< Hisqiʼeel 45 >

1 “‘Isin yeroo lafa ixaadhaan dhaala godhattanii qoqqooddattanitti, biyyattii keessaa kutaa dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 20,000 taʼe tokko aanaa qulqulluu gootanii Waaqayyoof kennuu qabdu; lafti sunis guutumaan guutuutti qulqulluu taʼa.
Tango bokokabola mokili na zeke lokola libula, bokopesa epai na Yawe eteni moko lokola etuka ya bule: ekozala na bametele pene nkoto zomi na mibale na nkama mitano na molayi, mpe bametele nkoto mitano na mokuse. Etuka yango ekozala bule na etando na yango nyonso.
2 Kana keessaas lafti rogni isaa wal qixxee kan lafa irra dheerinni isaa dhundhuma 500, balʼinni isaas dhundhuma 500 taʼe iddoo qulqulluudhaaf, dhundhumni 50 immoo iddoo duwwaa naannoo isaatti hafuuf haa taʼu.
Bokotika bametele pene nkama mibale na tuku mitano na molayi, mpe bametele pene nkama mibale na tuku mitano na mokuse mpo na kotonga Esika ya bule; bongo bokozingela yango na lopango moko ya polele ya bametele pene tuku mibale na mitano.
3 Aanaa qulqulluu sana irraas kutaa lafa irra dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 safari. Isa keessas iddoo qulqulluu jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼetu jiraachuu qaba.
Kati na etuka wana ya bametele pene nkoto zomi na mibale na nkama mitano na molayi, mpe bametele pene nkoto mitano na mokuse, bokokata eteni ya mabele mpo na Esika ya bule, Esika-Oyo-Eleki-Bule.
4 Iddoon kunis lafa sana keessatti luboota iddoo qulqulluu keessatti tajaajilanii fi kanneen fuula Waaqayyoo duratti tajaajiluuf dhiʼaataniif kutaa qulqulluu ni taʼa. Innis iddoo manneen isaaniitii fi iddoo mana qulqullummaa taʼa.
Ekozala eteni ya bule oyo balongoli kati na mokili: ezali ya Banganga-Nzambe oyo basalaka mosala kati na Esika ya bule mpe bapusanaka pene ya Yawe mpo na kosalela Ye; ezali kuna nde bakotonga bandako na bango, mpe ekozala esika oyo ebulisami mpo na Esika ya bule.
5 Lafti dhundhuma 25,000 dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼe akka isaan magaalaa keessa jiraatan itti ijaarrataniif Lewwota mana qulqullummaa keessa tajaajilaniif taʼa.
Etuka moko ya bametele pene nkoto zomi na mibale na nkama mitano na molayi mpe bametele pene nkoto mitano na mokuse ekozala mpo na Balevi oyo basalaka kati na Tempelo; lokola libula na bango, ekozala kuna nde bakotonga bingumba na bango ya kovanda.
6 “‘Lafa balʼinni isaa dhundhuma 5,000, dheerinni isaa immoo dhundhuma 25,000 taʼe kutaa qulqulluu sanatti aansaatii akka qabeenya ishee taʼuuf magaalaa sanaaf kennaa; innis mana Israaʼel hundaaf taʼa.
Pembeni ya etuka ya bule, bokokata etando ya bametele pene nkoto zomi na mibale na nkama mitano na molayi mpe bametele pene nkoto mitano na mokuse mpo na kotonga engumba; ekozala mpo na libota mobimba Isalaele.
7 “‘Bulchaan sunis lafa aanaa qulqulluu sanaatii fi qabeenya magaalaa gama lamaaniinuu daangessitu tokko qabaata. Lafti sunis karaa lixaatiin gara lixaatti diriirtee karaa baʼaatiin immoo gara baʼaatti diriirtee kutaalee lafa gosaa keessaa tokko biraan daarii lixaatii hamma daarii baʼaatti dheeratti.
Mokambi akozwa mabele oyo ezali kokabola etuka ya bule mpe mabele ya engumba; mabele yango ekokende eteni moko na ngambo ya weste, mpe eteni mosusu na ngambo ya este. Molayi ya etuka yango ekobanda longwa na ngambo ya weste kino na mondelo ya ngambo ya este oyo etalana na moko ya biteni.
8 Lafti kun Israaʼel keessatti handhuuraa isaa taati. Bulchitoonni koos akka manni Israaʼel akkuma gosa isaaniitti lafa handhuuraa qabaatan godhu malee siʼachi saba koo hin hacuucan.
