< Hisqiʼeel 47 >

1 Namichi sun deebisee gara balbala mana qulqullummaatti na fide; anis bishaan gulantaa mana qulqullummaa jalaa baʼee gara baʼa biiftuutti yaaʼu nan arge; manni qulqullummaa sun gara baʼa biiftuutti garagala tureetii. Bishaan sunis kibba mana qulqullummaa jalaa baʼee kibba iddoo aarsaatiin gad yaaʼa ture.
後,他領我回到聖殿門口,看,有水從聖殿下面湧出,流向東方──因為聖殿正面朝東;水從聖殿的右邊經聖殿經祭壇的南邊流出。
2 Ergasii karaa balbala kaabaatiin na baasee ala keessa na naannessee gara karra alaa kan gara baʼa biiftuutti garagalee jiruutti na fide; bishaan sunis karaa kibbaatiin yaaʼa ture.
隨後他引我由北門出來,帶我由外面轉到朝東的外門。
3 Namichi sunis funyoo ittiin safaru harkatti qabatee gara baʼa biiftuutti deemuudhaan dhundhuma kuma tokko safare; ergasiis bishaan koronyoo gaʼu keessa na deemsise.
看,水從右邊流出。那人手拿繩索向東走去,量了一千肘,遂叫我由水中走過,水深及踝。
4 Ammas dhundhuma kuma tokko safaree bishaan jilba gaʼu keessa na deemsise; itti aansees dhundhuma kuma tokko safaree bishaan mudhii gaʼu keessa na deemsise.
他再量了一千肘,再叫我由水中走過,水深及膝。又量了一千肘,又叫我走過,水深及腰。
5 Ammas inni dhundhuma kuma tokko safare; sababii bishaan sun guutee tureef ani laga sana ceʼuu hin dandeenye; lagni sun daakuudhaaf akka malee gad fagoo waan taʼeef namni tokko iyyuu ceʼuu hin dandaʼu ture.
他又量了一千肘,水已成河,不能走過,因為水已高漲,成了可供游泳的水, 不能走過去的河。
6 Innis, “Yaa ilma namaa, waan kana argitaa?” naan jedhe. Ergasii inni deebisee gara afaan lagaatti na fide.
於是他對我說:「人子,你看見了嗎﹖」遂我回到了河岸。
7 Anis yommuun achi gaʼetti bitaa fi mirga laga sanaatti mukkeen hedduu nan arge.
當我回來時,看,沿河兩岸,樹木很多。
8 Innis akkana naan jedhe; “Bishaan kun gara biyya baʼa biiftuutti yaaʼee gara Arabbaatti buʼee galaanatti makama. Yommuu galaanatti makamuttis bishaan sun ni qulqullaaʼa.
於是他對我說:「這水流往東方,下至阿辣巴,而入於海──鹽海中,海水遂變成好水。
9 Iddoo lagni sun itti yaaʼu hunda uumamawwan lubbuu qabeeyyiin ni jiraatu ture. Sababii bishaan kun achi yaaʼee bishaan qulqulleessuuf, qurxummiin baayʼinaan argama; kanaafuu lafa bishaan sun itti yaaʼu wanni hundi ni jiraata.
這河所流過的地方,凡蠕動的生物都得生活,魚也繁多,因為凡這水所到的地方.百物必能生存。
10 Qurxummii qabdoonni qarqara bishaanii dhadhaabatu; lafti Een Gaadiidhaa hamma Een Eglayiimiitti jiru lafa itti kiyyoo diriirsan taʼa; qurxummiin isaas akkuma qurxummii Galaana Meeditiraaniyaan gosa adda addaa qabaata.
漁夫要住在海邊,自恩革狄到恩厄革拉因,都是曬網的地方。那裏的魚種類很多,像大海的一樣。
11 Raaree fi caffaan garuu hin qulqullaaʼu; isaanis soogidda taʼanii hafu.
但所有的池沼和湖澤卻不改變,留作產鹽之區。
12 Mukkeen ija naqatan gosti hundinuu bitaa fi mirga qarqara laga sanaatti ni guddatu. Baalawwan isaanii hin gogan yookaan ija hin dhaban. Sababii bishaan iddoo qulqulluudhaa gara isaaniitti yaaʼuuf mukkeen sun jiʼa jiʼaan ija naqatu. Iji isaanii nyaataaf, baalli isaanii immoo nama fayyisuuf fayyada.”
