< Hisqiʼeel 45 >

1 “‘Isin yeroo lafa ixaadhaan dhaala godhattanii qoqqooddattanitti, biyyattii keessaa kutaa dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 20,000 taʼe tokko aanaa qulqulluu gootanii Waaqayyoof kennuu qabdu; lafti sunis guutumaan guutuutti qulqulluu taʼa.
καὶ ἐν τῷ καταμετρεῖσθαι ὑμᾶς τὴν γῆν ἐν κληρονομίᾳ ἀφοριεῖτε ἀπαρχὴν τῷ κυρίῳ ἅγιον ἀπὸ τῆς γῆς πέντε καὶ εἴκοσι χιλιάδας μῆκος καὶ εὖρος εἴκοσι χιλιάδας ἅγιον ἔσται ἐν πᾶσι τοῖς ὁρίοις αὐτοῦ κυκλόθεν
2 Kana keessaas lafti rogni isaa wal qixxee kan lafa irra dheerinni isaa dhundhuma 500, balʼinni isaas dhundhuma 500 taʼe iddoo qulqulluudhaaf, dhundhumni 50 immoo iddoo duwwaa naannoo isaatti hafuuf haa taʼu.
καὶ ἔσται ἐκ τούτου εἰς ἁγίασμα πεντακόσιοι ἐπὶ πεντακοσίους τετράγωνον κυκλόθεν καὶ πήχεις πεντήκοντα διάστημα αὐτῷ κυκλόθεν
3 Aanaa qulqulluu sana irraas kutaa lafa irra dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 safari. Isa keessas iddoo qulqulluu jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼetu jiraachuu qaba.
καὶ ἐκ ταύτης τῆς διαμετρήσεως διαμετρήσεις μῆκος πέντε καὶ εἴκοσι χιλιάδας καὶ εὖρος δέκα χιλιάδας καὶ ἐν αὐτῇ ἔσται τὸ ἁγίασμα ἅγια τῶν ἁγίων
4 Iddoon kunis lafa sana keessatti luboota iddoo qulqulluu keessatti tajaajilanii fi kanneen fuula Waaqayyoo duratti tajaajiluuf dhiʼaataniif kutaa qulqulluu ni taʼa. Innis iddoo manneen isaaniitii fi iddoo mana qulqullummaa taʼa.
ἀπὸ τῆς γῆς ἔσται τοῖς ἱερεῦσιν τοῖς λειτουργοῦσιν ἐν τῷ ἁγίῳ καὶ ἔσται τοῖς ἐγγίζουσι λειτουργεῖν τῷ κυρίῳ καὶ ἔσται αὐτοῖς τόπος εἰς οἴκους ἀφωρισμένους τῷ ἁγιασμῷ αὐτῶν
5 Lafti dhundhuma 25,000 dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼe akka isaan magaalaa keessa jiraatan itti ijaarrataniif Lewwota mana qulqullummaa keessa tajaajilaniif taʼa.
εἴκοσι καὶ πέντε χιλιάδες μῆκος καὶ εὖρος δέκα χιλιάδες ἔσται τοῖς Λευίταις τοῖς λειτουργοῦσιν τῷ οἴκῳ αὐτοῖς εἰς κατάσχεσιν πόλεις τοῦ κατοικεῖν
6 “‘Lafa balʼinni isaa dhundhuma 5,000, dheerinni isaa immoo dhundhuma 25,000 taʼe kutaa qulqulluu sanatti aansaatii akka qabeenya ishee taʼuuf magaalaa sanaaf kennaa; innis mana Israaʼel hundaaf taʼa.
καὶ τὴν κατάσχεσιν τῆς πόλεως δώσεις πέντε χιλιάδας εὖρος καὶ μῆκος πέντε καὶ εἴκοσι χιλιάδας ὃν τρόπον ἡ ἀπαρχὴ τῶν ἁγίων παντὶ οἴκῳ Ισραηλ ἔσονται
7 “‘Bulchaan sunis lafa aanaa qulqulluu sanaatii fi qabeenya magaalaa gama lamaaniinuu daangessitu tokko qabaata. Lafti sunis karaa lixaatiin gara lixaatti diriirtee karaa baʼaatiin immoo gara baʼaatti diriirtee kutaalee lafa gosaa keessaa tokko biraan daarii lixaatii hamma daarii baʼaatti dheeratti.
