< Hisqiʼeel 29 >
1 Waggaa kurnaffaatti, jiʼa kurnaffaa keessa, guyyaa kudha lammaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Katika mwaka wa kumi, mwezi wa kumi, siku ya kumi na mbili, neno la Bwana likanijia kusema:
2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Faraʼoon mooticha Gibxitti garagalfadhuutii isaa fi warra Gibxi hundaan mormuudhaan raajii dubbadhu.
“Mwanadamu, elekeza uso wako juu ya Farao mfalme wa Misri na utabiri dhidi yake na dhidi ya Misri yote.
3 Isatti dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ati bineensi guddichi, kan lageen kee gidduu ciiftu, yaa Faraʼoon mooticha Gibxi, ani sitti nan kaʼa. Ati, “Lagni Abbayyaa kan koo ti; anatu ofuma kootiif isa uummate” jetta.
Nena, nawe useme: ‘Hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: “‘Mimi ni kinyume nawe, Farao, mfalme wa Misri, joka kubwa ulalaye katikati ya vijito vyako. Unasema, “Mto Naili ni wangu mwenyewe; niliufanya kwa ajili yangu mwenyewe.”
4 Ani garuu haʼoo kee keessa hokkoo kaaʼee akka qurxummiiwwan lageen keetii qola keetti maxxanan nan godha. Ani qurxummiiwwan qola keetti maxxanan hunda wajjinis lageen kee keessaa harkiseen si baasa.
Lakini nitatia ndoana katika mataya yako nami nitawafanya samaki wa vijito vyako washikamane na magamba yako. Nitakutoa katikati ya vijito vyako, pamoja na samaki wote walioshikamana na magamba yako.
5 Siʼii fi qurxummiiwwan lageen keetii hunda gammoojjiitti nan gata. Ati dirree duwwaa irratti ni kufta; walitti hin qabamtu; hin awwaalamtus. Ani bineensota lafaatii fi allaattii samiitiif nyaata godheen si kenna.
Nitakutupa jangwani, wewe pamoja na samaki wote wa vijito vyako. Utaanguka uwanjani, nawe hutakusanywa au kuchukuliwa. Nitakutoa uwe chakula kwa wanyama wa nchi na ndege wa angani.
6 Warri Gibxi keessa jiraatan hundis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku. “‘Ati mana Israaʼeliif ulee shambaqqoo taateerta.
Ndipo wale wote waishio Misri watakapojua kuwa Mimi ndimi Bwana. “‘Umekuwa fimbo ya tete kwa nyumba ya Israeli.
7 Yommuu isaan harkaan si qabatanitti baqaqxee gatiittii isaanii waraante; yommuu isaan sitti irkatanittis ati caccabdee akka dugdi isaanii hollatu goote.
Walipokushika kwa mikono yao, ulivunjika na kuchana mabega yao; walipokuegemea, ulivunjika na migongo yao ikateguka.
8 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani goraadee sitti fidee namoota keetii fi horii isaanii nan fixa.
“‘Kwa hiyo hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Nitaleta upanga juu yako na kuua watu wako na wanyama wao.
9 Gibxi duwwaa fi ona taati; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku. “‘Ati, “Lagni Abbayyaa kan koo ti; anatu isa uume” jetteertaatii;
Misri itakuwa ukiwa na isiyolimwa wala kukaliwa na watu. Ndipo watakapojua kuwa Mimi ndimi Bwana. “‘Kwa sababu ulisema, “Mto Naili ni wangu; mimi niliufanya,”
10 kanaafuu ani sitti kaʼeera; lageen keettis kaʼeera; biyya Gibxis Migdoolii jalqabee hamma Aswaanitti, hamma daarii Itoophiyaatti diigamtuu fi ontuu nan godha.
kwa hiyo mimi ni kinyume nawe na kinyume na vijito vyako, nami nitaifanya nchi ya Misri kuwa magofu na ukiwa isiyolimwa wala kukaliwa na watu kuanzia Migdoli hadi Aswani, hata kufikia mpakani wa Ethiopia.
11 Miilli namaa yookaan kotteen horii karaa sana hin darbu; namni tokko iyyuu hamma waggaa afurtamaatti ishee keessa hin jiraatu.
Hakuna unyayo wa mtu au mnyama utakaopita ndani yake, wala hakuna yeyote atakayeishi humo kwa muda wa miaka arobaini.
