< Hisqiʼeel 33 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
2 “Yaa ilma namaa, namoota biyya keetiitti dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Yeroo ani biyya tokkotti goraadee fidutti, sabni biyya sanaa namoota isaa keessaa nama tokko filatee eegduu isa godhatee,
“Ɗan mutum, yi magana da mutanen ƙasarka ka faɗa musu cewa, ‘Sa’ad da na kawo takobi a kan ƙasar, mutanen ƙasar kuwa suka zaɓi ɗaya daga cikin mutanensu suka mai da shi mai tsaro,
3 eegduun sun goraadee biyyattiitti dhufaa jiru argee uummata akeekkachiisuuf malakata yeroo afuufutti,
ya kuma ga takobi yana zuwa a kan ƙasar ya kuwa busa ƙaho don yă faɗakar da mutane,
4 yoo namni kam iyyuu sagalee malakataa dhagaʼee garuu akeekkachiisa sana fudhachuu didee goraadeen sun dhufee lubbuu isaa galaafate, dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa.
in wani ya ji busar amma bai kula ba, takobin zai zo ya ɗauki ransa, jininsa kuwa zai zauna a kansa.
5 Inni sagalee malakataa dhagaʼee garuu akeekkachiisa waan hin fudhatiniif dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa. Inni utuu akeekkachiisa sana fudhatee jiraatee silaa of baasa ture.
Da yake ya ji ƙarar busar amma bai kula ba, jininsa zai zauna a kansa. Da a ce ya kula, da ya ceci kansa.
6 Garuu yoo eegduun sun goraadee dhufaa jiru argee namoota akeekkachiisuuf malakata afuufuu baatee goraadeen sun dhufee isaan keessaa lubbuu nama tokkoo galaafate, namichi sun sababii cubbuu isaatiif ajjeefama; eegduu sana garuu sababii dhiiga nama sanaatiif nan gaafadha.’
Amma a ce mai tsaron ya ga takobi yana zuwa bai kuwa busa ƙaho don yă faɗakar da mutane ba sai takobi ya zo ya ɗauki ran waninsu, za a kawar da wannan mutum saboda zunubinsa, amma zan nemi hakkin jinin mutumin a kan mai tsaron.’
7 “Yaa ilma namaa, ani mana Israaʼeliitiif eegduu si godheera; kanaafuu dubbii ani dubbadhu dhagaʼiitii akeekkachiisa na biraa baʼu isaaniif kenni.
“Ɗan mutum, na mai da kai mai tsaro bisa gidan Isra’ila; saboda haka ka ji abin da zan faɗa ka kuma gargaɗe su.
8 Yeroo ani nama hamaa tokkoon, ‘Yaa namicha hamaa nana, ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, yoo ati akka inni qalbii jijjiirratu akeekkachiisuu baatte namichi hamaan sun cubbuu isaatiin ni duʼa; dhiiga isaa garuu ani harka kee irraa nan barbaada.
Sa’ad da na ce wa mugu, ‘Ya mugun mutum, tabbatacce za ka mutu,’ kai kuma ba ka yi magana don ka juyar da shi daga hanyoyinsa ba, wannan mugun mutum zai mutu domin zunubinsa, zan kuma nemi hakkin jininsa a kanka.
9 Garuu yoo ati nama hamaa sana akka inni karaa isaa irraa deebiʼu akeekkachiiftee inni immoo deebiʼuu baate, inni cubbuu isaatiin ni duʼa; ati garuu lubbuu kee oolfatteerta.
Amma in ka faɗakar da mugun mutumin don yă juye daga hanyoyinsa bai kuwa yi haka ba, zai mutu saboda zunubinsa, amma kai za ka kuɓutar da kanka.
10 “Yaa ilma namaa, mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin akkana jettu: “Yakkii fi cubbuun keenya nutti ulfaateera; nuus sababii kanaaf nyaatamnee dhumne. Yoos akkamiin jiraachuu dandeenya ree?”’
“Ɗan mutum, faɗa wa gidan Isra’ila, ‘Ga abin da kuke cewa, “Laifofinmu da zunubanmu suna nawaita mana, muna kuma lalacewa saboda su. Ta ƙaƙa za mu rayu?”’
11 Akkana isaaniin jedhi; ‘Akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe, ani akka namoonni hamoon karaa isaanii irraa deebiʼanii jiraatan malee duʼa isaaniitti hin gammadu, jedha Waaqayyo Gooftaan. Deebiʼaa! Karaa keessan hamaa sana irraa deebiʼaa! Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu?’
Ka faɗa musu, ‘Muddin ina raye, in ji Ubangiji Mai Iko Duka, ba na jin daɗin mutuwar mugu, amma a maimako haka ya fi su juye daga hanyoyinsu su rayu. Ku juye! Ku juye daga mugayen hanyoyinku! Don me za ku mutu, ya gidan Isra’ila?’
