< Hisqiʼeel 31 >
1 Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa sadaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
ग्यारहवें वर्ष के, तीसरे माह के पहले दिन, याहवेह का वचन मेरे पास आया:
2 “Yaa ilma namaa, Faraʼoon mooticha Gibxii fi tuuta namoota isaatiin akkana jedhi: “‘Surraadhaan eenyutu siin qixxaata?
“हे मनुष्य के पुत्र, मिस्र के राजा फ़रोह और उसके उपद्रवी लोगों से कहो: “‘गौरव में तुम्हारी तुलना किससे की जा सकती है?
3 Kunoo Asoor akka birbirsa Libaanoon kan dameewwan mimmiidhagoo qabuu fi bosonaaf gaaddisa taʼee akka malee ol dheeraa fi kan fiixeen isaa duumessa tuqe ture.
अश्शूर पर विचार करो, जो एक समय लबानोन का देवदार था, उसकी शाखाएं सुंदर और बंजर भूमि को छाया प्रदान करती थी; यह पेड़ बहुत ऊंचा था, इसकी चोटी घने पत्तों के ऊपर थी.
4 Bishaan isa biqilche; burqaawwan gad fagoon immoo isa guddise; lageen isaanii hidda isaa hunda marsanii yaaʼanii bishaan isaanii gara mukkeen bosonaa hundaatti ergu.
पानी से इसका पोषण होता था, गहरे झरनों ने इसे ऊंचा बढ़ाया; उनके सोते इसके आधार के चारों तरफ बहते थे और उनकी धाराएं मैदान के सारे वृक्षों तक जाती थी.
5 Kanaafuu inni mukkeen bosonaa hundaan olitti akka malee ol dheerate; lataan isaa ni baayʼate; dameen isaas ni guddate; inni bishaan baayʼee argatee babalʼateeraatii.
इसलिये मैदान के सारे पेड़ों से यह ऊंची हो गई, इसकी डालियां बढ़ने लगीं और इसकी शाखाएं फैलकर लंबी हो गईं, इसका कारण था पानी की अधिकता.
6 Simbirroonni samii hundi damee isaa irratti manʼee ijaarratan; bineensonni dirree hundi damee isaa jalatti dhalan; saboonni gurguddaan hundinuus, gaaddisa isaa jala jiraatan.
आकाश के सारे पक्षी उसकी डालियों पर बसेरा करते थे, उसकी शाखाओं के नीचे बंजर भूमि के सारे पशु बच्चे देते थे; सारी महान जनता इसकी छाया में रहती थीं.
7 Inni sababii hidda isaa gara bishaan baayʼeetti gad fageeffateef, dameewwan isaa kanneen babalʼatan wajjin akka malee miidhagaa ture.
अपनी फैली हुई डालियों के साथ, सुंदरता में यह वैभवशाली था, क्योंकि इसकी जड़ें नीचे भरपूर अधिक पानी के सोतों तक पहुंची हुई थी.
8 Gaattiraawwan iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiran isa gituu hin dandeenye; yookaan mukkeen birbirsaa dameewwan isaatiin hin qixxaatan; mukni waddeessaas dameewwan isaatiin hin qixxaatu; mukni iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiru tokko iyyuu miidhagina isaatiin wal bira hin qabamu.
परमेश्वर के बगीचे के देवदार वृक्ष इसकी तुलना में कुछ न थे, सनोवर भी इसकी डालियों के बराबर नहीं थे, न ही चौरस पेड़ों की तुलना इसकी शाखाओं से की जा सकती थी— परमेश्वर के बगीचे का कोई भी पेड़ इसकी सुंदरता की बराबरी नहीं कर सकता था.
9 Ani dameewwan baayʼeedhaan isa nan miidhagse; mukkeen Eeden kanneen iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiran hundi isatti hinaafan.
मैंने प्रचूर शाखाओं के साथ इसे सुंदर बनाया, परमेश्वर की वाटिका, एदेन के सारे पेड़ इससे ईर्ष्या करते थे.
10 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii inni ol dheeratee fiixeen isaa duumessa tuqee inni dheerina isaatiin of tuuleef,
“‘इसलिये परम प्रधान याहवेह का यह कहना है: क्योंकि महान देवदार घने पत्तियों के ऊपर बढ़ा था, और क्योंकि उसे अपनी ऊंचाई का घमंड था,
11 akka inni waan hammina isaatiif malu isaaf kennuuf, ani dabarseen bulchaa sabootaatti isa kenne. Darbadhees isa nan gate;
इसलिये मैंने उसे जाति-जाति के लोगों पर शासन करनेवाले के हाथों में दे दिया कि वह उसकी दुष्टता के अनुसार उससे व्यवहार करे. मैंने उसे अलग फेंक दिया,
12 alagoonni akka malee hamoonis cicciranii isa gatan. Lataawwan isaa gaarran irraa fi sululawwan keessatti harcaʼa; dameewwan isaa immoo cicciramanii boʼoowwan bishaanii hunda keessa buʼan. Saboonni lafaa hundi gaaddisa isaa jalaa baʼanii isa dhiisanii deeman.
