< Hisqiʼeel 32 >

1 Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa kudha lammaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EIA kekahi, i ka umikumamalua o ka makahiki, i ka malama umikumamalua, i ka la mua o ka malama, hiki mai la ka olelo a Iehova ia'u, i mai la,
2 “Yaa ilma namaa, waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi faaruu baasiitii akkana jedhi: “‘Ati saboota gidduutti akka leencaa ti; galaanota keessatti immoo bineensa akka jawwee ti; ati lageen borcita; miilla keetiin bishaan ni booressita; lageenis ni dhoqqeessita.
E ke keiki a ke kanaka, e hoomaka i ke kanikau no Parao ke alii no Aigupita, a e olelo aku ia ia, Ua like oe me ka liona opiopio o na lahuikanaka, a ua like hoi oe me ke kohola iwaena o na kai; a ua puka mai oe me kou mau muliwai, a hoolepo oe i ko lakou mau wai me kou mau wawae, a ua hoolepo hoi i ko lakou mau muliwai.
3 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Gumii namoota baayʼee keessatti ani kiyyoo koo sitti nan darbadha; isaanis kiyyoo kootiin harkisanii si baasu.
Ke i mai nei Iehova ka Haku penei; Nolaila, e hohola aku au i ka'u upena maluna ou me ka lehulehu kanaka he nui, a e lawe mai lakou ia oe iloko o ka'u upena.
4 Ani lafatti sin gata; bakkeettis sin darbadha. Akka simbirroonni samii hundi sirra qubatan, akka bineensonni lafaa hundinuus si nyaatanii quufan nan godha.
Alaila, e waiho iho au ia oe maluna o ka aina, a e hoolei aku ia oe ma ke kula, a e hoonoho i na manu a pau o ka lewa maluna, a e hoomaona aku i na holoholona o ka honua a pau ia oe.
5 Ani foon kee tulluuwwan irratti nan bittinneessa; raqa keetiinis sululawwan nan guuta.
A e kau aku au i kou io maluna o na mauna, a e hoopiha i na awawa me kou kiekie.
6 Hamma tulluuwwan bira gaʼutti dhiiga kee kan lolaʼuun biyyattii nan guuta; sululawwanis foon keetiin ni guutamu.
A e hoopulu au me kou koko i ka aina e au ai oe, a hiki i na mauna; a e piha na muliwai ia oe.
7 Ani yommuun si balleessutti samiiwwan nan haguuga; urjiiwwan isaanii immoo nan dukkaneessa; aduu duumessaan nan haguuga; jiʼis ifa isaa hin kennu.
A hoopio aku au ia oe, e uhi au i ka lani, a e hoolilo i kona mau hoku i eleele; a e uhi au i ka la i kekahi ao, aole e haawi ka mahina i kona malamalama.
8 Ifawwan calaqqisoo samii irra jiran hunda sitti nan dukkaneessa; ani biyya kee irra dukkana nan buusa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
O na mea malamalama olinolino o ka lani, oia ka'u e hoolilo ai i pouli maluna ou, a e hoonoho i ka pouli maluna o kou aina, wahi a Iehova ka Haku.
9 Ani yeroon boojuu godhee saboota gidduutti gara biyyoota ati hin beekiniitti si ergutti garaa saboota hedduu nan dhiphisa.
A e hoopioloke au i ka naau o na kanaka he nui, i ko'u lawe ana i kou lukuia iwaena o na lahuikanaka, iloko o na aina au i ike ole ai.
10 Ani yeroon goraadee koo fuula isaanii duratti mirmirsutti akka namoonni hedduun si arganii naʼan, akka mootonni isaaniis waaʼee keetiif sodaadhaan hollatan nan godha. Guyyaa kufaatii keetii tokkoon tokkoon isaanii yeruma yeroon lubbuu isaaniitiif ni kirkiru.
A e hoomakau aku au i na lahuikanaka he nui nou, a e weliweli loa ko lakou mau alii nou i kuu wa e hoowiliwili ai i ka'u pahikaua imua o lakou; a e haalulu lakou i kela manawa keia manawa, kela kanaka keia kanaka no kona ola iho, i kou la e haule ai.
11 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: “‘Goraadeen mootii Baabilon sitti dhufa.
No ka mea, ke i mai nei Iehova ka Haku, penei; E hiki mai no ka pahikaua a ke alii o Babulona, maluna ou.
12 Ani akka namoonni kee hedduun goraadee namoota jajjabootiin jechuunis kanneen saboota hunda keessaa akka malee hamoo taʼan sanaatiin dhuman nan godha. Isaan of tuulummaa Gibxi ni balleessu; waldoonni ishee hundinuus ni barbadeeffamu.
Ma na pahikaua a ka poe ikaika e hoohaule ai au i kou lehulehu, o na mea ikaika o na lahuikanaka, lakou a pau: a e hookai lakou i ka hauohano o Aigupita, a e pau i ka lukuia ko laila lehulehu.
