< Hisqiʼeel 37 >
1 Harki Waaqayyoo narra ture; innis Hafuura Waaqayyootiin na fuudhee, walakkaa sululaa na dhaabe; sululli sunis lafeewwaniin guutamee ture.
Mkono wa Bwana ulikuwa juu yangu, naye akanitoa nje kwa Roho wa Bwana na kuniweka katikati ya bonde lililokuwa limejaa mifupa tele.
2 Isaan gidduus asii fi achi na deddeebise; anis lafeewwan akka malee baayʼee kanneen akka malee goggogan lafa sululaa irratti nan arge.
Akanipitisha pande zote kwenye hiyo mifupa, nami nikaona mifupa mingi sana ndani ya lile bonde, mifupa iliyokuwa imekauka sana.
3 Innis, “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen jiraachuu dandaʼuu?” jedhee na gaafate. Ani immoo, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, si qofatu beeka” nan jedhe.
Akaniuliza, “Mwanadamu, mifupa hii yaweza kuishi?” Nikajibu, “Ee Bwana Mwenyezi, wewe peke yako wajua.”
4 Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Lafeewwan kanneenitti raajiitii akkana jedhiin; ‘Yaa lafeewwan goggogoo, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa!
Ndipo akaniambia, “Itabirie mifupa hii na uiambie, ‘Enyi mifupa mikavu, sikieni neno la Bwana!
5 Waaqayyo Gooftaan lafeewwan kanneeniin akkana jedha: Ani hafuura isinitti nan galcha; isinis lubbuudhaan ni jiraattu.
Hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo kwa hii mifupa: Nitatia pumzi ndani yenu, nanyi mtaishi.
6 Ribuu isinitti nan baasa; akka foon isinitti baʼu nan godha; gogaas isinitti nan uffisa; hafuuras isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan ni jiraattu. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’”
Nitawawekea mishipa, nami nitaifanya nyama ije juu yenu na kuwafunika kwa ngozi. Nitatia pumzi ndani yenu, nanyi mtakuwa hai. Ndipo mtakapojua kuwa Mimi ndimi Bwana.’”
7 Kanaafuu ani akkuman ajajametti raajii nan dubbadhe. Utuma ani raajii dubbachaa jiruus sagaleen tokko dhagaʼame; lafeewwanis walitti dhufan; lafeenis lafeetti maxxane.
Basi nikatabiri kama nilivyoamriwa. Wakati nilipokuwa ninatabiri, kukawa na sauti, sauti ya kugongana, nayo mifupa ikasogeleana, mfupa kwa mfupa mwenziwe.
8 Yeroo ani isaan ilaaletti, kunoo ribuun isaanitti baʼee ture; foonis isaan irra ture; gogaas uffatanii turan; hafuurri garuu isaan keessa hin jiru ture.
Nikatazama, mishipa na nyama vikatokea juu ya mifupa na ngozi ikaifunika, lakini hapakuwepo pumzi ndani yake.
9 Ergasii inni akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, bubbeetti raajii dubbadhu; akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa bubbee, bubbeewwan afran irraa kottu; akka isaan lubbuudhaan jiraataniif warra gorraʼaman kanneenitti bubbisi.’”
Ndipo aliponiambia, “Utabirie upepo, tabiri, mwanadamu na uuambie, ‘Hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Njoo kutoka pande nne, ee pumzi, nawe upulizie pumzi ndani ya hawa waliouawa, ili wapate kuishi.’”
10 Kanaafuu ani akkuma inni na ajajetti raajii nan dubbadhe; hafuurris isaanitti gale; isaanis lubbuu horatanii miilla isaaniitiin kaʼanii dhadhaabatan; isaanis raayyaa guddaa turan.
Hivyo nikatabiri kama alivyoniamuru, nayo pumzi ikawaingia, wakawa hai na wakasimama kwa miguu yao, jeshi kubwa mno.
11 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen guutummaa mana Israaʼeli. Jarris, ‘Lafeewwan keenya goggoganiiru; nu abdii hin qabnu; cinneerras’ jedhu.
Ndipo akaniambia: “Mwanadamu, mifupa hii ni nyumba yote ya Israeli. Nao wanasema, ‘Mifupa yetu imekauka na tumaini letu limetoweka, tumekatiliwa mbali.’
12 Kanaafuu raajii dubbadhuuttii akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa saba koo ani awwaala kee banee isa keessaa sin baasa; ani biyya Israaʼelitti deebisee sin fida.
Hivyo watabirie na uwaambie: ‘Hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Enyi watu wangu, nitayafunua makaburi yenu na kuwatoa ndani yake, nami nitawarudisha tena katika nchi ya Israeli.
13 Isinis yaa saba ko, yeroo ani awwaala keessan banee isa keessaa isin baasutti, akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
Ndipo ninyi watu wangu, mtakapojua kuwa Mimi ndimi Bwana, nitakapoyafunua makaburi yenu na kuwatoa humo.
14 Ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan jiraattu; ani biyyuma keessan keessa isinan qubachiisa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo dubbadhee hojjedhe ni beektu, jedha Waaqayyo.’”
Nitatia Roho yangu ndani yenu nanyi mtaishi, nami nitawakalisha katika nchi yenu wenyewe. Ndipo mtakapojua kwamba Mimi Bwana nimenena, nami nitalitenda, asema Bwana!’”
