< Hisqiʼeel 30 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
ויהי דבר יהוה אלי לאמר
2 “Yaa ilma namaa raaji; akkanas jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Wawwaadhuutii akkana jedhi; “Guyyaa sanaaf wayyoo!”
בן אדם--הנבא ואמרת כה אמר אדני יהוה הילילו הה ליום
3 Guyyaan sun dhiʼoo dha; Guyyaan Waaqayyoo dhiʼoo dha; innis guyyaa duumessaa, sabootaaf immoo yeroo badiisaa ni taʼa.
כי קרוב יום וקרוב יום ליהוה יום ענן עת גוים יהיה
4 Gibxitti goraadeen ni dhufa; Itoophiyaatti immoo dhiphinni ni dhufa. Yommuu warri qalaman Gibxi keessatti kukkufanitti, qabeenyi ishee saamamee fudhatama; hundeewwan ishee immoo ni diigamu.
ובאה חרב במצרים והיתה חלחלה בכוש בנפל חלל במצרים ולקחו המונה ונהרסו יסדותיה
5 Itoophiyaa fi Fuuxi, Luudii fi biyyi Arabaa hundi, Liibiyaa fi uummanni biyya kakuu Gibxi wajjin goraadeedhaan ni dhumu.
כוש ופוט ולוד וכל הערב וכוב ובני ארץ הברית--אתם בחרב יפלו
6 “‘Waaqayyo akkana jedha: “‘Tumsitoonni Gibxi ni kufu; humni isheen ittiin boontu ni dadhaba. Migdoolii hamma Aswaanitti, isaan ishee keessatti goraadeedhaan ni dhumu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
כה אמר יהוה ונפלו סמכי מצרים וירד גאון עזה ממגדל סונה בחרב יפלו בה--נאם אדני יהוה
7 Isaan biyyoota onan gidduutti, onanii hafu; magaalaawwan isaaniis magaalaawwan diigaman gidduutti argamu.
ונשמו בתוך ארצות נשמות ועריו בתוך ערים נחרבות תהיינה
8 Yommuu ani Gibxitti ibidda qabsiisee warri ishee gargaaran hundi barbadaaʼanitti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
וידעו כי אני יהוה בתתי אש במצרים ונשברו כל עזריה
9 “‘Gaafas namoota Itoophiyaa kanneen yaaddoo malee jiraatan sodaachisuuf, ergamoonni dooniidhaan na biraa ni baʼu. Guyyaa badiisa Gibxitti dhiphinni isaan qabata; wanni kun dhugumaan ni dhufaatii.
ביום ההוא יצאו מלאכים מלפני בצים להחריד את כוש בטח והיתה חלחלה בהם ביום מצרים כי הנה באה
10 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ani harka Nebukadnezar mooticha Baabiloniin namoota Gibxi hedduu nan barbadeessa.
כה אמר אדני יהוה והשבתי את המון מצרים ביד נבוכדראצר מלך בבל
11 Innii fi loltoonni isaa kanneen saboota keessaa akka malee hamoo taʼan, akka biyyattii balleessaniif ni fidamu. Isaanis goraadee isaanii Gibxitti luqqifatanii reeffaan biyyattii guutu.
הוא ועמו אתו עריצי גוים--מובאים לשחת הארץ והריקו חרבותם על מצרים ומלאו את הארץ חלל
12 Ani bishaan Abbayyaa nan gogsa; biyyattiis namoota hamootti nan gurgura; harka alagootaatiin biyyattii fi waan ishee keessa jiru hunda nan onsa. Ani Waaqayyo dubbadheera.
ונתתי יארים חרבה ומכרתי את הארץ ביד רעים והשמתי ארץ ומלאה ביד זרים--אני יהוה דברתי
13 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ani waaqota tolfamoo nan balleessa; fakkiiwwan Memfiis keessa jiranis nan facaasa. Siʼachi Gibxi keessatti bulchaan hin argamu; biyyattii guutuu keessas sodaa nan buusa.
