< Hisqiʼeel 46 >

1 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Karri oobdii gara keessaa kan baʼa biiftuutti garagalu guyyaa hojii jaʼanuu cufamuu qaba; gaafa Sanbataatii fi guyyaa Ayyaana Baatii garuu banamuu qaba.
Ainsi parle le Seigneur Dieu: "La porte du parvis intérieur, qui fait face à l’Orient, restera fermée les six jours ouvrables, mais elle s’ouvrira le jour du Sabbat, et le jour de la Néoménie elle sera également ouverte.
2 Bulchaan sun karaa gardaafoo balbalaatiin ol galee dhaaba balbalaa bira dhaabachuu qaba. Luboonni immoo aarsaa isaa kan gubamuu fi aarsaa isaa kan nagaa dhiʼeessuu qabu. Innis buusaa karraa duratti sagadee ergasii gad baʼuu qaba; karri sun garuu hamma galgalaatti hin cufamu.
Le prince arrivera du dehors par le vestibule de cette porte et se tiendra près du poteau de la porte, tandis que les pontifes offriront son holocauste et son rémunératoire; puis, il se prosternera sur le seuil de la porte et se retirera. La porte toutefois ne se refermera pas avant le soir.
3 Guyyoota Sanbataattii fi Baatii Haaraatti sabni biyyattii karra ittiin ol seenan irratti fuula Waaqayyoo duratti sagaduu qaba.
Les jours de Sabbat et de Néoménie, la population du pays se prosternera à l’entrée de cette même porte, devant l’Eternel.
4 Aarsaan gubamu kan bulchaan sun guyyaa Sanbataatiin Waaqayyoof fidu xobbaallaawwan hoolaa jaʼaa fi korbeessa hoolaa tokko, kanneen hundi isaanii mudaa hin qabne taʼuu qabu.
Voici l’holocauste que le prince présentera à l’Eternel: le jour du Sabbat, six agneaux sans défaut et un bélier sans défaut;
5 Kennaan midhaanii kan korbeessa hoolaa wajjin kennamu sun iifii tokko, kennaan midhaanii kan xobbaallaawwan hoolaa wajjin kennamu immoo akkuma bulchaan sun fedhetti taʼee tokkoo tokkoo iifii sanaatti zayitiin iiniin tokko dabalamee dhiʼeeffamuu qaba.
comme oblation, une êpha pour le bélier, et pour les agneaux une oblation selon ses moyens, plus un hin d’huile par êpha.
6 Innis guyyaa Baatii Haaraatti dibicha tokko, xobbaallaawwan hoolaa jaʼaa fi korbeessa hoolaa tokko, kanneen hundi isaanii iyyuu mudaa hin qabne dhiʼeessuu qaba.
Le jour de la Néoménie, il offrira un jeune taureau sans défaut, six agneaux et un bélier, qui seront sans défaut.
7 Iifii tokko korma loonii wajjin, iifii tokko korbeessa hoolaa wajjin, xobbaallaawwan hoolaa wajjin immoo akkuma bulchaan sun kennuu fedhetti kennaa midhaanii godhee tokkoo tokkoo iifii sanaatti zayitii iinii tokko dabalee dhiʼeessuu qaba.
Il joindra, comme oblation, une êpha pour le taureau et une êpha pour le bélier, et, pour les agneaux, ce que lui permettront ses ressources, plus, un hin d’huile par êpha.
8 Bulchaan sun yeroo ol seenutti karaa gardaafoo karra sanaatiin seenuu, karuma sanaanis gad baʼu qaba.
Quand le prince viendra, c’est par le vestibule de la porte qu’il entrera, et par le même chemin qu’il sortira.
9 “‘Yoo sabni biyyattii guyyaa ayyaana murteeffameetti fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaatutti namni waaqeffachuudhaaf karra gama kaabaatiin ol seenu kam iyyuu, karra gama kibbaatiin baʼuu qaba; namni karra gama kibbaatiin seenu kam iyyuus karra gama kaabaatiin baʼuu qaba; namni kam iyyuu karra karra sanatti dugda galee jiruun baʼuu qaba malee karra ittiin seene sanaan baʼuu hin qabu.
Mais quand viendra le peuple du pays devant l’Eternel, lors des solennités, celui qui sera venu par la porte du Nord pour se prosterner sortira par la porte du Midi, et celui qui sera entré par la porte du Midi sortira par la porte du Nord: on ne repassera point par la même porte par où l’on sera venu, mais on sortira du côté opposé.
10 Bulchaan sunis isaan gidduu jiraachuu qaba; inni yeroo isaan ol seenanitti seenee yeroo isaan gad baʼanitti baʼa.
Ainsi du prince: confondu parmi eux, avec eux il entrera, et ils sortiront ensemble.
11 “‘Guyyoota ayyaanaatii fi ayyaanota murteeffamaniif, kennaan midhaanii iifii tokko dibicha tokko wajjin, iifii tokko korbeessa hoolaa tokko wajjin, xobbaallaawwan hoolaa wajjin immoo akkuma namichi sun kennuu fedhetti tokkoo tokkoo iifiitti zayitii iinii tokko dabalee dhiʼeessuu qaba.
Aux fêtes et aux solennités, l’oblation sera d’une êpha par taureau et d’une êpha par bélier, et pour les agneaux selon ses moyens personnels, plus un hin d’huile par êpha.
12 Yommuu bulchaan fedhii isaatiin Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessutti jechuunis yommuu aarsaa gubamu yookaan aarsaa nagaa dhiʼeessutti karri gara baʼa biiftuutti garagaluu isaaf banamuu qaba. Inni akkuma guyyaa Sanbataa godhu sana aarsaa isaa kan gubamu yookaan aarsaa isaa kan nagaa dhiʼeessuu qaba. Ergasii inni baʼee deema; erga inni deemee booddee karri sun ni cufama.
