< Hisqiʼeel 7 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Moreover the word of the LORD came unto me, saying:
2 “Yaa ilma namaa, Waaqayyo Gooftaan biyya Israaʼeliin akkana jedha: “‘Dhuma! Golee biyyattii afranitti dhumni dhufeera.
'And thou, son of man, thus saith the Lord GOD concerning the land of Israel: An end! the end is come upon the four corners of the land.
3 Ammas dhumni kee gaʼeera; dheekkamsa koo sirratti nan dhangalaasa; ani akkuma amala keetiitti sitti nan mura; gochawwan kee jibbisiisoo hundaafis ani sin adaba.
Now is the end upon thee, and I will send Mine anger upon thee, and will judge thee according to thy ways; and I will bring upon thee all thine abominations.
4 Ani gara laafinaan si hin ilaalu yookaan si hin baasu; ani hamma gochawwan kee jibbisiisoon sun si gidduu jiranitti, amala keetiif sin adaba. “‘Ergasiis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’
And Mine eye shall not spare thee, neither will I have pity; but I will bring thy ways upon thee, and thine abominations shall be in the midst of thee; and ye shall know that I am the LORD.
5 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Badii! Badiin takkaa hin dhagaʼamin tokko dhufaa jira.
Thus saith the Lord GOD: An evil, a singular evil, behold, it cometh.
6 Dhumni dhufeera! Dhumni dhufeera! Inni mataan isaa isinitti kaʼeera. Inni dhufeera!
An end is come, the end is come, it awaketh against thee; behold, it cometh.
7 Yaa warra biyyattii keessa jiraattan, badiin isinitti dhufeera. Yeroon gaʼeera; guyyaan dhiʼaateera; tulluuwwan irratti gammachuu utuu hin taʼin jeequmsatu taʼa.
The turn is come unto thee, O inhabitant of the land; the time is come, the day of tumult is near, and not of joyful shouting upon the mountains.
8 Ani dheekkamsa koo sitti dhangalaasuudhaafan jira; aarii koo illee sitti nan baʼa; akkuma amala keetiittis sitti nan mura; gochaawwan kee jibbisiisoo sana hundaafis sin adaba.
Now will I shortly pour out My fury upon thee, and spend Mine anger upon thee, and will judge thee according to thy ways; and I will bring upon thee all thine abominations.
9 Ani gara laafinaan si hin ilaalu yookaan si hin baraaru. Hamma gochawwan kee jibbisiisoon sun si gidduu jiranitti ani akkuma amala keetiitti sin adaba. “‘Ergasiis akka kan rukutu sun ana Waaqayyo taʼe isin ni beektu.
And Mine eye shall not spare, neither will I have pity; I will bring upon thee according to thy ways, and thine abominations shall be in the midst of thee; and ye shall know that I the LORD do smite.
10 “‘Guyyaan sun kunoo ti! Inni dhufeera! Badiin cabsee dhufeera; uleen lateera; of tuulummaan daraareera!
Behold the day; behold, it cometh; the turn is come forth; the rod hath blossomed, arrogancy hath budded.
11 Gooliin guddatee ulee hammina adabu taʼeera; isaan keessaa namni tokko iyyuu hin hafu; waldaa isaanii keessaa, qabeenya isaaniitii fi waan faayidaa qabu keessaa tokko iyyuu hin hafu.
Violence is risen up into a rod of wickedness; nought cometh from them, nor from their tumult, nor from their turmoil, neither is there eminency among them.
12 Yeroon sun dhufeera; guyyaan sun gaʼeera. Inni bitu hin gammadin; kan gurgurus hin gaddin; dheekkamsi guutummaa isaaniitti dhufaatii.
The time is come, the day draweth near; let not the buyer rejoice, nor the seller mourn; for wrath is upon all the multitude thereof.
13 Hamma lamaan isaanii iyyuu lubbuun jiranitti inni lafa gurgure hin deebifatu; mulʼanni waaʼee sabaatiif mulʼate duubatti hin deebiʼuutii. Sababii cubbuu isaaniitiif isaan keessaa namni tokko iyyuu lubbuu ofii isaa hin oolfatu.
For the seller shall not return to that which is sold, although they be yet alive; for the vision is touching the whole multitude thereof, which shall not return; neither shall any stand possessed of the iniquity of his life.
14 “‘Sababii dheekkamsi koo waldaa hunda irra jiruuf isaan malakata afuufanii waan hunda qopheeffatan iyyuu, namni tokko iyyuu gara adda waraanaa hin dhaqu.
