< Hisqiʼeel 48 >

1 “Gosoonni maqaan isaanii galmeeffame kanneenii dha: “Karaa daarii kaabaatiin gosti Daan qooda tokko qabaata; kunis daandii Hetiloon qabatee hamma qaxxaamura Hamaatitti deema; Hazar Eenaanii fi daariin Damaasqoo kan gara kaabaa inni Hamaatitti aanee jiru daarii isaa kan karaa baʼaatii jalqabee hamma karaa lixa biiftuutti jiruu taʼa.
“Ga kabilan, a jere bisa ga sunayensu. “A iyaka ta arewa, Dan zai sami rabo; zai bi hanyar Hetlon zuwa Lebo Hamat. Hazar-Enan da iyakar arewancin Damaskus kusa da Hamat za tă zama sashen iyakarsa a wajen gabas zuwa wajen yamma.
2 Gosti Aasheer qooda tokko qabaata; kunis biyya Daan kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
Asher zai sami rabo; zai yi iyaka da yankin Dan daga gabas zuwa yamma.
3 Gosti Niftaalem qooda tokko qabaata; kunis biyya Aasheer kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
Naftali zai sami rabo; zai yi iyaka da yankin Asher daga gabas zuwa yamma.
4 Gosti Minaasee qooda tokko qabaata; kunis biyya Niftaalem kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
Manasse zai sami rabo; zai yi iyaka da yankin Naftali daga gabas zuwa yamma.
5 Gosti Efreem qooda tokko qabaata; kunis biyya Minaasee kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
Efraim zai sami rabo; zai yi iyaka da yankin Manasse daga gabas zuwa yamma.
6 Gosti Ruubeen qooda tokko qabaata; kunis biyya Efreem kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
Ruben zai sami rabo; zai yi iyaka da Efraim daga gabas zuwa yamma.
7 Gosti Yihuudaa qooda tokko qabaata; kunis biyya Ruubeen kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
Yahuda zai sami rabo; zai yi iyaka da yankin Ruben daga gabas zuwa yamma.
8 “Biyyi baʼa biiftuutii gara lixa biiftuutti Yihuudaa daangessu qooda isin kennaa addaa gootanii dhiʼeessuu qabdanii dha. Balʼinni isaas dhundhuma 25,000, dheerinni isaa immoo baʼa biiftuutii gara lixa biiftuutti qooda gosaa keessaa isa tokko wajjin wal qixxee taʼa; iddoon qulqulluun sunis biyya sana gidduutti argama.
“Kusa da yankin Yahuda daga gabas zuwa yamma zai zama rabon da za ku bayar a matsayin kyauta ta musamman. Faɗinsa zai zama kamu 25,000, tsawonsa kuma zai zama daidai da tsawon yankunan kabilu daga gabas zuwa yamma; wuri mai tsarki zai kasance a tsakiyar wannan yanki.
9 “Qoodni addaa kan isin Waaqayyoof dhiʼeessuu qabdan dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼa.
“Tsawon rabo na musamman da za ku bayar ga Ubangiji zai zama kamu 25,000, fāɗinsa kuma kamu 10,000.
10 Kunis lubootaaf qooda qulqulluu taʼa. Innis karaa kaabaatiin dhundhuma 25,000 dheerata; karaa lixa biiftuutiin dhundhuma 10,000 balʼata; karaa baʼa biiftuun dhundhuma 10,000 balʼata; karaa kibbaatiin immoo dhundhuma 25,000 dheerata. Manni qulqullummaa Waaqayyoos gidduu isaatti argama.
Wannan ne zai zama tsattsarkan rabo domin firistoci. Tsawon zai zama kamu 25,000 a wajen arewa, fāɗin kuma kamu 10,000 wajen yamma, kamu 10,000 zai zama fāɗinsa a wajen gabas, tsawonsa a wajen kudu zai zama kamu 25,000. A tsakiyarsa ne wuri mai tsarki na Ubangiji zai kasance.
11 Kunis luboota qulqullaaʼoo jechuunis ilmaan Zaadoq kanneen amanamummaadhaan na tajaajilaa turan kanneen yeroo Israaʼeloonni karaa irraa badanitti akka Lewwonni karaa irraa badan sana karaa irraa hin badin sanaaf taʼa.
Wannan zai zama na keɓaɓɓun firistoci, zuriyar Zadok, waɗanda suka yi aminci cikin hidimata ba su kuwa karkata kamar yadda Lawiyawa suka yi sa’ad da Isra’ilawa suka karkace ba.
12 Innis qooda biyyattii isa qulqulluu irraa jechuunis qooda qulqulluu kan qooda hunda caalaa qulqulluu taʼe irraa kan biyya Lewwotaa daangessu sun isaaniif kennaa addaa taʼa.
Zai zama kyauta ta musamman a gare su daga tsattsarkan rabon ƙasar, kusa da yankin Lawiyawa.