Si le prince veut offrir un hommage holocauste ou rémunératoire comme don volontaire au Seigneur, on lui ouvrira la porte qui regarde l’Orient; on présentera son holocauste ou son rémunératoire comme on fait au jour du Sabbat; puis, il se retirera, et l’on fermera la porte après qu’il sera sorti.
13 “‘Ati guyyuma guyyaan xobbaallaa hoolaa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne aarsaa gubamu gootee Waaqayyoof dhiʼeessuu qabda; waan kanas ganama ganama dhiʼeessita.
Tu offriras aussi un agneau d’un an, sans défaut, comme holocauste quotidien à l’Eternel; chaque matin tu en offriras un.
14 Kana wajjinis daakuu midhaanii iifii jaʼa keessaa tokko, daakuu sana jiisuufis zayitii iinii sadii keessaa tokko itti dabaltee ganama ganama kennaa midhaanii dhiʼeessuu qabda; kennaa midhaanii kana Waaqayyoof dhiʼeessuun sirna baraa baraa ti.
Pour oblation, tu y joindras, chaque matin, un sixième d’êpha, plus un tiers de hin d’huile pour détremper la farine; oblation à l’Eternel, prescription à jamais invariable.
15 Kanaafuu xobbaallaan hoolaa, kennaan midhaaniitii fi zayitiin aarsaa gubamu kan yeroo hundaatiif ganama ganama haa dhiʼeeffamu.
On offrira cet agneau, avec l’oblation et l’huile, chaque matin comme holocauste permanent."
16 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yoo bulchaan sun dhaala isaa irraa ilmaan isaa keessaa isa tokkoof kenne dhaalli sun sanyii isaatiifis ni taʼa; kunis dhaalaan handhuuraa isaanii taʼa.
Ainsi parle le Seigneur Dieu: "Si le prince fait un présent à quelqu’un de ses fils, ce sera son héritage, qui passera à ses enfants: il leur appartient par droit d’hérédité.
17 Haa taʼu malee yoo bulchaan sun dhaala isaa irraa garboota isaa keessaa isa tokkoof kenne garbichi sun hamma waggaan inni itti bilisoomu gaʼutti kan isaa ti; sana booddee dhaalli sun bulchaa sanaaf deebiʼa. Dhaalli isaa ilmaan isaa qofaaf taʼa; dhaalli sun kan isaanii ti.
Mais s’il fait un présent, sur son héritage, à l’un de ses esclaves; il lui appartiendra jusqu’à l’année d’émancipation, où il fera retour au prince: c’est à ses enfants seuls que son héritage doit appartenir.
18 Bulchaan sun qabeenya isaa irraa isaan buqqisee dhaala sabaa kam iyyuu fudhachuu hin qabu. Akka sabni koo kam iyyuu qabeenya isaa irraa hin buqqifamneefis inni qabeenya isaa irraa ilmaan isaatiif dhaala isaanii kennuu qaba.’”
Mais que le prince ne se saisisse pas du patrimoine du peuple pour le spolier de son bien; c’est de son domaine seul qu’il fera hériter ses fils, afin que nul d’entre mon peuple ne soit évincé de sa possession."
19 Ergasii namichi sun balbala isa karra gara dareewwan qulqulluu gara kaabaatti garagalanii jiran kanneen lubootaaf kennamanitti geessu cina jiru keessaan na baasee moggaa gara dhiʼaatiin iddoo tokko natti argisiise.
Ensuite, il me conduisit par l’entrée qui était à côté de la porte vers les salles consacrées, réservées aux pontifesfaisant face au Nord, et il y avait là un emplacement tout à l’extrémité, vers l’Ouest.
20 Innis akkana naan jedhe; “Iddoon kun iddoo itti luboonni uummata qulqulleessuuf jedhanii akka aarsaan gara oobdii alaatti gad hin baafamneef aarsaa yakkaatii fi aarsaa cubbuu bilcheessanii kennaa midhaanii immoo itti tolchanii dha.”
Il me dit: "Voici l’emplacement où les pontifes feront bouillir les délictifs et les expiatoires, où ils cuiront les oblations, pour éviter de les transporter dans le parvis extérieur et d’en communiquer la sainteté au peuple."
21 Innis ergasii gara oobdii alaatti na baasee golee isaa afran irra na naannesse; ani immoo tokkoo tokkoo golee sanaa keessatti oobdii biraa nan arge.
Puis, il me fit sortir dans le parvis extérieur et me fit passer auprès des quatre angles du parvis; or, il y avait une courette à chaque angle du parvis.
22 Goleewwan oobdii alaa afran keessa oobdiiwwan xixinnaatu ture; isaanis lafa irra dheerina dhundhuma afurtamaa fi balʼina dhundhuma soddoma qabu; balʼinni tokkoo tokkoo oobdiiwwan goleewwan afran keessa jiranii wal qixxee ture.
Aux quatre angles du parvis étaient des courettes fermées, ayant quarante coudées de long et trente de large; même mesure pour les quatre courettes dans les angles.
23 Naannoo tokkoo tokkoo goleewwan afranii keessa marsaa dhagaa kan naannoo isaa jalatti iddoon ibiddaa jiru tokkotu ijaaramee ture.
Il y avait une assise de pierres tout autour des quatre, et des fourneaux étaient aménagés au-dessous des assises à l’entour.
24 Innis, “Isaan kunneen manneen warri mana qulqullummaa keessa tajaajilan aarsaawwan sabaa itti bilcheessanii dha” naan jedhe.
Et il me dit: "Ce sont ici les locaux des chefs de cuisine, où les serviteurs de la maison doivent faire cuire les sacrifices du peuple."

< Hisqiʼeel 46 >