< Hisqiʼeel 43 >

1 Ergasii namichi sun gara balbala baʼa biiftuutti garagaluutti na fide;
ויולכני אל השער שער אשר פנה דרך הקדים׃
2 anis utuu ulfinni Waaqa Israaʼel baʼa biiftuutii dhufuu nan arge. Sagaleen isaa akka sagalee huursaa bishaan yaaʼuu ture; laftis ulfina isaatiin ifte.
והנה כבוד אלהי ישראל בא מדרך הקדים וקולו כקול מים רבים והארץ האירה מכבדו׃
3 Mulʼanni ani arges mulʼata ani yommuu inni magaalaa barbadeesuuf dhufetti argee fi mulʼata ani Laga Kebaar biratti argee ture sana fakkaata; anis adda kootiin lafatti nan gombifame.
וכמראה המראה אשר ראיתי כמראה אשר ראיתי בבאי לשחת את העיר ומראות כמראה אשר ראיתי אל נהר כבר ואפל אל פני׃
4 Ulfinni Waaqayyoo sun karaa balbala gara baʼa biiftuutti garagaluun mana qulqullummaa seene.
וכבוד יהוה בא אל הבית דרך שער אשר פניו דרך הקדים׃
5 Ergasiis Hafuurri ol na fuudhee gara oobdii gara keessaatti na fide; ulfinni Waaqayyoos mana qulqullummaa guute.
ותשאני רוח ותביאני אל החצר הפנימי והנה מלא כבוד יהוה הבית׃
6 Utuu namichi sun na bira dhaabatee jiruu, nama wayii kan mana qulqullummaa keessaa natti dubbatu nan dhagaʼe.
ואשמע מדבר אלי מהבית ואיש היה עמד אצלי׃
7 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, kun iddoo teessoo kootii fi faanni miilla koo irra ejjetuu dha. Kunis iddoo ani bara baraan Israaʼeloota gidduu jiraadhuu dha. Manni Israaʼel jechuunis isaan yookaan mootonni isaanii sagaagalummaa isaaniitii fi reeffa mootota isaaniitiin lammata gaarran waaqeffannaa isaanii irratti maqaa koo qulqulluu sana hin xureessan.
ויאמר אלי בן אדם את מקום כסאי ואת מקום כפות רגלי אשר אשכן שם בתוך בני ישראל לעולם ולא יטמאו עוד בית ישראל שם קדשי המה ומלכיהם בזנותם ובפגרי מלכיהם במותם׃
8 Isaan yommuu anaa fi isaan gidduutti dallaa qofa hambisanii buusaa balbala isaanii buusaa balbala kootii bira, michichila balbala isaanii immoo michichila balbala kootii bira dhaabatanitti hojii isaanii jibbisiisaa sanaan maqaa koo qulqullicha xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin isaanan balleesse.
בתתם ספם את ספי ומזוזתם אצל מזוזתי והקיר ביני וביניהם וטמאו את שם קדשי בתועבותם אשר עשו ואכל אתם באפי׃
9 Isaan amma sagaagalummaa isaaniitii fi reeffa mootota isaanii sana narraa haa fageessani; anis bara baraan isaan gidduu nan jiraadha.
עתה ירחקו את זנותם ופגרי מלכיהם ממני ושכנתי בתוכם לעולם׃
10 “Yaa ilma namaa, akka isaan cubbuu isaaniitiin qaanaʼaniif namoota Israaʼelitti mana qulqullummaa argisiisi. Isaan karoora isaa haa hubatan;
אתה בן אדם הגד את בית ישראל את הבית ויכלמו מעונותיהם ומדדו את תכנית׃
11 yoo isaan waan hojjetan hundatti qaanaʼan, karoora mana qulqullummaa jechuunis haala inni ittiin hojjetame, balbala ol seensisuu fi gad baasu, karoora isaa guutuu jechuunis sirna isaatii fi seera isaa hunda akka beekan godhi. Akka isaan karoora isaatii fi guutummaa sirna isaatiif amanamanii fi duukaa buʼaniifis fuula isaanii duratti waan kana barreessi.
ואם נכלמו מכל אשר עשו צורת הבית ותכונתו ומוצאיו ומובאיו וכל צורתו ואת כל חקתיו וכל צורתו וכל תורתו הודע אותם וכתב לעיניהם וישמרו את כל צורתו ואת כל חקתיו ועשו אותם׃
12 “Seerri mana qulqullummaa kanaa dha: Lafti naannoo fiixee tulluu jiru hundi waan hunda caalaa qulqulluudhaa. Kun seera mana qulqullummaa ti.
זאת תורת הבית על ראש ההר כל גבלו סביב סביב קדש קדשים הנה זאת תורת הבית׃
13 “Lafa irra dheerinni iddoo aarsaa dhundhuma dheeraadhaan isa kana: Innis dhundhuma tokkoo fi balʼina barruu harkaa tokkoo dha; jalli isaa gad fageenya dhundhuma tokkootii fi balʼina dhundhuma tokkoo qaba; naannoon isaa immoo xiyyoo taakkuu tokkoo qaba. Ol dheerinni iddoo aarsaa sanaa kana:
ואלה מדות המזבח באמות אמה אמה וטפח וחיק האמה ואמה רחב וגבולה אל שפתה סביב זרת האחד וזה גב המזבח׃
14 Jala isaatii kaasee hamma gulantaa gadiitti ol dheerina dhundhuma lamaatii fi balʼina dhundhuma tokkoo qaba; gulantaa xinnaadhaa hamma gulantaa guddaatti ol dheerina dhundhuma afuriitii fi balʼina dhundhuma tokkoo qaba.