Etuka yango ekozala libula na ye kati ya Isalaele. Boye, bakambi na Ngai bakonyokola lisusu bato na Ngai te, kasi bakotika mokili na maboko ya lisanga ya Isalaele kolanda mabota na bango.
9 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa bulchitoota Israaʼel isin seera dabartaniirtu! Jeequmsaa fi hacuuccaa keessan dhiisaatii waan sirrii taʼee fi qajeelaa hojjedhaa. Saba koo hin saaminaa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
Tala liloba oyo Nkolo Yawe alobi: Oh bakambi ya Isalaele, bino mpe bolekisi! Botika makambo mabe mpe botika konyokola bato. Bosala makambo oyo ezali solo mpe alima. Botika kobotola bato na Ngai biloko na bango, elobi Nkolo Yawe.
10 Isin madaalii sirrii, iifii sirrii fi baadoosii sirrii taʼetti fayyadamuu qabdu.
Bosengeli te kosalela emekelo kilo ya lokuta, efa ya lokuta to bati ya lokuta.
11 Iifii fi baadoosiin wal qixxee taʼuu qabu; baadoosiin tokko homeerii kudhan keessaa tokko, iifiin tokko immoo homeerii kudhan keessaa tokko qabata; kanaafuu homeeriin lachan isaaniitiifuu madaalii walii galaa taʼa.
Efa mpe bati ekotaka biloko ndenge moko: ekotaka ndambo moko kati na bandambo zomi ya omeri. Bamekaka monene ya efa mpe bati kolanda monene ya omeri.
12 Saqiliin tokko geeraa digdama qabata; saqiliin jaatamni immoo minnaanii tokko taʼa.
Mbongo moko ya ebende ya palata ekokani na bagrame zomi na mibale, mpe mine moko ekokani na mbongo ya bibende ya palata, tuku motoba.
13 “‘Kennaan isin dhiʼeessuu qabdan kanaa dha: Tokkoo tokkoo qamadii homeerii tokkoo keessaa iifii qooda jaʼa keessaa qooda tokko, tokkoo tokkoo garbuu homeerii tokkoo keessaa iifii qooda jaʼa keessaa qooda tokko.
Tala biloko oyo bokotia pembeni lokola makabo ya kopesa epai na Yawe: mpo na omeri moko ya ble mpe orje, eteni ya motoba ya efa moko.
14 Zayitiin ajajame yoo baadoosiidhaan safarame, baadoosii qooda kudhan keessaa qooda tokko kan tokkoo tokkoo qoroosii irraa fudhatamee dha. Qoroosiin tokko baadoosii kudhan yookaan homeerii tokko qabaata; baadoosiin kudhan homeerii tokkoon wal qixxeedhaatii.
Mobeko mpo na mafuta, bakomeka yango na bati: eteni ya zomi ya omeri moko.
15 Akkasumas lafa tika Israaʼel kan bishaan quufe irraa bushaayee dhibba lama keessaa hoolaa tokko haa fudhatu. Kun hundi akka sabaaf araarri buʼuuf kennaa midhaanii, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaatiif taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
Mpe bokozwa ntaba moko ya mwasi to meme moko ya mobali kati na bibwele nkama mibale, oyo ekobimela na etonga ya bibwele oyo eliaka matiti kitoko ya Isalaele. Bakosalela yango lokola likabo ya bambuma, mbeka ya kotumba mpe mbeka mpo na kozongisa boyokani, mpo na kosala mosala ya bolimbisi masumu ya bato, elobi Nkolo Yawe.
16 Sabni biyyattii hundinuu kennaa kana bulchaa Israaʼeliif ni kenna.
Bato nyonso ya mokili basengeli kolongola likabo yango mpo na mokambi kati na Isalaele.
17 Yeroo ayyaanotaatti, yeroo Ayyaana Baatiitti, guyyoota Sanbataatti, yeroo ayyaanota mana Israaʼeliif murteeffaman hunda aarsaa gubamu, kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu dhiʼeessuun itti gaafatama bulchaa ti. Innis akka mana Israaʼeliif araarri buʼuuf aarsaa cubbuu, kennaa midhaanii, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa ni dhiʼeessa.