12 Ani biyyoota onan gidduutti biyya Gibxi nan onsa; magaalaawwan ishees magaalaawwan diigaman gidduutti waggaa afurtama ni onu. Namoota Gibxi immoo saboota keessa nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bittinneessa.
Nitaifanya nchi ya Misri ukiwa, miongoni mwa nchi zilizo ukiwa, nayo miji yake itabaki ukiwa miaka arobaini miongoni mwa miji iliyo magofu. Nami nitawatawanya Wamisri miongoni mwa mataifa na kuwafukuza huku na huko katika nchi nyingine.
13 “‘Ammas Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Dhuma waggaa afurtamaatti ani namoota Gibxi saboota isaan itti bittinneeffaman keessaa walitti nan qaba.
“‘Lakini hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Mwishoni mwa hiyo miaka arobaini, nitawakusanya Wamisri kutoka mataifa walikotawanywa.
14 Ani boojuudhaa isaan deebisee Phaxroos biyya abbootii isaaniitti isaan nan galcha. Achittis isaan mootummaa gad aanaa ni taʼu.
Nitawarudisha hao Wamisri kutoka kwenye kutekwa kwao na kuwaweka katika Pathrosi, nchi ya baba zao. Huko watakuwa na ufalme usiokuwa na nguvu.
15 Isheenis mootummoota keessaa gad aantuu ni taati; deebitees saboota kaaniin olitti gonkumaa ol of hin kaaftu. Anis akka isheen lammata saboota kaan hin bulchineef ishee nan dadhabsiisa.
Utakuwa ufalme dhaifu kuliko zote na kamwe Misri haitajikweza tena juu ya mataifa mengine. Nitaufanya ufalme wake dhaifu sana kiasi kwamba kamwe hautatawala tena juu ya mataifa mengine.
16 Biyyi Gibxi siʼachi uummata Israaʼeliif irkoo hin taatu; yoo isaan gargaarsaaf gara isheetti deebiʼan garuu isheen yaadannoo cubbuu isaanii taati. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beeku.’”
Misri haitakuwa tena tumaini la watu wa Israeli bali itakuwa kumbukumbu ya dhambi yao kwa kuigeukia kuomba msaada. Ndipo watakapojua kuwa Mimi ndimi Bwana Mwenyezi.’”
17 Waggaa digdamii torbaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Katika mwaka wa ishirini na saba, mwezi wa kwanza, siku ya kwanza, neno la Bwana likanijia, kusema:
18 “Yaa ilma namaa, Nebukadnezar mootiin Baabilon duula jabaadhaan loltoota isaa Xiiroositti kaaseera; mataan nama hundaa molaaʼeera; gatiittiin nama hundaas luqqaʼeera. Taʼus innii fi loltoonni isaa duula jabaa Xiiroositti kaasaniin buʼaa tokko illee hin arganne.
“Mwanadamu, Nebukadneza mfalme wa Babeli aliongoza jeshi lake kufanya kazi ngumu dhidi ya Tiro; kila kichwa kilipata upaa na kila bega likachunika. Lakini yeye na jeshi lake hawakupata malipo yoyote kutokana na muda wote aliongoza hiyo vita dhidi ya Tiro.
19 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani biyya Gibxi Nebukadnezar mootii Baabiloniif nan kenna; innis ishee boojiʼee qabeenya ishee saama. Kunis mindaa loltoota isaa taʼa.
Kwa hiyo hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Nitaitia Misri mikononi mwa Nebukadneza mfalme wa Babeli, naye atachukua utajiri wa Misri. Atateka mateka na kuchukua nyara mali za Misri kama ujira kwa ajili ya jeshi lake.
20 Ani Gibxiin gatii dadhabbii isaa godhee isaaf kenneera; innii fi loltoonni isaa waan kana anaaf hojjetaniiruutii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
Nimempa mfalme wa Babeli nchi ya Misri kuwa ujira kwa juhudi zake kwa sababu yeye na jeshi lake walifanya kwa ajili yangu, asema Bwana Mwenyezi.
21 “Ani Guyyaa sana akka manni Israaʼel gaanfa baasu nan godha; isaan gidduuttis afaan kee nan saaqa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
“Katika siku hiyo nitaifanya nyumba ya Israeli iwe na nguvu nami nitakifungua kinywa chako miongoni mwao. Ndipo watakapojua kwamba Mimi ndimi Bwana.”