< Hisqiʼeel 36 >

1 “Yaa ilma namaa, akkana jedhii tulluuwwan Israaʼeliitiif raaji; ‘Yaa tulluuwwan Israaʼel, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
"You, son of man, prophesy to the mountains of Israel, and say, 'You mountains of Israel, hear the word of the LORD.
2 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Diinni waaʼee keessan, “Ishoo! Iddoowwan ol kaʼoon durii dhuunfaa keenya taʼaniiru” jedhe.’
Thus says the LORD: "Because the enemy has said against you, 'Aha.' and, 'The ancient high places are ours in possession'"';
3 Kanaafuu raajiitii akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii isaan qixa hundaan marsanii isin waraananiif, isin saboota kaaniif dhuunfaa taatan; namootaafis waan mammaaksaatii fi waan qoosaa taatan;
therefore prophesy, and say, 'Thus says the LORD: "Because, even because they have made you desolate, and swallowed you up on every side, that you might be a possession to the residue of the nations, and you are taken up in the lips of talkers, and the evil report of the people";
4 kanaafuu yaa tulluuwwan Israaʼel, dubbii Waaqayyo Gooftaa dhagaʼaa: Waaqayyo Gooftaan tulluuwwanii fi gaarraniin, lageenii fi sululawwaniin, onawwan diigamanii fi magaalaawwan duwwaa hafan kanneen saboota naannoo keessan jiraniin saamamanii waan qoosaa taʼaniin akkana jedha:
therefore, you mountains of Israel, hear the word of the LORD: "Thus says the LORD to the mountains and to the hills, to the watercourses and to the valleys, to the desolate wastes and to the cities that are forsaken, which are become a prey and derision to the residue of the nations that are all around;
5 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani aarii koo kan bobaʼu sanaan saboota hafanii fi Edoom hunda irratti dubbadheera; isaan gammachuu fi tuffii garaadhaa qabaniin lafa dheeda ishee saamuuf jedhanii biyya koo handhuuraa ofii isaanii godhatan.’
therefore thus says the LORD: 'Surely in the fire of my jealousy have I spoken against the residue of the nations, and against all Edom, that have appointed my land to themselves for a possession with the joy of all their heart, with despite of soul, to cast it out for a prey.'"'
6 Kanaafuu waaʼee biyya Israaʼeliif raajii dubbadhuutii tulluuwwanii fi gaarraniin, lageenii fi sululawwaniin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii isin sabootaan tuffatamtaniif, ani hinaaffaa dheekkamsa kootiitiin nan dubbadha.
"Therefore prophesy concerning the land of Israel, and tell the mountains and to the hills, to the watercourses and to the valleys, 'Thus says the LORD: "Look, I have spoken in my jealousy and in my wrath, because you have borne the shame of the nations:
7 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani akka saboonni naannoo keessan jiraatani tuffatamaniif harka koo ol qabadhee nan kakadha.
therefore thus says the Lord GOD: 'I have sworn, saying, "Surely the nations that are around you, they shall bear their shame."
8 “‘Yaa tulluuwwan Israaʼel, isin garuu saba koo Israaʼeliif dameewwanii fi ijawwan naqattu; isaan dhiʼeenyatti biyyatti ni deebiʼuutii.
"'"'But you, mountains of Israel, you shall shoot forth your branches, and yield your fruit to my people Israel; for they are at hand to come.
9 Ani isiniif nan yaada; gara laafinaanis isinan ilaala; isin ni qotamtu; sanyiinis isinitti facaafama;
For, look, I am for you, and I will turn into you, and you shall be tilled and sown;
10 ani lakkoobsa uummataa kan guutummaa mana Israaʼel nan baayʼisa. Magaalaawwan namaan ni guutamu; wanni diigames deebiʼee ni ijaarama.
and I will multiply men on you, all the house of Israel, even all of it; and the cities shall be inhabited, and the waste places shall be built;
11 Ani lakkoobsa namootaatii fi horii irratti nan dabala; isaanis wal horanii baayʼatu. Ani akkuma bara durii sana namoota isin irra qubachiisee kan durii caalaa isinan sooromsa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
and I will multiply on you man and animal; and they shall increase and be fruitful; and I will cause you to be inhabited after your former estate, and will do better to you than at your beginnings: and you shall know that I am the LORD.
