< Hisqiʼeel 32 >

1 Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa kudha lammaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Et il arriva, en la douzième année, au douzième mois, le premier [jour] du mois, que la parole de l’Éternel vint à moi, disant:
2 “Yaa ilma namaa, waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi faaruu baasiitii akkana jedhi: “‘Ati saboota gidduutti akka leencaa ti; galaanota keessatti immoo bineensa akka jawwee ti; ati lageen borcita; miilla keetiin bishaan ni booressita; lageenis ni dhoqqeessita.
Fils d’homme, élève une complainte sur le Pharaon, le roi d’Égypte, et dis-lui: Tu étais semblable à un jeune lion parmi les nations, tu étais comme un monstre dans les eaux; et tu t’élançais dans tes fleuves, et tu troublais les eaux avec tes pieds, et tu rendais bourbeux leurs fleuves.
3 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Gumii namoota baayʼee keessatti ani kiyyoo koo sitti nan darbadha; isaanis kiyyoo kootiin harkisanii si baasu.
Ainsi dit le Seigneur, l’Éternel: J’étendrai sur toi mon rets par un rassemblement de peuples nombreux, et ils te feront monter avec mon filet;
4 Ani lafatti sin gata; bakkeettis sin darbadha. Akka simbirroonni samii hundi sirra qubatan, akka bineensonni lafaa hundinuus si nyaatanii quufan nan godha.
et je te laisserai là, sur la terre, je te jetterai sur la face des champs, et je ferai demeurer sur toi tous les oiseaux des cieux et je rassasierai de toi les bêtes de toute la terre.
5 Ani foon kee tulluuwwan irratti nan bittinneessa; raqa keetiinis sululawwan nan guuta.
Et je mettrai ta chair sur les montagnes, et je remplirai les vallées du monceau de tes membres;
6 Hamma tulluuwwan bira gaʼutti dhiiga kee kan lolaʼuun biyyattii nan guuta; sululawwanis foon keetiin ni guutamu.
et j’arroserai de ton sang le pays où tu nages, jusqu’aux montagnes; et les ravins seront remplis de toi.
7 Ani yommuun si balleessutti samiiwwan nan haguuga; urjiiwwan isaanii immoo nan dukkaneessa; aduu duumessaan nan haguuga; jiʼis ifa isaa hin kennu.
Et quand je t’éteindrai, je couvrirai les cieux, et j’obscurcirai leurs étoiles; je couvrirai le soleil de nuages, et la lune ne fera pas luire sa clarté.
8 Ifawwan calaqqisoo samii irra jiran hunda sitti nan dukkaneessa; ani biyya kee irra dukkana nan buusa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
Tous les luminaires qui luisent dans les cieux, je les obscurcirai à cause de toi, et je mettrai les ténèbres sur ton pays, dit le Seigneur, l’Éternel.
9 Ani yeroon boojuu godhee saboota gidduutti gara biyyoota ati hin beekiniitti si ergutti garaa saboota hedduu nan dhiphisa.
Et je troublerai le cœur de beaucoup de peuples, quand je ferai parvenir [la nouvelle de] ta ruine parmi les nations, dans des pays que tu n’as pas connus.
10 Ani yeroon goraadee koo fuula isaanii duratti mirmirsutti akka namoonni hedduun si arganii naʼan, akka mootonni isaaniis waaʼee keetiif sodaadhaan hollatan nan godha. Guyyaa kufaatii keetii tokkoon tokkoon isaanii yeruma yeroon lubbuu isaaniitiif ni kirkiru.
Et je frapperai de stupeur à cause de toi beaucoup de peuples; et leurs rois frémiront d’horreur à cause de toi, quand je brandirai mon épée devant eux, et ils trembleront à tout moment, chacun pour sa vie, au jour de ta chute.
11 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: “‘Goraadeen mootii Baabilon sitti dhufa.
Car ainsi dit le Seigneur, l’Éternel: L’épée du roi de Babylone viendra sur toi.
12 Ani akka namoonni kee hedduun goraadee namoota jajjabootiin jechuunis kanneen saboota hunda keessaa akka malee hamoo taʼan sanaatiin dhuman nan godha. Isaan of tuulummaa Gibxi ni balleessu; waldoonni ishee hundinuus ni barbadeeffamu.