13 Bishaanota baayʼee biraa loon ishee hunda nan fixa; siʼachi miilli namaa hin booressu yookaan kotteen loonii hin dhoqqeessu.
E luku hoi i ko laila mau holoholona a pau ma ka pili ana o na wai nui, aole e hana ino hou ka wawae kanaka ia lakou, aole hoi ka maiuu o na holoholona e hana ino hou ia lakou.
14 Ergasii bishaan ishee akka qulqullaaʼu, lageen ishee immoo akkuma zayitii akka dhangalaʼan nan godha, jedha Waaqayyo Gooftaan.
Alaila e hoemi au i ko lakou mau wai, a e hookahe i ko lakou mau muliwai e like me ka aila, wahi a Iehova ka Haku.
15 Gaafa ani biyya Gibxi onsee biyyattiin waan ishee keessa jiru hunda dhabdutti, yommuu ani waan achi jiraatu hunda dhaʼutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’
Aia hooneoneo aku au i ka aina Aigupita, a e hooneleia ka aina i ko laila mea i paapu ai, a e pepehi aku au i ka poe a pau e noho ana malaila, alaila e ike lakou owau no Iehova.
16 “Faaruun isaan isheef faarsan kana. Intallan sabootaas ni faarsu; biyyi Gibxii fi waldaan ishee hundi ni faarsu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
Eia ko kanikau e kanikau ai lakou ia ia; e kanikau no na kaikamahine o na lahuikanaka ia ia; oia o Aigupita a me kona lehalehu a pau ka lakou e kanikau ai, wahi a Iehova ka Haku.
17 Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa kudha shanaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Eia hoi kekahi, i ka umikumamalua o ka makahiki, i ka la umikumamalima, hiki mai la ka olelo a Iehova ia'u, i mai la,
18 “Yaa ilma namaa, waldaa namoota Gibxiif wawwaadhu; ishee fi intallan saboota jajjaboo kanneen boolla buʼanitti dabaliitii qileetti darbadhu.
E ke keiki a ke kanaka, e auwe oe no ka lehulehu o Aigupita, a e hooiho ia lakou, ia ia, a me na kaikamahine o na lahuikanaka kaulana, i na wahi olalo o ka honua me ka poe iho ilalo i ka lua.
19 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Ati eenyu caalaa miidhagda? Gad buʼiitii warra dhagna hin qabanne sana gidduu ciisi.’
Ua oi aku kou nani mamua owai? e iho oe, a e hoomoeia me ka poe i okipoepoe ole ia.
20 Isaan warra goraadeedhaan ajjeefaman gidduutti kufu. Goraadeen luqqifameera; isheen waldaa namoota ishee hunda wajjin lafa irra haa harkifamtu.
Iwaenakonu o ka poe i pepehiia me ka pahikaua, e haule ai lakou; ua haawiia ia i ka pahikaua: e alako oe ia ia a me kona mau lehulehu a pau.
21 Hooggantoonni jajjaboon awwaala keessaa waaʼee Gibxii fi waaʼee tumsitoota ishee, ‘Isaan gad buʼaniiru; warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan qalaman wajjin ciciisaniiru’ jedhu. (Sheol h7585)
E olelo ia ia ka poe ikaika iwaena o ka poe ikaika mai loko mai o ka po, me ka poe kokua ia ia; ua iho ilalo lakou, ua moe okipoepoe ole ia, i make i ka pahikaua. (Sheol h7585)
22 “Asoor loltoota ishee hunda wajjin achi jirti; isheenis awwaala namoota ishee warra qalaman hundaa kanneen goraadeedhaan dhuman hundaatiin marfamteerti.
Malaila o Asura a me kona lehulehu a pau, ua puni ia i kona mau luakupapau; ua pau lakou i ka pepehiia, ua haule i ka pahikaua:
23 Awwaalli isaanii boolla qilee keessa; loltoonni ishees naannoo awwaala ishee ciciisaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessatti sodaa faffacaasan hundi gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru.
Ka poe ua haawiia na luakupapau ia lakou ma na aoao o ka lua, a ua puni kona luakupapau i kona poe; pau lakou i ka popehiia, haule i ka pahikaua, na mea i hoomakau aku ma ka aina o ka poe ola.
24 “Eelaam waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaalaa ishee jiran hunda wajjin achi jirti. Hundi isaanii gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasan hundi utuu dhagna hin qabatin qilee keessa buʼaniiru. Isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru.
Malaila o Elama a me kona lehulehu a pau a puni kona luakupapau, pau lakou i ka pepehiia, ua haule hoi i ka pahikaua; na mea i iho okipoepoe ole ia ilalo i na wahi lalo o ka honua, ka poe i hana i na mea hooweliweli ma ka aina o ka poe ola, aka, ua hali lakou i ko lakou hoinoia me ka poe iho ilalo i ka lua.
