< Hisqiʼeel 29 >

1 Waggaa kurnaffaatti, jiʼa kurnaffaa keessa, guyyaa kudha lammaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
בשנה העשרית בעשרי בשנים עשר לחדש היה דבר יהוה אלי לאמר׃
2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Faraʼoon mooticha Gibxitti garagalfadhuutii isaa fi warra Gibxi hundaan mormuudhaan raajii dubbadhu.
בן אדם שים פניך על פרעה מלך מצרים והנבא עליו ועל מצרים כלה׃
3 Isatti dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ati bineensi guddichi, kan lageen kee gidduu ciiftu, yaa Faraʼoon mooticha Gibxi, ani sitti nan kaʼa. Ati, “Lagni Abbayyaa kan koo ti; anatu ofuma kootiif isa uummate” jetta.
דבר ואמרת כה אמר אדני יהוה הנני עליך פרעה מלך מצרים התנים הגדול הרבץ בתוך יאריו אשר אמר לי יארי ואני עשיתני׃
4 Ani garuu haʼoo kee keessa hokkoo kaaʼee akka qurxummiiwwan lageen keetii qola keetti maxxanan nan godha. Ani qurxummiiwwan qola keetti maxxanan hunda wajjinis lageen kee keessaa harkiseen si baasa.
ונתתי חחיים בלחייך והדבקתי דגת יאריך בקשקשתיך והעליתיך מתוך יאריך ואת כל דגת יאריך בקשקשתיך תדבק׃
5 Siʼii fi qurxummiiwwan lageen keetii hunda gammoojjiitti nan gata. Ati dirree duwwaa irratti ni kufta; walitti hin qabamtu; hin awwaalamtus. Ani bineensota lafaatii fi allaattii samiitiif nyaata godheen si kenna.
ונטשתיך המדברה אותך ואת כל דגת יאריך על פני השדה תפול לא תאסף ולא תקבץ לחית הארץ ולעוף השמים נתתיך לאכלה׃
6 Warri Gibxi keessa jiraatan hundis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku. “‘Ati mana Israaʼeliif ulee shambaqqoo taateerta.
וידעו כל ישבי מצרים כי אני יהוה יען היותם משענת קנה לבית ישראל׃
7 Yommuu isaan harkaan si qabatanitti baqaqxee gatiittii isaanii waraante; yommuu isaan sitti irkatanittis ati caccabdee akka dugdi isaanii hollatu goote.
בתפשם בך בכפך תרוץ ובקעת להם כל כתף ובהשענם עליך תשבר והעמדת להם כל מתנים׃
8 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani goraadee sitti fidee namoota keetii fi horii isaanii nan fixa.
לכן כה אמר אדני יהוה הנני מביא עליך חרב והכרתי ממך אדם ובהמה׃
9 Gibxi duwwaa fi ona taati; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku. “‘Ati, “Lagni Abbayyaa kan koo ti; anatu isa uume” jetteertaatii;
והיתה ארץ מצרים לשממה וחרבה וידעו כי אני יהוה יען אמר יאר לי ואני עשיתי׃
10 kanaafuu ani sitti kaʼeera; lageen keettis kaʼeera; biyya Gibxis Migdoolii jalqabee hamma Aswaanitti, hamma daarii Itoophiyaatti diigamtuu fi ontuu nan godha.
לכן הנני אליך ואל יאריך ונתתי את ארץ מצרים לחרבות חרב שממה ממגדל סונה ועד גבול כוש׃
11 Miilli namaa yookaan kotteen horii karaa sana hin darbu; namni tokko iyyuu hamma waggaa afurtamaatti ishee keessa hin jiraatu.
לא תעבר בה רגל אדם ורגל בהמה לא תעבר בה ולא תשב ארבעים שנה׃
12 Ani biyyoota onan gidduutti biyya Gibxi nan onsa; magaalaawwan ishees magaalaawwan diigaman gidduutti waggaa afurtama ni onu. Namoota Gibxi immoo saboota keessa nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bittinneessa.
ונתתי את ארץ מצרים שממה בתוך ארצות נשמות ועריה בתוך ערים מחרבות תהיין שממה ארבעים שנה והפצתי את מצרים בגוים וזריתים בארצות׃
13 “‘Ammas Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Dhuma waggaa afurtamaatti ani namoota Gibxi saboota isaan itti bittinneeffaman keessaa walitti nan qaba.
כי כה אמר אדני יהוה מקץ ארבעים שנה אקבץ את מצרים מן העמים אשר נפצו שמה׃
14 Ani boojuudhaa isaan deebisee Phaxroos biyya abbootii isaaniitti isaan nan galcha. Achittis isaan mootummaa gad aanaa ni taʼu.
ושבתי את שבות מצרים והשבתי אתם ארץ פתרוס על ארץ מכורתם והיו שם ממלכה שפלה׃
15 Isheenis mootummoota keessaa gad aantuu ni taati; deebitees saboota kaaniin olitti gonkumaa ol of hin kaaftu. Anis akka isheen lammata saboota kaan hin bulchineef ishee nan dadhabsiisa.
מן הממלכות תהיה שפלה ולא תתנשא עוד על הגוים והמעטתים לבלתי רדות בגוים׃
16 Biyyi Gibxi siʼachi uummata Israaʼeliif irkoo hin taatu; yoo isaan gargaarsaaf gara isheetti deebiʼan garuu isheen yaadannoo cubbuu isaanii taati. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beeku.’”
ולא יהיה עוד לבית ישראל למבטח מזכיר עון בפנותם אחריהם וידעו כי אני אדני יהוה׃
17 Waggaa digdamii torbaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
ויהי בעשרים ושבע שנה בראשון באחד לחדש היה דבר יהוה אלי לאמר׃
18 “Yaa ilma namaa, Nebukadnezar mootiin Baabilon duula jabaadhaan loltoota isaa Xiiroositti kaaseera; mataan nama hundaa molaaʼeera; gatiittiin nama hundaas luqqaʼeera. Taʼus innii fi loltoonni isaa duula jabaa Xiiroositti kaasaniin buʼaa tokko illee hin arganne.
בן אדם נבוכדראצר מלך בבל העביד את חילו עבדה גדלה אל צר כל ראש מקרח וכל כתף מרוטה ושכר לא היה לו ולחילו מצר על העבדה אשר עבד עליה׃
19 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani biyya Gibxi Nebukadnezar mootii Baabiloniif nan kenna; innis ishee boojiʼee qabeenya ishee saama. Kunis mindaa loltoota isaa taʼa.
לכן כה אמר אדני יהוה הנני נתן לנבוכדראצר מלך בבל את ארץ מצרים ונשא המנה ושלל שללה ובזז בזה והיתה שכר לחילו׃
20 Ani Gibxiin gatii dadhabbii isaa godhee isaaf kenneera; innii fi loltoonni isaa waan kana anaaf hojjetaniiruutii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
פעלתו אשר עבד בה נתתי לו את ארץ מצרים אשר עשו לי נאם אדני יהוה׃
21 “Ani Guyyaa sana akka manni Israaʼel gaanfa baasu nan godha; isaan gidduuttis afaan kee nan saaqa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
ביום ההוא אצמיח קרן לבית ישראל ולך אתן פתחון פה בתוכם וידעו כי אני יהוה׃

< Hisqiʼeel 29 >