< Hisqiʼeel 44 >

1 Sana booddee namichi sun balbala iddoo qulqulluu kan karaa alaatiin gara baʼa biiftuutti garagalutti deebisee na fide; balballi sunis cufamee ture.
Luego me hizo volver por el camino de la puerta exterior del santuario, que mira hacia el oriente, y estaba cerrada.
2 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Balballi kun cufamee hafa; inni banamuu hin qabu; namni tokko iyyuu achiin hin seenu. Sababii Waaqayyo Waaqni Israaʼel karaa sanaan seeneef, balballi sun cufamee hafa.
El Señor me dijo: “Esta puerta estará cerrada. No se abrirá, nadie entrará por ella, porque Yahvé, el Dios de Israel, ha entrado por ella. Por lo tanto, estará cerrada.
3 Namni fuula Waaqayyoo duratti waa nyaachuuf karra ittiin seenan keessa taaʼuu dandaʼu bulchaa sana qofa. Inni karra ittiin gardaafoo seenan sanaan ol galee achumaan gad baʼuu qaba.”
El príncipe se sentará en ella como príncipe para comer el pan delante de Yahvé. Entrará por el camino del pórtico de la puerta, y saldrá por el mismo camino.”
4 Namichi sun karra kaabaatiin gara fuullee mana qulqullummaatti na fide. Anis milʼadheen akka ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa Waaqayyoo guute arge; adda kootiinis lafattan gombifame.
Entonces me llevó por el camino de la puerta del norte, delante de la casa; y miré, y he aquí que la gloria de Yahvé llenaba la casa de Yahvé; así que me postré sobre mi rostro.
5 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, waaʼee danbiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo waan ani sitti himu hunda hubadhuu ilaali; sirriitti dhaggeeffadhu; qalbeeffadhus. Waaʼee karra ittiin mana qulqullummaa seenaniitii fi karra ittiin iddoo qulqulluudhaa baʼanii hunda yaadatti qabadhu.
Yahvé me dijo: “Hijo de hombre, fíjate bien, y mira con tus ojos, y escucha con tus oídos todo lo que te digo acerca de todas las ordenanzas de la casa de Yahvé y de todas sus leyes; y marca bien la entrada de la casa, con cada salida del santuario.
6 Mana Israaʼel fincilaa sanaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa mana Israaʼel, hojiin keessan jibbisiisaan sun haa gaʼu!
Dirás a los rebeldes, a la casa de Israel: “Dice el Señor Yahvé: “Casa de Israel, basta con todas vuestras abominaciones,
7 Hojiiwwan keessan jibbisiisoo kaan hundatti dabaltanii alagoota yaada garaa fi fooniin dhagna hin qabatin iddoo qulqulluu kootti galchitan; nyaata, coomaa fi dhiiga naaf dhiʼeessuudhaan mana qulqullummaa koo xureessitan; kakuu koos cabsitan.
pues habéis traído a extranjeros, incircuncisos de corazón e incircuncisos de carne, para que estén en mi santuario, para que lo profanen, mi casa, cuando ofrezcáis mi pan, la grasa y la sangre; y ellos han roto mi pacto, para añadirlo a todas vuestras abominaciones.
8 Isin itti gaafatamummaa wantoota koo qulqulluu irratti qabdan fiixaan baasuu diddanii iddoo koo qulqulluu irratti alagoota muuddatan.
Ustedes no han cumplido con el deber de mis cosas santas, sino que han puesto ejecutores de mi deber en mi santuario para ustedes mismos.”
9 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Alagaan yaada garaa fi fooniin dhagna hin qabatin iddoo koo qulqulluu sana seenuu hin qabu; alagoonni Israaʼeloota gidduu jiraatan iyyuu seenuu hin qaban.
El Señor Yahvé dice: “Ningún extranjero, incircunciso de corazón e incircunciso de carne, entrará en mi santuario, de todos los extranjeros que están entre los hijos de Israel.
10 “‘Lewwonni warri yeroo Israaʼeloonni narraa jalʼatanitti waaqota isaanii duukaa buʼuudhaan jooran cubbuu isaaniitti gaafatamuu qabu.
“‘“Pero los levitas que se alejaron de mí cuando Israel se extravió, que se alejaron de mí en pos de sus ídolos, ellos cargarán con su iniquidad.