13 “Biyya lubootaa biraan Lewwonni lafa dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 qabaatu. Walumaa galatti dheerinni isaa dhundhuma 25,000 balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼa.
“Dab da yankin firistoci, Lawiyawa za su sami rabo mai tsawon kamu 25,000, fāɗin kuma kamu 10,000. Tsawonsa gaba ɗaya zai zama kamu 25,000, fāɗinsa kuma kamu 10,000.
14 Isaanis lafa sana irraa waan tokko illee gurguruu yookaan geeddaruu hin qaban. Lafti kun biyyattii keessaa filatamaa dha; sababii Waaqayyoof qulqulluu taʼeefis harka nama biraatti darbuu hin qabu.
Ba za su sayar da shi ko su musayar da wani sashensa ba. Wannan shi ne mafi kyau na ƙasar ba kuma za a jinginar da ita ga wani ba, gama mai tsarki ce ga Ubangiji.
15 “Lafti hafe kan balʼinni isaa dhundhuma 5,000, dheerinni isaa immoo dhundhuma 25,000 taʼe faayidaa magaalattiitiif oola; kunis ijaarsa manneeniitii fi lafa dheedaatiif taʼa. Magaalattiin immoo isa gidduu jiraatti;
“Sauran wurin da ya rage mai fāɗin kamu 5,000 da tsawon kamu 25,000 zai zama don amfanin kowa a birnin, don gidaje da wurin kiwo. Birnin zai kasance a tsakiyar wurin da ya ragen nan
16 magaalattiinis karaa kaabaatiin dhundhuma 4,500, karaa kibbaatiin dhundhuma 4,500, karaa baʼaatiin dhundhuma 4,500 karaa lixaatiinis dhundhuma 4,500 balʼatti.
zai kuwa kasance da wannan awon, a wajen arewa kamu 45,000, wajen kudu kamu 45,000, wajen gabas kamu 45,000, wajen kudu kuma kamu 45,000.
17 Magaalattiin kaabaan dhundhuma 250, kibbaan dhundhuma 250, baʼaan dhundhuma 250, dhiʼaanis dhundhuma 250 lafa dheedaa ni qabaatti.
Wurin kiwo don birnin zai zama kamu 250 a wajen arewa, kamu 250 a wajen kudu, kamu 250 a wajen gabas da kuma kamu 250 a wajen yamma.
18 Wanni lafa sana irraa hafe kan kutaa qulqulluu daangessuu fi dheerina lafa sanaa qabatee jiru karaa baʼaatiin dhundhuma 10,000, karaa dhiʼaatiin illee dhundhuma 10,000 ni taʼa. Oomishni lafa sanaas hojjettoota magaalattiitiif nyaata ni taʼa.
Tsawon abin da ya rage a wurin, dab da tsattsarkan rabo, zai zama kamu 10,000 wajen gabas, kamu 10,000 kuma wajen yamma. Amfanin da zai bayar zai tanada abinci don ma’aikatan birnin.
19 Hojjettoonni magaalattii kanneen lafa qotatan gosoota Israaʼel hunda keessaa dhufu.
Masu aiki daga birnin waɗanda suka nome ta za su fito daga dukan kabilan Isra’ila.
20 Kutaan lafa sanaa hundi roga wal qixxee afur qabaata; tokkoon tokkoon roga sanaas dhundhuma 25,000 taʼa. Qabeenya magaalaa wajjinis akka kennaa addaa taʼuuf kutaa qulqulluu hambisaa.
Dukan rabon zai zama murabba’i, kamu 25,000 kowane gefe. A matsayin kyauta ta musamman za ku keɓe tsattsarkan rabo, haka ma za ku yi da mallakar birnin.
21 “Wanni karaa kutaa qulqulluu lamaanii fi qabeenya magaalattii irraa hafe bulchaa sanaaf taʼa. Innis karaa baʼaa kutaa qulqulluu kan dhundhuma 25,000 dheeratu sana irraa jalqabee gara daangaa baʼaatti, karaa dhiʼaa immoo lafa dhundhuma 25,000 dheeratu sana irraa jalqabee gara daangaa dhiʼaatti balʼata. Lafti dheerina qoodawwan gosaa qabatee jiru sun lamaan bulchaa sanaaf taʼa; kutaan qulqulluun iddoo qulqulluu kan mana qulqullummaa wajjin jiru sun isaan gidduutti argama.
“Abin da ya rage a kowane gefe na wurin zai zama tsattsarkan rabo kuma mallakar birnin za tă zama ta sarki. Zai miƙe wajen gabas daga kamu 25,000 na tsattsarkan rabo zuwa iyakar da take wajen gabashin iyaka, da kuma a wajen yamma kamu 25,000 zuwa iyakar da take a wajen yamma. Dukan wuraren nan da suke hannun riga da rabon kabilan zai zama na sarki, tsattsarkan rabon tare da wuri mai tsarkin za su kasance a tsakiyarsu.
