< Hisqiʼeel 8 >
1 Waggaa jaʼaffaatti, jiʼa jaʼaffaa keessa guyyaa shanaffaatti, utuu ani mana koo keessa taaʼee, maanguddoonni Yihuudaas fuula koo dura tataaʼanii jiranuu achumatti harki Waaqayyo Gooftaa narra buʼe.
A shekara ta shida, a wata shida a ranar ta biya, yayinda nake zaune a gidana dattawan Yahuda kuma suna zaune a gabana, hannun Ubangiji Mai Iko Duka ya zo a kaina a can.
2 Anis milʼadhee fakkaattii akka fakkaattii namaa tokko nan arge. Innis waan mudhii isaa fakkaatuu gaditti ibidda fakkaata ture; achii olitti immoo bifti isaa sibiila ibiddaan diimeffamee ifu fakkaata ture.
Na duba, sai na ga siffa kamar na mutum. Daga kwankwaso zuwa ƙasa ya yi kamar wuta, kuma daga kwankwaso zuwa sama kamanninsa ya yi haske yana ƙyalli kamar ƙarfe mai haske.
3 Innis waan harka fakkaatu tokkoon hiixatee rifeensa mataa kootii qabe. Hafuurris lafaa fi samii gidduutti ol na fuudhee mulʼata Waaqaatiin gara Yerusaalem, gara karra balbala kaabaa kan oobdii gara keessaatti, iddoo waaqni tolfamaan hinaaffaaf nama kakaasu sun dhaabatee jiruutti na geesse.
Ya miƙa abin da ya yi kamar hannu ya kama a gashin kaina. Ruhu ya ɗaga ni tsakanin sama da ƙasa, a cikin wahayoyi kuma Allah ya ɗauke ni zuwa Urushalima, zuwa ƙofa zuwa gabas na cikin fili, inda gunki mai tsokanar kishi yake tsaye.
4 Ulfinni Waaqa Israaʼel kan ani mulʼataan dirree keessatti argee ture sun achittis fuula koo dura ture.
A can gabana kuwa ga ɗaukakar Allah na Isra’ila, kamar a wahayin da na gani a fili.
5 Innis, “Yaa ilma namaa, gara kaabaa ilaali” naan jedhe; anis milʼadhee karaa karra balbala kaabaa kan iddoo aarsaatiin waaqa tolfamaa kan hinaaffaa sana nan arge.
Sai ya ce mini, “Ɗan mutum, duba waje arewa.” Sai na duba, a mashigin arewa na ƙofar bagaden kuwa na ga wannan gunki na tsokanar kishi.
6 Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, wantoota akka malee jibbisiisoo kanneen akka ani iddoo qulqulluu koo irraa fagaadhu na godhan kan manni Israaʼel asitti gochaa jiru kana ni argitaa? Ati garuu waan waan kana caalaa jibbisiisaa taʼe iyyuu ni argita.”
Ya kuma ce mini, “Ɗan mutum, ka ga abin da suke yi, abubuwan banƙyamar da gidan Isra’ila ke yi a nan, abubuwan da za su kore ni daga wuri mai tsarkina? Amma za ka ga abubuwan da suka ma fi banƙyama.”
7 Ergasii inni gara karra oobdiitti na fide. Anis milʼadhee qaawwa keenyan manaa nan arge.
Sa’an nan ya kawo ni mashigin filin. Na duba, na kuma ga rami a bango.
8 Innis, “Yaa ilma namaa, keenyan manaa uri” naan jedhe. Kanaafuu ani keenyan manaa sana uree balbala tokko achitti nan arge.
Ya ce mini, “Ɗan mutum, yanzu ka haƙa cikin bangon.” Da na haƙa cikin bangon sai na ga ƙofar shiga a can.
9 Innis, “Ol seeniitii waan hamaa fi jibbisiisaa isaan asitti hojjechaa jiran kana ilaali” naan jedhe.
Sai ya ce mini, “Shiga ka ga mugaye da kuma abubuwa banƙyamar da suke yi a can.”
10 Anis ol seeneen ilaale; kunoo ani gosa uumamawwan lafa irra looʼanii hunda, bineensota jibbisiisoo hundaa fi waaqota tolfamoo mana Israaʼel hunda keenyan manaa hunda irratti fakkeeffamanii nan arge.