12 “Kanaafuu yaa ilma namaa, namoota biyya keetiitiin akkana jedhi; ‘Qajeelummaan nama qajeelaa yommuu inni ajajamuu didutti isa hin baasu; hamminni nama hamaas yommuu inni hammina isaa irraa deebiʼutti isa hin balleessu. Namni qajeelaan yoo cubbuu hojjete sababii qajeelummaa isaa duraatiif lubbuudhaan hin jiraatu.’
“Saboda haka, ɗan mutum, ka faɗa wa mutanen ƙasarka, ‘Adalcin adali ba zai cece shi sa’ad da ya ƙi yin biyayya ba, kuma muguntar mugu ba za tă sa ya fāɗi sa’ad da ya juya daga gare ta ba. Adali, in ya yi zunubi, ba za a bari yă rayu saboda adalcinsa na dā ba.’
13 Yoo ani nama qajeelaa tokko akka inni dhugumaan jiraatu itti himee, inni garuu qajeelummaa isaa amanatee cubbuu hojjete, waan qajeelaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu hin yaadatamu; inni cubbuu hojjete sanaan ni duʼa.
In na faɗa wa adali cewa tabbatacce zai rayu, amma sai ya dogara ga adalcinsa ya kuma aikata mugunta, babu ayyukan adalcinsa da za a tuna; zai mutu saboda muguntar da ya aikata.
14 Yoo ani nama cubbamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhee inni garuu cubbuu isaa irraa deebiʼee waan sirrii fi waan qajeelaa hojjete jechuunis,
Kuma in na ce wa mugu, ‘Tabbatacce za ka mutu,’ amma sai ya juye daga zunubinsa ya kuma yi abin da yake gaskiya da kuma daidai,
15 inni yoo qabdii waan liqeesse tokkoof fudhate deebise, yoo waan hate deebise, yoo seera jireenya namaaf kennu duukaa buʼee hammina hojjechuu baate, inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus.
in ya mayar da jingina, ya mayar da abin da ya sata, ya kiyaye ƙa’idodin da suke ba da rai, ya daina yin mugunta, tabbatacce zai rayu; ba zai mutu ba.
16 Cubbuu namichi sun hojjete keessaa tokko iyyuu isatti hin herregamu. Inni waan sirrii fi qajeelaa hojjeteeraatii, dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata.
Babu wani zunubin da ya aikata da za a tuna da shi. Ya yi abin da yake gaskiya da kuma daidai; tabbatacce zai rayu.
17 “Taʼus namoonni biyya keetii, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jedhu. Garuu karaan qajeelaa hin taʼin kanuma isaanii ti.
“Duk da haka mutanen ƙasarka sun ce, ‘Hanyar Ubangiji ba daidai ba ce.’ Alhali kuwa tasu ce ba daidai ba.
18 Namni qajeelaan yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee hammina hojjete, inni hammina sanaan ni duʼa.
In adali ya juye daga adalcinsa ya yi mugunta, zai mutu saboda haka.
19 Namni hamaan tokko immoo yoo hammina isaa irraa deebiʼee murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjete, inni waan kana hojjechuu isaatiin ni jiraata.
Kuma in mugu ya juye daga muguntarsa ya aikata abin da yake gaskiya da kuma daidai, zai rayu ta yin haka.
20 Taʼu illee yaa mana Israaʼel isin, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jettu. Ani garuu hunda keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura.”
Duk da haka, ya gidan Isra’ila kun ce, ‘Hanyar Ubangiji ba daidai ba ce.’ Amma zan hukunta kowane ɗayanku gwargwadon ayyukansa.”
21 Waggaa kudha lammaffaa boojiʼamuu keenyaatti, jiʼa kurnaffaa keessa, bultii shanaffaatti, namichi Yerusaalemii baqatee baʼe tokko gara koo dhufee, “Magaalattiin kufteerti!” jedhe.
A shekara ta goma sha biyu ta zaman bautanmu, a wata na goma a rana ta biyar, wani mutumin da ya gudu daga Urushalima ya zo wurina ya ce, “Birnin ya fāɗi!”
22 Galgala dhufaatii namichaatiin duraa sana harki Waaqayyoo narra ture; utuu namichi ganamaan gara koo hin dhufinis Waaqni afaan koo bane. Afaan koo banameeraatii ani lammata hin calʼisne.
To a yamman da ya wuce kafin mutumin ya iso, hannun Ubangiji yana a kaina, ya kuma buɗe bakina kafin mutumin ya iso wurina da safe. Sai bakina ya buɗu ban kuma yi shiru ba.
