< Hisqiʼeel 36 >
1 “Yaa ilma namaa, akkana jedhii tulluuwwan Israaʼeliitiif raaji; ‘Yaa tulluuwwan Israaʼel, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
“Ɗan mutum, ka yi annabci wa duwatsun Isra’ila ka ce, ‘Ya duwatsun Isra’ila, ku ji maganar Ubangiji.
2 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Diinni waaʼee keessan, “Ishoo! Iddoowwan ol kaʼoon durii dhuunfaa keenya taʼaniiru” jedhe.’
Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa abokin gāba yana magana game da ku cewa, “Yauwa! Tsofaffin tuddai sun zama mallakarmu yanzu.”’
3 Kanaafuu raajiitii akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii isaan qixa hundaan marsanii isin waraananiif, isin saboota kaaniif dhuunfaa taatan; namootaafis waan mammaaksaatii fi waan qoosaa taatan;
Saboda haka ka yi annabci ka ce, ‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa domin sun lalace ku suka kuma maishe ku kufai marar amfani a kowane gefe saboda ku zama mallakar sauran al’ummai da kuma abin magana da tsegumi ga mutane,
4 kanaafuu yaa tulluuwwan Israaʼel, dubbii Waaqayyo Gooftaa dhagaʼaa: Waaqayyo Gooftaan tulluuwwanii fi gaarraniin, lageenii fi sululawwaniin, onawwan diigamanii fi magaalaawwan duwwaa hafan kanneen saboota naannoo keessan jiraniin saamamanii waan qoosaa taʼaniin akkana jedha:
saboda haka, ya duwatsun Isra’ila, ku ji maganar Ubangiji Mai Iko Duka, ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana faɗa wa duwatsu da tuddai, wa kwazazzabai da kwaruruka, wa kufai da garuruwan da suka zama kango waɗanda aka washe aka wulaƙanta suka zama ganimar sauran al’ummai da suke kewaye da ku,
5 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani aarii koo kan bobaʼu sanaan saboota hafanii fi Edoom hunda irratti dubbadheera; isaan gammachuu fi tuffii garaadhaa qabaniin lafa dheeda ishee saamuuf jedhanii biyya koo handhuuraa ofii isaanii godhatan.’
ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa cikin kishina mai ƙuna na yi magana gāba da sauran al’ummai, da kuma gāba da Edom, gama da farin ciki da reni a zukatansu suka mai da ƙasata mallakarsu don su washe wuraren kiwonta.’
6 Kanaafuu waaʼee biyya Israaʼeliif raajii dubbadhuutii tulluuwwanii fi gaarraniin, lageenii fi sululawwaniin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii isin sabootaan tuffatamtaniif, ani hinaaffaa dheekkamsa kootiitiin nan dubbadha.
Saboda haka ka yi annabci game da ƙasar Isra’ila ka kuma ce wa duwatsu da tuddai, wa kwazazzabai da kwaruruka, ‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa ga shi, na yi magana da kishina da hasalata saboda sun sha zargi wurin al’ummai.
7 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani akka saboonni naannoo keessan jiraatani tuffatamaniif harka koo ol qabadhee nan kakadha.
Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa na ɗaga hannuna sama na rantse cewa al’ummai da suke kewaye da ku za su sha ba’a.
8 “‘Yaa tulluuwwan Israaʼel, isin garuu saba koo Israaʼeliif dameewwanii fi ijawwan naqattu; isaan dhiʼeenyatti biyyatti ni deebiʼuutii.
“‘Amma ku, ya duwatsun Isra’ila, za ku miƙa rassanku ku ba da amfani ga mutanena Isra’ila, gama ba da daɗewa ba za su komo gida.
9 Ani isiniif nan yaada; gara laafinaanis isinan ilaala; isin ni qotamtu; sanyiinis isinitti facaafama;
Na damu da ku kuma zan dube ku da tausayi; za ku nome ku kuma shuka,
10 ani lakkoobsa uummataa kan guutummaa mana Israaʼel nan baayʼisa. Magaalaawwan namaan ni guutamu; wanni diigames deebiʼee ni ijaarama.
zan kuma riɓaɓɓanya mutane a kanku, dukan gidan Isra’ila ke nan. Za a zauna a birane a kuma sāke gina rusassun wurare.
11 Ani lakkoobsa namootaatii fi horii irratti nan dabala; isaanis wal horanii baayʼatu. Ani akkuma bara durii sana namoota isin irra qubachiisee kan durii caalaa isinan sooromsa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
Zan sa mutane da dabbobi su yi yawa a kanku, za su kuma ba da’ya’ya su kuma yi yawa. Zan zaunar da mutane a kanku kamar dā zan kuma sa ku wadaita fiye da dā. Sa’an nan za ku san cewa ni ne Ubangiji.
12 Ani akka namoonni jechuunis sabni koo Israaʼel isin irra deemu nan godha. Isaan isin dhuunfatu; isinis dhaala isaanii ni taatu; lammatas warra ijoollee hin qabne isaan hin gootan.
