< Hisqiʼeel 33 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
ויהי דבר יהוה אלי לאמר׃
2 “Yaa ilma namaa, namoota biyya keetiitti dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Yeroo ani biyya tokkotti goraadee fidutti, sabni biyya sanaa namoota isaa keessaa nama tokko filatee eegduu isa godhatee,
בן אדם דבר אל בני עמך ואמרת אליהם ארץ כי אביא עליה חרב ולקחו עם הארץ איש אחד מקציהם ונתנו אתו להם לצפה׃
3 eegduun sun goraadee biyyattiitti dhufaa jiru argee uummata akeekkachiisuuf malakata yeroo afuufutti,
וראה את החרב באה על הארץ ותקע בשופר והזהיר את העם׃
4 yoo namni kam iyyuu sagalee malakataa dhagaʼee garuu akeekkachiisa sana fudhachuu didee goraadeen sun dhufee lubbuu isaa galaafate, dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa.
ושמע השמע את קול השופר ולא נזהר ותבוא חרב ותקחהו דמו בראשו יהיה׃
5 Inni sagalee malakataa dhagaʼee garuu akeekkachiisa waan hin fudhatiniif dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa. Inni utuu akeekkachiisa sana fudhatee jiraatee silaa of baasa ture.
את קול השופר שמע ולא נזהר דמו בו יהיה והוא נזהר נפשו מלט׃
6 Garuu yoo eegduun sun goraadee dhufaa jiru argee namoota akeekkachiisuuf malakata afuufuu baatee goraadeen sun dhufee isaan keessaa lubbuu nama tokkoo galaafate, namichi sun sababii cubbuu isaatiif ajjeefama; eegduu sana garuu sababii dhiiga nama sanaatiif nan gaafadha.’
והצפה כי יראה את החרב באה ולא תקע בשופר והעם לא נזהר ותבוא חרב ותקח מהם נפש הוא בעונו נלקח ודמו מיד הצפה אדרש׃
7 “Yaa ilma namaa, ani mana Israaʼeliitiif eegduu si godheera; kanaafuu dubbii ani dubbadhu dhagaʼiitii akeekkachiisa na biraa baʼu isaaniif kenni.
ואתה בן אדם צפה נתתיך לבית ישראל ושמעת מפי דבר והזהרת אתם ממני׃
8 Yeroo ani nama hamaa tokkoon, ‘Yaa namicha hamaa nana, ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, yoo ati akka inni qalbii jijjiirratu akeekkachiisuu baatte namichi hamaan sun cubbuu isaatiin ni duʼa; dhiiga isaa garuu ani harka kee irraa nan barbaada.
באמרי לרשע רשע מות תמות ולא דברת להזהיר רשע מדרכו הוא רשע בעונו ימות ודמו מידך אבקש׃
9 Garuu yoo ati nama hamaa sana akka inni karaa isaa irraa deebiʼu akeekkachiiftee inni immoo deebiʼuu baate, inni cubbuu isaatiin ni duʼa; ati garuu lubbuu kee oolfatteerta.
ואתה כי הזהרת רשע מדרכו לשוב ממנה ולא שב מדרכו הוא בעונו ימות ואתה נפשך הצלת׃
10 “Yaa ilma namaa, mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin akkana jettu: “Yakkii fi cubbuun keenya nutti ulfaateera; nuus sababii kanaaf nyaatamnee dhumne. Yoos akkamiin jiraachuu dandeenya ree?”’
ואתה בן אדם אמר אל בית ישראל כן אמרתם לאמר כי פשעינו וחטאתינו עלינו ובם אנחנו נמקים ואיך נחיה׃
11 Akkana isaaniin jedhi; ‘Akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe, ani akka namoonni hamoon karaa isaanii irraa deebiʼanii jiraatan malee duʼa isaaniitti hin gammadu, jedha Waaqayyo Gooftaan. Deebiʼaa! Karaa keessan hamaa sana irraa deebiʼaa! Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu?’
