungu wa Israel, Mungu ambaye yuko Yerusalem.
4 Warra hafanii iddoo kam iyyuu jiraatan hundaaf sabni biyya isaan keessa jiraatan sanaa kennaa fedhiidhaan mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalem keessa jiru sanaaf kennuu irratti dabalee meetii fi warqee, miʼaa fi horii gumaachuudhaan isa haa gargaaran.’”
Watu wa kila sehemu katika ufalme waliosalia katika nchi na kuishi wanapaswa kuwapa wao fedha na dhahabu, mali na wanyama, pamoja na kutoa kwa hiari kwenye nyumba ya Mungu Yerusalem.”
5 Ergasii hangafoonni maatii Yihuudaa fi Beniyaam, luboonnii fi Lewwonni jechuunis namoonni Waaqni garaa isaanii kakaase hundi dhaqanii mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessaa sana ijaaruuf qophaaʼan.
Ndipo wakuu wa jamii ya Yuda na Benjamini, makuhani na walawi, na kila mmoja ambaye Roho wa Mungu alimwinua kuondoka na kujenga nyumba yake alisimama.
6 Olloonni isaanii hundinuus kennaa fedhiidhaan kennan irratti dabalanii miʼa meetii fi warqee, qodaa fi horii akkasumas kennaawwan gatii guddaa baasan gumaachuudhaan isaan gargaaran.
Wale waliowazunguka karibu waliwasaidia kwa kuwapa fedha na vitu vya dhahabu, mali, wanyama, vitu vya thamani, na kutoa kwa hiari.
7 Kana malees Qiiros Mootichi miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo kanneen Nebukadnezar Yerusaalemii guurratee mana Waaqa isaa keessa kaaʼatee ture sana gad ni baase.
Mfalme Koreshi akarusu vitu ambavyo vilikuwa kwenye nyumba ya Yahwe, ambavyo Nebukadreza alitoa kutoka Yerusalem na kuviweka katika nyumba ya miungu yake.
8 Qiiros mootichi Faares akka Mitredaat itti gaafatamaan qabeenyaa sun miʼa sana fidee Sheeshbazaar bulchaa Yihuudaatiif lakkaaʼu godhe.
Koreshi akavikabidhi kwenye mikono ya Mithredathi mtunza fedha, ambaye akavitoa na kuhesabu kwa Sheshbaza, kiongozi wa Yuda
9 Miʼoonni sunis: saanii warqee 30, saanii meetii 1,000, distii meetii 29,
Hii ilikuwa idadi yake: beseni thelathini za dhahabu, beseni elfu moja za fedha, beseni zingine ishirini na tisa,
10 waciitii warqee 30, waciitii meetii kan qadaada qabu 410, miʼa gosa biraa 1,000.
mabakuli thelathini ya dhahabu, mabakuli madogo ya fedha 410, na vitu elfu moja vya kuongezea.
11 Walumaa galatti miʼa warqeetii fi kan meetii 54,000 ture. Sheeshbazaaris miʼoota kanneen hunda yeroo boojiʼamtoota Baabilonii baasee Yerusaalemitti geessetti guuree deeme.
Kulikuwa na vitu 5, 400 vya fedha na dhahabu. Sheshbaza akavileta vyote wakati wa uhamisho kutoka Babeli kwenda Yerusalem.

< Izraa 1 >