καὶ τῷ ἡγουμένῳ ἐκ τούτου καὶ ἀπὸ τούτου εἰς τὰς ἀπαρχὰς τῶν ἁγίων εἰς κατάσχεσιν τῆς πόλεως κατὰ πρόσωπον τῶν ἀπαρχῶν τῶν ἁγίων καὶ κατὰ πρόσωπον τῆς κατασχέσεως τῆς πόλεως τὰ πρὸς θάλασσαν καὶ ἀπὸ τῶν πρὸς θάλασσαν πρὸς ἀνατολάς καὶ τὸ μῆκος ὡς μία τῶν μερίδων ἀπὸ τῶν ὁρίων τῶν πρὸς θάλασσαν καὶ τὸ μῆκος ἐπὶ τὰ ὅρια τὰ πρὸς ἀνατολὰς τῆς γῆς
8 Lafti kun Israaʼel keessatti handhuuraa isaa taati. Bulchitoonni koos akka manni Israaʼel akkuma gosa isaaniitti lafa handhuuraa qabaatan godhu malee siʼachi saba koo hin hacuucan.
καὶ ἔσται αὐτῷ εἰς κατάσχεσιν ἐν τῷ Ισραηλ καὶ οὐ καταδυναστεύσουσιν οὐκέτι οἱ ἀφηγούμενοι τοῦ Ισραηλ τὸν λαόν μου καὶ τὴν γῆν κατακληρονομήσουσιν οἶκος Ισραηλ κατὰ φυλὰς αὐτῶν
9 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa bulchitoota Israaʼel isin seera dabartaniirtu! Jeequmsaa fi hacuuccaa keessan dhiisaatii waan sirrii taʼee fi qajeelaa hojjedhaa. Saba koo hin saaminaa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
τάδε λέγει κύριος θεός ἱκανούσθω ὑμῖν οἱ ἀφηγούμενοι τοῦ Ισραηλ ἀδικίαν καὶ ταλαιπωρίαν ἀφέλεσθε καὶ κρίμα καὶ δικαιοσύνην ποιήσατε ἐξάρατε καταδυναστείαν ἀπὸ τοῦ λαοῦ μου λέγει κύριος θεός
10 Isin madaalii sirrii, iifii sirrii fi baadoosii sirrii taʼetti fayyadamuu qabdu.
ζυγὸς δίκαιος καὶ μέτρον δίκαιον καὶ χοῖνιξ δικαία ἔστω ὑμῖν
11 Iifii fi baadoosiin wal qixxee taʼuu qabu; baadoosiin tokko homeerii kudhan keessaa tokko, iifiin tokko immoo homeerii kudhan keessaa tokko qabata; kanaafuu homeeriin lachan isaaniitiifuu madaalii walii galaa taʼa.
τὸ μέτρον καὶ ἡ χοῖνιξ ὁμοίως μία ἔσται τοῦ λαμβάνειν τὸ δέκατον τοῦ γομορ ἡ χοῖνιξ καὶ τὸ δέκατον τοῦ γομορ τὸ μέτρον πρὸς τὸ γομορ ἔσται ἴσον
12 Saqiliin tokko geeraa digdama qabata; saqiliin jaatamni immoo minnaanii tokko taʼa.
καὶ τὸ στάθμιον εἴκοσι ὀβολοί οἱ πέντε σίκλοι πέντε καὶ οἱ δέκα σίκλοι δέκα καὶ πεντήκοντα σίκλοι ἡ μνᾶ ἔσται ὑμῖν
13 “‘Kennaan isin dhiʼeessuu qabdan kanaa dha: Tokkoo tokkoo qamadii homeerii tokkoo keessaa iifii qooda jaʼa keessaa qooda tokko, tokkoo tokkoo garbuu homeerii tokkoo keessaa iifii qooda jaʼa keessaa qooda tokko.