25 Waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala ishee jiran hunda wajjin warra gorraʼaman gidduutti sireen isheedhaaf qopheeffameera. Hundi isaanii warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeen dhumanii dha. Sababii sodaan isaanii biyya jiraattotaa keessa faffacaʼeef, isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru; isaan warra gorraʼaman gidduu ciciisaniiru.
Ua hoonoho lakou i wahi moe nona iwaena o ka poe i pepehiia me kona lehulehu a pau, ua puni i kona mau luakupapau, ua okipoepoe ole ia lakou a pau, ua pepehiia i ka pahikaua; ua haawiia ko lakou mea makau ma ka aina o ka poe ola, aka, ua halihali lakou i ko lakou hoinoia me ka poe iho ilalo i ka lua: ua waihoia'ku oia mawaenakonu o ka poe i pepehiia,
26 “Meshekii fi Tuubaal waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala isaanii jiran hunda wajjin achi jiru. Hundi isaanii iyyuu warra dhagna hin qabatin kanneen sababii biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasaniif goraadeedhaan dhumanii dha.
Malaila o Meseka, a me Tubala, a me kona lehulehu a pau, ua puni oia i kona mau luakupapau; ua okipoepoe ole ia lakou a pau, ua pepehiia lakou i ka pahikaua, ua haawi lakou i ko lakou mea makau ma ka aina o ka poe ola.
27 Isaan gootota dhuman kanneen dhagna hin qabatin kaan, warra miʼa lolaa isaanii wajjin awwaalaman kanneen goraadeewwan boraafatan wajjin hin ciciisanii? Sodaachisuun gootota kanneenii biyya jiraattotaa keessa jiraatu iyyuu adabbiin cubbuu isaaniitiif malu lafee isaanii irra buʼe. (Sheol h7585)
Aole hoi lakou e moe pu me ka ikaika i haule o ka poe okipoepoe ole ia, ka poe i iho ilalo i ka po me ko lakou mau mea oi o ke kaua; ua waiho iho lakou i ka lakou mau pahikaua malalo iho o ko lakou mau poo; a maluna aku o ko lakou mau iwi ko lakou mau hewa, he mau mea nae e weliweli ai ka poe ikaika ma ka aina o ka poe ola. (Sheol h7585)
28 “Yaa Faraʼoon, atis cabdee warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciifta.
Oia, e uhaiia oe iwaena o ka poe okipoepoe ole ia, a e moe pu me ka poe i pepehiia i ka pahikaua.
29 “Edoom, mootonni isheetii fi bulchitoonni ishee hundi achi jiru; isaan humna qabaatan iyyuu, warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisaniiru. Isaan warra dhagna hin qabatin kanneen boolla buʼan wajjin ciciisu.
Malaila o Edoma, me kona mau moi, a me kona mau alii a pau, na mea me ko lakou ikaika i waiho pu ia me na mea i pepehiia i ka pahikaua, e moe pu lakou me ka poe okipoepoe ole ia, a me ka poe iho ilalo i ka lua.
30 “Bulchitoonni kaabaa hundii fi warri Siidoonaa hundi achi jiru; isaan warra jabina isaaniitiin goolii uumaa turan taʼan iyyuu warra gorraʼaman wajjin salphinaan gad buʼan. Utuu dhagna hin qabatin warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisu; warra boolla buʼan wajjinis salphina isaanii baadhatu.
Malaila na moi o ke kukuluakau, lakou a pau, a me ko Zidona a pau, na mea iho pu ilalo me ka poe i pepehiia; me ko lakou mea makau, ua hilahila lakou i ko lakou ikaika; a ua moe okipoepoe ole ia lakou me ka poe i pepehiia i ka pahikaua, a e halihali lakou i ko lakou hoinoia me ka poe iho ilalo i ka lua.
31 “Faraʼoonii fi loltoonni isaa hundi jara argu; waldaan namoota isaa hundi goraadeedhaan ajjeefamani iyyuu inni of jajjabeessa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
E ike aku o Parao ia lakou, a e hooluoluia oia i kona lehulehu a pau, o Parao a me kona poe kaua a pau i pepehiia i ka pahikaua, wahi a Iehova ka Haku.
32 Ani akka inni biyya jiraattotaa keessa goolii faffacaasu godhu iyyuu, Faraʼoonii fi waldaan namoota isaa hundi warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciciisu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
No ka mea, ua haawi au ia ia i mea hooweliweli no'u ma ka aina o ka poe ola; aka, e hoomoeia oia iwaenakonu o ka poe okipoepoe ole ia, me ka poe i pepehiia i ka pahikaua, o Parao a me kona lehulehu a pau, wahi a Iehova ka Haku.

< Hisqiʼeel 32 >