< Hisqiʼeel 39 >

1 “Yaa ilma namaa, Googiin mormuudhaan raajii dubbadhu; akkanas jedhi: ‘Waaqayyo gooftaan akkana jedha: Yaa Goog, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaal ani sitti kaʼeera.
ואתה בן אדם הנבא על גוג ואמרת כה אמר אדני יהוה הנני אליך גוג--נשיא ראש משך ותבל
2 Ani dugda duubatti si deebisee gara fuula duraatti sin oofa. Ani kaaba fagootii si fidee tulluuwwan Israaʼelitti sin erga.
ושבבתיך וששאתיך והעליתיך מירכתי צפון והבאותך על הרי ישראל
3 Ergasii ani harka kee bitaa irraa iddaa kee dhaʼee harka kee mirgaa irraa immoo akka xiyyi kee buʼu nan godha.
והכיתי קשתך מיד שמאולך וחציך מיד ימינך אפיל
4 Atii fi loltoonni kee hundi, saboonni si wajjin jiranis tulluuwwan Israaʼel irratti ni kuftu. Ani allaattii raqaa kan gosa hundaatii fi bineensota bosonaatiif nyaata godhee sin kenna.
על הרי ישראל תפול אתה וכל אגפיך ועמים אשר אתך לעיט צפור כל כנף וחית השדה נתתיך לאכלה
5 Ati dirree duwwaa irratti ni kufta; ani dubbadheeraatii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
על פני השדה תפול כי אני דברתי נאם אדני יהוה
6 Ani Maagoogii fi warra qarqara galaanaa irra nagaadhaan jiraatanitti ibidda nan erga; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
ושלחתי אש במגוג ובישבי האיים לבטח וידעו כי אני יהוה
7 “‘Ani akka saba koo Israaʼel gidduutti maqaan koo qulqulluun sun beekamu nan godha. Siʼachi akka maqaan koo qulqulluun sun xuraaʼu hin godhu; saboonnis akka ani Waaqayyo Qulqullicha Israaʼel taʼe ni beeku.
ואת שם קדשי אודיע בתוך עמי ישראל ולא אחל את שם קדשי עוד וידעו הגוים כי אני יהוה קדוש בישראל
8 Kunoo, wanni kun dhufaa jira! Dhugumaanis ni taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan. Guyyaan ani jedhes kanaa dha.
הנה באה ונהיתה נאם אדני יהוה הוא היום אשר דברתי
9 “‘Ergasii warri magaalaawwan Israaʼel keessa jiraatan baʼanii miʼa lolaa jechuunis gaachanawwan xixinnaa fi gurguddaa, iddaa fi xiyya, bokkuu lolaatii fi eeboo qoraan godhatanii bobeeffatu. Waggaa torbaafis akka qoraaniitti itti fayyadamu.
ויצאו ישבי ערי ישראל ובערו והשיקו בנשק ומגן וצנה בקשת ובחצים ובמקל יד וברמח ובערו בהם אש שבע שנים
10 Isaan sababii meeshaalee waraanaa qoraan godhatanii itti fayyadamaniif, dirreedhaa qoraan funaanuun yookaan bosona keessaa qoraan cabsuun isaan hin barbaachisu. Isaan warra isaan saaman ni saamu; warra isaan boojiʼanis ni boojiʼu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
ולא ישאו עצים מן השדה ולא יחטבו מן היערים--כי בנשק יבערו אש ושללו את שלליהם ובזזו את בזזיהם--נאם אדני יהוה
11 “‘Ani gaafas Israaʼel keessaa sulula karaa deemtotaa kan gama baʼa Galaanaatiin jiru sana keessatti Googiif lafa awwaalaa nan kenna. Sababii Googii fi tuunni isaa hundi achitti awwaalamaniif daandii imaltootaa ni cufu. Kanaafuu inni Sulula Hamoon Goog jedhamee waamama.
והיה ביום ההוא אתן לגוג מקום שם קבר בישראל גי העברים קדמת הים וחסמת היא את העברים וקברו שם את גוג ואת כל המונה וקראו גיא המון גוג
12 “‘Manni Israaʼelis biyyattii qulqulleessuuf jedhanii jiʼa torba guutuu isaan awwaalu.
וקברום בית ישראל למען טהר את הארץ שבעה חדשים
13 Namoonni biyyattii hundi isaan awwaalu; guyyaan ani itti ulfaadhus guyyaa yaadannoo isaaniif taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
וקברו כל עם הארץ והיה להם לשם--יום הכבדי נאם אדני יהוה
14 “‘Namoonnis akka biyyattii qulqulleessaniif yeroo yerootti ni qaxaramu. Namoonni tokko tokko guutummaa biyyattii keessa deemu; kaan immoo warra utuu hin awwaalamin hafan awwaalu. Dhuma jiʼa torbaffaattis sakattaʼuu jalqabu.
ואנשי תמיד יבדילו עברים בארץ מקברים את העברים את הנותרים על פני הארץ לטהרה--מקצה שבעה חדשים יחקרו
15 Yommuu isaan biyya keessa deemanitti namni lafee namaa arge kam iyyuu mallattoo itti godha; kunis hamma warri awwaala qotan sun Sulula Hamoon Googiitti awwaalanitti taʼa.
