< Hisqiʼeel 28 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
2 “Yaa ilma namaa, bulchaa Xiiroosiin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ati of tuulummaa garaa keetiitiin, “Ani waaqa; ani handhuura galaanaa keessa, teessoo waaqaa irra nan taaʼa” jette. Qaroo akka waaqaa of seetu iyyuu, ati nama malee waaqa miti.
“Ɗan mutum, ka faɗa wa mai mulkin Taya cewa, ‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa, “‘Cikin alfarmar zuciyarka ka ce, “Ni allah ne; ina zama a kan kursiyin allah a tsakiyar tekuna.” Amma kai mutum ne ba allah ba, ko da yake ka ɗauka kana da hikima kamar allah.
3 Ati Daaniʼel caalaa ogeessaa? Icciitiin tokko iyyuu si jalaa hin dhokatuu?
Ka fi Daniyel hikima ne? Ba asirin da yake ɓoye a gare ka?
4 Ati ogummaa fi hubannaa keetiin qabeenya argatteerta; warqee fi meetii mankuusaa kee keessatti kuufatteerta.
Ta wurin hikimarka da ganewarka ka sami dukiya wa kanka ka kuma tara zinariya da azurfa cikin wuraren ajiyarka.
5 Ati ogummaa guddaa daldala keessatti qabduun qabeenya kee baayʼifatteerta; sababii qabeenya keetiitiif immoo garaan kee of tuulummaadhaan guutameera.
Ta wurin dabararka mai girma cikin kasuwanci ka ƙara dukiyarka, kuma saboda dukiyarka zuciyarka ta cika da alfarma.
6 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Sababii ati qaroo akka waaqaa of seetuuf,
“‘Saboda haka ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa, “‘Domin ka ɗauka kai mai hikima ne, mai hikima kamar allah,
7 ani namoota biyya ormaa saboota akka malee gara jabeeyyii sitti nan fida; isaan goraadee isaanii miidhagina keetii fi ogummaa keetti luqqifatanii ulfina kee guddaa sana balleessu.
zan kawo baƙi a kanka, waɗanda suka fi mugunta cikin sauran al’ummai; za su zāre takubansu a kan kyakkyawar hikimarka su kuma ɓarke darajarka mai walƙiya.
8 Isaan boolla keessa si buusu; atis garaa galaanaa keessatti duʼa hamaa duuta.
Za su jefar da kai cikin rami, za ka kuwa yi muguwar mutuwa a tsakiyar tekuna.
9 Yoos ati fuula warra si ajjeesanii duratti, “Ani waaqa” ni jettaa? Ati harka warra si gorraʼanii keessatti namuma malee waaqa miti.
Za ka iya ce yanzu, “Ni allah ne,” a gaban waɗanda suka kashe ka? Za ka zama mutum kurum, ba allah ba, a hannuwan waɗanda suka kashe ka.
10 Ati harka namoota biyya ormaatti duʼa nama dhagna hin qabatinii duuta. Ani dubbadheera, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
Za ka yi mutuwar marar kaciya a hannuwan baƙi. Na faɗa, in ji Ubangiji Mai Iko Duka.’”
11 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
12 “Yaa ilma namaa, waaʼee mootii Xiiroos faarsii booʼiitii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ati fakkeenya guutummaa ti; ogummaadhaan guutamteerta; miidhaginaanis hirʼina hin qabdu.
“Ɗan mutum, ka yi makoki domin sarkin Taya ka kuma ce masa, ‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa, “‘Ka kasance hatimin cikakke, cike da hikima da cikakke a kyau.
13 Ati iddoo biqiltuu Waaqaa, Eeden keessa turte; dhagaawwan gati jabeeyyiin hundi si bareechu; isaanis: lula diimaa, tophaaziyoon, almaazii fi maragdi, kirisooliixoos, sardooniksii fi yaasphiidi, sanpeer, baluurii fi biiralee. Diranni keetii fi faayni kee warqee irraa tolfaman; isaanis guyyaa ati uumamte qopheeffaman.
Ka kasance a Eden, a lambun Allah; aka yi maka ado da kowane dutse mai daraja, yakutu, tofaz, da zumurrudu, kirisolit, onis da yasfa, saffaya, turkuwoyis da beril. Tsare-tsare da shirye-shiryenka an yi su da zinariya ne; a ranar da aka halicce ka an shirya su.
14 Ati Kiirubii waa eegu taatee dibamte; anis kanumaafan si muude. Ati tulluu Waaqaa qulqullicha sana irra jiraatte; dhagaawwan ibiddaa gidduus deddeebite.
An shafe ka kamar kerub mai tsaro, gama haka na naɗa ka. Kana a tsattsarkan dutsen Allah; ka yi tafiya a tsakiyar duwatsun wuta.
15 Ati gaafa uumamtee jalqabdee hamma gaafa hamminni si keessatti argameetti jireenyi kee hirʼina hin qabu ture.
Ka kasance marar laifi cikin dukan hanyoyinka daga ranar da aka halicce ka sai da aka sami mugunta a cikinka.
