< Hisqiʼeel 31 >

1 Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa sadaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Katika mwaka wa kumi na moja, mwezi wa tatu, siku ya kwanza, neno la Bwana likanijia, kusema:
2 “Yaa ilma namaa, Faraʼoon mooticha Gibxii fi tuuta namoota isaatiin akkana jedhi: “‘Surraadhaan eenyutu siin qixxaata?
“Mwanadamu, mwambie Farao mfalme wa Misri na makundi yake ya wajeuri: “‘Je, ni nani awezaye kulinganishwa na wewe katika fahari.
3 Kunoo Asoor akka birbirsa Libaanoon kan dameewwan mimmiidhagoo qabuu fi bosonaaf gaaddisa taʼee akka malee ol dheeraa fi kan fiixeen isaa duumessa tuqe ture.
Angalia Ashuru, wakati fulani ilikuwa mwerezi huko Lebanoni, ukiwa na matawi mazuri ukitia msitu kivuli; ulikuwa mrefu sana, kilele chake kilipita majani ya miti yote.
4 Bishaan isa biqilche; burqaawwan gad fagoon immoo isa guddise; lageen isaanii hidda isaa hunda marsanii yaaʼanii bishaan isaanii gara mukkeen bosonaa hundaatti ergu.
Maji mengi yaliustawisha, chemchemi zenye maji mengi ziliufanya urefuke; vijito vyake vilitiririka pale ulipoota pande zote na kupeleka mifereji yake kwenye miti yote ya shambani.
5 Kanaafuu inni mukkeen bosonaa hundaan olitti akka malee ol dheerate; lataan isaa ni baayʼate; dameen isaas ni guddate; inni bishaan baayʼee argatee babalʼateeraatii.
Hivyo ukarefuka kupita miti yote ya shambani; vitawi vyake viliongezeka na matawi yake yakawa marefu, yakitanda kwa sababu ya wingi wa maji.
6 Simbirroonni samii hundi damee isaa irratti manʼee ijaarratan; bineensonni dirree hundi damee isaa jalatti dhalan; saboonni gurguddaan hundinuus, gaaddisa isaa jala jiraatan.
Ndege wote wa angani wakaweka viota kwenye vitawi vyake, wanyama wote wa shambani wakazaana chini ya matawi yake, mataifa makubwa yote yaliishi chini ya kivuli chake.
7 Inni sababii hidda isaa gara bishaan baayʼeetti gad fageeffateef, dameewwan isaa kanneen babalʼatan wajjin akka malee miidhagaa ture.
Ulikuwa na fahari katika uzuri, ukiwa na matawi yaliyotanda, kwa kuwa mizizi yake ilikwenda chini mpaka kwenye maji mengi.
8 Gaattiraawwan iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiran isa gituu hin dandeenye; yookaan mukkeen birbirsaa dameewwan isaatiin hin qixxaatan; mukni waddeessaas dameewwan isaatiin hin qixxaatu; mukni iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiru tokko iyyuu miidhagina isaatiin wal bira hin qabamu.
Mierezi katika bustani ya Mungu haikuweza kushindana nao, wala misunobari haikuweza kulingana na vitawi vyake, wala miaramoni haikulinganishwa na matawi yake, wala hakukuwa na mti katika bustani ya Mungu wa kulinganisha na uzuri wake.
9 Ani dameewwan baayʼeedhaan isa nan miidhagse; mukkeen Eeden kanneen iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiran hundi isatti hinaafan.
Niliufanya kuwa mzuri ukiwa na matawi mengi, ulionewa wivu na miti yote ya Edeni katika bustani ya Mungu.
10 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii inni ol dheeratee fiixeen isaa duumessa tuqee inni dheerina isaatiin of tuuleef,
“‘Kwa hiyo hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Kwa sababu ulikuwa mrefu sana, kilele chake kikiwa juu ya majani manene ya miti na kwa sababu ulikuwa na kiburi cha urefu wake,
11 akka inni waan hammina isaatiif malu isaaf kennuuf, ani dabarseen bulchaa sabootaatti isa kenne. Darbadhees isa nan gate;
niliutia mikononi mwa mtawala wa mataifa, ili yeye aushughulikie sawasawa na uovu wake. Nikaukatilia mbali,
12 alagoonni akka malee hamoonis cicciranii isa gatan. Lataawwan isaa gaarran irraa fi sululawwan keessatti harcaʼa; dameewwan isaa immoo cicciramanii boʼoowwan bishaanii hunda keessa buʼan. Saboonni lafaa hundi gaaddisa isaa jalaa baʼanii isa dhiisanii deeman.
nayo mataifa mageni yaliyo makatili sana yaliukata huo mti na kuuacha. Matawi yake yalianguka juu ya milima na kwenye mabonde yote, vitawi vyake vikavunjika na kusambaa katika makorongo yote ya nchi. Mataifa yote ya duniani yakaondoka kutoka kwenye kivuli chake na kuuacha.