Zan sa mutanena Isra’ila su yi tafiya a kanku. Za su mallake ku, za ku kuma zama gādonsu; ba za ku ƙara sa su rasa’ya’yansu ba.
13 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Namoonni, “Ati nama nyaatta; saba kees ijoollee malee hambifta” siin jedhu;
“‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa domin mutane suna magana game da ku cewa, “Kun cinye mutane kuka kuma sa al’ummarku ta rasa’ya’yanta,”
14 ati garuu siʼachi nama hin nyaattu yookaan saba kee ijoollee malee hin hambiftu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
saboda haka ba za ku ƙara cinye mutane ko ku sa al’ummarku ta rasa’ya’ya ba, in ji Ubangiji Mai Iko Duka.
15 Ani siʼachi akka ati doorsisa sabootaa dhageessu hin godhu; siʼachi ati tuffii namootaatiin hin dhiphattu yookaan akka sabni kee gufatu hin gootu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
Ba zan ƙara bari ku ji maganar banza ta al’ummai ba, ba kuwa za ku ƙara shan ba’ar mutane ko in sa al’ummarku ta fāɗi ba, in ji Ubangiji Mai Iko Duka.’”
16 Ammas dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Maganar Ubangiji ta sāke zuwa mini cewa,
17 “Yaa ilma namaa, namoonni Israaʼel yeroo biyya isaanii keessa jiraachaa turanitti amala isaaniitii fi hojii isaaniitiin biyyattii xureessan. Amalli isaanii fuula koo duratti akkuma laguu dubartii kan jiʼa jiʼaan itti dhufu sanaa ture.
“Ɗan mutum, sa’ad da mutanen Isra’ila suke zama a ƙasarsu, sun ƙazantar da ita ta wurin halinsu da kuma ayyukansu. Halinsu ya yi kamar rashin tsarkin mace a lokacin al’adarta a gabana.
18 Sababii isaan biyyaattii keessatti dhiiga dhangalaasanii fi sababii waaqota isaanii tolfamoodhaan biyyattii xureessaniif, ani dheekkamsa koo isaanitti nan roobse.
Saboda haka na husata da su domin sun yi kisankai a ƙasar kuma domin sun ƙazantar da ita da gumakansu.
19 Ani saboota keessa isaan nan faffacaase; isaanis biyyoota keessa bittinnaaʼan; ani akkuma amala isaaniitii fi hojii isaaniitti isaanitti nan mure.
Na warwatsa su cikin al’ummai, suka kuwa warwatsu cikin dukan ƙasashe; na hukunta su gwargwadon halinsu da ayyukansu.
20 Iddoo dhaqan hundatti saboota keessatti maqaa koo qulqulluu sana xureessan; waaʼee isaanii, ‘Jarri kun saba Waaqayyoo ti; isaan garuu biyya isaatii baʼaniiru’ jedhameeraatii.
Kuma ko’ina da suka tafi a cikin al’ummai sun ɓata sunana mai tsarki, gama an yi magana a kansu cewa, ‘Waɗannan mutanen Ubangiji ne, duk da haka dole su bar ƙasarsa.’
21 Ani maqaa koo qulqulluu manni Israaʼel iddoo dhaqan hundatti saboota gidduutti xureessan sanaaf yaadeera.
Na damu saboda sunana mai tsarki, wanda gidan Isra’ila ya ɓata a cikin al’ummai inda suka tafi.
22 “Kanaafuu mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa mana Israaʼel, ani waaʼee maqaa koo qulqulluu isin iddoo dhaqxanitti saboota gidduutti xureessitan sanaatiif malee isiniif jedhee wantoota kanneen hin godhu.
“Saboda haka ka faɗa musu cewa, ‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa ba dominku ba ne, ya gidan Isra’ila da nake yin waɗannan abubuwa, amma saboda sunana ne mai tsarki, wanda kuka ɓata a cikin al’ummai inda kuka tafi.
23 Ani qulqullina maqaa koo guddichaa kan saboota gidduutti xuraaʼe kan isin saboota gidduutti xureessitan sana nan argisiisa. Yommuu ani karaa keessaniin fuula isaanii duratti qulqulluu taʼuu koo argisiisutti akka ani Waaqayyo taʼe saboonni ni beeku, jedha Waaqayyo Gooftaan.
Zan nuna tsarkin girman sunana, wanda aka ɓata a cikin al’umma, sunana da kuka ɓata a cikinsu. Sa’an nan al’ummai za su san cewa ni ne Ubangiji, in ji Ubangiji Mai Iko Duka, sa’ad da na nuna kaina mai tsarki ta wurinku a idanunsu.
24 “‘Ani saboota keessaa isinan baafadhaatii; ani biyyoota keessaa walitti isin qabee biyya keessanitti deebisee isinan fida.
“‘Gama zan fitar da ku daga al’ummai; zan tattara ku daga dukan ƙasashe in komo da ku zuwa ƙasarku.
25 Ani bishaan qulqulluu isinitti nan facaasa; isinis ni qulqullooftu; ani xuraaʼummaa keessan hunda irraa fi waaqota keessan tolfamoo hunda irraa isinan qulqulleessa.
