< Hisqiʼeel 34 >
1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Yehova anandiyankhula kuti:
2 “Yaa ilma namaa, tiksoota Israaʼelitti raajii dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Tiksoota Israaʼel warra ofuma isaanii qofa sooraniif wayyoo! Tiksoonni bushaayee sooruu hin qabanii?
“Iwe mwana wa munthu, yankhula mawu oyimba mlandu abusa a Israeli. Lengeza ndipo uwawuze kuti Ine Ambuye Yehova ndikuti, ‘Tsoka kwa abusa a Israeli amene mumangodzisamala nokha! Kodi abusa sayenera kusamalira nkhosa?
3 Isin cooma ni nyaattu; suufii ni uffattu; horii gabbataa ni qalattu; bushaayee garuu hin soortan.
Mumadya chambiko, mumadziveka zovala zaubweya, ndi kupha nyama zonenepa, koma simusamalira nkhosazo.
4 Isin dadhabaa hin jabeessine yookaan dhukkubsataa hin fayyifne yookaan cabaa hin walʼaanne. Kanneen miliqan hin deebifne yookaan kanneen badan hin barbaanne. Humnaa fi gara jabinaan isaan ajajju.
Simunalimbitse nkhosa zofowoka, kapena kuchiritsa zodwala, kapena kumanga mabala a nkhosa zopweteka. Simunabweze zosochera kapena kufunafuna zotayika. Munaziweta mozunza ndi mwankhanza.
5 Kanaafuu isaan sababii tikseen hin jirreef bittinnaaʼan; yeroo bittinnaaʼanittis bineensota bosonaatiif soora taʼan.
Kotero zinabalalika chifukwa zinalibe mʼbusa, ndipo pamene zinabalalika zinakhala chakudya cha zirombo zonse zakuthengo.
6 Hoolonni koo gaarran hundaa fi tulluuwwan ol dhedheeroo hunda irra asii fi achi jooran. Isaan guutummaa lafaa irra faffacaʼan; namni isaan ilaalu yookaan isaan barbaadu tokko iyyuu hin turre.
Nkhosa zanga zinayendayenda mʼmapiri onse ndi mʼzitunda zonse zazitali. Zinabalalika pa dziko lonse lapansi, ndipo palibe amene anazilondola kapena kuzifunafuna.
7 “‘Kanaafuu isin tiksoonni, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa:
“‘Choncho Inu abusa, tamvani zimene Ine Yehova ndikukuwuzani.
8 Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; sababii bushaayeen koo tiksoota dhabanii akkasiin saamamanii bineensa bosonaatiif nyaata taʼaniif, sababii tiksoonni koo bushaayee koo barbaaduu didanii qooda bushaayee ofuma isaanii sooraniif
Pali Ine wamoyo, akutero Ambuye Wamphamvuzonse, ndithu, nkhosa zanga zinajiwa ndi zirombo zakuthengo, zinasanduka chakudya cha zirombo chifukwa panalibe abusa. Abusa anga sanafunefune nkhosa zanga. Iwo ankangosamala za iwo okha mʼmalo mosamala nkhosa zanga.
9 yaa tiksoota, kanaafuu isin dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa:
Chifukwa chake, inu abusa, tamvani zimene Ine Yehova ndikukuwuzani.
10 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani tiksootatti nan kaʼa; bushaayee koos harka isaanii irraa nan barbaada. Akka tiksoonni siʼachi of hin soorreef bushaayee tiksuu irraa isaan nan ariʼa. Ani bushaayee koo afaan isaaniitii nan buusa; isaanis siʼachi soora isaanii hin taʼan.
Ine Ambuye Yehova ndikuti: Ine ndayipidwa nanu, inu abusa. Ndidzakulandani nkhosa zanga ndipo simudzazidyetsanso. Ndidzakuchotsani pa ntchito ya ubusa kuti musamangodzidyetsa nokha. Ndidzalanditsa nkhosa zanga kukamwa kwanu ndipo simudzazidyanso.
11 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Ani mataan koo hoolota koo nan barbaadadha; nan tikfadhas.
“‘Tsono Ine Ambuye Yehova ndikuti, mwini wakene ndidzazifunafuna nkhosa zanga ndi kuzisamalira.
