< Hisqiʼeel 34 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Опет ми дође реч Господња говорећи:
2 “Yaa ilma namaa, tiksoota Israaʼelitti raajii dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Tiksoota Israaʼel warra ofuma isaanii qofa sooraniif wayyoo! Tiksoonni bushaayee sooruu hin qabanii?
Сине човечји, пророкуј против пастира Израиљевих, пророкуј и реци тим пастирима: Овако вели Господ Господ: Тешко пастирима Израиљевим који пасу сами себе! Не треба ли стадо да пасу пастири?
3 Isin cooma ni nyaattu; suufii ni uffattu; horii gabbataa ni qalattu; bushaayee garuu hin soortan.
Претилину једете и вуном се одевате, кољете товно, стада не пасете.
4 Isin dadhabaa hin jabeessine yookaan dhukkubsataa hin fayyifne yookaan cabaa hin walʼaanne. Kanneen miliqan hin deebifne yookaan kanneen badan hin barbaanne. Humnaa fi gara jabinaan isaan ajajju.
Слабих не крепите, и болесне не лечите, рањене не завијате, одагнане не доводите натраг, изгубљене не тражите, него силом и жестином господарите над њима.
5 Kanaafuu isaan sababii tikseen hin jirreef bittinnaaʼan; yeroo bittinnaaʼanittis bineensota bosonaatiif soora taʼan.
И распршаше се немајући пастира, и распршавши се посташе храна свим зверима пољским.
6 Hoolonni koo gaarran hundaa fi tulluuwwan ol dhedheeroo hunda irra asii fi achi jooran. Isaan guutummaa lafaa irra faffacaʼan; namni isaan ilaalu yookaan isaan barbaadu tokko iyyuu hin turre.
Овце моје лутају по свим горама и по свим високим хумовима; и по свој земљи распршане су овце моје, и нема никога да пита за њих, никога да их тражи.
7 “‘Kanaafuu isin tiksoonni, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa:
Зато, пастири, чујте реч Господњу;
8 Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; sababii bushaayeen koo tiksoota dhabanii akkasiin saamamanii bineensa bosonaatiif nyaata taʼaniif, sababii tiksoonni koo bushaayee koo barbaaduu didanii qooda bushaayee ofuma isaanii sooraniif
Тако ја био жив, говори Господ Господ, што стадо моје поста грабеж, и овце моје посташе храна свим зверима пољским немајући пастира, и пастири моји не траже стада мог, него пастири пасу сами себе, а стада мог не пасу;
9 yaa tiksoota, kanaafuu isin dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa:
Зато, пастири, чујте реч Господњу;
10 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani tiksootatti nan kaʼa; bushaayee koos harka isaanii irraa nan barbaada. Akka tiksoonni siʼachi of hin soorreef bushaayee tiksuu irraa isaan nan ariʼa. Ani bushaayee koo afaan isaaniitii nan buusa; isaanis siʼachi soora isaanii hin taʼan.
Овако вели Господ Господ: Ево ме на те пастире, и искаћу стадо своје из њихових руку, и нећу им дати више да пасу стадо, и неће више пастири пасти сами себе, него ћу отети овце своје из уста њихових и неће им бити храна.
11 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Ani mataan koo hoolota koo nan barbaadadha; nan tikfadhas.
Јер овако вели Господ Господ: Ево ме, ја ћу тражити овце своје и гледати их.
12 Akkuma tikseen tokko yommuu bushaayee isaa bira jirutti hoolota isaa warra bittinnaaʼan barbaaddatu sana anis hoolota koo nan barbaaddadha. Ani lafa isaan guyyaa duumessaatii fi guyyaa dukkanaa itti bittinneeffaman hundaa baasee isaan nan galfadha.
Као што пастир тражи стадо своје кад је код оваца својих распршених, тако ћу тражити овце своје и отећу их из свих места куда се распршаше кад беше облачно и мрачно.
13 Anis saboota keessaa isaan baasee biyyoota keessaa immoo walitti isaan nan qaba; biyya isaaniittis isaan nan deebisa. Ani gaarran Israaʼel irra, qarqara burqaawwaniitii fi lafa namni jiraatu kan biyya sana keessaa hunda isaan nan tikfadha.
И извешћу их из народа, и покупићу их из земаља, и довешћу их у земљу њихову, и пашћу их на горама Израиљевим покрај потока и по свим местима насељеним у земљи.
14 Ani marga gaarii keessa isaan nan tiksa; tulluun Israaʼelis iddoo dheeda isaanii taʼa. Isaan achitti lafa dheedaa tolaa isaa irra ciciisu; marga misaa tulluuwwan Israaʼel irraas ni dheedu.
На доброј паши пашћу их, и тор ће им бити на високим горама израиљевим; онде ће лежати у добром тору и по обилатој ће паши пасти на горама Израиљевим.
15 Ani mataan koo hoolota koo nan tikfadha; akka isaan boqotanis nan godha, jedha Waaqayyo Gooftaan.
Ја ћу пасти стадо своје, и ја ћу их одмарати, говори Господ Господ.
