< Hisqiʼeel 40 >

1 Waggaa digdamii shanaffaa boojiʼamuu keenyaa keessa, waggaa jalqabaatti, jiʼa kurnaffaatti, erga magaalattiin diigamtee booddee waggaa kudha afuraffaatti, guyyuma sana harki Waaqayyoo narra ture; innis achi na geesse.
我們充軍後第二十五年,京城被毀後第十四年,年初,月之初十日,就在這一天,上主的手臨於我。
2 Mulʼata Waaqaatiinis gara biyya Israaʼel na geessee tulluu baayʼee ol dheeraa irra na dhaabe; karaa kibba isaatiinis waan ijaarsa magaalaa fakkaatanitu ture.
在神視中領我來到以色列地,把我放在最高的山上,山的南方有座像城的建築物。
3 Inni achi na geesse; anis nama bifti isaa naasii fakkaatu tokko nan arge; innis harka isaatti funyoo foʼaa quncee talbaatii fi ulee safaraa qabatee balbala dura ijaajjaa ture.
他領我到了那裏,看,有一個人,面色似銅,手中拿著一條麻繩和測量竿。他站在門樓旁。
4 Namichi sunis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, ati sababii kanaaf waan as fidamteef, ija keetiin ilaali; gurra keetiinis dhagaʼiitii waan ani sitti argisiisu hunda hubadhu. Mana Israaʼelittis waan argite hunda himi.”
那人對我說:「人子,你要用眼看,用耳聽,留意我向你指示的一切,因為我引你到這裏來,為叫你看見;凡你所見的,你要告訴以色列家族。」
5 Anis dallaa guutumaan guutuutti lafa mana qulqullummaa marsee jiru tokko nan arge. Dheerinni ulee ittiin safaran kan harka namicha sanaa keessa ture dhundhuma jaʼaa dha; tokkoon tokkoon dhundhuma sanaa dhundhuma tokkoo fi balʼina barruu harkaa tokko ture. Innis dallaa sana safare; dallaan sunis ulee safartuu tokko yabbatee ulee safartuu tokko ol dheerata ture.
看,在殿外四周有一道圍牆。那人手中拿的測量竿長六肘──肘是一肘加一掌──他用竿量了牆:寬一竿,高一竿。
6 Ergasii inni gara balbala gara baʼaa ilaaluutti dhufe. Gulantaawwanitti ol baʼee waltajjii balbalaa safare; innis ulee safartuu tokko gad fagaata ture.
他來到面朝東的門樓,上了石級,量了門限,寬一竿;
7 Sireewwan eegumsaa ol dheerinni isaanii ulee tokko, balʼinni isaanii immoo ulee tokko ture; keenyan manneen gidduu turanis dhundhuma shan yabbatu ture. Dooyaan karraa kan gardaafootti aanee gara mana qulqullummaatti garagalu sunis ulee safartuu tokko gad fagaata ture.
量了守衛房:長一竿,寬一竿;房與房之間相離五肘;內裏門廊的門限,為一竿。
8 Sana booddee inni gardaafoo balbalaa safare;
又量了內裏的門廊,
9 balballi sunis dhundhuma saddeet gad fagaatee tuggeewwan isaas dhundhuma lama furdatu turan. Gardaafoon balbala sanaa gara mana qulqullummaatti garagala ture.
為八肘,壁柱厚二肘,門廊是在內裏。
10 Karra gara baʼa biiftuu jiru keessa bitaa fi mirgaan manneen waardiyyootaa sadii sadiitu ture; sadan isaanii iyyuu wal qixxee turan. Tuggeewwan gama lamaan jiranis waluma qixxee turan.
東門樓的守衛房,這邊三間,那邊三間;三間的尺寸相同,兩邊壁柱的尺寸也相同。
11 Ergasii inni balʼina balbala ittiin ol seenanii safare; innis dhundhuma kudhan ture; dheerinni isaa immoo dhundhuma kudha sadii ture.
量了門口的寬度,為十肘;門的通道為十三肘寬。
12 Tokkoo tokkoo mana waardiyyaa dura keenyan dhundhuma tokko ol dheeratutu ture; manneen kunneenis gama lamaaniin dhundhuma jaʼa jaʼa turan.