Par les épées des hommes forts je ferai tomber ta multitude; tous, ils sont les terribles d’entre les nations, et ils détruiront l’orgueil de l’Égypte, et toute sa multitude sera anéantie.
13 Bishaanota baayʼee biraa loon ishee hunda nan fixa; siʼachi miilli namaa hin booressu yookaan kotteen loonii hin dhoqqeessu.
Et je ferai périr tout son bétail d’auprès des grandes eaux; et le pied de l’homme ne les troublera plus, et l’ongle divisé du bétail ne les troublera plus.
14 Ergasii bishaan ishee akka qulqullaaʼu, lageen ishee immoo akkuma zayitii akka dhangalaʼan nan godha, jedha Waaqayyo Gooftaan.
Alors je rendrai leurs eaux limpides, et je ferai couler leurs rivières comme de l’huile, dit le Seigneur, l’Éternel.
15 Gaafa ani biyya Gibxi onsee biyyattiin waan ishee keessa jiru hunda dhabdutti, yommuu ani waan achi jiraatu hunda dhaʼutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’
Quand j’aurai fait du pays d’Égypte une désolation, et que le pays sera désolé, [vide] de ce qu’il contient, quand j’aurai frappé tous ceux qui y habitent, alors ils sauront que je suis l’Éternel.
16 “Faaruun isaan isheef faarsan kana. Intallan sabootaas ni faarsu; biyyi Gibxii fi waldaan ishee hundi ni faarsu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
C’est une complainte, et on la dira pour se lamenter; les filles des nations la diront en se lamentant, elles la diront en se lamentant sur l’Égypte et sur toute sa multitude, dit le Seigneur, l’Éternel.
17 Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa kudha shanaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Et il arriva, la douzième année, le quinzième [jour] du mois, que la parole de l’Éternel vint à moi, disant:
18 “Yaa ilma namaa, waldaa namoota Gibxiif wawwaadhu; ishee fi intallan saboota jajjaboo kanneen boolla buʼanitti dabaliitii qileetti darbadhu.
Fils d’homme, gémis sur la multitude de l’Égypte, et fais-la descendre, elle et les filles des nations magnifiques, dans les lieux bas de la terre, avec ceux qui descendent dans la fosse.
19 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Ati eenyu caalaa miidhagda? Gad buʼiitii warra dhagna hin qabanne sana gidduu ciisi.’
À qui es-tu supérieure en agrément? Descends, et sois couchée avec les incirconcis.
20 Isaan warra goraadeedhaan ajjeefaman gidduutti kufu. Goraadeen luqqifameera; isheen waldaa namoota ishee hunda wajjin lafa irra haa harkifamtu.
Ils tomberont parmi ceux qui ont été tués par l’épée; l’épée a été donnée; traînez l’Égypte et toute sa multitude.
21 Hooggantoonni jajjaboon awwaala keessaa waaʼee Gibxii fi waaʼee tumsitoota ishee, ‘Isaan gad buʼaniiru; warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan qalaman wajjin ciciisaniiru’ jedhu. (Sheol h7585)
Les forts d’entre les puissants, avec ceux qui l’avaient aidé, lui parleront du milieu du shéol; ils sont descendus, ils sont couchés, incirconcis, tués par l’épée. (Sheol h7585)
22 “Asoor loltoota ishee hunda wajjin achi jirti; isheenis awwaala namoota ishee warra qalaman hundaa kanneen goraadeedhaan dhuman hundaatiin marfamteerti.
Là est Assur et toute son assemblée, ses sépulcres autour de lui: tous tués, tombés par l’épée.
23 Awwaalli isaanii boolla qilee keessa; loltoonni ishees naannoo awwaala ishee ciciisaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessatti sodaa faffacaasan hundi gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru.
Ses sépulcres ont été posés au fond de la fosse, et son assemblée est autour de son sépulcre: tous tués, tombés par l’épée, eux qui répandaient la terreur sur la terre des vivants.
24 “Eelaam waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaalaa ishee jiran hunda wajjin achi jirti. Hundi isaanii gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasan hundi utuu dhagna hin qabatin qilee keessa buʼaniiru. Isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru.