沿河兩岸,畏有各種果木樹,枝葉總不凋零,果實決不匱乏,且按月結果,因為水我出自聖所;樹上的果實可當作食物,枝葉可當作藥材。」
13 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Daangaawwan kunneen daangaawwan isin ittiin biyyattii dhaala gootanii gosoota Israaʼel kudha lamaaniif qoqqoodanii dha; Yoosef qooda lama haa argatu.
吾主上主這樣說:「這是你們按以色列十二支派分地為業的界限。──若瑟應得兩份。
14 Isin wal qixxeessitanii isaaniif qoqqooduu qabdu. Sababii ani abbootii keessanii kennuuf harka ol kaafameen kakadheef biyyattiin kun dhaala keessan ni taati.
你們應彼此平分我舉手誓許給你們祖先的土地,應抽籤分這地作你們的產業。
15 “Daangaan biyyattii kanaa dha: “Karaa kaabaatiin Galaana Meeditiraaniyaanii kaasee daandii Hetilooniitiin karaa Haamaat darbee hamma Zedaadi gaʼutti,
以下是國土的邊界:北方由大海經赫特隆經哈瑪特口,經責達得,
16 Beerootaanii fi Sibraayim isa daangaa Damaasqootii fi Hamaatii gidduutti argamu irraa hamma Hazeer Hatiikoon isa daangaa Hawiraanii irratti argamu sanaa gaʼa.
經貝洛達與位於大馬士革邊界與哈瑪特邊界之間的息貝辣因,直到靠近豪郎邊界的哈匝爾厄南。
17 Daangaan kun galaana irraa kaʼee karaa kaabaatiin daangaa Damaasqoo qabatee, daangaa Hamaatis gara kaabaatti dhiisee hamma Hazar Eenooniitti deema. Kunis daangaa kaabaa taʼa.
所以這邊界是由大海到哈匝爾厄南,北面有大馬士革為界,再向北有哈瑪特為界:這是北方的邊界。
18 Daangaan sun karaa baʼa biiftuutiin Hawiraanii fi Damaasqoo gidduu baʼee Yordaanosin qabatee Giliʼaadii fi biyya Israaʼel gidduudhaan karaa Galaana baʼa biiftuutiin hamma Taamaaritti deema. Kunis daangaa baʼa biiftuu ni taʼa.
東方的邊界是在豪郎與大馬士革之間,在基肋阿得與以色列之間有約旦河為界,直到東海,再到塔瑪爾:這是東方的邊界。
19 Innis karaa kibbaatiin Taamaarii kaʼee hamma bishaan Mariibaa Qaadeshiitti deema; ergasiis laga Gibxi qabatee hamma Galaana Guddichaatti deema. Kun daangaa kibbaa taʼa.
南方向陽的邊界是由塔瑪爾到默黎巴卡德士水,沿河直到大海:這是南方向陽的邊界。
20 Karaa lixaatiin immoo hamma iddoo fuullee Hamaati jiru tokkootti Galaanni Meeditiraaniyaan daangaa isaa ni taʼa. Kunis daangaa lixaa ni taʼa.
西方的邊界是以大海為界,直到哈瑪特口的對面:這是西方的邊界。
21 “Isinis akkuma baayʼina gosoota Israaʼelitti biyya kana ni qoqqooddattu.
你們應按以色列的支派分開此地。
22 Isin ofii keessanii fi alagoota isin gidduu jiraatan kanneen ijoollee qabaniif biyyattii dhaala godhaatii ixaadhaan qoqoodaa. Akka dhalattoota Israaʼelittis isaan ilaalaa; isaanis isin wajjin gosoota Israaʼel gidduutti ixaadhaan dhaala qooddachuu qabu.
你們應為你們,並為住在你們中作客,且在你們中已生有子女的外方人,抽籤分開這地為產業。你們應你們為生在以色列子民間的人一樣,他們將與你們在以色列支派中籤分地作為產業。
23 Isin alagaa gosa kam iyyuu keessa qubateef dhaala isaa kennuufii qabdu” jedha Waaqayyo Gooftaan.
將來如有外方人在一支派中作客,也要分給他們產業──吾主上主的斷語。」

< Hisqiʼeel 47 >