守衛房前面有柵欄,兩邊各突出一肘。守衛房各邊為六肘。
13 Ergasiis inni bantii keenyan manichaa kan boroo irraa jalqabee hamma bantii kaaniitti balbala sana safare; wal irraa fageenyi isaas balbala tokko irraa hamma balbala kaaniitti dhundhuma digdamii shan ture.
量了門樓,由守衛房頂到對面守衛房頂,寬二十五肘;門與門相對。
14 Akkasumas balbala ittiin ol seenan safare; innis dhundhuma jaatama taʼe; safarri sunis hamma utubaa gara oobdii ilaalu sanaatti taasifame.
量了門廊,為二十肘;通過門廊,即是外院。
15 Fageenyi balbala ol seensisuu jalqabee hamma dhuma gardaafootti jirus dhundhuma shantama taʼe.
由門樓的前面到內裏門廊的前面,共五十肘。
16 Kutaawwan manichaatii fi keenyan isaa karaa ittiin ol seenaniin foddaa gama lachuutiin dhiphachaa deemu qabu ture; gardaafoon sunis akkasuma naannaʼee gara keessaatiin foddaa qaba ture; utubaawwan sun immoo muka meexxiitiin faayeffamanii turan.
門樓四周,在守衛房和牆壁上,有向內斜帶櫺的窗戶;走廊四周也有這樣向內的窗戶。壁柱上有棕櫚枝。
17 Ergasii inni gara oobdii alaatti na fide. Achittis dareewwanii fi karaa dhagaadhaan tolfame tokko naannoo oobdiitti nan arge; qarqara karaa sanaas daree soddomatu ture.
他引我到了外院;看,有廊房,在庭院四周修的有舖道,舖道上有廊房三十間。
18 Karaan sunis balbala sana bira ture; balʼinni isaas hamma ol dheerina balbalawwanii ture; karaan kunis karaa isa gad aanuu dha.
在各門樓旁邊也有舖道,同門樓一樣長,這是低舖道。
19 Sana booddee balbala gad aanu keessaa jalqabee hamma oobdii isa keessaa kan gara alaatti fageenya isaa safare; innis karaa baʼaatii fi karaa kaabaatiin dhundhuma dhibba tokko ture.
他由下門樓前面,量到內院門樓前面,共一百肘寬。然後他向北走去。
20 Ergasii inni lafa irra dheerinaa fi balʼina karra gara kaabaa ilaalu kan gara oobdii alaatti baasuu safare.
看,在外院有一座面朝北的門樓。他量的門樓的寬和長。
21 Safarri utubaawwanii fi gardaafoo manneen waardiyyaa kanneen bitaa mirgaan dareewwan sadii sadii qaban sanaas kan karra jalqabaa wajjin wal qixxee ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
守衛房,兩邊各有三間;壁柱和走廊,如上面所有的尺寸一樣:五十肘長,二十五肘寬。
22 Foddaawwan isaanii, gardaafoowwan isaaniitii fi faaya isaanii kan muka meexxii irraa hojjetame safarri isaanii safara karra gara baʼaa ilaalu wajjin wal qixxee ture. Gulantaawwan gara karra sanaatti geessan torbatu ture; fuullee isaanii immoo gardaafoo isaatu ture.
窗戶、走廊、棕櫚枝、如朝東的門樓所有的尺寸一樣。上去的台階有七級,直達面前的走廊。
23 Akkuma karra karaa baʼaatiin ture sanaa karra gara kaabaa ilaalu kan gara oobdii keessaatti geessu tokkotu ture. Innis karra tokko irraa jalqabee hamma karra fuullee isaa jiruutti safare; innis dhundhuma dhibba tokko ture.
外北門的對面有一座通內院的門樓,與東門樓一樣;量了門樓與門樓的距離,為一百肘。
24 Innis gara kibbaatti na geesse; anis karra gara kibbaa ilaalu nan arge. Innis utubaawwanii fi gardaafoowwan isaa safare; safarri isaaniis safara warra kaanii wajjin wal qixxee ture.
