< Hisqiʼeel 3 >

1 Innis, “Yaa ilma namaa waan fuula kee dura jiru nyaadhu; kitaaba maramaa kana nyaadhu; ergasii dhaqiitii mana Israaʼelitti himi” naan jedhe.
He said to me, “Son of man, eat what you find. Eat this scroll, and go, speak to the house of Israel.”
2 Kanaafuu ani afaan koon banadhe; innis akka ani nyaadhuuf kitaaba maramaa sana naa kenne.
So I opened my mouth, and he caused me to eat the scroll.
3 Innis, “Yaa ilma namaa, kitaaba maramaa ani siif kennu kana nyaadhu; garaa kees ittiin guuttadhu” naan jedhe. Anis nan nyaadhe; afaan koo keessattis akka dammaa natti miʼaawe.
He said to me, “Son of man, eat this scroll that I give you and fill your belly and your bowels with it.” Then I ate it. It was as sweet as honey in my mouth.
4 Ergasii immoo akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, amma gara mana Israaʼel dhaqiitii dubbii koo isaanitti himi.
He said to me, “Son of man, go to the house of Israel, and speak my words to them.
5 Ati gara mana Israaʼelitti malee gara uummata haasaan isaa namaa hin gallee fi afaan isaa nama rakkisuutti hin ergamne;
For you are not sent to a people of a strange speech and of a hard language, but to the house of Israel—
6 ati gara uummata haasaan isaanii namaa hin gallee fi afaan isaanii nama rakkisu kan ati dubbii isaanii illee hubachuu hin dandeenyeetti hin ergamne. Dhugumaan utuu ani isaanitti si ergee jiraadhee silaa isaan si dhaggeeffatu ture.
not to many peoples of a strange speech and of a hard language, whose words you cannot understand. Surely, if I sent you to them, they would listen to you.
7 Manni Israaʼel garuu sababii ana dhagaʼuu hin feeneef siinis dhagaʼuu hin fedhan; manni Israaʼel hundi didaa fi mata jabeeyyiidhaatii.
But the house of Israel will not listen to you, for they will not listen to me; for all the house of Israel are obstinate and hard-hearted.
8 Kunoo, ani fuula kee fuula isaaniitti jabeesseera; adda kee illee adda isaatiin jabeesseera.
Behold, I have made your face hard against their faces, and your forehead hard against their foreheads.
9 Adda kee akka dhagaa akka malee jabaa kan dhagaa baalcii caalaa jabaatuu nan godha. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati isaan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin.”
I have made your forehead as a diamond, harder than flint. Do not be afraid of them, neither be dismayed at their looks, though they are a rebellious house.”
10 Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, waan ani sitti dubbadhu hunda sirriitti dhagaʼiitii garaatti qabadhu.
Moreover he said to me, “Son of man, receive in your heart and hear with your ears all my words that I speak to you.
11 Amma gara saba kee warra boojiʼaman sanaa dhaqiitii isaanitti dubbadhu. Isaan dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ jedhiin.”
Go to them of the captivity, to the children of your people, and speak to them, and tell them, ‘This is what the Lord GOD says,’ whether they will hear, or whether they will refuse.”
12 Ergasiis Hafuurri ol na kaase; anis sagalee guddaa gigigsu kan, “Ulfinni Waaqayyoo iddoo jireenya isaatti haa eebbifamu!” jedhu tokko of duubaan nan dhagaʼe.
Then the Spirit lifted me up, and I heard behind me the voice of a great rushing, saying, “Blessed be the LORD’s glory from his place.”
13 Sagaleen kunis sagalee guddaa gigigsu kan yeroo qoochoowwan uumamawwan jiraatoo sanaa wal riganii fi sagaleen geengoowwan isaan cina jiran dhageessisan ture.
I heard the noise of the wings of the living creatures as they touched one another, and the noise of the wheels beside them, even the noise of a great rushing.
14 Hafuurris ol na kaasee na fudhatee deeme; anis hadheeffadhee utuma hafuurri koo aaree gubatuu nan deeme; harki Waaqayyoo jabaan sunis ana irra ture.
So the Spirit lifted me up, and took me away; and I went in bitterness, in the heat of my spirit; and the LORD’s hand was strong on me.
15 Anis gara boojiʼamtoota Teel Abiib keessa Laga Kebaar bira jiraatan sanaan dhufe. Achittis waanan godhu wallaalee guyyaa torba isaan gidduu nan taaʼe.
Then I came to them of the captivity at Tel Aviv who lived by the river Chebar, and to where they lived; and I sat there overwhelmed among them seven days.