12 Akkuma tikseen tokko yommuu bushaayee isaa bira jirutti hoolota isaa warra bittinnaaʼan barbaaddatu sana anis hoolota koo nan barbaaddadha. Ani lafa isaan guyyaa duumessaatii fi guyyaa dukkanaa itti bittinneeffaman hundaa baasee isaan nan galfadha.
Monga mʼbusa amanka nafunafuna nkhosa zake pamene zina zabalalikira kutali, moteronso Ine ndidzafunafuna nkhosa zanga. Ndidzazipulumutsa kuchoka kumalo onse kumene zinabalalikira pa nthawi yankhungu ndi mdima.
13 Anis saboota keessaa isaan baasee biyyoota keessaa immoo walitti isaan nan qaba; biyya isaaniittis isaan nan deebisa. Ani gaarran Israaʼel irra, qarqara burqaawwaniitii fi lafa namni jiraatu kan biyya sana keessaa hunda isaan nan tikfadha.
Ndidzazitulutsa pakati pa mitundu ya anthu ndi kuzisonkhanitsa kuchokera ku mayiko ena, ndipo ndidzazibwezera ku dziko lawo. Ndidzaziwetera ku mapiri a Israeli, mʼmbali mwa mitsinje ndi kumalo kumene kumakhala anthu.
14 Ani marga gaarii keessa isaan nan tiksa; tulluun Israaʼelis iddoo dheeda isaanii taʼa. Isaan achitti lafa dheedaa tolaa isaa irra ciciisu; marga misaa tulluuwwan Israaʼel irraas ni dheedu.
Ndidzaziwetera kumalo a msipu wabwino. Mapiri okwera a Israeli adzakhala malo azidyetserako. Kumeneko zidzapumula ku abusa abwino a msipu ndipo zizidzadyadi msipu wonenepetsa pa mapiri a Israeli.
15 Ani mataan koo hoolota koo nan tikfadha; akka isaan boqotanis nan godha, jedha Waaqayyo Gooftaan.
Ine mwini wake ndidzaziweta nkhosa zanga ndi kuzilola kuti zipumule. Ndikutero Ine Ambuye Yehova.
16 Kanneen badan nan barbaada; kanneen miliqan deebisee nan galcha. Kan cabe nan hidha; kan dadhabe illee nan jajjabeessa; gabbataa fi jabaa isaa immoo nan balleessa. Ani murtii qajeelaadhaan bushaayee nan tikfadha.
Ndidzafunafuna zotayika ndi kubweza zosochera. Ndidzamanga mabala a zopweteka ndi kulimbikitsa zofowoka. Koma zonenepa ndi zamphamvu ndidzaziwononga. Ndidzaweta nkhosazo mwachilungamo.
17 “‘Isin garuu yaa bushaayee ko, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani hoolaa fi hoolaa gidduutti, korbeessa hoolaatii fi korbeessa reʼee gidduutti murtii nan kenna.
“‘Kunena za inu, nkhosa zanga, Ine Ambuye Yehova ndikuti: Ndidzaweruza pakati pa nkhosa ndi nkhosa, pakati pa nkhosa zazimuna ndi mbuzi zazimuna.
18 Marga misaa keessa dheeduun keessan isin hin gaʼuu? Isin marga keessan kan hafe lafatti dhidhiituu qabduu? Bishaan qulqulluu dhuguun isinitti xinnaatee? Bishaan hafe immoo miilla keessaniin booressuu qabduu?
Kodi sikukukwanirani kudya msipu wabwino kuti muzichita kuponderezanso msipu umene simunadyewo? Kodi simukhutira ndi kumwa madzi abwino kuti muzinka mudetsanso madzi otsalawo ndi mapazi anu?
19 Bushaayeen koo waan isin lafatti dhidhiittan soorachuu, waan isin miilla keessaniin dhoqqeessitan immoo dhuguu qabuu?
Kodi nkhosa zanga zidye zimene mwazipondaponda ndi kumwa madzi amene mwawadetsa ndi mapazi anu?
20 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana isaaniin jedha: Kunoo, ani mataan koo hoolaa gabbatee fi hoolaa huqqate gidduutti murtii nan kenna.
“‘Nʼchifukwa chake Ine Ambuye Yehova ndikuti: Taonani, Ine mwini wake ndidzaweruza pakati pa nkhosa zonenepa ndi nkhosa zowonda.
