< Hisqiʼeel 37 >
1 Harki Waaqayyoo narra ture; innis Hafuura Waaqayyootiin na fuudhee, walakkaa sululaa na dhaabe; sululli sunis lafeewwaniin guutamee ture.
Herrens hånd kom over mig, og Herren førte mig i ånden ut og satte mig ned midt i dalen, og den var full av ben.
2 Isaan gidduus asii fi achi na deddeebise; anis lafeewwan akka malee baayʼee kanneen akka malee goggogan lafa sululaa irratti nan arge.
Og han førte mig rundt omkring dem, og jeg så at de lå der i store mengder utover dalen, og de var aldeles tørre.
3 Innis, “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen jiraachuu dandaʼuu?” jedhee na gaafate. Ani immoo, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, si qofatu beeka” nan jedhe.
Og han sa til mig: Menneskesønn! Skal disse ben bli levende? Jeg svarte: Herre, Israels Gud, du vet det!
4 Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Lafeewwan kanneenitti raajiitii akkana jedhiin; ‘Yaa lafeewwan goggogoo, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa!
Da sa han til mig: Spå om disse ben og si til dem: I tørre ben, hør Herrens ord!
5 Waaqayyo Gooftaan lafeewwan kanneeniin akkana jedha: Ani hafuura isinitti nan galcha; isinis lubbuudhaan ni jiraattu.
Så sier Herren, Israels Gud, til disse ben: Se, jeg lar det komme livsånde i eder, og I skal bli levende.
6 Ribuu isinitti nan baasa; akka foon isinitti baʼu nan godha; gogaas isinitti nan uffisa; hafuuras isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan ni jiraattu. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’”
Jeg vil legge sener på eder og la det komme kjøtt på eder og dekke eder med hud og gi livsånde i eder, og I skal bli levende; og I skal kjenne at jeg er Herren.
7 Kanaafuu ani akkuman ajajametti raajii nan dubbadhe. Utuma ani raajii dubbachaa jiruus sagaleen tokko dhagaʼame; lafeewwanis walitti dhufan; lafeenis lafeetti maxxane.
Og jeg spådde således som det var befalt mig, og mens jeg spådde, hørtes det en sterk lyd; det blev et bulder, og benene nærmet sig til hverandre.
8 Yeroo ani isaan ilaaletti, kunoo ribuun isaanitti baʼee ture; foonis isaan irra ture; gogaas uffatanii turan; hafuurri garuu isaan keessa hin jiru ture.
Og jeg så, og se, det kom sener og kjøtt på dem, og ovenpå det drog det sig hud over dem; men livsånde var det ikke i dem.
9 Ergasii inni akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, bubbeetti raajii dubbadhu; akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa bubbee, bubbeewwan afran irraa kottu; akka isaan lubbuudhaan jiraataniif warra gorraʼaman kanneenitti bubbisi.’”
Da sa han til mig: Spå og tal til livsånden! Spå, menneskesønn, og si til livsånden: Så sier Herren, Israels Gud: Kom du livsånde fra de fire vinder og blås på disse drepte menn, så de kan bli levende!
10 Kanaafuu ani akkuma inni na ajajetti raajii nan dubbadhe; hafuurris isaanitti gale; isaanis lubbuu horatanii miilla isaaniitiin kaʼanii dhadhaabatan; isaanis raayyaa guddaa turan.
Og jeg spådde således som han hadde befalt mig, og livsånden kom i dem, og de blev levende og stod op på sine føtter, en meget, meget stor hær.
11 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen guutummaa mana Israaʼeli. Jarris, ‘Lafeewwan keenya goggoganiiru; nu abdii hin qabnu; cinneerras’ jedhu.
Og han sa til mig: Menneskesønn! Disse ben er hele Israels hus. Se, de sier: Våre ben er fortørket, og vårt håp er gått til grunne; vi er fortapt.
12 Kanaafuu raajii dubbadhuuttii akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa saba koo ani awwaala kee banee isa keessaa sin baasa; ani biyya Israaʼelitti deebisee sin fida.
Spå derfor og si til dem: Så sier Herren, Israels Gud: Se, jeg åpner eders graver og lar eder, mitt folk, stige op av eders graver, og jeg fører eder til Israels land.
13 Isinis yaa saba ko, yeroo ani awwaala keessan banee isa keessaa isin baasutti, akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
Og I skal kjenne at jeg er Herren, når jeg åpner eders graver og lar eder, mitt folk, stige op av eders graver.
14 Ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan jiraattu; ani biyyuma keessan keessa isinan qubachiisa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo dubbadhee hojjedhe ni beektu, jedha Waaqayyo.’”
Og jeg vil gi min Ånd i eder, og I skal bli levende, og jeg vil bosette eder i eders land, og I skal kjenne at jeg, Herren, har sagt det, og at jeg også vil gjøre det, sier Herren.
15 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
Og Herrens ord kom til mig, og det lød så:
16 “Yaa ilma namaa, ulee mukaa tokko fuudhiitii, ‘Kan Yihuudaatii fi kan Israaʼeloota isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi. Ulee mukaa kan biraas fuudhiitii, ‘Ulee Efreem, kan Yoosefii fi kan guutummaa mana Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi.