11 Isaan itti gaafatamummaa karrawwan mana qulqullummaa qabaachuudhaan, isa keessas tajaajiluudhaan iddoo qulqulluu koo keessa tajaajiluu dandaʼu; qalma gubamu qalanii maqaa uummataatiin dhiʼeessuu, fuula uummataa dura dhaabataniis uummata tajaajiluu ni dandaʼu.
Sin embargo, ellos serán ministros en mi santuario, tendrán vigilancia a las puertas de la casa y servirán en la casa. Matarán el holocausto y el sacrificio para el pueblo, y estarán delante de ellos para servirles.
12 Garuu sababii isaan fuula waaqota isaanii duratti uummata tajaajilanii mana Israaʼel cubbuudhaan kuffisaniif ani akka isaan cubbuu isaaniitti gaafatamaniif harka ol kaafadhee kakadheera, jedha Waaqayyo Gooftaan.
Por haberles servido delante de sus ídolos, y por haberse convertido en tropiezo de iniquidad para la casa de Israel, he levantado mi mano contra ellos — dice el Señor Yahvé — y cargarán con su iniquidad.
13 Isaan luboota taʼanii na tajaajiluuf natti dhiʼaachuu hin qaban yookaan wantoota koo qulqulluu kamitti iyyuu yookaan aarsaawwan koo kanneen aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu taʼanitti dhiʼaachuu hin qaban; qaanii hojiiwwan isaanii jibbisiisoo baadhachuu qabu.
No se acercarán a mí para ejercer el oficio de sacerdote, ni para acercarse a ninguna de mis cosas santas, a las cosas más santas, sino que llevarán su vergüenza y sus abominaciones que han cometido.
14 Taʼus ani akka isaan itti gaafatama mana qulqullummaa qabaataniif, akka isaan hojii isaa hunda hojjetanii fi waan achi keessatti hojjetamuu qabu hunda hojjetaniif isaan nan muuda.
Sin embargo, los haré ejecutores del deber de la casa, para todo su servicio y para todo lo que se haga en ella.
15 “‘Luboonni warri Lewwotaa fi sanyii Zaadoq taʼanii fi warri yeroo Israaʼeloonni karaa koo irraa jalʼatanitti hojii iddoo qulqulluu koo amanamummaadhaan deemsisan fuula koo dura tajaajiluudhaaf dhiʼaachuu qabu; coomaa fi dhiigas aarsaa godhanii dhiʼeessuuf fuula koo dura dhaabachuu qabu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
“‘“Pero los sacerdotes levitas, hijos de Sadoc, que cumplieron con el deber de mi santuario cuando los hijos de Israel se alejaron de mí, se acercarán a mí para servirme. Se presentarán ante mí para ofrecerme la grasa y la sangre”, dice el Señor Yahvé.
16 Iddoo qulqulluu koo isaan qofatu seenuu qaba; isaan qofatu na tajaajiluu fi hojii koo hojjechuuf maaddii kootti dhiʼaachuu qaba.
“Entrarán en mi santuario y se acercarán a mi mesa para servirme, y guardarán mi instrucción.
17 “‘Isaan yeroo karra oobdii gara keessaatiin seenanitti wayyaa quncee talbaa irraa dhaʼame uffachuu qabu; yeroo karra oobdii gara keessaa dura yookaan mana qulqullummaa keessa tajaajilanitti wayyaa suufii irraa dhaʼame kam iyyuu uffachuu hin qaban.
“‘“Será que cuando entren por las puertas del atrio interior, se vestirán con ropas de lino. Ninguna lana caerá sobre ellos mientras ministren en las puertas del atrio interior, y dentro.
18 Isaan marata quncee talbaa irraa dhaʼame mataa isaaniitti maratanii wayyaa jalaa kan quncee talbaa irraa dhaʼame mudhii isaaniitti hidhachuu qabu. Wayyaa isaan dafqisiisu kam iyyuu uffachuu hin qaban.
Llevarán turbantes de lino en la cabeza y pantalones de lino en la cintura. No se vestirán con nada que los haga sudar.
19 Isaan yeroo gara oobdii alaa iddoo uummanni jirutti gad baʼanitti uffata ittiin tajaajilaa turan sana of irraa baasanii dareewwan qulqulluu keessa kaaʼuu qabu; akka uffata isaaniitiin uummata hin qulqulleessineefis uffata biraa uffachuu qabu.
Cuando salgan al atrio exterior, al atrio de afuera para el pueblo, se quitarán las vestimentas con las que ministran y las pondrán en las habitaciones sagradas. Se pondrán otras vestimentas, para no santificar al pueblo con sus vestimentas.