Zan yayyafa muku ruwa mai tsabta, zan kuwa tsarkake ku daga dukan ƙazantarku daga kuma dukan gumakanku.
26 Ani onnee haaraa isiniif nan kenna; hafuura haaraas isin keessa nan kaaʼa; onnee dhagaa isin keessaa baasee onnee foonii isiniif nan kenna.
Zan ba ku sabuwa zuciya in kuma sa sabon ruhu a cikinku; zan fid da zuciyar dutse in kuma ba ku zuciyar nama.
27 Akka isin dambii koo duukaa buutanii fi seera koo sirriitti eegdaniif ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa.
Zan kuma sa Ruhuna a cikinku in kuma motsa ku ku bi ƙa’idodina ku kuma kiyaye dokokina.
28 Isin biyya ani abbootii keessaniif kenne keessa ni jiraattu; isin saba koo ni taatu; anis Waaqa keessan nan taʼa.
Za ku zauna a ƙasar da na ba wa kakanninku; za ku zama mutanena, ni kuwa zan zama Allahnku.
29 Ani xuraaʼummaa keessan hunda irraa isinan qulqulleessa. Ani midhaan nan waama; nan baayʼisas; beelas isinitti hin fidu.
Zan cece ku daga dukan rashin tsabtarku. Zan sa hatsi ya yi yalwa ba zan kawo yunwa a kanku ba.
30 Akka isin siʼachi sababii beelaatiin fuula sabootaa duratti hin salphanneef, ija mukkeeniitii fi midhaan lafa qotiisaa nan baayʼisa.
Zan ƙara’ya’yan itatuwa da amfanin gona, saboda kada ku ƙara shan kunya a cikin al’ummai saboda yunwa.
31 Ergasiis karaa hammina keessaniitii fi hojii jalʼina keessanii ni yaadattu; sababii cubbuu keessaniitii fi hojii keessan jibbisiisaa sanaatiifis of balfitu.
Sa’an nan za ku tuna mugayen hanyoyinku da mugayen ayyukanku, za ku kuwa ji ƙyamar kanku saboda zunubanku da kuma ayyukanku na banƙyama.
32 Akka ani waan kana isiniif jedhee hin hojjetin akka beektan nan barbaada, jedha Waaqayyo Gooftaan. Yaa mana Israaʼel, waaʼee amala keessaniitiif qaanaʼaa; saalfadhaas!
Ina so ku san cewa ba na yi wannan saboda ku, in ji Ubangiji Mai Iko Duka. Ku ji kunya ku kuma giggita saboda halinku, ya gidan Isra’ila!
33 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani gaafan cubbuu keessan hunda irraa isin qulqulleessutti, akka magaalaawwan keessan deebiʼanii lafa jireenyaa taʼa nan godha; kanneen diigamanis deebiʼanii ijaaramu.
“‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa a ranar da na tsarkake ku daga dukan zunubanku, zan sāke zaunar da ku a garuruwanku, a kuma sāke gina kufai.
34 Lafti onee ture qooda fuula namoota karaa sanaan darban hunda duratti onee hafu ni qotama.
Ƙasar da take kango a dā za ku nome ta a maimakon zama kango a idon dukan masu ratsawa a cikinta.
35 Isaan, “Lafti ona ture kun akka lafa biqiltuu Eeden taʼeera; magaalaawwan diigamanii, onanii barbadaaʼanis amma dallaan itti ijaaramee namaan guutamaniiru” jedhu.
Za su ce, “Wannan ƙasar da take kango a dā ta zama kamar lambu Eden; biranen da dā suke kufai, kango da kuma aka lalata, yanzu suna da katanga ana kuma zama a ciki.”
36 Ergasii namoonni hafan kanneen naannoo kee jiraatan akka ani Waaqayyo waan barbadaaʼe deebisee ijaaree waan ones deebisee dhaabe ni beeku. Ani Waaqayyo dubbadheera; nan raawwadhas.’
Sa’an nan al’ummai kewaye da ku da suka rage za su san cewa Ni Ubangiji na sāke gina abin da aka lalace na kuma sāke shuka abin da yake kango. Ni Ubangiji na faɗa, kuma zan aikata.’
37 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ammas kadhannaa mana Israaʼel dhagaʼee waan kana isaaniif nan godha: Namoota isaanii akkuma hoolotaa nan baayʼisa;
“Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa har yanzu zan ji roƙon gidan Isra’ila in kuma yi musu wannan. Zan sa mutanensu su yi yawa kamar tumaki,
38 akkuma bushaayee yeroo ayyaanaa Yerusaalem keessatti aarsaaf dhiʼeeffamaniitti nan baayʼisa. Kanaafuu magaalaawwan diigamanii turan waldaa namootaatiin ni guutamu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
yawansu ya yi kamar garken tumaki don hadaya a Urushalima a ƙayyadaddun lokuta bukukkuwarta. Haka biranen da suke kufai za su cika da ɗumbun mutane. Sa’an nan za su san cewa ni ne Ubangiji.”