Og du menneskesønn! Ta dig en stav og skriv på den: For Juda og for Israels barn, hans medbrødre! Og ta dig en annen stav og skriv på den: For Josef - en stav for Efra'im og hele Israels hus, hans medbrødre!
17 Akka isaan harka kee keessatti tokko taʼaniif uleewwan sana walitti qabsiis.
Og sett dem sammen, den ene til den andre, til én stav, så de blir til ett i din hånd!
18 “Yommuu namoonni biyya keetii, ‘Kun maal jechuu kee akka taʼe nutti hin himtuu?’ jedhanii si gaafatanitti,
Og når ditt folks barn sier til dig: Vil du ikke la oss få vite hvad du mener med dette? -
19 akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani ulee Yoosef kan harka Efreem jiru kan gosoota Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii, ulee Yihuudaa wajjin walitti qabsiisee ulee mukaa tokko nan godha; isaanis harka koo keessatti tokko ni taʼu.’
da skal du si til dem: Så sier Herren, Israels Gud: Se, jeg tar Josefs stav, som er i Efra'ims hånd, og Israels stammer, hans medbrødre, og jeg legger dem til Judas stav og gjør dem til én stav, så de blir til ett i min hånd.
20 Fuula isaanii durattis uleewwan isaan irratti barreessite sana harkatti qabadhuutii
Og de staver som du skriver på, skal du holde i din hånd for deres øine.
21 akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani saboota isaan keessa turan keessaa Israaʼeloota nan baasa. Qixa hundaa walitti isaan qabee biyya isaaniitti isaan nan galcha.
Si så til dem: Så sier Herren, Israels Gud: Se, jeg henter Israels barn fra de folk som de drog bort til, og jeg vil samle dem fra alle kanter og føre dem til deres eget land.
22 Ani tulluuwwan Israaʼel irratti, biyyattii keessatti saba tokko isaan nan godha. Isaan hunda irratti mootii tokkotu moʼa; isaanis gonkumaa deebiʼanii saboota lama hin taʼan yookaan mootummaan isaanii iddoo lamatti hin qoodamu.
Og jeg vil gjøre dem til ett folk i landet, på Israels fjell, og én konge skal være konge for dem alle, og de skal ikke mere være to folk og ikke mere dele sig i to riker.
23 Isaan siʼachi waaqota isaanii tolfamoodhaa fi fakkiiwwan faayidaa hin qabneen yookaan balleessaa isaanii kamiin iyyuu of hin xureessan; ani cubbuudhaan dugda duubatti mucucaachuu isaanii hunda irraa deebisee isaan nan qulqulleessaatii. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa.
Og de skal ikke mere gjøre sig urene med sine motbydelige avguder og med sine vederstyggeligheter eller med nogen av sine misgjerninger, og jeg vil utfri dem fra alle deres bosteder, hvor de har syndet, og rense dem, og de skal være mitt folk, og jeg vil være deres Gud.
24 “‘Daawit garbichi koo isaan irratti mootii ni taʼa; isaan hundis tiksitee tokko ni qabaatu. Isaan seera koo duukaa ni buʼu; sirna koos of eeggannaadhaan ni eegu.
Og min tjener David skal være konge over dem, og én hyrde skal det være for dem alle, og mine lover skal de følge, og mine bud skal de holde og gjøre efter dem.
25 Isaan biyya abbootiin keessan jiraatan, biyya ani Yaaqoobiif kenne keessa ni jiraatu. Isaanii fi ijoolleen isaanii, ijoolleen ijoollee isaaniis bara baraan achi ni jiraatu; Daawit garbichi koos bara baraan bulchaa isaanii ni taʼa.
Og de skal bo i det land jeg gav min tjener Jakob, det som eders fedre bodde i; de skal bo i det, de og deres barn og deres barnebarn, til evig tid, og David, min tjener, skal være deres fyrste evindelig.
26 Ani isaan wajjin kakuu nagaa nan seena; kakuun kunis kakuu bara baraa ni taʼa. Ani jabeessee isaan nan dhaaba; lakkoobsa isaaniis nan baayʼisa; gidduu isaaniittis iddoo qulqulluu koo bara baraan nan dhaaba.
Og jeg vil gjøre en fredspakt med dem - en evig pakt med dem skal det være; og jeg vil bosette dem i mitt land og la dem bli tallrike, og jeg vil sette min helligdom midt iblandt dem for evig tid.
27 Iddoon jireenya koo isaan bira taʼa; ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.
Og min bolig skal være over dem, og jeg vil være deres Gud, og de skal være mitt folk.
28 Ergasii yommuu iddoon qulqulluun koo bara baraan isaan gidduu jiraatutti, akka ani Waaqayyo Israaʼelin qulqulleessu saboonni ni beeku.’”
Og folkene skal kjenne at jeg er Herren, som helliger Israel, når min helligdom blir midt iblandt dem til evig tid.