12 Ani akka namoonni jechuunis sabni koo Israaʼel isin irra deemu nan godha. Isaan isin dhuunfatu; isinis dhaala isaanii ni taatu; lammatas warra ijoollee hin qabne isaan hin gootan.
Yes, I will cause men to walk on you, even my people Israel; and they shall possess you, and you shall be their inheritance, and you shall no more henceforth bereave them of children.'"
13 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Namoonni, “Ati nama nyaatta; saba kees ijoollee malee hambifta” siin jedhu;
"'Thus says the LORD: "Because they say to you, 'You are a devourer of men, and have been a bereaver of your nation';
14 ati garuu siʼachi nama hin nyaattu yookaan saba kee ijoollee malee hin hambiftu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
therefore you shall devour men no more, neither bereave your nation any more," says the LORD;
15 Ani siʼachi akka ati doorsisa sabootaa dhageessu hin godhu; siʼachi ati tuffii namootaatiin hin dhiphattu yookaan akka sabni kee gufatu hin gootu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
"neither will I let you hear any more the shame of the nations, neither shall you bear the reproach of the peoples any more, neither shall you cause your nation to stumble any more," says the LORD.'"
16 Ammas dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Moreover the word of the LORD came to me, saying,
17 “Yaa ilma namaa, namoonni Israaʼel yeroo biyya isaanii keessa jiraachaa turanitti amala isaaniitii fi hojii isaaniitiin biyyattii xureessan. Amalli isaanii fuula koo duratti akkuma laguu dubartii kan jiʼa jiʼaan itti dhufu sanaa ture.
"Son of man, when the house of Israel lived in their own land, they defiled it by their way and by their doings: their way before me was as the uncleanness of a woman in her impurity.
18 Sababii isaan biyyaattii keessatti dhiiga dhangalaasanii fi sababii waaqota isaanii tolfamoodhaan biyyattii xureessaniif, ani dheekkamsa koo isaanitti nan roobse.
Therefore I poured out my wrath on them for the blood which they had poured out on the land, and because they had defiled it with their idols;
19 Ani saboota keessa isaan nan faffacaase; isaanis biyyoota keessa bittinnaaʼan; ani akkuma amala isaaniitii fi hojii isaaniitti isaanitti nan mure.
and I scattered them among the nations, and they were dispersed through the countries: according to their way and according to their doings I judged them.
20 Iddoo dhaqan hundatti saboota keessatti maqaa koo qulqulluu sana xureessan; waaʼee isaanii, ‘Jarri kun saba Waaqayyoo ti; isaan garuu biyya isaatii baʼaniiru’ jedhameeraatii.
When they came to the nations, where they went, they profaned my holy name; in that men said of them, 'These are the people of the LORD, and are gone forth out of his land.'
21 Ani maqaa koo qulqulluu manni Israaʼel iddoo dhaqan hundatti saboota gidduutti xureessan sanaaf yaadeera.
But I had respect for my holy name, which the house of Israel had profaned among the nations, where they went.
22 “Kanaafuu mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa mana Israaʼel, ani waaʼee maqaa koo qulqulluu isin iddoo dhaqxanitti saboota gidduutti xureessitan sanaatiif malee isiniif jedhee wantoota kanneen hin godhu.
"Therefore tell the house of Israel, 'Thus says the LORD: "I do not do this for your sake, house of Israel, but for my holy name, which you have profaned among the nations, where you went.
23 Ani qulqullina maqaa koo guddichaa kan saboota gidduutti xuraaʼe kan isin saboota gidduutti xureessitan sana nan argisiisa. Yommuu ani karaa keessaniin fuula isaanii duratti qulqulluu taʼuu koo argisiisutti akka ani Waaqayyo taʼe saboonni ni beeku, jedha Waaqayyo Gooftaan.
I will sanctify my great name, which has been profaned among the nations, which you have profaned in their midst; and the nations shall know that I am the LORD when I magnify myself among you before their eyes.
24 “‘Ani saboota keessaa isinan baafadhaatii; ani biyyoota keessaa walitti isin qabee biyya keessanitti deebisee isinan fida.
For I will take you from among the nations, and gather you out of all the countries, and will bring you into your own land.
25 Ani bishaan qulqulluu isinitti nan facaasa; isinis ni qulqullooftu; ani xuraaʼummaa keessan hunda irraa fi waaqota keessan tolfamoo hunda irraa isinan qulqulleessa.