16 Kanneen badan nan barbaada; kanneen miliqan deebisee nan galcha. Kan cabe nan hidha; kan dadhabe illee nan jajjabeessa; gabbataa fi jabaa isaa immoo nan balleessa. Ani murtii qajeelaadhaan bushaayee nan tikfadha.
Тражићу изгубљену, и довешћу натраг одагнану, и рањену ћу завити и болесну окрепити; а товну ћу и јаку потрти, пашћу их право.
17 “‘Isin garuu yaa bushaayee ko, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani hoolaa fi hoolaa gidduutti, korbeessa hoolaatii fi korbeessa reʼee gidduutti murtii nan kenna.
А вама, стадо моје, овако говори Господ Господ: Ево ја ћу судити између овце и овце, између овнова и јараца.
18 Marga misaa keessa dheeduun keessan isin hin gaʼuu? Isin marga keessan kan hafe lafatti dhidhiituu qabduu? Bishaan qulqulluu dhuguun isinitti xinnaatee? Bishaan hafe immoo miilla keessaniin booressuu qabduu?
Мало ли вам је што пасете на доброј паши, него остатак паше своје газите ногама својим? И што пијете бистру воду, него остатак мутите ногама својим?
19 Bushaayeen koo waan isin lafatti dhidhiittan soorachuu, waan isin miilla keessaniin dhoqqeessitan immoo dhuguu qabuu?
А моје овце пасу што ви ногама својим изгазите, и пију што ви замутите ногама својим.
20 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana isaaniin jedha: Kunoo, ani mataan koo hoolaa gabbatee fi hoolaa huqqate gidduutti murtii nan kenna.
Зато овако им вели Господ Господ: Ево ме, ја ћу судити између овце дебеле и овце мршаве.
21 Sababii isin hoolota dadadhaboo hunda cinaachaa fi gatiittii keessaniin dhiibdanii, gaanfa keessaniin immoo jifattanii alatti baaftaniif,
Што боцима и раменима отискујете и розима својим бодете све болесне тако да их разагнасте напоље,
22 ani bushaayee koo nan oolfadha; isaanis siʼachi hin saamaman. Ani hoolaa fi hoolaa gidduutti murtii nan kenna.
Зато ћу избавити стадо своје да не буде више грабеж, и судићу између овце и овце.
23 Ani tiksee tokko jechuunis garbicha koo Daawitiin isaanittan ramada; inni isaan eega; tiksee isaaniis ni taʼa.
И подигнућу им једног пастира који ће их пасти, слугу свог Давида; он ће их пасти и биће им пастир.
24 Ani Waaqayyo Waaqa isaanii nan taʼa; Daawit garbichi koo immoo gidduu isaaniitti bulchaa ni taʼa. Ani Waaqayyo waan kana dubbadheera.
А ја Господ бићу им Бог, и слуга мој Давид кнез међу њима. Ја Господ рекох.
25 “‘Ani isaan wajjin kakuu nagaa nan gala; akka isaan gammoojjii keessa jiraatanii bosona keessa nagaan ciciisaniif bineensota hamoo biyyattii keessaa nan baasa.
И учинићу с њима завет мирни, истребићу зле звери из земље, и они ће живети у пустињи без страха и спаваће у шумама.
26 Ani isaanii fi iddoowwan tulluu koo marsanii jiran nan eebbisa. Bokkaas yeroo isaatti nan roobsa; roobni sunis rooba eebbaa ni taʼa.
И благословићу њих и шта је око горе моје, и пуштаћу дажд на време; дажди ће благословни бити.
27 Mukkeen bakkee ija naqatu; laftis midhaan ni baafti; namoonni biyya isaanii keessatti tasgabbiin ni jiraatu. Yeroo ani danqaraa waanjoo isaanii cabsee harka warra isaan garboomfataniitii isaan baasutti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
И дрвета ће пољска рађати свој род, и земља ће рађати свој род; и они ће бити у својој земљи без страха, и познаће да сам ја Господ кад поломим палице јарма њиховог, и избавим их из руку оних који их заробише.
28 Isaan siʼachi sabootaan hin saamaman yookaan bineensota bosonaatiin hin nyaataman. Nagaadhaan jiraatu; wanni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
И неће више бити плен народима, и звери земаљске неће их јести, него ће живети без страха и нико их неће плашити.
29 Ani lafa midhaan baasuudhaan beekame isaaniif nan kenna; isaan biyyattii keessatti siʼachi beelaan hin miidhaman yookaan sabootaaf waan kolfaa hin taʼan.
И подигнућу им биљку за славу, и неће више умирати од глади у земљи, нити ће подносити срамоту од народа.
30 Yommus akka ani Waaqayyo Waaqni isaanii isaan wajjin jiruu fi akka manni Israaʼel saba koo taʼe isaan ni beeku, jedha Waaqayyo Gooftaan.
И познаће да сам ја Господ Бог њихов с њима, и они, дом Израиљев, да су мој народ, говори Господ Господ.
31 Isin hoolonni koo, hoolonni tika koo namoota; anis Waaqa keessan, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
А ви сте стадо моје, овце паше моје, ви људи, а ја сам Бог ваш, говори Господ Господ.

< Hisqiʼeel 34 >