καὶ αὕτη ἡ ἀπαρχή ἣν ἀφοριεῖτε ἕκτον τοῦ μέτρου ἀπὸ τοῦ γομορ τοῦ πυροῦ καὶ τὸ ἕκτον τοῦ οιφι ἀπὸ τοῦ κόρου τῶν κριθῶν
14 Zayitiin ajajame yoo baadoosiidhaan safarame, baadoosii qooda kudhan keessaa qooda tokko kan tokkoo tokkoo qoroosii irraa fudhatamee dha. Qoroosiin tokko baadoosii kudhan yookaan homeerii tokko qabaata; baadoosiin kudhan homeerii tokkoon wal qixxeedhaatii.
καὶ τὸ πρόσταγμα τοῦ ἐλαίου κοτύλην ἐλαίου ἀπὸ δέκα κοτυλῶν ὅτι αἱ δέκα κοτύλαι εἰσὶν γομορ
15 Akkasumas lafa tika Israaʼel kan bishaan quufe irraa bushaayee dhibba lama keessaa hoolaa tokko haa fudhatu. Kun hundi akka sabaaf araarri buʼuuf kennaa midhaanii, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaatiif taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
καὶ πρόβατον ἀπὸ τῶν δέκα προβάτων ἀφαίρεμα ἐκ πασῶν τῶν πατριῶν τοῦ Ισραηλ εἰς θυσίας καὶ εἰς ὁλοκαυτώματα καὶ εἰς σωτηρίου τοῦ ἐξιλάσκεσθαι περὶ ὑμῶν λέγει κύριος θεός
16 Sabni biyyattii hundinuu kennaa kana bulchaa Israaʼeliif ni kenna.
καὶ πᾶς ὁ λαὸς δώσει τὴν ἀπαρχὴν ταύτην τῷ ἀφηγουμένῳ τοῦ Ισραηλ
17 Yeroo ayyaanotaatti, yeroo Ayyaana Baatiitti, guyyoota Sanbataatti, yeroo ayyaanota mana Israaʼeliif murteeffaman hunda aarsaa gubamu, kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu dhiʼeessuun itti gaafatama bulchaa ti. Innis akka mana Israaʼeliif araarri buʼuuf aarsaa cubbuu, kennaa midhaanii, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa ni dhiʼeessa.
καὶ διὰ τοῦ ἀφηγουμένου ἔσται τὰ ὁλοκαυτώματα καὶ αἱ θυσίαι καὶ αἱ σπονδαὶ ἔσονται ἐν ταῖς ἑορταῖς καὶ ἐν ταῖς νουμηνίαις καὶ ἐν τοῖς σαββάτοις καὶ ἐν πάσαις ταῖς ἑορταῖς οἴκου Ισραηλ αὐτὸς ποιήσει τὰ ὑπὲρ ἁμαρτίας καὶ τὴν θυσίαν καὶ τὰ ὁλοκαυτώματα καὶ τὰ τοῦ σωτηρίου τοῦ ἐξιλάσκεσθαι ὑπὲρ τοῦ οἴκου Ισραηλ
18 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Guyyaa jalqabaa, jiʼa jalqabaatti dibicha hirʼina hin qabne geessitee mana qulqullummaa ni qulqulleessita.
τάδε λέγει κύριος θεός ἐν τῷ πρώτῳ μηνὶ μιᾷ τοῦ μηνὸς λήμψεσθε μόσχον ἐκ βοῶν ἄμωμον τοῦ ἐξιλάσασθαι τὸ ἅγιον
19 Lubichis dhiiga aarsaa cubbuu sana irraa waa fuudhee dhaabawwan balbala mana qulqullummaa irra, qarqara goleewwan iddoo aarsaa kanneen ol aannan afranii fi dhaabawwan karra oobdii kan gara keessaa irra dibuu qaba.
