< Hisqiʼeel 42 >

1 Sana booddee namichi sun karaa kaabaatiin gara oobdii alaatti na baasee gara fuullee dareewwan oobdii mana qulqullummaa fi gara fuullee ijaarsa alaa kan karaa kaabaa jiruutti na fide.
ויוצאני אל החצר החיצונה הדרך דרך הצפון ויבאני אל הלשכה אשר נגד הגזרה ואשר נגד הבנין אל הצפון׃
2 Ijaarsi balballi isaa gara kaabaatti garagalu sun dheerina dhundhuma dhibba tokkoo fi balʼina dhundhuma dhibba tokko qaba ture.
אל פני ארך אמות המאה פתח הצפון והרחב חמשים אמות׃
3 Kutaa oobdii isa gara keessaa kan dhundhuma digdamaa keessaa fi kutaa fuullee madabii oobdii kan gara alaa jiru keessa sadarkaa sadiin darbiin tokko darbii kaanitti garagalee ture.
נגד העשרים אשר לחצר הפנימי ונגד רצפה אשר לחצר החיצונה אתיק אל פני אתיק בשלשים׃
4 Dareewwan sana fuula duraanis karaan mana keessaan nama baasu kan dhundhuma kudhan balʼatee dhundhuma dhibba tokko dheeratutu ture. Balbalawwan isaaniis karaa kaabaatiin turan.
ולפני הלשכות מהלך עשר אמות רחב אל הפנימית דרך אמה אחת ופתחיהם לצפון׃
5 Sababii darbiiwwan sun iddoo dareewwan kanneen gara gadii irraa fi gamoo isa gidduu irraa qabatan caalaa dareewwan olii jalaa qabataniif dareewwan olii dhidhiphoo dha.
והלשכות העליונת קצרות כי יוכלו אתיקים מהנה מהתחתנות ומהתכנות בנין׃
6 Dareewwan darbii sadaffaa irra jiran akka oobdiiwwanii utubaawwan hin qaban ture; kanaafuu darbiiwwan gara gadiitii fi walakkaa jiran caalaa lafa xinnaa qabu ture.
כי משלשות הנה ואין להן עמודים כעמודי החצרות על כן נאצל מהתחתונות ומהתיכנות מהארץ׃
7 Keenyan karaa alaa tokkos dareewwanii fi oobdii gara alaa fuullee jira ture; innis dareewwan sana fuula duraan dhundhuma shantamaa dheerata ture.
וגדר אשר לחוץ לעמת הלשכות דרך החצר החצונה אל פני הלשכות ארכו חמשים אמה׃
8 Dheerinni dareewwan oobdii alaatti aananii tarreedhaan jiranii dhundhuma shantama, tarreen mana qulqullummaatti aanee jiru immoo dhundhuma dhibba tokko dheerata ture.
כי ארך הלשכות אשר לחצר החצונה חמשים אמה והנה על פני ההיכל מאה אמה׃
9 Yommuu oobdii alaatii ol seenanitti, balballi karaa baʼaatiin gara dareewwan gadiitti nama seensisu tokko ni argama ture.
ומתחתה לשכות האלה המבוא מהקדים בבאו להנה מהחצר החצנה׃
10 Karaa kibbaatiinis dheerina dallaa oobdii gara alaa qabatee, oobdii mana qulqullummaa qabatee fuullee dallaa gara alaatiin dareewwan
ברחב גדר החצר דרך הקדים אל פני הגזרה ואל פני הבנין לשכות׃
11 fuula isaanii duraan karaa namni irra darbu qabantu ture. Dareewwan kunneenis akkuma dareewwan karaa kaabaa sanaa turan; isaanis dheerinaa fi balʼina, karaa ittiin gad baʼanii fi guddina wal fakkaatu qabu turan. Balbalawwan karaa kaabaa
ודרך לפניהם כמראה הלשכות אשר דרך הצפון כארכן כן רחבן וכל מוצאיהן וכמשפטיהן וכפתחיהן׃
12 balbalawwan dareewwan karaa kibbaa wajjin wal fakkaatu turan. Karaa namni irra darbu kan dallaa gara baʼaatti ijaarameen wal cina deemuun fuullee jiru kan ittiin dareewwan seenan tokkotu jira ture.
וכפתחי הלשכות אשר דרך הדרום פתח בראש דרך דרך בפני הגדרת הגינה דרך הקדים בבואן׃
13 Ergasiis inni akkana naan jedhe; “Dareewwan kaabaatii fi kibbaa kanneen gara oobdii mana qulqullummaatti garagalanii jiran sun dareewwan lubootaa, iddoo itti luboonni warri fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaatan aarsaa aarsaa hunda caalaa qulqulluu taʼe nyaatanii dha. Isaanis aarsaa aarsaa hunda caalaa qulqulluu taʼe jechuunis kennaa midhaanii, aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaa achi kaaʼu; iddoon sun qulqulluudhaatii.
ויאמר אלי לשכות הצפון לשכות הדרום אשר אל פני הגזרה הנה לשכות הקדש אשר יאכלו שם הכהנים אשר קרובים ליהוה קדשי הקדשים שם יניחו קדשי הקדשים והמנחה והחטאת והאשם כי המקום קדש׃
14 Luboonni iddoo qulqulluu sana takkaa seennaan hamma uffata ittiin tajaajilan sana of irraa baasanitti gara oobdii gara alaatti hin baʼan; wayyaan sun qulqulluudhaatii. Isaan utuu iddoo uummataaf ramadametti hin dhiʼaatin uffata biraa uffachuu qabu.”
בבאם הכהנים ולא יצאו מהקדש אל החצר החיצונה ושם יניחו בגדיהם אשר ישרתו בהן כי קדש הנה ילבשו בגדים אחרים וקרבו אל אשר לעם׃
15 Inni erga waan mana qulqullummaa keessa jiru safaree xumuree booddee karaa balbala baʼaatiin na baasee naannoo sana hunda safare.
וכלה את מדות הבית הפנימי והוציאני דרך השער אשר פניו דרך הקדים ומדדו סביב סביב׃
16 Kallattii baʼaas ulee ittiin safaraniin safare; wanni inni safares dhundhuma dhibba shan taʼe.
מדד רוח הקדים בקנה המדה חמש אמות קנים בקנה המדה סביב׃
17 Kallattii gara kaabaas safaree safarri sun ulee safaraatiin dhundhuma dhibba shan taʼe.
מדד רוח הצפון חמש מאות קנים בקנה המדה סביב׃
18 Kallattii kibbaatiinis safaree safarri sun ulee ittiin safaraniin dhundhuma dhibba shan taʼe.
את רוח הדרום מדד חמש מאות קנים בקנה המדה׃
19 Ergasii inni gara kallattii dhiʼaatti garagalee safaree, safarri sun ulee ittiin safaraniin dhundhuma dhibba shan taʼe.
סבב אל רוח הים מדד חמש מאות קנים בקנה המדה׃
20 Kanaafuu inni iddoo kallattii afraniin jiru safare. Iddoon sun dallaa iddoo qulqulluu, iddoo xuraaʼaa irraa addaan baasu kan dheerinni isaa dhundhuma dhibba shan, balʼinni isaas dhundhuma dhibba shan qaba ture.
לארבע רוחות מדדו חומה לו סביב סביב ארך חמש מאות ורחב חמש מאות להבדיל בין הקדש לחל׃

< Hisqiʼeel 42 >