21 Sababii isin hoolota dadadhaboo hunda cinaachaa fi gatiittii keessaniin dhiibdanii, gaanfa keessaniin immoo jifattanii alatti baaftaniif,
Popeza zofowoka mumaziwomba ndi kuzikankhira kumbali, ndipo mumazigunda ndi nyanga zanu nʼkuzimwazira kutali,
22 ani bushaayee koo nan oolfadha; isaanis siʼachi hin saamaman. Ani hoolaa fi hoolaa gidduutti murtii nan kenna.
tsono Ine ndidzapulumutsa nkhosa zanga, ndipo sindidzalolanso kuti zijiwe. Ndidzaweruza pakati pa nkhosa ina ndi nkhosa inanso.
23 Ani tiksee tokko jechuunis garbicha koo Daawitiin isaanittan ramada; inni isaan eega; tiksee isaaniis ni taʼa.
Ndidzaziyikira mʼbusa mmodzi, mtumiki wanga Davide. Iyeyo ndiye azidzazisamala. Adzakhala mʼbusa wawo.
24 Ani Waaqayyo Waaqa isaanii nan taʼa; Daawit garbichi koo immoo gidduu isaaniitti bulchaa ni taʼa. Ani Waaqayyo waan kana dubbadheera.
Ine Yehova ndidzakhala Mulungu wake ndipo mtumiki wanga Davide adzakhala mfumu pakati pa nkhosazo. Ine Yehova ndayankhula.
25 “‘Ani isaan wajjin kakuu nagaa nan gala; akka isaan gammoojjii keessa jiraatanii bosona keessa nagaan ciciisaniif bineensota hamoo biyyattii keessaa nan baasa.
“‘Ndidzapangana nazo pangano la mtendere. Ndidzachotsa mʼdzikomo zirombo zolusa. Choncho nkhosa zanga zidzakhala mu mtendere mu chipululu ngakhalenso mʼthengo.
26 Ani isaanii fi iddoowwan tulluu koo marsanii jiran nan eebbisa. Bokkaas yeroo isaatti nan roobsa; roobni sunis rooba eebbaa ni taʼa.
Ndidzakhazika anthu anga pafupi ndi phiri langa loyera ndipo ndidzawadalitsa. Ndidzawagwetsera mvula pa nthawi yake ndipo idzakhala mvula ya madalitso.
27 Mukkeen bakkee ija naqatu; laftis midhaan ni baafti; namoonni biyya isaanii keessatti tasgabbiin ni jiraatu. Yeroo ani danqaraa waanjoo isaanii cabsee harka warra isaan garboomfataniitii isaan baasutti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
Mitengo ya mʼminda idzabereka zipatso zake, ndipo nthaka idzakhala ndi zokolola zake. Anthu adzakhala mwamtendere mʼdziko lawo. Iwo adzadziwa kuti Ine ndine Yehova, pamene ndidzathyola magoli awo ndi kuwapulumutsa kuchoka mʼmanja mwa amene anawagwira ukapolo.
28 Isaan siʼachi sabootaan hin saamaman yookaan bineensota bosonaatiin hin nyaataman. Nagaadhaan jiraatu; wanni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
Anthu amitundu ina sadzawafunkhanso ndipo sadzadyedwa ndi zirombo zakuthengo. Adzakhala mwamtendere ndipo palibe amene adzawaopseze.
29 Ani lafa midhaan baasuudhaan beekame isaaniif nan kenna; isaan biyyattii keessatti siʼachi beelaan hin miidhaman yookaan sabootaaf waan kolfaa hin taʼan.
Ndidzawapatsa zokolola zochuluka motero kuti sadzavutikanso ndi njala. Anthu a mitundu ina sadzawanyozanso.
30 Yommus akka ani Waaqayyo Waaqni isaanii isaan wajjin jiruu fi akka manni Israaʼel saba koo taʼe isaan ni beeku, jedha Waaqayyo Gooftaan.
Pamenepo iwo adzadziwa kuti Ine Yehova Mulungu wawo ndili nawo pamodzi, ndipo kuti iwo, Aisraeli, ndi anthu anga. Ndikutero Ine Ambuye Yehova.
31 Isin hoolonni koo, hoolonni tika koo namoota; anis Waaqa keessan, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
Inu ndinu nkhosa zanga, nkhosa zimene ndimazidyetsa. Ine ndine Mulungu wanu. Ndikutero Ine Ambuye Wamphamvuzonse.’”