ועברו העברים בארץ וראה עצם אדם ובנה אצלו ציון--עד קברו אתו המקברים אל גיא המון גוג
16 Magaalaan Hamoonaa jedhamtu tokko achi jirti; isaan akkasiin biyya sana qulqulleessu.’
וגם שם עיר המונה וטהרו הארץ
17 “Yaa ilma namaa, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Simbirroo gosa hundaa fi bineensota bosonaa hundatti dubbadhu; akkanas jedhiin: ‘Naannoo hundaa walitti qabamaatii gara aarsaa ani isiniif qopheessuu, aarsaa guddicha tulluuwwan Israaʼel irratti dhiʼaatu biratti wal gaʼaa. Achittis foon nyaattu; dhiigas ni dhugdu.
ואתה בן אדם כה אמר אדני יהוה אמר לצפור כל כנף ולכל חית השדה הקבצו ובאו האספו מסביב על זבחי אשר אני זבח לכם זבח גדול על הרי ישראל ואכלתם בשר ושתיתם דם
18 Akka waan isaan korbeeyyii fi xobbaallaa hoolaa, reʼootaa fi jiboota taʼaniitti, isin foon namoota jajjaboo ni nyaattu; dhiiga bulchitoota lafaas ni dhugdu; hundi isaaniis horii Baashaan kanneen coomanii dha.
בשר גבורים תאכלו ודם נשיאי הארץ תשתו אילים כרים ועתודים פרים מריאי בשן כלם
19 Aarsaa ani isiniif qopheessu irratti hamma quuftanitti cooma nyaattu; hamma machooftanitti illee dhiiga dhugdu.
ואכלתם חלב לשבעה ושתיתם דם לשכרון מזבחי אשר זבחתי לכם
20 Maaddii koo irraas hamma quuftanitti fardeenii fi warra fardeen yaabbatan, namoota jajjaboo fi loltoota gosa hundaa ni nyaattu’ jedha Waaqayyo Gooftaan.
ושבעתם על שלחני סוס ורכב גבור וכל איש מלחמה--נאם אדני יהוה
21 “Ani saboota gidduutti ulfina koo nan argisiisa; saboonni hundi adabbii ani isaan adabee fi harka koo kan ani isaan irra kaaʼe sana ni argu.
ונתתי את כבודי בגוים וראו כל הגוים את משפטי אשר עשיתי ואת ידי אשר שמתי בהם
22 Gaafa sanaa jalqabees manni Israaʼel akka ani Waaqayyo Waaqa isaa taʼe ni beeka.
וידעו בית ישראל כי אני יהוה אלהיהם מן היום ההוא והלאה
23 Saboonnis akka uummanni Israaʼel sababii cubbuu anaaf amanamuu diduu isaaniitiin hojjetan sanaatiif boojiʼaman ni beeku. Kanaafuu ani fuula koo isaan irraa garagalfadhee diinota isaaniitti dabarsee isaan kenne; hundi isaanis goraadeedhaan dhuman.
וידעו הגוים כי בעונם גלו בית ישראל על אשר מעלו בי ואסתר פני מהם ואתנם ביד צריהם ויפלו בחרב כלם
24 Ani akkuma xuraaʼummaa isaaniittii fi yakka isaaniittis waan kana isaanitti nan fide; fuula koos isaan duraa dhokfadhe.
כטמאתם וכפשעיהם עשיתי אתם ואסתר פני מהם
25 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaaqoobin boojuudhaa nan deebisa; uummata Israaʼel hundaaf garaa nan laafa; maqaa koo qulqullichaafis nan hinaafa.
לכן כה אמר אדני יהוה עתה אשיב את שבית (שבות) יעקב ורחמתי כל בית ישראל וקנאתי לשם קדשי
26 Isaan yeroo utuu namni tokko iyyuu isaan hin sodaachisin nagaadhaan biyya isaanii keessa jiraatanitti qaanii isaaniitii fi naaf amanamuu diduu isaanii hunda ni irraanfatu.
ונשו את כלמתם ואת כל מעלם אשר מעלו בי--בשבתם על אדמתם לבטח ואין מחריד
27 Ani yeroon saboota keessaa isaan deebisee biyyoota diinota isaanii keessaa walitti isaan qabutti, qulqulluu taʼuu koo karaa isaaniitiin fuula saboota baayʼee duratti nan argisiisa.
בשובבי אותם מן העמים וקבצתי אתם מארצות איביהם ונקדשתי בם לעיני הגוים רבים
28 Ani akka isaan boojiʼamanii saboota gidduu jiraataniif isaan ergu iyyuu, utuu tokkoo isaanii illee duubatti hin hambisin biyya isaanii keessatti walitti isaan nan qaba; ergasiis isaan akka ani Waaqayyo Waaqa isaanii taʼe ni beeku.
וידעו כי אני יהוה אלהיהם בהגלותי אתם אל הגוים וכנסתים על אדמתם ולא אותיר עוד מהם שם
29 Siʼachi ani fuula koo isaan duraa hin dhokfadhu; ani Hafuura koo mana Israaʼel irratti nan dhangalaasaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
ולא אסתיר עוד פני מהם אשר שפכתי את רוחי על בית ישראל נאם אדני יהוה

< Hisqiʼeel 39 >