< Hisqiʼeel 35 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Moreover, the word of the LORD came to me, saying,
2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Tulluu Seeʼiiritti deebifadhu; isaan mormuudhaanis raajii dubbadhu;
“Son of man, set your face against Mount Seir and prophesy against it,
3 akkanas jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Tulluu Seeʼiir ani sitti kaʼeera; ani harka koo sitti hiixadhee onaa fi gatamaa sin godha.
and declare that this is what the Lord GOD says: Behold, I am against you, O Mount Seir. I will stretch out My hand against you and make you a desolate waste.
4 Ani magaalaawwan kee nan diiga; atis ni onta. Ergasii akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta.
I will turn your cities into ruins, and you will become a desolation. Then you will know that I am the LORD.
5 “‘Ati sababii haaloo diinummaa durii garaatti qabatteef bara rakkina isaanii keessa jechuunis yeroo adabbiin isaanii dhuma irra gaʼetti Israaʼeloota dabarsitee goraadeetti kennite;
Because you harbored an ancient hatred and delivered the Israelites over to the sword in the time of their disaster at the final stage of their punishment,
6 kanaafuu ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; ani dhiiga dhangalaasuutti dabarsee sin kenna; ati dhiiga dhangalaasuu jalaa hin baatu. Ati waan dhiiga dhangalaasuu hin jibbineef dhiiga dhangalaasuu jalaa hin baatu.
therefore as surely as I live, declares the Lord GOD, I will give you over to bloodshed and it will pursue you. Since you did not hate bloodshed, it will pursue you.
7 Ani Tulluu Seeʼiir onsee duwwaa nan hambisa; warra dhaquu fi deebiʼu achi irraa nan kuta.
I will make Mount Seir a desolate waste and will cut off from it those who come and go.
8 Ani tulluuwwan kee reeffaan nan guuta; warri goraadeedhaan ajjeefamanis gaarran kee irra, sululawwan kee keessaa fi lageen kee hunda keessa ni ciciisu.
I will fill its mountains with the slain; those killed by the sword will fall on your hills, in your valleys, and in all your ravines.
9 Ani bara baraan sin onsa; magaalaawwan kees lafa jireenyaa hin taʼan. Ergasii akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
I will make you a perpetual desolation, and your cities will not be inhabited. Then you will know that I am the LORD.
10 “‘Sababii ati, “Waaqayyo achi jiraatu iyyuu, saboonni lamaan kunneenii fi biyyoonni lamaan kunneen kan koo ni taʼu; nus isaan dhuunfanna” jetteef,
Because you have said, ‘These two nations and countries will be ours, and we will possess them,’ even though the LORD was there,
11 ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; kanaafuu ani akkuma ati aarii fi hinaaffaa jibba isaaniif qabduun argisiifte sanaatti gatii kee siif nan kenna; anis yeroon sitti murteessutti isaan gidduutti of nan beeksisa.
therefore as surely as I live, declares the Lord GOD, I will treat you according to the anger and jealousy you showed in your hatred against them, and I will make Myself known among them when I judge you.
12 Ergasiis akka ani Waaqayyo wantoota ati tulluuwwan Israaʼelitti, “Isaan onanii duwwaa hafaniiru; akka nu nyaannuufis nuu kennamaniiru” jettee tuffiin dubbatte hunda dhagaʼee jiru ni beekta.
Then you will know that I, the LORD, have heard every contemptuous word you uttered against the mountains of Israel when you said, ‘They are desolate; they are given to us to devour!’
13 Ati afaan keetiin natti of jajjee oduu natti baayʼifteerta; anis waan kana dhagaʼeera.
You boasted against Me with your mouth and multiplied your words against Me. I heard it Myself!
14 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yommuu guutummaan lafaa gammadutti ani sin onsa.
This is what the Lord GOD says: While the whole earth rejoices, I will make you desolate.
15 Sababii ati yeroo dhaalli mana Israaʼel onetti gammaddeef ani akkana sin godha. Yaa Tulluu Seeʼiir ati ni onta; atii fi guutummaan Edoom ni ontu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’”
As you rejoiced when the inheritance of the house of Israel became desolate, so will I do to you. You will become a desolation, O Mount Seir, and so will all of Edom. Then they will know that I am the LORD.

< Hisqiʼeel 35 >