Là est Élam, et toute sa multitude autour de son sépulcre: tous tués, tombés par l’épée; ils sont descendus incirconcis dans les lieux bas de la terre, eux qui répandaient leur terreur sur la terre des vivants, et qui ont porté leur confusion avec ceux qui sont descendus dans la fosse.
25 Waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala ishee jiran hunda wajjin warra gorraʼaman gidduutti sireen isheedhaaf qopheeffameera. Hundi isaanii warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeen dhumanii dha. Sababii sodaan isaanii biyya jiraattotaa keessa faffacaʼeef, isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru; isaan warra gorraʼaman gidduu ciciisaniiru.
On a mis sa couche au milieu des tués, avec toute sa multitude, ses sépulcres autour de lui: eux tous incirconcis, tués par l’épée, quoique leur terreur ait été répandue sur la terre des vivants; et ils portent leur confusion avec ceux qui descendent dans la fosse: il a été placé parmi les tués.
26 “Meshekii fi Tuubaal waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala isaanii jiran hunda wajjin achi jiru. Hundi isaanii iyyuu warra dhagna hin qabatin kanneen sababii biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasaniif goraadeedhaan dhumanii dha.
Là est Méshec, Tubal, et toute leur multitude, leurs sépulcres autour d’eux: eux tous incirconcis, tués par l’épée, quoiqu’ils aient répandu leur terreur sur la terre des vivants.
27 Isaan gootota dhuman kanneen dhagna hin qabatin kaan, warra miʼa lolaa isaanii wajjin awwaalaman kanneen goraadeewwan boraafatan wajjin hin ciciisanii? Sodaachisuun gootota kanneenii biyya jiraattotaa keessa jiraatu iyyuu adabbiin cubbuu isaaniitiif malu lafee isaanii irra buʼe. (Sheol h7585)
Et ils n’ont pas été couchés avec les hommes forts, tombés d’entre les incirconcis, qui sont descendus dans le shéol avec leurs instruments de guerre, et sous la tête desquels on a mis leurs épées, et dont les iniquités sont sur leurs os; quoiqu’ils aient été la terreur des hommes forts sur la terre des vivants. (Sheol h7585)
28 “Yaa Faraʼoon, atis cabdee warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciifta.
Toi aussi, tu as été brisée au milieu des incirconcis, et tu es couchée avec ceux qui ont été tués par l’épée.
29 “Edoom, mootonni isheetii fi bulchitoonni ishee hundi achi jiru; isaan humna qabaatan iyyuu, warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisaniiru. Isaan warra dhagna hin qabatin kanneen boolla buʼan wajjin ciciisu.
Là est Édom, ses rois, et tous ses princes, qui, dans leur vaillance, ont été placés avec ceux qui ont été tués par l’épée; ils sont couchés avec les incirconcis et avec ceux qui sont descendus dans la fosse.
30 “Bulchitoonni kaabaa hundii fi warri Siidoonaa hundi achi jiru; isaan warra jabina isaaniitiin goolii uumaa turan taʼan iyyuu warra gorraʼaman wajjin salphinaan gad buʼan. Utuu dhagna hin qabatin warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisu; warra boolla buʼan wajjinis salphina isaanii baadhatu.
Là sont les princes du nord, eux tous, et tous les Sidoniens, qui sont descendus avec les tués, honteux de la terreur qu’ils répandaient par leur vaillance; et ils sont couchés incirconcis avec ceux qui ont été tués par l’épée, et ils portent leur confusion avec ceux qui sont descendus dans la fosse.
31 “Faraʼoonii fi loltoonni isaa hundi jara argu; waldaan namoota isaa hundi goraadeedhaan ajjeefamani iyyuu inni of jajjabeessa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
Le Pharaon les verra, et il sera consolé au sujet de toute sa multitude, le Pharaon et toute son armée, tués par l’épée, dit le Seigneur, l’Éternel.
32 Ani akka inni biyya jiraattotaa keessa goolii faffacaasu godhu iyyuu, Faraʼoonii fi waldaan namoota isaa hundi warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciciisu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
Car j’ai répandu ma terreur dans la terre des vivants; et il sera couché au milieu des incirconcis, avec ceux qui ont été tués par l’épée, le Pharaon, et toute sa multitude, dit le Seigneur, l’Éternel.

< Hisqiʼeel 32 >