I will sprinkle clean water on you, and you shall be clean: from all your filthiness, and from all your idols, will I cleanse you.
26 Ani onnee haaraa isiniif nan kenna; hafuura haaraas isin keessa nan kaaʼa; onnee dhagaa isin keessaa baasee onnee foonii isiniif nan kenna.
And I will also give you a new heart, and I will put a new spirit within you. And I will take away the stony heart out of your flesh, and I will give you a heart of flesh.
27 Akka isin dambii koo duukaa buutanii fi seera koo sirriitti eegdaniif ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa.
I will put my Spirit within you, and cause you to walk in my statutes, and you shall keep my ordinances, and do them.
28 Isin biyya ani abbootii keessaniif kenne keessa ni jiraattu; isin saba koo ni taatu; anis Waaqa keessan nan taʼa.
You shall dwell in the land that I gave to your fathers; and you shall be my people, and I will be your God.
29 Ani xuraaʼummaa keessan hunda irraa isinan qulqulleessa. Ani midhaan nan waama; nan baayʼisas; beelas isinitti hin fidu.
I will save you from all your uncleanness: and I will call for the grain, and will multiply it, and lay no famine on you.
30 Akka isin siʼachi sababii beelaatiin fuula sabootaa duratti hin salphanneef, ija mukkeeniitii fi midhaan lafa qotiisaa nan baayʼisa.
I will multiply the fruit of the tree, and the increase of the field, that you may receive no more the reproach of famine among the nations.
31 Ergasiis karaa hammina keessaniitii fi hojii jalʼina keessanii ni yaadattu; sababii cubbuu keessaniitii fi hojii keessan jibbisiisaa sanaatiifis of balfitu.
Then you shall remember your evil ways, and your doings that were not good; and you shall loathe yourselves in your own sight for your iniquities and for your abominations.
32 Akka ani waan kana isiniif jedhee hin hojjetin akka beektan nan barbaada, jedha Waaqayyo Gooftaan. Yaa mana Israaʼel, waaʼee amala keessaniitiif qaanaʼaa; saalfadhaas!
Nor for your sake do I this," says the LORD, "be it known to you: be ashamed and confounded for your ways, house of Israel."'
33 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani gaafan cubbuu keessan hunda irraa isin qulqulleessutti, akka magaalaawwan keessan deebiʼanii lafa jireenyaa taʼa nan godha; kanneen diigamanis deebiʼanii ijaaramu.
"Thus says the LORD: 'In the day that I cleanse you from all your iniquities, I will cause the cities to be inhabited, and the waste places shall be built.
34 Lafti onee ture qooda fuula namoota karaa sanaan darban hunda duratti onee hafu ni qotama.
The land that was desolate shall be tilled, whereas it was a desolation in the sight of all who passed by.
35 Isaan, “Lafti ona ture kun akka lafa biqiltuu Eeden taʼeera; magaalaawwan diigamanii, onanii barbadaaʼanis amma dallaan itti ijaaramee namaan guutamaniiru” jedhu.
They shall say, "This land that was desolate has become like the garden of Eden; and the waste and desolate and ruined cities are fortified and inhabited."
36 Ergasii namoonni hafan kanneen naannoo kee jiraatan akka ani Waaqayyo waan barbadaaʼe deebisee ijaaree waan ones deebisee dhaabe ni beeku. Ani Waaqayyo dubbadheera; nan raawwadhas.’
Then the nations that are left around you shall know that I, the LORD, have built the ruined places, and planted that which was desolate: I, the LORD, have spoken it, and I will do it.'"
37 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ammas kadhannaa mana Israaʼel dhagaʼee waan kana isaaniif nan godha: Namoota isaanii akkuma hoolotaa nan baayʼisa;
"Thus says the LORD: 'For this, moreover, will I be inquired of by the house of Israel, to do it for them: I will increase them with men like a flock.
38 akkuma bushaayee yeroo ayyaanaa Yerusaalem keessatti aarsaaf dhiʼeeffamaniitti nan baayʼisa. Kanaafuu magaalaawwan diigamanii turan waldaa namootaatiin ni guutamu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
As the flock for sacrifice, as the flock of Jerusalem in her appointed feasts, so shall the waste cities be filled with flocks of men; and they shall know that I am the LORD.'"

< Hisqiʼeel 36 >