ומחיק הארץ עד העזרה התחתונה שתים אמות ורחב אמה אחת ומהעזרה הקטנה עד העזרה הגדולה ארבע אמות ורחב האמה׃
15 Iddoon ibiddaa kan iddoo aarsaa dhundhuma afur ol dheerata; badaan ibiddaa kun gaanfawwan ol babbaʼan afur qaba.
וההראל ארבע אמות ומהאראיל ולמעלה הקרנות ארבע׃
16 Iddoon ibiddaa kun roga wal qixxee afur qaba; dheerinni isaa dhundhuma kudha lama, balʼinni isaa immoo dhundhuma kudha lama:
והאראיל שתים עשרה ארך בשתים עשרה רחב רבוע אל ארבעת רבעיו׃
17 Gulantaan ol aanus roga wal qixxee afur qaba; dheerinni isaa dhundhuma kudha afur, balʼinni isaas dhundhuma kudha afur; xiyyoon isaa walakkaa dhundhumaa, naannoon jala isaa immoo dhundhuma tokkoo dha. Gulantaawwan iddoo aarsaa sanaa gara baʼa biiftuutti garagalu.”
והעזרה ארבע עשרה ארך בארבע עשרה רחב אל ארבעת רבעיה והגבול סביב אותה חצי האמה והחיק לה אמה סביב ומעלתהו פנות קדים׃
18 Inni akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yeroo iddoon aarsaa ijaaramutti dambiiwwan ittiin aarsaan gubamu dhiʼeeffamuu fi dhiigni iddoo aarsaa irratti facaafamu kanaa dha:
ויאמר אלי בן אדם כה אמר אדני יהוה אלה חקות המזבח ביום העשותו להעלות עליו עולה ולזרק עליו דם׃
19 luboota Lewwota maatii Zaadoq kanneen na tajaajiluuf fuula koo duratti dhiʼaataniif akka aarsaa cubbuu taʼuuf dibicha kennita, jedha Waaqayyo Gooftaan.
ונתתה אל הכהנים הלוים אשר הם מזרע צדוק הקרבים אלי נאם אדני יהוה לשרתני פר בן בקר לחטאת׃
20 Atis dhiiga isaa irraa xinnoo fudhattee gaanfa afran kan iddoo aarsaa, goleewwan gulantaa ol aanuu afranii fi naannoo xiyyoo isaa hunda dibda; haala kanaanis iddoo aarsaa sana qulqulleessitee araara buufta.
ולקחת מדמו ונתתה על ארבע קרנתיו ואל ארבע פנות העזרה ואל הגבול סביב וחטאת אותו וכפרתהו׃
21 Dibicha sanas aarsaa cubbuutiif fuutee iddoo qulqulluudhaan alatti, kutaa mana qulqullummaa kan waan kanaaf ramadame keessatti ni gubda.
ולקחת את הפר החטאת ושרפו במפקד הבית מחוץ למקדש׃
22 “Guyyaa lammaffaatti korbeessa reʼee kan hirʼina hin qabne aarsaa cubbuutiif dhiʼeessita; iddoon aarsaas akkuma dibichaan qulqulleeffame sanatti qulqulleeffama.
וביום השני תקריב שעיר עזים תמים לחטאת וחטאו את המזבח כאשר חטאו בפר׃
23 Erga iddoo aarsaa sana qulqulleessitee booddee, horii keessaa dibichaa fi korbeessa bushaayee kanneen lamaan isaani iyyuu hirʼina hin qabne dhiʼeessita.
בכלותך מחטא תקריב פר בן בקר תמים ואיל מן הצאן תמים׃
24 Ati fuula Waaqayyoo duratti isaan dhiʼeessita; luboonni immoo soogidda itti facaasanii aarsaa gubamu godhanii Waaqayyoof isaan dhiʼeessu.
והקרבתם לפני יהוה והשליכו הכהנים עליהם מלח והעלו אותם עלה ליהוה׃
25 “Ati guyyaa torbaaf guyyuma guyyaan korbeessa reʼee aarsaa cubbuutiif dhiʼeessuu qabda; akkasumas horii keessaa dibichaa fi korbeessa bushaayee kan hirʼina hin qabne dhiʼeessuu qabda.
שבעת ימים תעשה שעיר חטאת ליום ופר בן בקר ואיל מן הצאן תמימים יעשו׃
26 Isaanis guyyaa torbaaf iddoo aarsaatiif araara buusanii isa qulqulleessuu qabu; akkasittis isa qulqulleessu.
שבעת ימים יכפרו את המזבח וטהרו אתו ומלאו ידו׃
27 Dhuma guyyoota kanaatti, guyyaa saddeettaffaa irraa jalqabee luboonni aarsaa keessan kan gubamuu fi aarsaa keessan kan nagaa iddoo aarsaa irratti dhiʼeessuu qabu. Ergasii ani isinan simadha, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
ויכלו את הימים והיה ביום השמיני והלאה יעשו הכהנים על המזבח את עולותיכם ואת שלמיכם ורצאתי אתכם נאם אדני יהוה׃

< Hisqiʼeel 43 >