< Hisqiʼeel 8 >

1 Waggaa jaʼaffaatti, jiʼa jaʼaffaa keessa guyyaa shanaffaatti, utuu ani mana koo keessa taaʼee, maanguddoonni Yihuudaas fuula koo dura tataaʼanii jiranuu achumatti harki Waaqayyo Gooftaa narra buʼe.
六年六月五日,當我坐在我屋內,猶大的長老門坐在我面前時,吾主上主的手臨於我。
2 Anis milʼadhee fakkaattii akka fakkaattii namaa tokko nan arge. Innis waan mudhii isaa fakkaatuu gaditti ibidda fakkaata ture; achii olitti immoo bifti isaa sibiila ibiddaan diimeffamee ifu fakkaata ture.
我觀望,看,有一個形像,形狀如人,在他相似腰部的下面,有一團火,在他腰部的上面好像有一道光輝,像發亮的金屬。
3 Innis waan harka fakkaatu tokkoon hiixatee rifeensa mataa kootii qabe. Hafuurris lafaa fi samii gidduutti ol na fuudhee mulʼata Waaqaatiin gara Yerusaalem, gara karra balbala kaabaa kan oobdii gara keessaatti, iddoo waaqni tolfamaan hinaaffaaf nama kakaasu sun dhaabatee jiruutti na geesse.
他伸出一隻像手的形狀,抓住我的一綹頭髮,有一種神力把我提到天地之間,在神視中將我提往耶路撒冷去,到了內門的北門門口,在那裏供奉著引起上主妒火的偶像。
4 Ulfinni Waaqa Israaʼel kan ani mulʼataan dirree keessatti argee ture sun achittis fuula koo dura ture.
在那裏出現了以色列天主的光榮,相似我在平原所見的異像。
5 Innis, “Yaa ilma namaa, gara kaabaa ilaali” naan jedhe; anis milʼadhee karaa karra balbala kaabaa kan iddoo aarsaatiin waaqa tolfamaa kan hinaaffaa sana nan arge.
他向我說:「人子,舉目向北方看! 」我遂舉目向北方看;看見在靠近祭壇的北門門口,有那引起上主妒火的偶像。
6 Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, wantoota akka malee jibbisiisoo kanneen akka ani iddoo qulqulluu koo irraa fagaadhu na godhan kan manni Israaʼel asitti gochaa jiru kana ni argitaa? Ati garuu waan waan kana caalaa jibbisiisaa taʼe iyyuu ni argita.”
他又向我說:「人子,你看他們作的是什麼﹖以色列家族在這裏所行的極其醜惡之事,使我非離開我的聖所不可,但你還要看見更為醜惡的事。」
7 Ergasii inni gara karra oobdiitti na fide. Anis milʼadhee qaawwa keenyan manaa nan arge.
以後,他引我到外院的大門口,我看見在牆上有一個洞。
8 Innis, “Yaa ilma namaa, keenyan manaa uri” naan jedhe. Kanaafuu ani keenyan manaa sana uree balbala tokko achitti nan arge.
他向我說:「人子,把這牆穿一個洞! 」我遂在牆上穿了一個洞,出現了一道門。
9 Innis, “Ol seeniitii waan hamaa fi jibbisiisaa isaan asitti hojjechaa jiran kana ilaali” naan jedhe.
他又向我說:「你進去看一看他們在那裏所做的窮凶極惡的醜行。」
10 Anis ol seeneen ilaale; kunoo ani gosa uumamawwan lafa irra looʼanii hunda, bineensota jibbisiisoo hundaa fi waaqota tolfamoo mana Israaʼel hunda keenyan manaa hunda irratti fakkeeffamanii nan arge.
我便進去,看見有各種爬蟲和走獸的像,都是可憎惡的;還有以色列家的各種偶像,都刻畫在四周的牆上。
11 Fuula isaanii duras maanguddoonni mana Israaʼel torbaatamni dhadhaabatanii turan; Yaazaniyaan ilmi Shaafaan immoo gidduu isaanii dhaabatee ture. Tokkoon tokkoon isaaniis harka isaaniitti girgiraa qabatanii turan; duumessi aara ixaanaa urgaaʼaanis ol baʼa ture.
以色列家族的七十長老,沙番的兒子雅匝尼雅也在他們中間,都站在那些像前,每人手中拿著香爐,燒的香煙如濃雲,正在上騰。
12 Innis, “Yaa ilma namaa, waan maanguddoonni mana Israaʼel tokkoon tokkoon isaanii galma waaqeffannaa waaqa isaanii tolfamaa sanaa keessatti dukkana keessa hojjetan argiteertaa? Isaan, ‘Waaqayyo nu hin argu; Waaqayyo biyyattii dhiiseera’ jedhan.”
他對我說:「人子,你看見了以色列的長老在黑暗中,每人在藏神像的暗室中所行的事嗎﹖他們說:上主看不見我們,上主已離棄了此地。」
13 Ammas inni, “Ati wantoota kana caalaa jibbisiisoo taʼan kan isaan hojjetan iyyuu ni argita” jedhe.
他又向我說:「你還要看見他們所行的更醜惡的事。」
14 Ergasii gara karra balbala kaabaa kan mana Waaqayyootti na fide; achittis dubartoota tataaʼanii waaqa tolfamaa Tamuuz jedhamuuf booʼaa jiran nan arge.
以後,他引我到了上主的聖殿朝北的大門口。看,有些婦女坐在那裏,哀悼塔慕次。
15 Innis, “Yaa ilma namaa, kana argitaa? Ati wantoota kana caalaa jibbisiisoo taʼani iyyuu ni argita” naan jedhe.
他向我說:「人子,你看見了嗎﹖但你還要看見比這更醜惡的事。」
16 Ergasii immoo gara oobdii mana Waaqayyoo isa gara keessaatti na fide; achis balbala mana qulqullummaa dura gardaafoo fi iddoo aarsaa gidduu namoota gara digdamii shaniitu ture. Isaanis dugda isaanii mana qulqullummaa Waaqayyootti, fuula isaanii immoo gara baʼa biiftuutti deebifatanii, gara baʼaatti garagalanii aduuf sagadaa turan.
以後,他引我到了上主聖殿的內庭院內;看,在上主聖所的門口,在走廊和祭壇中間約有二十五個人,背向上主的聖所,面向東方,他們正在向東方朝拜太陽。
17 Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, ati waan kana argitaa? Wantoota jibbisiisoo kanneen asitti hojjechuun isaanii mana Yihuudaatiif laayyoodhaa? Isaan gooliidhaan biyyattii guutanii yeroo hunda aariif na kakaasuu qabuu? Kunoo isaan funyaan isaaniitti damee kaaʼataniiru!
他又向我說:「人子,你看見了嗎﹖在這裏行的這些醜惡之事,為猶大家還不夠嗎﹖他們還將此地充滿了殘暴之事,時時惹我忿怒。看,他們還把枝條舉到自己鼻子上。
18 Kanaafuu ani dheekkamsaan isaanitti nan dhufa; ija gara laafinaatiinis isaan hin ilaalu yookaan isaan hin baasu. Isaan gurra kootti iyyan iyyuu, ani isaan hin dhagaʼu.”
我必大發憤怒,我的眼決不憐視,一點也不顧惜;極使他們在我耳旁高聲喊叫,我仍不俯聽他們。」

< Hisqiʼeel 8 >