20 “‘Rifeensa mataa isaanii haaddachuu yookaan guddisuu hin qaban; garuu rifeensa mataa isaanii murachuu qabu.
“‘“No se afeitarán la cabeza ni se dejarán crecer la cabellera. Sólo se cortarán el pelo de la cabeza.
21 Lubni kam iyyuu yeroo oobdii gara keessaa seenutti daadhii wayinii dhuguu hin qabu.
Ninguno de los sacerdotes beberá vino cuando entre en el atrio interior.
22 Isaan haadha hiyyeessaa yookaan niitii dhirsi hiike fuudhuu hin qaban; durba sanyii Israaʼel yookaan niitii lubni irraa duʼe qofa fuudhuu dandaʼu.
No tomarán por esposa a una viuda o a una repudiada, sino que tomarán a vírgenes de la descendencia de la casa de Israel, o a una viuda que sea viuda de un sacerdote.
23 Isaan garaa garummaa waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin gidduu jiru saba koo barsiisanii akka isaan waan xuraaʼaa fi waan qulqullaaʼaa addaan baafatan itti argisiisuu qabu.
Enseñarán a mi pueblo la diferencia entre lo santo y lo común, y le harán discernir entre lo inmundo y lo limpio.
24 “‘Falmii kam iyyuu keessatti luboonni akka abbootii seeraatti haa tajaajilan; akka sirna koottis haa murteessan. Isaan seera koo fi ajaja koo kan ayyaana kootiif murteeffame hundaaf kenname sana eeguu qabu; Sanbatoota koos qulqulleessanii eeguu qabu.
“‘“En una controversia estarán para juzgar. Lo juzgarán según mis ordenanzas. Guardarán mis leyes y mis estatutos en todas mis fiestas señaladas. Harán santos mis sábados.
25 “‘Lubni tokko nama duʼetti dhiʼaachuudhaan of xureessuu hin qabu; haa taʼu malee yoo namni duʼe sun abbaa isaa yookaan haadha isaa, ilma isaa yookaan intala isaa, obboleessa isaa yookaan obboleettii isaa kan hin heerumin taʼe garuu inni of xureessuu dandaʼa.
“‘“No entrarán en ninguna persona muerta para contaminarse; pero por el padre, o por la madre, o por el hijo, o por la hija, por el hermano o por la hermana que no haya tenido marido, podrán contaminarse.
26 Inni erga qulqullaaʼee booddee guyyaa torba eeguu qaba.
Después de haberse purificado, le contarán siete días.
27 Innis gaafa iddoo qulqulluu keessa tajaajiluuf oobdii iddoo qulqulluu isa gara keessaa seenutti aarsaa cubbuu waaʼee ofii isaatiif dhiʼeessuu qaba, jedha Waaqayyo Gooftaan.
El día que entre en el santuario, en el atrio interior, para ministrar en el santuario, ofrecerá su ofrenda por el pecado”, dice el Señor Yahvé.
28 “‘Dhaalli luboonni qaban anuma qofa. Isin Israaʼel keessatti qabeenya tokko illee isaaniif kennuu hin qabdan; ani qabeenya isaanii nan taʼa.
“‘Tendrán una herencia: Yo soy su herencia; y no les darás posesión en Israel. Yo soy su posesión.
29 Isaan kennaa midhaanii, aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaa ni nyaatan; wanni Israaʼel keessaa Waaqayyoof kenname hundi kan isaanii ni taʼa.
Ellos comerán la ofrenda de la comida, la ofrenda por el pecado y la ofrenda por la culpa; y toda cosa consagrada en Israel será de ellos.
30 Mataa oomisha midhaanii keessaa filatamaan hundii fi kennaan keessan kan addaa hundinuu kan lubootaa ti. Akka eebbi warra mana keessan jiraataniif dhufuuf, daakuu keessan keessaa kan jalqabaa isaaniif kennuu qabdu.
Las primicias de todos los frutos de cada cosa, y toda ofrenda de todo, de todas vuestras ofrendas, serán para el sacerdote. También darás a los sacerdotes las primicias de tu masa, para hacer descansar una bendición sobre tu casa.
31 Luboonni simbira yookaan horii, waan duʼee argame yookaan kan bineensi madeesse kam iyyuu nyaachuu hin qaban.
Los sacerdotes no comerán nada que muera por sí mismo o que se desgarre, ya sea ave o animal.

< Hisqiʼeel 44 >