< Hisqiʼeel 7 >
1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Yehova anandipatsa uthenga uwu kuti,
2 “Yaa ilma namaa, Waaqayyo Gooftaan biyya Israaʼeliin akkana jedha: “‘Dhuma! Golee biyyattii afranitti dhumni dhufeera.
“Iwe mwana wa munthu, Ine Ambuye Yehova ndikuwuza dziko la Israeli kuti: “Chimaliziro! Chimaliziro chafika ku ngodya zinayi za dziko.
3 Ammas dhumni kee gaʼeera; dheekkamsa koo sirratti nan dhangalaasa; ani akkuma amala keetiitti sitti nan mura; gochawwan kee jibbisiisoo hundaafis ani sin adaba.
Chimaliziro chili pa iwe tsopano. Mkwiyo wanga ndidzawuthira pa iwe. Ndidzakuweruza molingana ndi machitidwe ako ndi kukulanga chifukwa cha zonyansa zako.
4 Ani gara laafinaan si hin ilaalu yookaan si hin baasu; ani hamma gochawwan kee jibbisiisoon sun si gidduu jiranitti, amala keetiif sin adaba. “‘Ergasiis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’
Ine sindidzakumvera chisoni kapena kukuleka. Ndidzakulanga ndithu chifukwa cha ntchito zako zoyipa komanso chifukwa cha miyambo yako yonyansa imene ili pakati pako. Pamenepo udzadziwa kuti Ine ndine Yehova.”
5 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Badii! Badiin takkaa hin dhagaʼamin tokko dhufaa jira.
“Zimene ndikunena Ine Ambuye Yehova ndi izi: “Chiwonongeko! Chiwonongeko chimene sichinamvekepo! Taona chikubwera!
6 Dhumni dhufeera! Dhumni dhufeera! Inni mataan isaa isinitti kaʼeera. Inni dhufeera!
Chimaliziro chafika! Chimaliziro chafika! Chiwonongeko chakugwera. Taona chafika!
7 Yaa warra biyyattii keessa jiraattan, badiin isinitti dhufeera. Yeroon gaʼeera; guyyaan dhiʼaateera; tulluuwwan irratti gammachuu utuu hin taʼin jeequmsatu taʼa.
Inu anthu okhala mʼdziko, chiwonongeko chakugwerani. Nthawi yafika, tsiku layandikira; tsiku la chisokonezo osati la chimwemwe pa mapiri.
8 Ani dheekkamsa koo sitti dhangalaasuudhaafan jira; aarii koo illee sitti nan baʼa; akkuma amala keetiittis sitti nan mura; gochaawwan kee jibbisiisoo sana hundaafis sin adaba.
Ine ndili pafupi kukukwiyirani, ndipo ukali wanga udzathera pa iwe; Ine ndidzakuweruza molingana ndi machitidwe ako ndiponso ndidzakulanga chifukwa cha miyambo yako yonyansa.
9 Ani gara laafinaan si hin ilaalu yookaan si hin baraaru. Hamma gochawwan kee jibbisiisoon sun si gidduu jiranitti ani akkuma amala keetiitti sin adaba. “‘Ergasiis akka kan rukutu sun ana Waaqayyo taʼe isin ni beektu.
Ine sindidzakumvera chisoni kapena kukuleka. Ndidzakulanga malingana ndi ntchito zako ndiponso chifukwa cha miyambo yako yonyansa pakati pako.
10 “‘Guyyaan sun kunoo ti! Inni dhufeera! Badiin cabsee dhufeera; uleen lateera; of tuulummaan daraareera!
“Taona, tsikulo! Taona, lafika! Chiwonongeko chako chabwera. Ndodo yaphuka mphundu za maluwa. Kudzitama kwaphuka.
11 Gooliin guddatee ulee hammina adabu taʼeera; isaan keessaa namni tokko iyyuu hin hafu; waldaa isaanii keessaa, qabeenya isaaniitii fi waan faayidaa qabu keessaa tokko iyyuu hin hafu.
Chiwawa chasanduka ndodo yowakwapulira chifukwa cha kuyipa kwawo. Palibe mwa anthu amenewo amene adzatsale. Palibe ndi mmodzi yemwe mwa unyinji wawo. Palibiretu ndipo sipadzapezeka munthu wowalira maliro.
12 Yeroon sun dhufeera; guyyaan sun gaʼeera. Inni bitu hin gammadin; kan gurgurus hin gaddin; dheekkamsi guutummaa isaaniitti dhufaatii.
Nthawi yafika! Tsiku layandikira! Munthu wogula asakondwere ndipo wogulitsa asamve chisoni, popeza ukali wanga uli pa gulu lonse.
13 Hamma lamaan isaanii iyyuu lubbuun jiranitti inni lafa gurgure hin deebifatu; mulʼanni waaʼee sabaatiif mulʼate duubatti hin deebiʼuutii. Sababii cubbuu isaaniitiif isaan keessaa namni tokko iyyuu lubbuu ofii isaa hin oolfatu.
Wogulitsa sadzazipezanso zinthu zimene anagulitsa kwa wina chinkana onse awiri akanali ndi moyo, pakuti chilango chidzagwera onsewo ndipo sichingasinthike. Chifukwa cha machimo awo, palibe aliyense amene adzapulumutsa moyo wake.
14 “‘Sababii dheekkamsi koo waldaa hunda irra jiruuf isaan malakata afuufanii waan hunda qopheeffatan iyyuu, namni tokko iyyuu gara adda waraanaa hin dhaqu.
“Lipenga lalira, ndipo zonse zakonzeka. Koma palibe ndi mmodzi yemwe amene akupita ku nkhondo, pakuti mkwiyo wanga uli pa gulu lonse.