They have blown the horn, and have made all ready, but none goeth to the battle; for My wrath is upon all the multitude thereof.
15 Alaan goraadeetu jira; keessaan immoo dhaʼichaa fi beelatu jira; warri baadiyyaa goraadeedhaan duʼu; warri magaalaa keessaa immoo beelaa fi dhaʼichaan dhumu.
The sword is without, and the pestilence and the famine within; he that is in the field shall die with the sword, and he that is in the city, famine and pestilence shall devour him.
16 Baqattoonni warri miliqan tulluuwwanitti baqatu. Tokkoon tokkoon isaanii akkuma gugeewwan sululaa sababii cubbuu isaaniitiif ni aadu.
But they that shall at all escape of them, shall be on the mountains like doves of the valleys, all of them moaning, every one in his iniquity.
17 Harki hundi ni naafata; jilbi hundinuus bishaan taʼa.
All hands shall be slack, and all knees shall drip with water.
18 Isaan wayyaa gaddaa uffatanii sodaadhaan haguugamu. Fuulli isaanii qaanii uffata; mataan isaaniis ni haadama.
They shall also gird themselves with sackcloth, and horror shall cover them; and shame shall be upon all faces, and baldness upon all their heads.
19 “‘Isaan meetii isaanii daandiiwwan irratti gatu; warqeen isaanii akka waan xuraaʼaa taʼa. Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti meetii fi warqeen isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu. Isaan nyaatanii beela hin baʼan yookaan garaa isaanii hin guuttatan; meetii fi warqeen isaanii isaan gufachiisee cubbuutti isaan galcheeraatii.
They shall cast their silver in the streets, and their gold shall be as an unclean thing; their silver and their gold shall not be able to deliver them in the day of the wrath of the LORD; they shall not satisfy their souls, neither fill their bowels; because it hath been the stumblingblock of their iniquity.
20 Isaan faaya bareedaa isaaniitiin of tuulanii waaqota isaanii jibbisiisoo fi fakkiiwwan faayidaa hin qabne sana tolchuuf itti fayyadaman. Kanaafuu ani wantoota kanneen gara waan xuraaʼaatti isaan duraa nan geeddara.
And as for the beauty of their ornament, which was set for a pride, they made the images of their abominations and their detestable things thereof; therefore have I made it unto them as an unclean thing.
21 Ani harka namoota biyya ormaatti boojuudhaaf, hamoota lafaattis saamichaaf dabarsee ishee nan kenna; isaanis isa ni xureessu.
And I will give it into the hands of the strangers for a prey, and to the wicked of the earth for a spoil; and they shall profane it.
22 Ani fuula koo isaan irraa nan deebifadha; isaanis iddoo koo jaallatamaa sana ni xureessu; saamtonnis itti seenanii ni xureessu.
I will also turn My face from them, and they shall profane My secret place; and robbers shall enter into it, and profane it.
23 “‘Sababii biyyattiin dhiiga dhangalaasuudhaan, magaalattiin immoo gooliidhaan guutamteef foncaa qopheessi.
Make the chain; for the land is full of bloody crimes, and the city is full of violence.
24 Ani akka isaan manneen isaanii dhaalaniif warra saboota keessaa akka malee hamoo taʼan nan fida; of tuulummaa namoota jajjaboo nan cabsa; manneen qulqullummaa isaaniis nan xureessa.
Wherefore I will bring the worst of the nations, and they shall possess their houses; I will also make the pride of the strong to cease; and their holy places shall be profaned.
25 Yeroo raafamni dhufutti isaan nagaa barbaadu; garuu tokko illee hin argatan.
Horror cometh; and they shall seek peace, and there shall be none.
26 Badiin badii irratti, oduunis, oduu irratti ni dhufa. Isaan raajii irraa mulʼata argachuu ni yaalu; seerri luboota biraa, gorsi immoo maanguddoota biraa ni dhabama.
Calamity shall come upon calamity, and rumour shall be upon rumour; and they shall seek a vision of the prophet, and instruction shall perish from the priest, and counsel from the elders.
27 Mootiin ni booʼa; ilmi mootii abdii kutata; harki uummata biyyattii ni hollata. Ani akkuma hojii isaaniitti gatii isaanii nan kennaaf; akkuma seera ofii isaaniittis murtii nan kennaaf. “‘Ergasiis isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’”
The king shall mourn, and the prince shall be clothed with appalment, and the hands of the people of the land shall be enfeebled; I will do unto them after their way, and according to their deserts will I judge them; and they shall know that I am the LORD.'

< Hisqiʼeel 7 >