15 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
Neno la Bwana likanijia kusema:
16 “Yaa ilma namaa, ulee mukaa tokko fuudhiitii, ‘Kan Yihuudaatii fi kan Israaʼeloota isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi. Ulee mukaa kan biraas fuudhiitii, ‘Ulee Efreem, kan Yoosefii fi kan guutummaa mana Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi.
“Mwanadamu, chukua fimbo na uandike juu yake, ‘Hii ni kwa ajili ya Yuda na Waisraeli waliofungamana naye.’ Kisha chukua fimbo nyingine, uandike juu yake, ‘Fimbo ya Efraimu, ni kwa ajili ya Yosefu na nyumba yote ya Israeli wanaofungamana naye.’
17 Akka isaan harka kee keessatti tokko taʼaniif uleewwan sana walitti qabsiis.
Ziunganishe pamoja kuwa fimbo moja ili kwamba ziwe fimbo moja katika mkono wako.
18 “Yommuu namoonni biyya keetii, ‘Kun maal jechuu kee akka taʼe nutti hin himtuu?’ jedhanii si gaafatanitti,
“Watu wako watakapokuuliza, ‘Je, hutatuambia ni nini maana ya jambo hili?’
19 akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani ulee Yoosef kan harka Efreem jiru kan gosoota Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii, ulee Yihuudaa wajjin walitti qabsiisee ulee mukaa tokko nan godha; isaanis harka koo keessatti tokko ni taʼu.’
Waambie, ‘Hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Nitaichukua fimbo ya Yosefu, iliyoko mikononi mwa Efraimu na ya makabila ya Israeli yanayofungamana naye na kuiunganisha na fimbo ya Yuda, nikizifanya kuwa fimbo moja, nao watakuwa wamoja katika mkono wangu.’
20 Fuula isaanii durattis uleewwan isaan irratti barreessite sana harkatti qabadhuutii
Inua mbele ya macho yao zile fimbo ulizoziandika
21 akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani saboota isaan keessa turan keessaa Israaʼeloota nan baasa. Qixa hundaa walitti isaan qabee biyya isaaniitti isaan nan galcha.
kisha waambie, ‘Hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Nitawatoa Waisraeli katika mataifa walikokuwa wamekwenda. Nitawakusanya popote walipo na kuwarudisha katika nchi yao wenyewe.
22 Ani tulluuwwan Israaʼel irratti, biyyattii keessatti saba tokko isaan nan godha. Isaan hunda irratti mootii tokkotu moʼa; isaanis gonkumaa deebiʼanii saboota lama hin taʼan yookaan mootummaan isaanii iddoo lamatti hin qoodamu.
Nitawafanya kuwa taifa moja katika nchi, katika milima ya Israeli. Patakuwa na mfalme mmoja juu yao wote na kamwe hawatagawanyika tena kuwa mataifa mawili au kugawanyika katika falme mbili.
23 Isaan siʼachi waaqota isaanii tolfamoodhaa fi fakkiiwwan faayidaa hin qabneen yookaan balleessaa isaanii kamiin iyyuu of hin xureessan; ani cubbuudhaan dugda duubatti mucucaachuu isaanii hunda irraa deebisee isaan nan qulqulleessaatii. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa.
Hawatajitia tena unajisi kwa sanamu zao na vinyago vyao visivyo na maana wala kwa makosa yao yoyote, kwa maana nitawaokoa kutoka dhambi zao zote zilizowarudisha nyuma, nami nitawatakasa. Wao watakuwa watu wangu, nami nitakuwa Mungu wao.
24 “‘Daawit garbichi koo isaan irratti mootii ni taʼa; isaan hundis tiksitee tokko ni qabaatu. Isaan seera koo duukaa ni buʼu; sirna koos of eeggannaadhaan ni eegu.
“‘Mtumishi wangu Daudi atakuwa mfalme juu yao, nao wote watakuwa na mchungaji mmoja. Watafuata sheria zangu na kuzishika amri zangu kwa uangalifu.
25 Isaan biyya abbootiin keessan jiraatan, biyya ani Yaaqoobiif kenne keessa ni jiraatu. Isaanii fi ijoolleen isaanii, ijoolleen ijoollee isaaniis bara baraan achi ni jiraatu; Daawit garbichi koos bara baraan bulchaa isaanii ni taʼa.
Wataishi katika nchi niliyompa mtumishi wangu Yakobo, nchi ambamo baba zenu waliishi. Wao na watoto wao na watoto wa watoto wao wataishi humo milele, naye Daudi mtumishi wangu atakuwa mkuu wao milele.
26 Ani isaan wajjin kakuu nagaa nan seena; kakuun kunis kakuu bara baraa ni taʼa. Ani jabeessee isaan nan dhaaba; lakkoobsa isaaniis nan baayʼisa; gidduu isaaniittis iddoo qulqulluu koo bara baraan nan dhaaba.
Nitafanya nao Agano la amani, litakuwa Agano la milele. Nitawafanya imara na kuongeza idadi yao, nami nitaweka mahali patakatifu pangu miongoni mwao milele.
27 Iddoon jireenya koo isaan bira taʼa; ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.
Maskani yangu yatakuwa pamoja nao, nitakuwa Mungu wao, nao watakuwa watu wangu.
28 Ergasii yommuu iddoon qulqulluun koo bara baraan isaan gidduu jiraatutti, akka ani Waaqayyo Israaʼelin qulqulleessu saboonni ni beeku.’”
Ndipo mataifa watakapojua kwamba Mimi Bwana ndiye ninayeifanya Israeli kuwa takatifu, wakati mahali patakatifu pangu patakapokuwa miongoni mwao milele.’”