16 Babalʼina daldala keetiitiin gooliidhaan guutamtee cubbuu hojjette. Kanaafuu yaa kiirubii eegumsaa, ani tulluu Waaqaa irraa dhagaawwan ibiddaa gidduudhaa si salphisee ariʼeen si baase.
Ta wurin yawan kasuwancinka ka cika da rikici, ka kuma yi zunubi. Saboda haka na kore ka da kunya daga dutsen Allah, na kore ka, ya kerub mai tsaro, daga cikin duwatsun wuta.
17 Sababii miidhagina keetiitiif, ati koorteerta; sababii ulfina keetiitiif, ogummaa kee balleessite. Kanaafuu ani gara lafaattan si darbadhe; fuula moototaa durattis waan kolfaa si godhe.
Zuciyarka ta cika da alfarma saboda kyanka, ka kuma lalace hikimarka saboda darajarka. Saboda haka na jefar da kai zuwa ƙasa; na sa ka zama abin kallo a gaban sarakuna.
18 Ati cubbuu kee hedduu fi shaqqaba daldala keetiitiin iddoowwan kee qulqulluu xureessiteerta. Kanaafuu ani akka ibiddi si keessaa baʼu nan godhe; innis gubee si fixe; anis fuula namoota si ilaalaa turan hundaa duratti lafa irratti daaraan si taasise.
Ta wurin yawan zunubanka da kasuwancinka na cuta ka ƙazantar da wuri mai tsarkinka. Saboda haka na sa wuta ta fito daga cikinka, ta cinye ka, na maishe ka toka a bisa ƙasa a kan idon dukan waɗanda suke kallonka.
19 Saboonni si beekan hundinuu si arganii rifatan; dhumni kee suukaneessaa taʼeera; ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’”
Dukan al’umman da suka san ka sun giggice saboda masifar da ta auko maka; ka zo ga mummunar ƙarshe ba za ka ƙara kasancewa ba har abada.’”
20 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
Maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
21 “Yaa ilma namaa, fuula kee Siidoonaatti garagalfadhuutii isheedhaan mormuudhaan raajii dubbadhu;
“Ɗan mutum, ka fuskanci Sidon; ka yi annabci a kanta
22 akkanas jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Yaa Siidoonaa, ani sitti kaʼeera; si keessatti ulfina nan argadha. Yeroo ani ishee adabee akka ani qulqulluu taʼe ishee keessatti of argisiisuutti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
ka ce, ‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa, “‘Ina gāba da ke, ya Sidon, zan sami ɗaukaka a cikinki. Za su san cewa ni ne Ubangiji, sa’ad da na zartar da hukunci a kanta na kuma nuna kaina mai tsarki a cikinta.
23 Ani dhaʼicha isheetti ergee akka daandii ishee irra dhiigni lolaʼu nan godha. Namoonni goraadee karaa hundaan ishee marseen gorraʼaman ishee keessatti ni harcaʼu. Ergasiis isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
Zan aika da annoba a kanta in kuma sa jini ya zuba a titunanta. Kisassu za su fāɗi a cikinta, da takobi yana gāba da ita a kowane gefe. Sa’an nan za su san cewa ni ne Ubangiji.
24 “‘Sabni Israaʼel siʼachi olloota hamoo akka sokorruu nama waraananii akka qoraattii immoo nama madeessan hin qabaatu. Ergasiis isaan akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beeku.
“‘Mutanen Isra’ila ba za su ƙara kasance da mugayen maƙwabta waɗanda za su zama sarƙaƙƙiya masu zafi da ƙaya mai tsini ba. Sa’an nan za su san cewa ni ne Ubangiji Mai Iko Duka.
25 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yeroo ani mana Israaʼel saboota isaan keessa bibittinnaaʼan keessaa walitti qabutti, ani akkan isaan gidduutti qulqulluu taʼe fuula sabootaa duratti of nan argisiisa. Ergasii isaan biyya ofii isaanii kan ani garbicha koo Yaaqoobiif kenne sana keessa ni jiraatu.
“‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa sa’ad da na tattara mutanen Isra’ila daga al’ummai inda suke a warwatse, zan nuna kaina mai tsarki a cikinsu a idon al’ummai. Sa’an nan za su zauna a ƙasarsu, wadda na ba wa bawana Yaƙub.
26 Isaan nagaadhaan achi jiraatanii manneen ijaarratanii wayiniis dhaabbatu; yeroo ani olloota isaanii kanneen isaan cunqursan adabutti, isaan nagumaan jiraatu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo Waaqa isaanii taʼe ni beeku.’”
Za su zauna a can lafiya su kuma gina gidaje su nome gonakin inabi; za su zauna lafiya sa’ad da zan zartar da hukunci a kan dukan maƙwabtansu da suka wulaƙanta su. Sa’an nan za su san cewa ni ne Ubangiji Allahnsu.’”

< Hisqiʼeel 28 >