< Hisqiʼeel 47 >
1 Namichi sun deebisee gara balbala mana qulqullummaatti na fide; anis bishaan gulantaa mana qulqullummaa jalaa baʼee gara baʼa biiftuutti yaaʼu nan arge; manni qulqullummaa sun gara baʼa biiftuutti garagala tureetii. Bishaan sunis kibba mana qulqullummaa jalaa baʼee kibba iddoo aarsaatiin gad yaaʼa ture.
Mutumin ya komo da ni zuwa mashigin haikalin, sai na kuwa ga ruwa yana malalowa daga ƙarƙashin madogarar ƙofar haikalin wajen gabas (gama haikalin yana fuskantar gabas). Ruwan yana malalowa daga ƙarƙashin gefen kudun haikalin, kudu da bagaden.
2 Ergasii karaa balbala kaabaatiin na baasee ala keessa na naannessee gara karra alaa kan gara baʼa biiftuutti garagalee jiruutti na fide; bishaan sunis karaa kibbaatiin yaaʼa ture.
Sai ya fitar da ni ta ƙofar arewa ya kewaye da ni ta waje zuwa ƙofar da take waje mai fuskantar gabas, ruwan kuwa yana malalowa daga wajen kudu.
3 Namichi sunis funyoo ittiin safaru harkatti qabatee gara baʼa biiftuutti deemuudhaan dhundhuma kuma tokko safare; ergasiis bishaan koronyoo gaʼu keessa na deemsise.
Yayinda mutumin ya yi wajen gabas da karan awo a hannunsa, sai ya auna kamu dubu ya kuma bi da ni ta ruwan da zurfinsa ya kama ni a idon ƙafa.
4 Ammas dhundhuma kuma tokko safaree bishaan jilba gaʼu keessa na deemsise; itti aansees dhundhuma kuma tokko safaree bishaan mudhii gaʼu keessa na deemsise.
Ya auna wani kamu dubu ya kuma bi da ni a ruwan da zurfinsa ya kai ni gwiwa. Ya sāke auna kamu dubu ya kuma bi da ni a ruwan da zurfinsa kama ni a gindi.
5 Ammas inni dhundhuma kuma tokko safare; sababii bishaan sun guutee tureef ani laga sana ceʼuu hin dandeenye; lagni sun daakuudhaaf akka malee gad fagoo waan taʼeef namni tokko iyyuu ceʼuu hin dandaʼu ture.
Ya auna wani kamu dubu, amma a yanzu ruwan ya zama kogin da ban iya hayewa ba, domin ruwan ya taso ya kuma yi zurfin da ya isa a yi iyo a ciki, kogin da ba za a iya hayewa ba.
6 Innis, “Yaa ilma namaa, waan kana argitaa?” naan jedhe. Ergasii inni deebisee gara afaan lagaatti na fide.
Sai ya ce mini, “Ɗan mutum, ka ga wannan?” Sa’an nan ya komo da ni zuwa bakin kogin.
7 Anis yommuun achi gaʼetti bitaa fi mirga laga sanaatti mukkeen hedduu nan arge.
Sa’ad da na iso can, sai na ga itatuwa masu yawa a kowane gefen kogin.
8 Innis akkana naan jedhe; “Bishaan kun gara biyya baʼa biiftuutti yaaʼee gara Arabbaatti buʼee galaanatti makama. Yommuu galaanatti makamuttis bishaan sun ni qulqullaaʼa.
Sai ya ce mini, “Wannan ruwa yana malalowa zuwa yankin gabas ya kuma gangaro zuwa cikin Araba, inda zai shiga Teku. Sa’ad da ya shiga cikin Tekun sai ruwan a can ya zama mai daɗi.
9 Iddoo lagni sun itti yaaʼu hunda uumamawwan lubbuu qabeeyyiin ni jiraatu ture. Sababii bishaan kun achi yaaʼee bishaan qulqulleessuuf, qurxummiin baayʼinaan argama; kanaafuu lafa bishaan sun itti yaaʼu wanni hundi ni jiraata.
Tarin halittu masu rai za su rayu a duk inda ruwan ya malalo. Za a kasance da kifi masu yawa, domin wannan ruwa yana malalowa a can yana kuma mai da ruwan gishiri yă zama ruwa mai daɗi; saboda haka duk inda ruwan ya malalo, kome zai rayu.
10 Qurxummii qabdoonni qarqara bishaanii dhadhaabatu; lafti Een Gaadiidhaa hamma Een Eglayiimiitti jiru lafa itti kiyyoo diriirsan taʼa; qurxummiin isaas akkuma qurxummii Galaana Meeditiraaniyaan gosa adda addaa qabaata.
Masunta za su tsaya a gaɓar; daga En Gedi zuwa En Eglayim, za a kasance da wuraren jefa abin kamun kifi. Za a sami kifayen iri-iri, kamar kifaye Bahar Rum.
11 Raaree fi caffaan garuu hin qulqullaaʼu; isaanis soogidda taʼanii hafu.
Amma fadamun da tafkunan ba za su zama masu daɗi ba; za a bar su a gishirinsu.