15 Alaan goraadeetu jira; keessaan immoo dhaʼichaa fi beelatu jira; warri baadiyyaa goraadeedhaan duʼu; warri magaalaa keessaa immoo beelaa fi dhaʼichaan dhumu.
Ku bwalo kuli kumenyana ndipo mʼkati muli mliri ndi njala. Anthu okhala ku midzi adzafa ndi nkhondo. Iwo okhala ku mizinda adzafa ndi mliri ndi njala.
16 Baqattoonni warri miliqan tulluuwwanitti baqatu. Tokkoon tokkoon isaanii akkuma gugeewwan sululaa sababii cubbuu isaaniitiif ni aadu.
Onse amene adzapulumuka ndi kumakakhala ku mapiri, azidzalira ngati nkhunda za ku zigwa. Aliyense azidzabuwula chifukwa cha machimo ake.
17 Harki hundi ni naafata; jilbi hundinuus bishaan taʼa.
Dzanja lililonse lidzalefuka, ndipo bondo lililonse lidzalobodoka ngati madzi.
18 Isaan wayyaa gaddaa uffatanii sodaadhaan haguugamu. Fuulli isaanii qaanii uffata; mataan isaaniis ni haadama.
Iwo adzavala ziguduli ndipo adzagwidwa ndi mantha. Adzakhala ndi nkhope zamanyazi ndipo mitu yawo adzameta mpala.
19 “‘Isaan meetii isaanii daandiiwwan irratti gatu; warqeen isaanii akka waan xuraaʼaa taʼa. Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti meetii fi warqeen isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu. Isaan nyaatanii beela hin baʼan yookaan garaa isaanii hin guuttatan; meetii fi warqeen isaanii isaan gufachiisee cubbuutti isaan galcheeraatii.
“Iwo adzataya siliva wawo mʼmisewu ndipo golide wawo adzakhala chinthu chonyansa. Siliva ndi golide wawo sizidzatha kuwapulumutsa pa tsiku la ukali wa Yehova. Chuma chawochi sichidzawathandiza kuthetsa njala, kapena kukhala okhuta, pakuti ndicho chinawagwetsa mʼmachimo.
20 Isaan faaya bareedaa isaaniitiin of tuulanii waaqota isaanii jibbisiisoo fi fakkiiwwan faayidaa hin qabne sana tolchuuf itti fayyadaman. Kanaafuu ani wantoota kanneen gara waan xuraaʼaatti isaan duraa nan geeddara.
Iwo ankanyadira zodzikongoletsera zawo zamakaka ndipo ankazigwiritsa ntchito kupanga mafano awo onyansa ndi zonyansa zawo zina. Nʼchifukwa chake Ine ndidzazisandutsa kukhala zowanyansa.
21 Ani harka namoota biyya ormaatti boojuudhaaf, hamoota lafaattis saamichaaf dabarsee ishee nan kenna; isaanis isa ni xureessu.
Ndidzazipereka kwa alendo kuti azifunkhe. Anthu oyipa a dziko lapansi adzazilanda ndi kudziyipitsa.
22 Ani fuula koo isaan irraa nan deebifadha; isaanis iddoo koo jaallatamaa sana ni xureessu; saamtonnis itti seenanii ni xureessu.
Ine ndidzawalekerera anthuwo ndipo adzayipitsa malo anga apamtima. Adzalowamo ngati mbala ndi kuyipitsamo.
23 “‘Sababii biyyattiin dhiiga dhangalaasuudhaan, magaalattiin immoo gooliidhaan guutamteef foncaa qopheessi.
“Konzani maunyolo, chifukwa dziko ladzaza ndi anthu opha anzawo ndipo mzinda wadzaza ndi chiwawa.
24 Ani akka isaan manneen isaanii dhaalaniif warra saboota keessaa akka malee hamoo taʼan nan fida; of tuulummaa namoota jajjaboo nan cabsa; manneen qulqullummaa isaaniis nan xureessa.
Ndidzabweretsa mitundu ya anthu oyipitsitsa kuti idzalande nyumba zawo. Ndidzathetsa kunyada kwa anthu amphamvu pamene anthu akunja adzalowa mʼmalo awo achipembedzo ndi kuyipitsamo.
25 Yeroo raafamni dhufutti isaan nagaa barbaadu; garuu tokko illee hin argatan.
Nkhawa ikadzawafikira adzafunafuna mtendere koma osawupeza.
26 Badiin badii irratti, oduunis, oduu irratti ni dhufa. Isaan raajii irraa mulʼata argachuu ni yaalu; seerri luboota biraa, gorsi immoo maanguddoota biraa ni dhabama.
Tsoka lidzatsatana ndi tsoka linzake, ndipo mphekesera idzatsatana ndi mphekesera inzake. Iwo adzayesa kufuna masomphenya kuchokera kwa mneneri. Adzasowa ansembe owaphunzitsa malamulo, ndipo anthu akuluakulu sadzakhalanso ndi uphungu.
27 Mootiin ni booʼa; ilmi mootii abdii kutata; harki uummata biyyattii ni hollata. Ani akkuma hojii isaaniitti gatii isaanii nan kennaaf; akkuma seera ofii isaaniittis murtii nan kennaaf. “‘Ergasiis isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’”
Mfumu idzalira, kalonga adzagwidwa ndi mantha. Manja a anthu a mʼdzikomo azidzangonjenjemera ndi mantha. Ine ndidzawalanga molingana ndi machitidwe awo, ndipo ndidzawaweruza molingana ndi momwe anaweruzira anzawo.