καὶ λήμψεται ὁ ἱερεὺς ἀπὸ τοῦ αἵματος τοῦ ἐξιλασμοῦ καὶ δώσει ἐπὶ τὰς φλιὰς τοῦ οἴκου καὶ ἐπὶ τὰς τέσσαρας γωνίας τοῦ ἱεροῦ καὶ ἐπὶ τὸ θυσιαστήριον καὶ ἐπὶ τὰς φλιὰς τῆς πύλης τῆς αὐλῆς τῆς ἐσωτέρας
20 Nama utuu itti hin yaadin yookaan utuu hin beekin cubbuu hojjetu kamiif iyyuu jiʼa sana keessaa bultii torbaffaatti akkasuma gochuu qabdan; isin akkasitti mana qulqullummaa sanaaf araara buuftu.
καὶ οὕτως ποιήσεις ἐν τῷ ἑβδόμῳ μηνὶ μιᾷ τοῦ μηνὸς λήμψῃ παρ’ ἑκάστου ἀπόμοιραν καὶ ἐξιλάσεσθε τὸν οἶκον
21 “‘Jiʼa jalqabaa keessa, bultii kudha afuraffaatti isin Faasiikaa jechuunis ayyaana torban tokko turu ayyaaneffattu; yeroo kanattis buddeena raacitii malee tolfame nyaatu.
καὶ ἐν τῷ πρώτῳ μηνὶ τεσσαρεσκαιδεκάτῃ τοῦ μηνὸς ἔσται ὑμῖν τὸ πασχα ἑορτή ἑπτὰ ἡμέρας ἄζυμα ἔδεσθε
22 Gaafas bulchaan sun ofii isaatii fi uummata biyyattii hundaaf dibicha tokko aarsaa cubbuu godhee dhiʼeessuu qaba.
καὶ ποιήσει ὁ ἀφηγούμενος ἐν ἐκείνῃ τῇ ἡμέρᾳ ὑπὲρ αὑτοῦ καὶ τοῦ οἴκου καὶ ὑπὲρ παντὸς τοῦ λαοῦ τῆς γῆς μόσχον ὑπὲρ ἁμαρτίας
23 Innis yeroo ayyaana bultii torbaa sana keessa guyyuma guyyaan korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhee, korbeessa reʼee tokko immoo aarsaa cubbuu godhee Waaqayyoof dhiʼeessuu qaba.
καὶ τὰς ἑπτὰ ἡμέρας τῆς ἑορτῆς ποιήσει ὁλοκαυτώματα τῷ κυρίῳ ἑπτὰ μόσχους καὶ ἑπτὰ κριοὺς ἀμώμους καθ’ ἡμέραν τὰς ἑπτὰ ἡμέρας καὶ ὑπὲρ ἁμαρτίας ἔριφον αἰγῶν καθ’ ἡμέραν
24 Tokkoo tokkoo dibicha looniitiif iifii tokko, tokkoo tokkoo korbeessa hoolaatiifis iifii tokko kennaa midhaanii godhee, zayitii iinii tokkoos tokkoo tokkoo iifii sanaatti dabalee qopheessuu qaba.
καὶ θυσίαν πέμμα τῷ μόσχῳ καὶ πέμμα τῷ κριῷ ποιήσεις καὶ ἐλαίου τὸ ιν τῷ πέμματι
25 “‘Yeroo ayyaana bultii torba turu kan jiʼa torbaffaa keessa guyyaa kudha shanaffaatti jalqabamu sana keessa illee aarsaa cubbuutiif, aarsaa gubamuuf, kennaa midhaaniitii fi kan zayitiitiif akkasuma haa qopheessu.
καὶ ἐν τῷ ἑβδόμῳ μηνὶ πεντεκαιδεκάτῃ τοῦ μηνὸς ἐν τῇ ἑορτῇ ποιήσεις κατὰ τὰ αὐτὰ ἑπτὰ ἡμέρας καθὼς τὰ ὑπὲρ τῆς ἁμαρτίας καὶ καθὼς τὰ ὁλοκαυτώματα καὶ καθὼς τὸ μαναα καὶ καθὼς τὸ ἔλαιον

< Hisqiʼeel 45 >