< Hisqiʼeel 4 >

1 “Yaa ilma namaa, gabatee suphee tokko fuudhii fuula kee dura kaaʼiitii kaartaa magaalaa Yerusaalem irratti kaasi.
너 인자야! 박석을 가져다가 네 앞에 놓고 한 성읍 곧 예루살렘을 그 위에 그리고
2 Ergasii waan ittiin marsan itti ijaari; dallaa dhagaatiin ishee marsi; kaabii itti naannessii tuuli; waan ittiin dallaa dhagaa jigsanis itti marsii kaaʼi.
그 성읍을 에워싸되 운제를 세우고 토둔을 쌓고 진을 치고 공성퇴를 둘러 세우고
3 Eelee sibiilaa fuudhiitii akka dallaa sibiilaatti siʼii fi magaalattii gidduu dhaabi; fuula kees gara isheetti deebifadhu; magaalattiin ni marfamti; atis ishee marsita. Kunis mana Israaʼeliif mallattoo ni taʼa.
또 전철을 가져다가 너와 성읍 사이에 두어 철성을 삼고 성을 향하여 에워싸는 것처럼 에워싸라 이것이 이스라엘 족속에게 징조가 되리라
4 “Ergasii cinaacha bitaatiin ciisiitii cubbuu mana Israaʼel of irra kaaʼi. Guyyaa cinaacha keetiin ciifte sana hundas ati cubbuu isaanii ni baatta.
너는 또 좌편으로 누워 이스라엘 족속의 죄악을 당하되 네 눕는 날 수대로 그 죄악을 담당할지니라
5 Ani baayʼina waggoota isaan itti cubbuu hojjetan sanaa akka guyyootaatti ramadee siif kenneera. Kanaafuu ati cubbuu mana Israaʼel guyyaa 390 ni baatta.
내가 그들의 범죄한 햇수대로 네게 날수를 정하였나니 곧 삼백 구십일이니라 너는 이렇게 이스라엘 족속의 죄악을 담당하고
6 “Ati erga waan kana fixxee booddee amma illee ciisi; yeroo kana immoo cinaacha kee kan mirgaatiin ciisiitii cubbuu mana Yihuudaa baadhu. Anis tokkoo tokkoo waggaatiif guyyaa tokko tokko ramadee, guyyaa 40 siif kenneera.
그 수가 차거든 너는 우편으로 누워 유다 족속의 죄악을 담당하라 내가 네게 사십일로 정하였나니 일일이 일년이니라
7 Fuula kee gara marfama Yerusaalemitti deebifadhuutii irree qullaadhaan isheetti raajii dubbadhu.
너는 또 에워싼 예루살렘을 향하여 팔을 벗어메고 예언하라
8 Hamma ati guyyoota marfama keetii fixattutti akka ati cinaacha tokko irraa gara cinaacha kaaniitti hin garagalleef ani funyoodhaan sin hidha.
내가 줄로 너를 동이리니 네가 에워싸는 날이 맞도록 몸을 이리 저리 돌리지 못하리라
9 “Qamadii fi garbuu, baaqelaa fi misira, bisingaa fi honborii fuudhii okkotee keessa kaaʼadhuutii ittiin buddeena tolfadhu. Buddeena kanas yeroo guyyoota 390 cinaacha keetiin ciiftutti nyaatta.
너는 말과, 보리와, 콩과, 팥과, 조와, 귀리를 가져다가 한 그릇에 담고 떡을 만들어 네 모로 눕는 날수 곧 삼백 구십일에 먹되
10 Ati akka guyyaa guyyaan nyaattuuf nyaata saqilii digdama madaali; isas yeroo murteeffametti nyaadhu.
너는 식물을 달아서 하루 이십 세겔 중씩 때를 따라 먹고
11 Akkasuma bishaan safartuu iinii tokko harka jaʼa keessaa harka tokko safariitii yeroo murteeffametti dhugi.
물도 힌 육분 일씩 되어서 때를 따라 마시라
12 Nyaata sanas akkuma Maxinoo garbuu nyaattutti nyaadhu; isas udaan namaa bobeesiitii Maxinoo tolchi.”
너는 그것을 보리떡처럼 만들어 먹되 그들의 목전에서 인분 불을 피워 구울지니라
13 Waaqayyos “Haala kanaan ijoolleen Israaʼel saboota ani itti isaan bittinneessu keessatti nyaata xuraaʼaa nyaatu” jedhe.
여호와께서 또 가라사대 내가 열국으로 쫓아 흩을 이스라엘 자손이 거기서 이와 같이 부정한 떡을 먹으리라 하시기로
14 Anis akkanan jedhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa akkana miti! Ani takkumaa of xureessee hin beeku. Ijoollummaa kootii jalqabee hamma ammaatti takkumaa waan ofiin duʼe yookaan waan bineensi ajjeese nyaadhee hin beeku. Foon qulqulluu hin taʼin gonkumaa afaan koo seenee hin beeku.”
내가 가로되 오호라! 주 여호와여! 나는 영혼을 더럽힌 일이 없었나이다 어려서부터 지금까지 스스로 죽은 것이나 짐승에게 찢긴 것을 먹지 아니하였고 가증한 고기를 입에 넣지 아니하였나이다
15 Innis, “Kun gaarii dha; ani akka ati qooda udaan namaatiin buddeena kee tolfattu akka dikee saʼaatiin tolfattu siifin eeyyama” naan jedhe.
여호와께서 내게 이르시되 쇠똥으로 인분을 대신하기를 허하노니 너는 그것으로 떡을 구울지니라
16 Innis ittuma fufee akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa ani madda nyaata Yerusaalem nan gogsa; uummanni nyaata safarame yaaddoodhaan nyaata; bishaan safarames sodaadhaan dhuga;
또 내게 이르시되 인자야 내가 예루살렘에서 의뢰하는 양식을 끊으리니 백성이 경겁 중에 떡을 달아 먹고 민답 중에 물을 되어 마시다가
17 hanqinni midhaaniitii fi bishaanii ni jiraataatii. Isaanis naasuudhaan wal ilaalu; sababii cubbuu isaaniitiinis ni badu.
떡과 물이 결핍하여 피차에 민답하여 하며 그 죄악 중에서 쇠패하리라

< Hisqiʼeel 4 >