23 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Sai maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
24 “Yaa ilma namaa, namoonni diigama biyya Israaʼel keessa jiru keessa jiraatan akkana jedhu; ‘Abrahaam namuma tokko ture; taʼus inni biyyattii dhaale. Nu garuu baayʼee dha; biyyattiinis dhugumaan akka nu dhaalluuf nuu kennamteerti.’
“Ɗan mutum, mutanen da suke zama a waɗannan kufai a ƙasar Isra’ila suna cewa, ‘Ibrahim mutum ɗaya ne kaɗai, duk da haka Ibrahim ya mallaki ƙasar. Amma mu da muke da yawa; lalle an ba mu ƙasar ta zama mallakarmu.’
25 Kanaafuu akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin foon utuma dhiigni keessa jiruu nyaattu; waaqota keessan tolfamoo abdattu; dhiiga namaas dhangalaaftu; yoos isin biyyattii dhaaluu qabduu?
Saboda haka ka faɗa musu, ‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa da yake kun ci nama da jini a cikinsa kuka kuma bauta wa gumakanku kuka zub da jini, kuna gani za ku mallaki ƙasar?
26 Isin goraadee keessan abdattu; waan jibbisiisaa hojjettu; tokkoon tokkoon keessan niitii ollaa keessanii xureessitu. Yoos isin biyyattii dhaaluu qabduu?’
Kun dogara ga takobinku, kuka aikata abubuwan banƙyama, kowannenku kuma ya ƙazantar da matar maƙwabcinsa. Kuna gani za ku mallaki ƙasar?’
27 “Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani jiraataadhaatii, warri diigama keessatti hafan goraadeedhaan dhumu; warra baadiyyaa keessa jiran akka isaan nyaatamaniif bineensatti dabarsee nan kenna; warri daʼannoo fi holqa keessa jiraatan immoo dhaʼichaan ni dhumu.
“Ka faɗa musu wannan, ‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa muddin ina raye, waɗanda aka rage a kufai za su fāɗi ga takobi, waɗanda suke bayan gari kuwa namun jeji za su cinye su, waɗanda suke a mafaka da kogwannin duwatsu annoba za tă kashe su.
28 Ani biyyattii onsee duwwaa nan hambisa; humni isheen ittiin of jajjus ni dhuma; gaarran Israaʼelis akka namni tokko iyyuu irra hin qaxxaamurreef qullaa hafu.
Zan mai da ƙasar kango, kuma fariyar ƙarfinta zai ƙare, duwatsun Isra’ila za su zama kufai don kada wani ya ratsa su.
29 Yeroo ani sababii wantoota jibbisiisoo isaan hojjetan hundaatiif biyyattii onsee duwwaa hambisutti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’
Sa’an nan za su san cewa ni ne Ubangiji, sa’ad da na mai da ƙasar kango saboda dukan abubuwan banƙyamar da suka yi.’
30 “Waaʼee kee immoo yaa ilma namaa, namoonni biyya keetii keenyan manaa birattii fi balbala duratti waaʼee kee dubbachaa, ‘Kottaa dhaqnee ergaa Waaqayyo biraa dhufe dhageenyaa’ waliin jedhu.
“Game da kai kuma, ɗan mutum, mutanen ƙasarka suna magana da juna game da kai a katanga da kuma ƙofofin gidaje, suna ce wa juna, ‘Ku zo mu tafi mu ji maganar da ta zo daga wurin Ubangiji.’
31 Sabni koo akkuma yeroo kaaniitti gara kee dhufanii dubbii kee dhagaʼuudhaaf fuula kee dura tataaʼu; isaan garuu waan sana hojiidhaan hin argisiisan. Isaan afaan isaaniitiin jaalala guddaa dubbatu; garaan isaanii garuu buʼaa hin malle argachuuf gaggaba.
Mutanena sukan zo wurinka, yadda suka saba su zauna a gabanka don su saurari maganarka, amma ba sa aiki da abin da suka ji. Da bakunansu suna nuna ƙauna, amma zukatansu cike da haɗama suke don ƙazamar riba.
32 Dhugumaan ati isaaniif nama sagalee gaariidhaan sirba jaalalaa sirbee meeshaa sirbaa taphatu irra hin jirtuutii; isaan dubbii kee ni dhagaʼu malee hojiidhaan hin argisiisaniitii.
Tabbatacce, gare su ba ka fi mai waƙar ƙauna da murya mai daɗi kana kuma yin kiɗa sosai ba, gama sukan ji maganarka amma ba sa amfani da ita.
33 “Yeroo wanni kun taʼutti, dhugumaan ni taʼaatii isaan gaafas akka raajiin gidduu isaanii ture ni beeku.”
“Sa’ad da dukan wannan ya cika kuma zai cika ɗin, sa’an nan za su sani akwai annabi a tsakiyarsu.”

< Hisqiʼeel 33 >