כה אמר אדני יהוה והאבדתי גלולים והשבתי אלילים מנף ונשיא מארץ מצרים לא יהיה עוד ונתתי יראה בארץ מצרים
14 Phaxroosin nan onsa; Zooʼaanitti ibidda nan qabsiisa; Tebesiin immoo nan adaba.
והשמתי את פתרוס ונתתי אש בצען ועשיתי שפטים בנא
15 Daʼannoo Gibxi jabaa jechuunis Siin irratti dheekkamsa koo nan dhangalaasa; uummata Tebesi hedduu sana illee nan balleessa.
ושפכתי חמתי על סין מעוז מצרים והכרתי את המון נא
16 Ani Gibxitti ibidda nan qabsiisa; Siin dhiphinaan raafamti. Tebesi dambaliidhaan ni fudhatamti; Memfiis dhiphina wal irraa hin cinneen ni dhiphatti.
ונתתי אש במצרים--חול תחיל (תחול) סין ונא תהיה להבקע ונף צרי יומם
17 Dargaggoonni Aawwenii fi Phii-Beseti goraadeedhaan dhumu; magaalaawwan mataan isaanii iyyuu ni boojiʼamu.
בחורי און ופי בסת בחרב יפלו והנה בשבי תלכנה
18 Yommuu ani waanjoo Gibxi cabsutti, Tahiphaanheesitti guyyaan ni dukkanaaʼa; humni isheen ittiin boontus ni laafa. Isheen hurriidhaan haguugamti; gandoonni ishee immoo ni boojiʼamu.
ובתחפנחס חשך היום בשברי שם את מטות מצרים ונשבת בה גאון עזה היא ענן יכסנה ובנותיה בשבי תלכנה
19 Kanaafuu ani Gibxiin nan adaba; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’”
ועשיתי שפטים במצרים וידעו כי אני יהוה
20 Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa torbaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
ויהי באחת עשרה שנה בראשון בשבעה לחדש היה דבר יהוה אלי לאמר
21 “Yaa ilma namaa, ani irree Faraʼoon mooticha Gibxi cabseera. Inni akka fayyuuf hin hidhamne yookaan shambaqqoon hidhamee akka jabaatee goraadee qabachuu dandaʼu hin godhamne.
בן אדם את זרוע פרעה מלך מצרים שברתי והנה לא חבשה לתת רפאות לשום חתול לחבשה לחזקה--לתפש בחרב
22 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani Faraʼoon mooticha Gibxitti kaʼeera. Ani irree isaa lachanuu, isa fayyaa, isa cabe sana illee cabsee akka goraadeen harka isaatii buʼu nan godha.
לכן כה אמר אדני יהוה הנני אל פרעה מלך מצרים ושברתי את זרעתיו את החזקה ואת הנשברת והפלתי את החרב מידו
23 Ani namoota Gibxi saboota gidduutti nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa.
והפצותי את מצרים בגוים וזריתם בארצות
24 Irree mootii Baabilon nan jabeessa; goraadee koos harka isaa keessa nan kaaʼa; irree Faraʼoon garuu nan cabsa; innis fuula isaa duratti akkuma nama akka malee madaaʼeetti ni aada.
וחזקתי את זרעות מלך בבל ונתתי את חרבי בידו ושברתי את זרעות פרעה ונאק נאקות חלל לפניו
25 Irree mootii Baabilon nan jabeessa; irreen Faraʼoon garuu ni laafa. Yommuu ani goraadee koo harka mootii Baabilon keessa kaaʼee inni immoo Gibxitti isa mirmirsutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
והחזקתי את זרעות מלך בבל וזרעות פרעה תפלנה וידעו כי אני יהוה בתתי חרבי ביד מלך בבל ונטה אותה אל ארץ מצרים
26 Ani namoota Gibxi saboota gidduu nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
והפצותי את מצרים בגוים וזריתי אותם בארצות וידעו כי אני יהוה

< Hisqiʼeel 30 >