22 Kanaafuu qabeenyi Lewwotaatii fi qabeenyi magaalattii lafa bulchaa sanaaf kenname sana walakkaatti argama. Lafti bulchaa sanaaf kenname sunis daangaa Yihuudaatii fi daangaa Beniyaam gidduutti argama.
Ta haka mallakar Lawiyawa da mallakar birnin za su kasance a tsakiyar wurin da yake na sarki. Wurin da yake na sarki zai kasance tsakanin iyakar Yahuda da iyakar Benyamin.
23 “Qoodni gosoota hafanii kan armaan gad jiruu dha: “Gosti Beniyaam qooda tokko qabaata; kunis gara baʼaatii hamma gara dhiʼaatti balʼata.
“Game da sauran kabilun kuwa, “Benyamin zai sami rabo; zai miƙe daga wajen gabas zuwa wajen yamma.
24 Gosti Simiʼoon qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Beniyaam daangessa.
Simeyon zai sami rabo; zai yi iyaka da yankin Benyamin daga gabas zuwa yamma.
25 Gosti Yisaakorii qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Simiʼoon daangessa.
Issakar zai sami rabo; zai yi iyaka da yankin Simeyon daga gabas zuwa yamma.
26 Gosti Zebuuloon qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Yisaakor daangessa.
Zebulun zai sami rabo; zai yi iyaka da yankin Issakar daga gabas zuwa yamma.
27 Gosti Gaad qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Zebuuloon daangessa.
Gad zai sami rabo; zai yi iyaka da yankin Zebulun daga gabas zuwa yamma.
28 Daangaan Gaad kan karaa kibbaa sun Taamaarii jalqabee hamma bishaan Mariibaa Qaadeshiitti, ergasiis ededa Laga Gibxi irra hamma Galaana Guddichaatti gara Kaabaa deema.
Iyakar kudu ta Gad za tă miƙe kudu daga Tamar zuwa ruwan Meriba Kadesh, sa’an nan ta bi Rafin Masar zuwa Bahar Rum.
29 “Kunis biyya isin dhaala gootanii ixaadhaan gosoota Israaʼeliif qoqqooduu qabdanii dha; isaan kunneenis qoodawwan isaanii taʼan” jedha Waaqayyo Gooftaan.
“Wannan ce ƙasar da za ku raba gādo ga kabilan Isra’ila, kuma wannan ne zai zama rabonsu,” in ji Ubangiji Mai Iko Duka.
30 “Karrawwan magaalaa sana keessaa ittiin baʼan kanneenii dha: “Karaa kaabaatii jalqabee kan dhundhuma 4,500 dheeratu,
“Waɗannan za su zama ƙofofin birnin. “Farawa da gefen arewa, wanda yake da tsawon kamu 4,500
31 karrawwan magaalaa sanaa maqaa gosoota Israaʼeliin moggaafamu. Karrawwan sadan karaa kaabaatiin jiran karra gosa Ruubeen, karra gosa Yihuudaa fi karra gosa Lewwii taʼu.
za a ba wa ƙofofin birnin sunaye kabilan Isra’ila. Ƙofofi uku a gefen arewa za su zama ƙofar Ruben, ƙofar Yahuda da ƙofar Lawi.
32 Karaa baʼaa karrawwan dhundhuma 4,500 dheeratan sadiitu jira; isaanis karra Yoosef, karra Beniyaamii fi karra Daan.
A gefen gabas, wanda yake da tsawon kamu 4,500 zai kasance da ƙofofi uku, ƙofar Yusuf, ƙofar Benyamin da ƙofar Dan.
33 Karaa kibbaa karrawwan dhundhuma 4,500 dheeratan sadiitu jira; isaanis karra Simiʼoon, karra Yisaakorii fi karra Zebuuloon.
A gefen kudu, wanda yake da tsawon kamu 4,500, zai kasance da ƙofofi uku, ƙofar Simeyon, ƙofar Issakar da ƙofar Zebulun.
34 Karaa dhiʼaa karrawwan dhundhuma 4,500 dheeratan sadiitu jira; isaanis karra Gaad, karra Aasheerii fi karra Niftaalem.
A gefen yamma, wanda yake da tsawon kamun 4,500, zai kasance da ƙofofi uku, ƙofar Gad, ƙofar Asher da kuma ƙofar Naftali.
35 “Naannoon magaalaa sanaa guutumaan guutuutti dhundhuma 18,000 taʼa. “Maqaan magaalaa sanaas yeroo sanaa jalqabee, ‘Waaqayyo achi jira taʼa.’”
“Duk nisan wurare kewaye da birnin zai zama kamu 18,000 ne. “Sunan birnin kuwa daga wannan lokaci zai zama, ‘Ubangiji yana a nan.’”

< Hisqiʼeel 48 >