12 Mukkeen ija naqatan gosti hundinuu bitaa fi mirga qarqara laga sanaatti ni guddatu. Baalawwan isaanii hin gogan yookaan ija hin dhaban. Sababii bishaan iddoo qulqulluudhaa gara isaaniitti yaaʼuuf mukkeen sun jiʼa jiʼaan ija naqatu. Iji isaanii nyaataaf, baalli isaanii immoo nama fayyisuuf fayyada.”
’Ya’yan itatuwa na kowane iri za su yi girma a kowane gefen kogin. Ganyayensu ba su bushe ba, ba kuwa za su fasa yin’ya’ya ba. Kowane wata za su ba da’ya’ya domin ruwa daga wuri mai tsarki yana malalo musu.’Ya’yansu za su zama abinci, ganyayensu kuma za su zama magani.”
13 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Daangaawwan kunneen daangaawwan isin ittiin biyyattii dhaala gootanii gosoota Israaʼel kudha lamaaniif qoqqoodanii dha; Yoosef qooda lama haa argatu.
Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa, “Waɗannan su ne iyakokin da za ku raba ƙasar gādo cikin kabilan Isra’ila goma sha biyu, da rabo biyu don Yusuf.
14 Isin wal qixxeessitanii isaaniif qoqqooduu qabdu. Sababii ani abbootii keessanii kennuuf harka ol kaafameen kakadheef biyyattiin kun dhaala keessan ni taati.
Za ku raba ta daidai a cikinsu. Gama na ɗaga hannu na rantse zan ba da ita ga kakanninku, wannan ƙasa za tă zama gādonku.
15 “Daangaan biyyattii kanaa dha: “Karaa kaabaatiin Galaana Meeditiraaniyaanii kaasee daandii Hetilooniitiin karaa Haamaat darbee hamma Zedaadi gaʼutti,
“Wannan ce za tă zama iyakar ƙasa. “A wajen arewa za tă fara daga Bahar Rum ta hanyar Hetlon ta wuce Lebo Hamat zuwa Zedad,
16 Beerootaanii fi Sibraayim isa daangaa Damaasqootii fi Hamaatii gidduutti argamu irraa hamma Hazeer Hatiikoon isa daangaa Hawiraanii irratti argamu sanaa gaʼa.
Berota da Sibrayim (wadda take a iyaka tsakanin Damaskus da Hamat), har zuwa Hazer-Hattikon, wadda take a iyakar Hauran.
17 Daangaan kun galaana irraa kaʼee karaa kaabaatiin daangaa Damaasqoo qabatee, daangaa Hamaatis gara kaabaatti dhiisee hamma Hazar Eenooniitti deema. Kunis daangaa kaabaa taʼa.
Iyakar za tă miƙe daga teku zuwa Hazar-Enon, ta iyakar Damaskus, da iyakar Hamat a arewa. Wannan ita ce iyakar a wajen arewa.
18 Daangaan sun karaa baʼa biiftuutiin Hawiraanii fi Damaasqoo gidduu baʼee Yordaanosin qabatee Giliʼaadii fi biyya Israaʼel gidduudhaan karaa Galaana baʼa biiftuutiin hamma Taamaaritti deema. Kunis daangaa baʼa biiftuu ni taʼa.
A wajen gabas iyakar za tă kama tsakanin Hauran da Damaskus, ta bi ta Urdun tsakanin Gileyad da ƙasar Isra’ila, zuwa tekun gabas har zuwa Tamar. Wannan ita ce iyakar a wajen gabas.
19 Innis karaa kibbaatiin Taamaarii kaʼee hamma bishaan Mariibaa Qaadeshiitti deema; ergasiis laga Gibxi qabatee hamma Galaana Guddichaatti deema. Kun daangaa kibbaa taʼa.
A wajen kudu za tă fara daga Tamar har zuwa ruwan Meriba Kadesh, sa’an nan ta bi Rafin Masar zuwa Bahar Rum. Wannan ita ce iyakar a wajen kudu.
20 Karaa lixaatiin immoo hamma iddoo fuullee Hamaati jiru tokkootti Galaanni Meeditiraaniyaan daangaa isaa ni taʼa. Kunis daangaa lixaa ni taʼa.
A wajen yamma, Bahar Rum ne zai zama iyakar zuwa wani wuri ɗaura da Lebo Hamat. Wannan ita ce iyakar a wajen yamma.
21 “Isinis akkuma baayʼina gosoota Israaʼelitti biyya kana ni qoqqooddattu.
“Za ku rarraba wannan ƙasa a tsakaninku bisa ga kabilan Isra’ila.
22 Isin ofii keessanii fi alagoota isin gidduu jiraatan kanneen ijoollee qabaniif biyyattii dhaala godhaatii ixaadhaan qoqoodaa. Akka dhalattoota Israaʼelittis isaan ilaalaa; isaanis isin wajjin gosoota Israaʼel gidduutti ixaadhaan dhaala qooddachuu qabu.
Za ku raba ta kamar gādo wa kanku da kuma wa baƙin da suka zauna a cikinku waɗanda suke da’ya’ya. Za ku ɗauka su kamar’yan ƙasa haifaffun Isra’ilawa; za su yi gādo tare da ku a cikin kabilan Isra’ila.
23 Isin alagaa gosa kam iyyuu keessa qubateef dhaala isaa kennuufii qabdu” jedha Waaqayyo Gooftaan.
A duk kabilar da baƙon yake zama, a can za ku ba shi gādonsa,” in ji Ubangiji Mai Iko Duka.