13 Simbirroonni samii hundi muka jige sana irra qubatan; bineensonni dirree hundinuus dameewwan isaa gidduu turan.
Ndege wote wa angani wakakaa kwenye ule mti ulioanguka na wanyama pori wote wakakaa katikati ya vitawi vyake.
14 Kanaafuu mukni bishaan bira jiru kam iyyuu akka malee hin guddatu yookaan fiixeen isaa duumessa hin tuqu. Mukni akkasitti bishaan quufe kam iyyuu akkas ol dheeratee hin beeku. Isaan hundi warra duʼanii boolla qileetti gad buʼan wajjin akka duʼan itti murteeffameera.
Kamwe hakutakuwa na miti mingine kando ya hayo maji itakayorefuka zaidi ya huo, vilele vyake vikiwa juu ya majani yote ya miti. Hakuna miti mingine, hata kama imekunywa maji vizuri namna gani, itakayofikia urefu huo. Yote mwisho wake ni kifo, na kuingia ardhini, kama vile ilivyo kwa wanadamu, pamoja na wale waendao shimoni.
15 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhe: Guyyaa inni awwaalametti ani isaaf jedhee burqaawwan gad fagoo gaddaan nan guute; lageen isaa nan ittise; bishaan isaa guddichis yaaʼuu dhiise. Sababii isaatiif ani Libaanoonitti dukkana nan uffise; mukkeen dirree hundis ni gogan. (Sheol h7585)
“‘Hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Katika siku ile mwerezi uliposhushwa chini kaburini nilizifunika chemchemi zenye maji mengi kwa maombolezo: Nilivizuia vijito vyake na wingi wa maji yake nikauzuia. Kwa sababu yake niliivika Lebanoni huzuni, nayo miti yote ya shambani ikanyauka. (Sheol h7585)
16 Yommuu ani warra boolla buʼan sanatti dabalee awwaala keessa isa buusutti sagalee kufaatii isaatiin ani saboota nan hollachiisa. Ergasiis mukkeen Eeden kanneen Libaanoon keessaa filatamoo fi kan addaa taʼan hundi, mukkeen akka gaarii bishaan obaafaman hundi boolla keessatti jajjabeeffaman. (Sheol h7585)
Niliyafanya mataifa yatetemeke kwa kishindo cha kuanguka kwake wakati nilipoushusha chini kaburini pamoja na wale washukao shimoni. Ndipo miti yote ya Edeni, miti iliyo bora kuliko yote na iliyo mizuri sana ya Lebanoni, miti yote ile iliyokunywa maji vizuri, ilifarijika hapa duniani. (Sheol h7585)
17 Warri gaaddisa isaa jala jiraatan kanneen saboota gidduudhaa isaaf tumsan, warra goraadeedhaan ajjeefamanitti makamuuf isa wajjin awwaala keessa buʼan. (Sheol h7585)
Wale walioishi katika kivuli chake, wale walioungana naye miongoni mwa mataifa, nao pia walikuwa wamezikwa pamoja naye, wakiungana na wale waliouawa kwa upanga. (Sheol h7585)
18 “‘Mukkeen Eeden keessaa kan ulfinaa fi surraadhaan siin qixxaatu kami? Taʼu iyyuu mukkeen Eeden wajjin boolla buuta; ati warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin, namoota dhagna hin qabatin gidduu ciifta. “‘Kun Faraʼoonii fi waldaa uummata isaa hunda, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
“‘Ni miti ipi ya Edeni inayoweza kulinganishwa nawe kwa fahari na utukufu? Hata hivyo, wewe pia, utashushwa chini pamoja na miti ya Edeni mpaka kuzimu, utalala miongoni mwa wasiotahiriwa, pamoja na wale waliouawa kwa upanga. “‘Huyu ni Farao pamoja na makundi yake yote ya wajeuri, asema Bwana Mwenyezi.’” (questioned)

< Hisqiʼeel 31 >