और विदेशी जनताओं में जो सबसे ज्यादा निर्दयी हैं, उन्होंने उसे काटकर छोड़ दिया. उसकी डालियां पर्वतों और सब घाटियों में गिरीं; उसकी शाखाएं देश के सब दर्रों में टूटी पड़ी रहीं. जाति-जाति के सब लोग उसकी छाया से निकल आए और उसे छोड़ दिया.
13 Simbirroonni samii hundi muka jige sana irra qubatan; bineensonni dirree hundinuus dameewwan isaa gidduu turan.
सब पक्षी गिरे हुए पेड़ पर बसेरा करने लगे, और सब पशु उसकी शाखाओं के बीच रहने लगे.
14 Kanaafuu mukni bishaan bira jiru kam iyyuu akka malee hin guddatu yookaan fiixeen isaa duumessa hin tuqu. Mukni akkasitti bishaan quufe kam iyyuu akkas ol dheeratee hin beeku. Isaan hundi warra duʼanii boolla qileetti gad buʼan wajjin akka duʼan itti murteeffameera.
इसलिये पानी के पास अब कोई दूसरा पेड़ घनी पत्तियों के बीच अपने सिर को उठाते हुए घमंड से ऊंचा न बढ़े. भरपूर पानी के पास का कोई दूसरा पेड़ ऐसा ऊंचा न हो; उन सबका मरना निश्चित है, उनकी जगह पृथ्वी के नीचे उन मरणहार लोगों के बीच है, जो मृतकों के राज्य में नीचे जा रहे हैं.
15 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhe: Guyyaa inni awwaalametti ani isaaf jedhee burqaawwan gad fagoo gaddaan nan guute; lageen isaa nan ittise; bishaan isaa guddichis yaaʼuu dhiise. Sababii isaatiif ani Libaanoonitti dukkana nan uffise; mukkeen dirree hundis ni gogan. (Sheol )
“‘परम प्रधान याहवेह का यह कहना है: जिस दिन इसे मृतकों के राज्य में नीचे लाया गया, मैंने इसके लिये शोक के साथ गहरे झरनों को ढांक दिया; मैंने इसके सोतों को रोक दिया, और इसके भरपूर पानी के स्रोत बंद हो गये. इसके कारण मैंने लबानोन को गम में डाल दिया, और मैदान के सारे पेड़ मुरझा गए. (Sheol )
16 Yommuu ani warra boolla buʼan sanatti dabalee awwaala keessa isa buusutti sagalee kufaatii isaatiin ani saboota nan hollachiisa. Ergasiis mukkeen Eeden kanneen Libaanoon keessaa filatamoo fi kan addaa taʼan hundi, mukkeen akka gaarii bishaan obaafaman hundi boolla keessatti jajjabeeffaman. (Sheol )
मैंने इसके गिरने की आवाज से जाति-जाति के लोगों को कंपा दिया, जब मैं इसे मृतकों के राज्य में नीचे लाया, ताकि वे उनके साथ रहें जो नीचे कब्र में जाते हैं. तब एदेन वाटिका के सब पेड़ों, लबानोन के चुने हुए और सबसे अच्छे, भरपूर पानी से सिंचित पेड़ों को पृथ्वी के नीचे सांत्वना मिली. (Sheol )
17 Warri gaaddisa isaa jala jiraatan kanneen saboota gidduudhaa isaaf tumsan, warra goraadeedhaan ajjeefamanitti makamuuf isa wajjin awwaala keessa buʼan. (Sheol )
बड़े देवदार पेड़ के समान वे भी उन मृतकों के राज्य में नीचे गये, जो तलवार से मारे गये थे; जो हथियारबंद आदमी उसकी छाया में जाति-जाति के लोगों के बीच रहते थे, वे भी उनके साथ थे. (Sheol )
18 “‘Mukkeen Eeden keessaa kan ulfinaa fi surraadhaan siin qixxaatu kami? Taʼu iyyuu mukkeen Eeden wajjin boolla buuta; ati warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin, namoota dhagna hin qabatin gidduu ciifta. “‘Kun Faraʼoonii fi waldaa uummata isaa hunda, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
“‘शान और वैभव में, एदेन के किस पेड़ की तुलना तुमसे की जा सकती है? फिर भी तुम्हें भी अदन के वृक्षों के साथ पृथ्वी के नीचे लाया जाएगा; तुम उन खतना-रहितों के बीच पड़े रहोगे, जो तलवार से मारे गये हैं. “‘यह स्थिति फ़रोह और उसके सब उपद्रवी लोगों की होगी, परम प्रधान याहवेह की यह घोषणा है.’”