Mokambi akozala na mokumba ya kopesa bambeka ya kotumba, makabo ya bambuma mpe makabo ya masanga ya vino na tango ya bafeti, na bafeti ya ebandeli ya sanza, ya basaba mpe na bafeti nyonso ya lisanga ya Isalaele, oyo ekatama; akopesa mbeka ya masumu, makabo ya bambuma, mbeka ya kotumba mpe mbeka mpo na kozongisa boyokani mpo na kosala mosala ya bolimbisi masumu mpo na libota ya Isalaele.
18 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Guyyaa jalqabaa, jiʼa jalqabaatti dibicha hirʼina hin qabne geessitee mana qulqullummaa ni qulqulleessita.
Tala liloba oyo Nkolo Yawe alobi: Na mokolo ya liboso ya sanza ya liboso, okokamata mwana ngombe ya mobali oyo ezanga mbeba mpe okopetola Esika ya bule.
19 Lubichis dhiiga aarsaa cubbuu sana irraa waa fuudhee dhaabawwan balbala mana qulqullummaa irra, qarqara goleewwan iddoo aarsaa kanneen ol aannan afranii fi dhaabawwan karra oobdii kan gara keessaa irra dibuu qaba.
Nganga-Nzambe akozwa ndambo ya makila ya mbeka ya masumu, akotia yango na mabaya oyo esimbaka ekuke ya Tempelo, na basonge nyonso minei ya moboko ya etumbelo mpe na mabaya oyo esimbaka ekuke ya lopango ya kati.
20 Nama utuu itti hin yaadin yookaan utuu hin beekin cubbuu hojjetu kamiif iyyuu jiʼa sana keessaa bultii torbaffaatti akkasuma gochuu qabdan; isin akkasitti mana qulqullummaa sanaaf araara buuftu.
Okosala ndenge moko na mokolo ya sambo ya sanza, mpo na moto nyonso oyo akosala masumu na nko te to na kozanga boyebi; bongo nde okosala mosala ya bolimbisi masumu mpo na Tempelo.
21 “‘Jiʼa jalqabaa keessa, bultii kudha afuraffaatti isin Faasiikaa jechuunis ayyaana torban tokko turu ayyaaneffattu; yeroo kanattis buddeena raacitii malee tolfame nyaatu.
Na mokolo ya zomi na minei ya sanza ya liboso, bokosala feti ya Pasika oyo ekosala mikolo sambo. Na mikolo wana, bokolia mapa ezanga levire.
22 Gaafas bulchaan sun ofii isaatii fi uummata biyyattii hundaaf dibicha tokko aarsaa cubbuu godhee dhiʼeessuu qaba.
Na mokolo yango, mokambi akopesa ngombe ya mobali lokola mbeka ya masumu mpo na ye moko mpe mpo na bato nyonso ya mokili.
23 Innis yeroo ayyaana bultii torbaa sana keessa guyyuma guyyaan korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhee, korbeessa reʼee tokko immoo aarsaa cubbuu godhee Waaqayyoof dhiʼeessuu qaba.
Na mikolo nyonso sambo ya feti, mokonzi akopesa bangombe ya mibali sambo mpe bameme ya mibali sambo, oyo ezanga mbeba, lokola mbeka ya kotumba mpo na Yawe, mpe ntaba moko ya mobali lokola mbeka ya masumu.
24 Tokkoo tokkoo dibicha looniitiif iifii tokko, tokkoo tokkoo korbeessa hoolaatiifis iifii tokko kennaa midhaanii godhee, zayitii iinii tokkoos tokkoo tokkoo iifii sanaatti dabalee qopheessuu qaba.
Mpo na ngombe moko na moko ya mobali, akobonza yango elongo na likabo ya bakilo zomi na mitano ya bambuma mpe likabo ya balitele misato na ndambo ya mafuta; mpe mpo na meme moko na moko ya mobali, akobonza yango elongo na likabo ya bakilo zomi na mitano ya bambuma mpe likabo ya balitele misato na ndambo ya mafuta.
25 “‘Yeroo ayyaana bultii torba turu kan jiʼa torbaffaa keessa guyyaa kudha shanaffaatti jalqabamu sana keessa illee aarsaa cubbuutiif, aarsaa gubamuuf, kennaa midhaaniitii fi kan zayitiitiif akkasuma haa qopheessu.
Na mikolo nyonso sambo ya feti oyo ebandaka na mokolo ya zomi na mitano ya sanza ya sambo, akobanda kobonza bambeka kaka wana: bambeka ya masumu, ya kotumba, ya bambuma mpe ya mafuta.

< Hisqiʼeel 45 >