< Hisqiʼeel 4 >
1 “Yaa ilma namaa, gabatee suphee tokko fuudhii fuula kee dura kaaʼiitii kaartaa magaalaa Yerusaalem irratti kaasi.
“Mwanadamu, sasa chukua tofali, uliweke mbele yako na uchore juu yake ramani ya mji wa Yerusalemu.
2 Ergasii waan ittiin marsan itti ijaari; dallaa dhagaatiin ishee marsi; kaabii itti naannessii tuuli; waan ittiin dallaa dhagaa jigsanis itti marsii kaaʼi.
Kisha uuzingire: Simamisha askari dhidi yake kuuzunguka, uzunguke kwa majeshi, weka kambi dhidi yake pande zote pamoja na magogo ya kubomolea boma vitani.
3 Eelee sibiilaa fuudhiitii akka dallaa sibiilaatti siʼii fi magaalattii gidduu dhaabi; fuula kees gara isheetti deebifadhu; magaalattiin ni marfamti; atis ishee marsita. Kunis mana Israaʼeliif mallattoo ni taʼa.
Kisha chukua bamba la chuma, ukalisimamishe liwe kama ukuta wa chuma kati yako na huo mji, nawe uuelekeze uso wako. Huo mji utakuwa katika hali ya kuzingirwa, nawe utauzingira. Hii itakuwa ishara kwa nyumba ya Israeli.
4 “Ergasii cinaacha bitaatiin ciisiitii cubbuu mana Israaʼel of irra kaaʼi. Guyyaa cinaacha keetiin ciifte sana hundas ati cubbuu isaanii ni baatta.
“Kisha ulale kwa upande wako wa kushoto na uweke dhambi za nyumba ya Israeli juu yake. Utazibeba dhambi zao kwa idadi ya siku utakazolala kwa huo upande mmoja.
5 Ani baayʼina waggoota isaan itti cubbuu hojjetan sanaa akka guyyootaatti ramadee siif kenneera. Kanaafuu ati cubbuu mana Israaʼel guyyaa 390 ni baatta.
Nimekupangia idadi ya siku kama miaka ya dhambi yao. Kwa hiyo kwa siku 390 utabeba dhambi za nyumba ya Israeli.
6 “Ati erga waan kana fixxee booddee amma illee ciisi; yeroo kana immoo cinaacha kee kan mirgaatiin ciisiitii cubbuu mana Yihuudaa baadhu. Anis tokkoo tokkoo waggaatiif guyyaa tokko tokko ramadee, guyyaa 40 siif kenneera.
“Baada ya kumaliza hili, lala chini tena, wakati huu ulale chini kwa upande wa kuume, uchukue dhambi za nyumba ya Yuda. Nimekupangia siku arobaini, siku moja kwa kila mwaka mmoja.
7 Fuula kee gara marfama Yerusaalemitti deebifadhuutii irree qullaadhaan isheetti raajii dubbadhu.
Geuza uso wako uelekeze kwenye kuzingirwa kwa Yerusalemu na mkono wako ambao haukuvikwa nguo tabiri dhidi yake.
8 Hamma ati guyyoota marfama keetii fixattutti akka ati cinaacha tokko irraa gara cinaacha kaaniitti hin garagalleef ani funyoodhaan sin hidha.
Nitakufunga kwa kamba ili usiweze kugeuka kutoka upande mmoja hadi upande mwingine, mpaka hapo utakapokuwa umetimiza siku za kuzingirwa kwako.
9 “Qamadii fi garbuu, baaqelaa fi misira, bisingaa fi honborii fuudhii okkotee keessa kaaʼadhuutii ittiin buddeena tolfadhu. Buddeena kanas yeroo guyyoota 390 cinaacha keetiin ciiftutti nyaatta.
“Chukua ngano na shayiri, maharagwe na dengu, mtama na mawele, uviweke na kuvihifadhi vyote kwenye gudulia la kuhifadhia, na uvitumie kujitengenezea mkate. Utaula mkate huo kwa hizo siku 390 utakazokuwa umelala kwa upande mmoja.
10 Ati akka guyyaa guyyaan nyaattuuf nyaata saqilii digdama madaali; isas yeroo murteeffametti nyaadhu.
Pima shekeli ishirini za chakula utakachokula kwa kila siku, nawe utakula kwa wakati uliopangwa.
11 Akkasuma bishaan safartuu iinii tokko harka jaʼa keessaa harka tokko safariitii yeroo murteeffametti dhugi.
Pia pima maji moja ya sita ya hini, nawe utakunywa kwa wakati uliopangwa.
12 Nyaata sanas akkuma Maxinoo garbuu nyaattutti nyaadhu; isas udaan namaa bobeesiitii Maxinoo tolchi.”
Nawe utakula chakula kama vile ambavyo ungekula mkate wa shayiri, uoke mkate mbele ya macho ya watu, ukitumia kinyesi cha mwanadamu.”
13 Waaqayyos “Haala kanaan ijoolleen Israaʼel saboota ani itti isaan bittinneessu keessatti nyaata xuraaʼaa nyaatu” jedhe.
Bwana akasema, “Hivi ndivyo watu wa Israeli watakavyokula chakula kilicho najisi miongoni mwa mataifa ninakowapeleka.”
14 Anis akkanan jedhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa akkana miti! Ani takkumaa of xureessee hin beeku. Ijoollummaa kootii jalqabee hamma ammaatti takkumaa waan ofiin duʼe yookaan waan bineensi ajjeese nyaadhee hin beeku. Foon qulqulluu hin taʼin gonkumaa afaan koo seenee hin beeku.”
Ndipo nikasema, “Sivyo Bwana Mwenyezi! Kamwe mimi sijajitia unajisi. Tangu ujana wangu hadi sasa sijala kamwe kitu chochote kilichokufa au kilichoraruliwa na wanyama wa mwituni. Hakuna nyama yeyote najisi iliyoingia kinywani mwangu.”
15 Innis, “Kun gaarii dha; ani akka ati qooda udaan namaatiin buddeena kee tolfattu akka dikee saʼaatiin tolfattu siifin eeyyama” naan jedhe.
Akasema, “Vema sana, basi nitakuruhusu uoke mkate wako kwa kutumia kinyesi cha ngʼombe badala ya kinyesi cha mwanadamu.”
16 Innis ittuma fufee akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa ani madda nyaata Yerusaalem nan gogsa; uummanni nyaata safarame yaaddoodhaan nyaata; bishaan safarames sodaadhaan dhuga;
Ndipo Mungu akaniambia, “Mwanadamu, mimi nitakatilia mbali upatikanaji wa chakula katika Yerusalemu. Watu watakula chakula cha kupimwa kwa wasiwasi pamoja na maji ya kupimiwa kwa kukata tamaa,
17 hanqinni midhaaniitii fi bishaanii ni jiraataatii. Isaanis naasuudhaan wal ilaalu; sababii cubbuu isaaniitiinis ni badu.
kwa kuwa chakula na maji vitakuwa adimu. Watastajabiana kila mmoja, nao watadhoofika kwa sababu ya dhambi yao.