Na kuwa shiga na duba, sai na ga zāne-zāne ko’ina a bangon na kowane irin abubuwa masu rarrafe da kuma dabbobi masu ƙazanta da dukan gumakan gidan Isra’ila.
11 Fuula isaanii duras maanguddoonni mana Israaʼel torbaatamni dhadhaabatanii turan; Yaazaniyaan ilmi Shaafaan immoo gidduu isaanii dhaabatee ture. Tokkoon tokkoon isaaniis harka isaaniitti girgiraa qabatanii turan; duumessi aara ixaanaa urgaaʼaanis ol baʼa ture.
A gabansu ga dattawa saba’in na gidan Isra’ila tsaye a cikinsu, Ya’azaniya ɗan Shafan kuwa yana tsaye a cikinsu. Kowa yana da farantin ƙona turare a hannunsa, tulin hayaƙin turare mai ƙanshi ya tunnuƙe zuwa sama.
12 Innis, “Yaa ilma namaa, waan maanguddoonni mana Israaʼel tokkoon tokkoon isaanii galma waaqeffannaa waaqa isaanii tolfamaa sanaa keessatti dukkana keessa hojjetan argiteertaa? Isaan, ‘Waaqayyo nu hin argu; Waaqayyo biyyattii dhiiseera’ jedhan.”
Ya ce mini, “Ɗan mutum, ka ga abin da dattawan gidan Isra’ila suke yi a cikin duhu, kowa yana a ɗakin tsafin gunkinsa? Suna cewa, ‘Ubangiji ba ya ganinmu; Ubangiji ya yashe ƙasar.’”
13 Ammas inni, “Ati wantoota kana caalaa jibbisiisoo taʼan kan isaan hojjetan iyyuu ni argita” jedhe.
Ya kuma ce, “Za ka gan su suna yin abubuwan da suka fi waɗannan banƙyama.”
14 Ergasii gara karra balbala kaabaa kan mana Waaqayyootti na fide; achittis dubartoota tataaʼanii waaqa tolfamaa Tamuuz jedhamuuf booʼaa jiran nan arge.
Sa’an nan ya kawo ni mashigin arewa na ƙofar gidan Ubangiji, sai na ga mata zaune a can, suna makokin Tammuz.
15 Innis, “Yaa ilma namaa, kana argitaa? Ati wantoota kana caalaa jibbisiisoo taʼani iyyuu ni argita” naan jedhe.
Ya ce mini, “Ɗan mutum, ka ga wannan? Za ka ga abubuwan da suke masu banƙyama fiye da wannan.”
16 Ergasii immoo gara oobdii mana Waaqayyoo isa gara keessaatti na fide; achis balbala mana qulqullummaa dura gardaafoo fi iddoo aarsaa gidduu namoota gara digdamii shaniitu ture. Isaanis dugda isaanii mana qulqullummaa Waaqayyootti, fuula isaanii immoo gara baʼa biiftuutti deebifatanii, gara baʼaatti garagalanii aduuf sagadaa turan.
Sa’an nan ya kawo ni cikin fili na cikin gidan Ubangiji, a can kuwa a ƙofar haikali, tsakanin shirayi da bagade, akwai kamar mutum ashirin da biyar. Suka ba haikalin Ubangiji baya suna fuskanta wajen gabas, suna rusuna wa rana a gabas.
17 Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, ati waan kana argitaa? Wantoota jibbisiisoo kanneen asitti hojjechuun isaanii mana Yihuudaatiif laayyoodhaa? Isaan gooliidhaan biyyattii guutanii yeroo hunda aariif na kakaasuu qabuu? Kunoo isaan funyaan isaaniitti damee kaaʼataniiru!
Ya ce mini, “Ka ga wannan, ɗan mutum? Ƙaramin abu ne gidan Yahuda su yi abubuwan banƙyamar da suke yi a nan? Dole ne su cika ƙasar da rikici su kuma ci gaba da tsokane ni in yi fushi? Dube su suna tsokanata!
18 Kanaafuu ani dheekkamsaan isaanitti nan dhufa; ija gara laafinaatiinis isaan hin ilaalu yookaan isaan hin baasu. Isaan gurra kootti iyyan iyyuu, ani isaan hin dhagaʼu.”
Saboda haka zan hukunta su cikin fushi; Ba zan dube su da tausayi ko kuwa in ƙyale su ba. Ko da yake suna ihu a kunnuwana, ba zan saurare su ba.”