< Hisqiʼeel 5 >

1 “Yaa ilma namaa, goraadee qara qabu fudhadhuutii akkuma qarabaa ittiin haaddatanitti mataa keetii fi areeda kee ittiin haaddadhu. Rifeensa sanas madaaliidhaan madaaliitii gargar qoodi.
ואתה בן אדם קח לך חרב חדה תער הגלבים תקחנה לך והעברת על ראשך ועל זקנך ולקחת לך מאזני משקל וחלקתם׃
2 Yeroo barri marfamuu keetii dhumatutti rifeensa sana keessaa harka sadii keessaa harka tokko magaalattii keessatti ibiddaan gubi. Harka sadii keessaa harka tokko fuudhii magaalattii marsiitii goraadeen cicciri. Harka sadii keessaa harka tokko immoo bubbeetti bittinneessi. Ani goraadee luqqifameen isaanan ariʼaatii.
שלשית באור תבעיר בתוך העיר כמלאת ימי המצור ולקחת את השלשית תכה בחרב סביבותיה והשלשית תזרה לרוח וחרב אריק אחריהם׃
3 Rifeensa sana irraa xinnoo fuudhiitii handaara wayyaa keetiitti guduunfadhu.
ולקחת משם מעט במספר וצרת אותם בכנפיך׃
4 Ammas kanneen keessaa xinnoo fuudhiitii ibiddatti naqi; gubis. Ibiddi achii kaʼee guutummaa mana Israaʼel keessa faffacaʼa.
ומהם עוד תקח והשלכת אותם אל תוך האש ושרפת אתם באש ממנו תצא אש אל כל בית ישראל׃
5 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yerusaalem isheen ani biyyoota itti naannessee saboota walakkaa teessise sun ishee kanaa dha.
כה אמר אדני יהוה זאת ירושלם בתוך הגוים שמתיה וסביבותיה ארצות׃
6 Isheenis sabootaa fi biyyoota naannoo ishee jiraatan caalaa hammina isheetiin seera kootii fi ajaja kootti fincilteerti; isheen seera koo gatteerti; ajaja koos duukaa hin buune.
ותמר את משפטי לרשעה מן הגוים ואת חקותי מן הארצות אשר סביבותיה כי במשפטי מאסו וחקותי לא הלכו בהם׃
7 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin saboota naannoo keessan jiraatan caalaa warra hin ajajamne taataniirtu; isin ajaja koo duukaa hin buune yookaan seera koo hin eegne. Isin seera saboonni naannoo keessan jiraatan eegani iyyuu hin eegne.
לכן כה אמר אדני יהוה יען המנכם מן הגוים אשר סביבותיכם בחקותי לא הלכתם ואת משפטי לא עשיתם וכמשפטי הגוים אשר סביבותיכם לא עשיתם׃
8 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Yerusaalem, ani mataan koo sittan kaʼa; fuula sabootaa durattis sin adaba.
לכן כה אמר אדני יהוה הנני עליך גם אני ועשיתי בתוכך משפטים לעיני הגוים׃
9 Ani sababii waaqota kee jibbisiisoo hundaatiif waanan kanaan dura takkumaa godhee hin beekin, waanan siʼachis gonkumaa hin goone sitti nan fida.
ועשיתי בך את אשר לא עשיתי ואת אשר לא אעשה כמהו עוד יען כל תועבתיך׃
10 Kanaafuu si keessatti abbootiin ijoollee isaanii ni nyaatu; ijoolleen immoo abbootii isaanii ni nyaatu. Ani sin adaba; hambaawwan kee hundas bubbeetti nan bittinneessa.
לכן אבות יאכלו בנים בתוכך ובנים יאכלו אבותם ועשיתי בך שפטים וזריתי את כל שאריתך לכל רוח׃
11 Kanaafuu akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe, jedha Waaqayyo Gooftaan; sababii ati fakkiiwwan kee kanneen faayidaa hin qabne hundaa fi gochawwan kee jibbisiisoo sanaan mana qulqullummaa koo xureessiteef ani fuula koo sirraa nan deebiffadha; ani si hin baraaru yookaan garaa siif hin laafu.
לכן חי אני נאם אדני יהוה אם לא יען את מקדשי טמאת בכל שקוציך ובכל תועבתיך וגם אני אגרע ולא תחוס עיני וגם אני לא אחמול׃
12 Uummanni kee harka sadii keessaa harki tokko dhaʼichaan duʼa yookaan beelaan si keessatti dhuma; harka sadii keessaa harki tokko dallaa keetiin alatti goraadeedhaan galaafatama; harka sadii keessaa harka tokko immoo anatu bubbeetti bittinneessa; goraadee luqqifameenis ariʼa.
שלשתיך בדבר ימותו וברעב יכלו בתוכך והשלשית בחרב יפלו סביבותיך והשלישית לכל רוח אזרה וחרב אריק אחריהם׃
13 “Ergasii aariin koo narraa gala; dheekkamsi koo kan isaanitti dhufe sun ni qabbanaaʼa; anis haaloo nan baafadha. Yeroo ani dheekkamsa koo isaanitti fidetti isaan akka ani Waaqayyo hinaaffaa kootiin dubbadhe ni beeku.
וכלה אפי והנחותי חמתי בם והנחמתי וידעו כי אני יהוה דברתי בקנאתי בכלותי חמתי בם׃
14 “Saboota naannoo kee jiraatan gidduutti fuula warra achiin darban hundaa duratti onaa fi waan fafaa sin godha.
ואתנך לחרבה ולחרפה בגוים אשר סביבותיך לעיני כל עובר׃
15 Yeroo ani aariidhaan, dheekkamsaa fi adabbiidhaan si adabutti, ati fuula saboota naannoo kee jiraatanii duratti waan fafaa, waan kolfaa, waan ilaalanii quba itti qabanii fi waan sodaa ni taata. Ani Waaqayyo dubbadheera.
והיתה חרפה וגדופה מוסר ומשמה לגוים אשר סביבותיך בעשותי בך שפטים באף ובחמה ובתכחות חמה אני יהוה דברתי׃
16 Ani yeroon xiyya beelaa kan nama ajjeesuu fi nama barbadeessu isinitti darbadhutti isin balleessuuf jedheen darbadha. Ani beela irratti beela isinittin fida; madda nyaata keessaniis nan gogsa.
בשלחי את חצי הרעב הרעים בהם אשר היו למשחית אשר אשלח אותם לשחתכם ורעב אסף עליכם ושברתי לכם מטה לחם׃
17 Ani beelaa fi bineensa isinittan erga; isaanis ijoollee malee isin hambisu. Dhaʼichii fi dhangalaafamuun dhiigaa isin haxaaʼa; ani goraadee isinittin fida. Ani Waaqayyo dubbadheera.”
ושלחתי עליכם רעב וחיה רעה ושכלך ודבר ודם יעבר בך וחרב אביא עליך אני יהוה דברתי׃

< Hisqiʼeel 5 >