他又領我往南走,看,朝南有一座門樓;他量了壁柱和走廊,尺寸與前面的相同。
25 Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwan akkuma foddaawwan kaanii dhidhiphatan naannoo isaaniitii qabu ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
走廊四周也有窗戶,一如上述的窗戶。門樓五十肘長,二十五肘寬。
26 Gulantaawwan gara karra sanaatti geessan torbatu ture; fuullee isaanii immoo gardaafoo isaatu ture; balballi sunis fuula utubaawwan sanaa irraa bitaa mirgaan faaya muka meexxiitiin hojjetame qaba ture.
上去的台階有七級,直達面前的走廊;兩邊的壁柱上都有棕櫚枝。
27 Oobdiin gara keessaas karra gara kibbaa ilaalu qaba ture; innis karra kana irraa kaasee hamma karra karaa kibbaa kan gara alaatiin jiruutti safare; safarri isaas dhundhuma dhibba tokko ture.
通內院朝南也有一座門樓。量了二門樓之間的距離,為一百肘。
28 Ergasiis inni karaa balbala kibbaatiin gara oobdii isa keessaatti na fide; innis karra kibbaa safare; safarri karra sanaas safara karrawwan kaaniitiin wal qixxee ture.
他領我由南門走進內院,量了南門樓,尺寸與上述者相同。
29 Safarri manneen waardiyyaa kan utubaawwan isaatii fi kan gardaafoo isaa safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwaniin marfamanii turan. Innis dheerina dhundhuma shantamaa fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
守衛房、壁柱和走廊,一如上述的尺寸;走廊四周也有窗戶;門樓五十肘長,二十五肘寬。
30 Gardaafoowwan karraa kanneen naannoo oobdii gara keessaa jiran lafa irra dheerinni isaanii dhundhuma digdamii shan, balʼinni isaanii immoo dhundhuma shan qaba ture.
四周共五十肘長,二十五肘寬。
31 Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeewwan isaa muka meexxiitiin faayeffamanii turan; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan.
門廊面向外院,壁柱上也有棕櫚枝。上去台階有八級。
32 Ergasii inni karaa baʼaatiin gara oobdii isa keessaatti na fide; innis balbala sana safare; safarri isaas safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture.
他引我到了面朝東的內院門樓,量了門樓,尺寸有如上述。
33 Safarri manneen waardiyyaa, kan utubaawwan isaatii fi kan gardaafoo isaa safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwaniin marfamanii turan. Innis dheerina dhundhuma shantamaa fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
守衛房、壁柱和走廊,尺寸有如上述;走廊四周也有窗戶。門樓長五十肘,寬二十五肘。
34 Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeen isaa bitaa mirgaan muka meexxiitiin faayeffamee ture; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan.
門廊面向外院;兩邊壁柱上也有棕櫚枝。上去的台階有八級。
35 Ergasii inni gara karra kaabaatti na fide; isas ni safare. Safarri isaas safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture.
他引我到了北門樓,量了門樓,尺寸有如上述。
36 Innis akkuma manneen waardiyyaa isaa, utubaawwan isaatii fi gardaafoo isaa foddaawwaniin marfamee ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
守衛房、壁柱和走廊,四周也有窗戶;門樓長五十肘,寬二十五肘。
37 Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeen isaa bitaa mirgaan muka meexxiitiin faayeffamee ture; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan.
門廊面向外院;兩邊壁柱上也有棕櫚枝。上去的台階有八級。
38 Kutaan balballi isaa gara gardaafoo karra sanatti baʼu tokko jira ture; innis lafa aarsaan gubamu itti miicamu ture.
在門樓的門廊兩旁,各有一間有門的廂房,在裏面洗滌全燔祭牲。
39 Gardaafoo karraa keessa karaa bitaa fi mirgaatiin minjaalota lama kanneen aarsaan gubamu, aarsaan cubbuutii fi aarsaan yakkaa irratti qalamutu ture.