אמר אליהם חי אני נאם אדני יהוה אם אחפץ במות הרשע כי אם בשוב רשע מדרכו וחיה שובו שובו מדרכיכם הרעים ולמה תמותו בית ישראל׃
12 “Kanaafuu yaa ilma namaa, namoota biyya keetiitiin akkana jedhi; ‘Qajeelummaan nama qajeelaa yommuu inni ajajamuu didutti isa hin baasu; hamminni nama hamaas yommuu inni hammina isaa irraa deebiʼutti isa hin balleessu. Namni qajeelaan yoo cubbuu hojjete sababii qajeelummaa isaa duraatiif lubbuudhaan hin jiraatu.’
ואתה בן אדם אמר אל בני עמך צדקת הצדיק לא תצילנו ביום פשעו ורשעת הרשע לא יכשל בה ביום שובו מרשעו וצדיק לא יוכל לחיות בה ביום חטאתו׃
13 Yoo ani nama qajeelaa tokko akka inni dhugumaan jiraatu itti himee, inni garuu qajeelummaa isaa amanatee cubbuu hojjete, waan qajeelaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu hin yaadatamu; inni cubbuu hojjete sanaan ni duʼa.
באמרי לצדיק חיה יחיה והוא בטה על צדקתו ועשה עול כל צדקתו לא תזכרנה ובעולו אשר עשה בו ימות׃
14 Yoo ani nama cubbamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhee inni garuu cubbuu isaa irraa deebiʼee waan sirrii fi waan qajeelaa hojjete jechuunis,
ובאמרי לרשע מות תמות ושב מחטאתו ועשה משפט וצדקה׃
15 inni yoo qabdii waan liqeesse tokkoof fudhate deebise, yoo waan hate deebise, yoo seera jireenya namaaf kennu duukaa buʼee hammina hojjechuu baate, inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus.
חבל ישיב רשע גזלה ישלם בחקות החיים הלך לבלתי עשות עול חיו יחיה לא ימות׃
16 Cubbuu namichi sun hojjete keessaa tokko iyyuu isatti hin herregamu. Inni waan sirrii fi qajeelaa hojjeteeraatii, dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata.
כל חטאתו אשר חטא לא תזכרנה לו משפט וצדקה עשה חיו יחיה׃
17 “Taʼus namoonni biyya keetii, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jedhu. Garuu karaan qajeelaa hin taʼin kanuma isaanii ti.
ואמרו בני עמך לא יתכן דרך אדני והמה דרכם לא יתכן׃
18 Namni qajeelaan yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee hammina hojjete, inni hammina sanaan ni duʼa.
בשוב צדיק מצדקתו ועשה עול ומת בהם׃
19 Namni hamaan tokko immoo yoo hammina isaa irraa deebiʼee murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjete, inni waan kana hojjechuu isaatiin ni jiraata.
ובשוב רשע מרשעתו ועשה משפט וצדקה עליהם הוא יחיה׃
20 Taʼu illee yaa mana Israaʼel isin, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jettu. Ani garuu hunda keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura.”
ואמרתם לא יתכן דרך אדני איש כדרכיו אשפוט אתכם בית ישראל׃
21 Waggaa kudha lammaffaa boojiʼamuu keenyaatti, jiʼa kurnaffaa keessa, bultii shanaffaatti, namichi Yerusaalemii baqatee baʼe tokko gara koo dhufee, “Magaalattiin kufteerti!” jedhe.
ויהי בשתי עשרה שנה בעשרי בחמשה לחדש לגלותנו בא אלי הפליט מירושלם לאמר הכתה העיר׃
22 Galgala dhufaatii namichaatiin duraa sana harki Waaqayyoo narra ture; utuu namichi ganamaan gara koo hin dhufinis Waaqni afaan koo bane. Afaan koo banameeraatii ani lammata hin calʼisne.
ויד יהוה היתה אלי בערב לפני בוא הפליט ויפתח את פי עד בוא אלי בבקר ויפתח פי ולא נאלמתי עוד׃
23 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
ויהי דבר יהוה אלי לאמר׃
24 “Yaa ilma namaa, namoonni diigama biyya Israaʼel keessa jiru keessa jiraatan akkana jedhu; ‘Abrahaam namuma tokko ture; taʼus inni biyyattii dhaale. Nu garuu baayʼee dha; biyyattiinis dhugumaan akka nu dhaalluuf nuu kennamteerti.’