16 Dhuma guyyaa torbaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
At the end of seven days, the LORD’s word came to me, saying,
17 “Yaa ilma namaa, ani mana Israaʼeliitiif eegduu si godheera; kanaafuu dubbii ani dubbadhu dhagaʼiitii akeekkachiisa na biraa baʼu isaaniif kenni.
“Son of man, I have made you a watchman to the house of Israel. Therefore hear the word from my mouth, and warn them from me.
18 Yeroo ani nama hamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, yoo ati isa akeekkachiisuu yookaan akka inni karaa isaa hamaa irraa deebiʼee lubbuu isaa oolfatu itti himuu baatte, namichi hamaan sun sababii cubbuu isaatiin ni duʼa; dhiiga isaa garuu ani harka kee irraa nan barbaada.
When I tell the wicked, ‘You will surely die;’ and you give him no warning, nor speak to warn the wicked from his wicked way, to save his life, that wicked man will die in his iniquity; but I will require his blood at your hand.
19 Garuu yoo ati nama hamaa sana akeekkachiiftee inni immoo hammina isaa irraa yookaan karaa isaa isa hamaa sana irraa deebiʼuu baate, inni cubbuu isaatiin ni duʼa; ati garuu lubbuu kee ni oolfatta.
Yet if you warn the wicked, and he does not turn from his wickedness, nor from his wicked way, he will die in his iniquity; but you have delivered your soul.”
20 “Amma illee yoo namni qajeelaan tokko qajeelummaa isaa irraa jalʼatee hammina hojjete, ani fuula isaa dura gufuu nan kaaʼa; innis ni duʼa. Waan ati isa hin akeekkachiisiniif inni cubbuu isaatiin ni duʼa; wanni qajeelaan inni hojjete sunis isaaf hin herregamu; anis dhiiga isaatiif sin gaafadha.
“Again, when a righteous man turns from his righteousness and commits iniquity, and I lay a stumbling block before him, he will die. Because you have not given him warning, he will die in his sin, and his righteous deeds which he has done will not be remembered; but I will require his blood at your hand.
21 Garuu yoo ati nama qajeelaa sana akka inni cubbuu hin hojjenneef isa akeekkachiiftee innis cubbuu hojjechuu baate, inni sababii akeekkachiisa sana fudhateef dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata; atis lubbuu kee ni oolfatta.”
Nevertheless if you warn the righteous man, that the righteous not sin, and he does not sin, he will surely live, because he took warning; and you have delivered your soul.”
22 Achittis harki Waaqayyoo narra ture; innis, “Kaʼiitii gara dirreetti baʼi; anis achitti sitti nan dubbadhaa” naan jedhe.
The LORD’s hand was there on me; and he said to me, “Arise, go out into the plain, and I will talk with you there.”
23 Kanaafuu ani kaʼee gara dirreetti nan baʼe. Ulfinni Waaqayyoos achi dhaabatee ture; innis ulfina ani Laga Kebaar biratti argee ture sana fakkaata; anis adda kootiin lafatti nan gombifame.
Then I arose, and went out into the plain, and behold, the LORD’s glory stood there, like the glory which I saw by the river Chebar. Then I fell on my face.
24 Ergasii Hafuurri anatti seenee miilla kootiin na dhaabachiise. Innis akkana jedhee natti dubbate: “Mana keetti galiitii ofitti cufi.
Then the Spirit entered into me and set me on my feet. He spoke with me, and said to me, “Go, shut yourself inside your house.
25 Yaa ilma namaa, isaan funyoodhaan si hidhu; ati akka uummata gidduu deemuu hin dandeenyeef ni hidhamta.
But you, son of man, behold, they will put ropes on you, and will bind you with them, and you will not go out among them.
26 Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu, ani akka ati hin dubbannee fi isaanitti dheekkamuu hin dandeenyeef arraba kee laagaa keetti nan maxxansa.
I will make your tongue stick to the roof of your mouth so that you will be mute and will not be able to correct them, for they are a rebellious house.
27 Ani yeroon sitti dubbadhutti garuu afaan kee siifan bana; atis, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ isaaniin jetta. Namni dhagaʼuu barbaadu kam iyyuu haa dhagaʼu; namni dhagaʼuu hin barbaanne kam iyyuu dhagaʼuu haa dhiisu; isaan mana fincilaadhaatii.
But when I speak with you, I will open your mouth, and you shall tell them, ‘This is what the Lord GOD says.’ He who hears, let him hear; and he who refuses, let him refuse; for they are a rebellious house.”

< Hisqiʼeel 3 >