在門廊兩邊,每邊有兩張桌子,在上面宰殺全燔祭、贖罪祭和贖過祭犧牲。
40 Gardaafoo karraa kan gara alaa jiru cina, gulantaawwan balbalaa kanneen ittiin gara karra kaabaa seenan bira minjaalota lamatu ture; gulantaawwan sana irraa qixa kaaniin minjaalota lamatu ture.
在登上門廊的入口處的北面,靠外的一面有兩張桌子,在門廊的另一面也有兩張桌子。
41 Kanaafuu karra sana irraa gara tokkoon minjaalota afur, gara kaaniin immoo minjaalota afur, walumatti minjaalota saddeeti kanneen aarsaan irratti qalamutu ture.
門樓旁邊,每邊有四張桌子,共八張,在上面宰殺祭牲。
42 Akkasumas minjaalota dhagaa soofame irraa aarsaa gubamuuf tolfaman afurtu ture; tokkoon tokkoon isaaniis dheerina dhundhuma tokkoo fi walakkaa, balʼina dhundhuma tokkoo fi walakkaatii fi ol dheerina dhundhuma tokkoo qabu ture. Isaan irras meeshaalee ittiin aarsaan gubamuu fi aarsaawwan biraa ittiin qalaman kaaʼamanii turan.
又有四張為全燔祭用的桌子,都是四方石頭砌成的:長一肘半,寬一肘半,高一肘;上面放宰殺全燔祭犧牲和其他祭牲的用具。
43 Hokkoowwan gaanfa lama lama qaban kanneen tokkoon tokkoon isaanii dheerina barruu harkaa tokko qaban itti qabsiifamanii turan. Minjaalonni sunis kan foon aarsaawwaniitiif qopheeffaman turan.
屋內四周釘有一掌長的掛鉤,桌上放有祭肉。
44 Balbala isa keessaa duubaan oobdii isa keessaa keessa dareewwan lamatu ture; tokko karaa balbala kaabaa gara kibbaatti garagaleera; tokko immoo karaa balbala kibbaa gara kaabaatti garagaleera.
他領我走到內院,看見在內院中,有兩座廂房:一座靠北門的廂房,面朝南;一座看南門的廂房,面朝北。
45 Innis akkana naan jedhe; “Dareen gara kibbaatti garagalee jiru luboota warra mana qulqullummaa keessatti ramadamaniifii dha;
他對我說:「那面朝南的廂房是為在殿內供職的司祭之用,
46 kan gara kaabaatti garagalee jiru immoo luboota warra iddoo aarsaatti ramadamaniifii dha. Warri kunneen ilmaan Zaadoq; kanneen Lewwota keessaa gara Waaqayyootti dhiʼaatanii fuula isaa dura tajaajilan isaan qofa.”
那面朝北的廂房是為在祭壇前供職的司祭之用,他們是肋未的後代中,走近祭壇供職的匝多克的子孫。」
47 Achii immoo oobdii safare; innis roga afur kan wal qixxee taʼee dheerinni isaa dhundhuma dhibba tokko, balʼinni isaas dhundhuma dhibba tokkoo ti. Iddoon aarsaas fuula mana qulqullummaa dura ture.
他量了庭院:長一百肘,寬一百肘,為四方形;在殿前有一祭壇。
48 Innis gara gardaafoo mana qulqullummaatti na fidee tuggeewwan gardaafoo sanaa safare; isaanis qixa lamaaniin dhundhuma shan shan babalʼatan ture. Balʼinni balbala isaa immoo dhundhuma kudha afur ture; keenyan isaas qixa lamaaniin dhundhuma sadii sadii babalʼata ture.
他領我進了聖殿的門廊,量了門廊的壁柱,兩邊各有五肘。門寬十四肘,牆壁每邊三肘。
49 Gardaafoon sun balʼinni isaa dhundhuma digdama, fuula isaa duraa hamma dugda duubaatti immoo dhundhuma kudha lama ture. Gulantaawwan gara mana qulqullummaatti geessan kudhanitu ture; qixa lamaaniinis tuggeewwan gurguddaan, tuggeewwan xixinnaa cina turan.
門廊長二十肘,寬十二肘;上去的台階有十級。靠著壁柱,有二柱,每邊一柱。

< Hisqiʼeel 40 >