בן אדם ישבי החרבות האלה על אדמת ישראל אמרים לאמר אחד היה אברהם ויירש את הארץ ואנחנו רבים לנו נתנה הארץ למורשה׃
25 Kanaafuu akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin foon utuma dhiigni keessa jiruu nyaattu; waaqota keessan tolfamoo abdattu; dhiiga namaas dhangalaaftu; yoos isin biyyattii dhaaluu qabduu?
לכן אמר אלהם כה אמר אדני יהוה על הדם תאכלו ועינכם תשאו אל גלוליכם ודם תשפכו והארץ תירשו׃
26 Isin goraadee keessan abdattu; waan jibbisiisaa hojjettu; tokkoon tokkoon keessan niitii ollaa keessanii xureessitu. Yoos isin biyyattii dhaaluu qabduu?’
עמדתם על חרבכם עשיתן תועבה ואיש את אשת רעהו טמאתם והארץ תירשו׃
27 “Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani jiraataadhaatii, warri diigama keessatti hafan goraadeedhaan dhumu; warra baadiyyaa keessa jiran akka isaan nyaatamaniif bineensatti dabarsee nan kenna; warri daʼannoo fi holqa keessa jiraatan immoo dhaʼichaan ni dhumu.
כה תאמר אלהם כה אמר אדני יהוה חי אני אם לא אשר בחרבות בחרב יפלו ואשר על פני השדה לחיה נתתיו לאכלו ואשר במצדות ובמערות בדבר ימותו׃
28 Ani biyyattii onsee duwwaa nan hambisa; humni isheen ittiin of jajjus ni dhuma; gaarran Israaʼelis akka namni tokko iyyuu irra hin qaxxaamurreef qullaa hafu.
ונתתי את הארץ שממה ומשמה ונשבת גאון עזה ושממו הרי ישראל מאין עובר׃
29 Yeroo ani sababii wantoota jibbisiisoo isaan hojjetan hundaatiif biyyattii onsee duwwaa hambisutti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’
וידעו כי אני יהוה בתתי את הארץ שממה ומשמה על כל תועבתם אשר עשו׃
30 “Waaʼee kee immoo yaa ilma namaa, namoonni biyya keetii keenyan manaa birattii fi balbala duratti waaʼee kee dubbachaa, ‘Kottaa dhaqnee ergaa Waaqayyo biraa dhufe dhageenyaa’ waliin jedhu.
ואתה בן אדם בני עמך הנדברים בך אצל הקירות ובפתחי הבתים ודבר חד את אחד איש את אחיו לאמר באו נא ושמעו מה הדבר היוצא מאת יהוה׃
31 Sabni koo akkuma yeroo kaaniitti gara kee dhufanii dubbii kee dhagaʼuudhaaf fuula kee dura tataaʼu; isaan garuu waan sana hojiidhaan hin argisiisan. Isaan afaan isaaniitiin jaalala guddaa dubbatu; garaan isaanii garuu buʼaa hin malle argachuuf gaggaba.
ויבואו אליך כמבוא עם וישבו לפניך עמי ושמעו את דבריך ואותם לא יעשו כי עגבים בפיהם המה עשים אחרי בצעם לבם הלך׃
32 Dhugumaan ati isaaniif nama sagalee gaariidhaan sirba jaalalaa sirbee meeshaa sirbaa taphatu irra hin jirtuutii; isaan dubbii kee ni dhagaʼu malee hojiidhaan hin argisiisaniitii.
והנך להם כשיר עגבים יפה קול ומטב נגן ושמעו את דבריך ועשים אינם אותם׃
33 “Yeroo wanni kun taʼutti, dhugumaan ni taʼaatii isaan gaafas akka raajiin gidduu isaanii ture ni beeku.”
ובבאה הנה באה וידעו כי נביא היה בתוכם׃

< Hisqiʼeel 33 >