< Hisqiʼeel 28 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
And the word of the LORD came to me, saying,
2 “Yaa ilma namaa, bulchaa Xiiroosiin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ati of tuulummaa garaa keetiitiin, “Ani waaqa; ani handhuura galaanaa keessa, teessoo waaqaa irra nan taaʼa” jette. Qaroo akka waaqaa of seetu iyyuu, ati nama malee waaqa miti.
“Son of man, tell the ruler of Tyre that this is what the Lord GOD says: Your heart is proud, and you have said, ‘I am a god; I sit in the seat of gods in the heart of the sea.’ Yet you are a man and not a god, though you have regarded your heart as that of a god.
3 Ati Daaniʼel caalaa ogeessaa? Icciitiin tokko iyyuu si jalaa hin dhokatuu?
Behold, you are wiser than Daniel; no secret is hidden from you!
4 Ati ogummaa fi hubannaa keetiin qabeenya argatteerta; warqee fi meetii mankuusaa kee keessatti kuufatteerta.
By your wisdom and understanding you have gained your wealth and amassed gold and silver for your treasuries.
5 Ati ogummaa guddaa daldala keessatti qabduun qabeenya kee baayʼifatteerta; sababii qabeenya keetiitiif immoo garaan kee of tuulummaadhaan guutameera.
By your great skill in trading you have increased your wealth, but your heart has grown proud because of it.
6 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Sababii ati qaroo akka waaqaa of seetuuf,
Therefore this is what the Lord GOD says: Because you regard your heart as the heart of a god,
7 ani namoota biyya ormaa saboota akka malee gara jabeeyyii sitti nan fida; isaan goraadee isaanii miidhagina keetii fi ogummaa keetti luqqifatanii ulfina kee guddaa sana balleessu.
behold, I will bring foreigners against you, the most ruthless of nations. They will draw their swords against the beauty of your wisdom and will defile your splendor.
8 Isaan boolla keessa si buusu; atis garaa galaanaa keessatti duʼa hamaa duuta.
They will bring you down to the Pit, and you will die a violent death in the heart of the seas.
9 Yoos ati fuula warra si ajjeesanii duratti, “Ani waaqa” ni jettaa? Ati harka warra si gorraʼanii keessatti namuma malee waaqa miti.
Will you still say, ‘I am a god,’ in the presence of those who slay you? You will be only a man, not a god, in the hands of those who wound you.
10 Ati harka namoota biyya ormaatti duʼa nama dhagna hin qabatinii duuta. Ani dubbadheera, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
You will die the death of the uncircumcised at the hands of foreigners. For I have spoken,
11 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Again the word of the LORD came to me, saying,
12 “Yaa ilma namaa, waaʼee mootii Xiiroos faarsii booʼiitii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ati fakkeenya guutummaa ti; ogummaadhaan guutamteerta; miidhaginaanis hirʼina hin qabdu.
“Son of man, take up a lament for the king of Tyre and tell him that this is what the Lord GOD says: ‘You were the seal of perfection, full of wisdom and perfect in beauty.
13 Ati iddoo biqiltuu Waaqaa, Eeden keessa turte; dhagaawwan gati jabeeyyiin hundi si bareechu; isaanis: lula diimaa, tophaaziyoon, almaazii fi maragdi, kirisooliixoos, sardooniksii fi yaasphiidi, sanpeer, baluurii fi biiralee. Diranni keetii fi faayni kee warqee irraa tolfaman; isaanis guyyaa ati uumamte qopheeffaman.
You were in Eden, the garden of God. Every kind of precious stone adorned you: ruby, topaz, and diamond, beryl, onyx, and jasper, sapphire, turquoise, and emerald. Your mountings and settings were crafted in gold, prepared on the day of your creation.
14 Ati Kiirubii waa eegu taatee dibamte; anis kanumaafan si muude. Ati tulluu Waaqaa qulqullicha sana irra jiraatte; dhagaawwan ibiddaa gidduus deddeebite.
You were anointed as a guardian cherub, for I had ordained you. You were on the holy mountain of God; you walked among the fiery stones.
15 Ati gaafa uumamtee jalqabdee hamma gaafa hamminni si keessatti argameetti jireenyi kee hirʼina hin qabu ture.
From the day you were created you were blameless in your ways— until wickedness was found in you.
16 Babalʼina daldala keetiitiin gooliidhaan guutamtee cubbuu hojjette. Kanaafuu yaa kiirubii eegumsaa, ani tulluu Waaqaa irraa dhagaawwan ibiddaa gidduudhaa si salphisee ariʼeen si baase.
By the vastness of your trade, you were filled with violence, and you sinned. So I drove you in disgrace from the mountain of God, and I banished you, O guardian cherub, from among the fiery stones.
17 Sababii miidhagina keetiitiif, ati koorteerta; sababii ulfina keetiitiif, ogummaa kee balleessite. Kanaafuu ani gara lafaattan si darbadhe; fuula moototaa durattis waan kolfaa si godhe.
Your heart grew proud of your beauty; you corrupted your wisdom because of your splendor; so I cast you to the earth; I made you a spectacle before kings.
18 Ati cubbuu kee hedduu fi shaqqaba daldala keetiitiin iddoowwan kee qulqulluu xureessiteerta. Kanaafuu ani akka ibiddi si keessaa baʼu nan godhe; innis gubee si fixe; anis fuula namoota si ilaalaa turan hundaa duratti lafa irratti daaraan si taasise.
By the multitude of your iniquities and the dishonesty of your trading you have profaned your sanctuaries. So I made fire come from within you, and it consumed you. I reduced you to ashes on the ground in the eyes of all who saw you.
19 Saboonni si beekan hundinuu si arganii rifatan; dhumni kee suukaneessaa taʼeera; ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’”
All the nations who know you are appalled over you. You have come to a horrible end and will be no more.’”
20 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
Then the word of the LORD came to me, saying,
21 “Yaa ilma namaa, fuula kee Siidoonaatti garagalfadhuutii isheedhaan mormuudhaan raajii dubbadhu;
“Son of man, set your face against Sidon and prophesy against her.
22 akkanas jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Yaa Siidoonaa, ani sitti kaʼeera; si keessatti ulfina nan argadha. Yeroo ani ishee adabee akka ani qulqulluu taʼe ishee keessatti of argisiisuutti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
And you are to declare that this is what the Lord GOD says: ‘Behold, I am against you, O Sidon, and I will be glorified within you. They will know that I am the LORD when I execute judgments against her and demonstrate My holiness through her.
23 Ani dhaʼicha isheetti ergee akka daandii ishee irra dhiigni lolaʼu nan godha. Namoonni goraadee karaa hundaan ishee marseen gorraʼaman ishee keessatti ni harcaʼu. Ergasiis isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
I will send a plague against her and shed blood in her streets; the slain will fall within her, while the sword is against her on every side. Then they will know that I am the LORD.
24 “‘Sabni Israaʼel siʼachi olloota hamoo akka sokorruu nama waraananii akka qoraattii immoo nama madeessan hin qabaatu. Ergasiis isaan akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beeku.
For the people of Israel will no longer face a pricking brier or a painful thorn from all around them who treat them with contempt. Then they will know that I am the Lord GOD.’
25 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yeroo ani mana Israaʼel saboota isaan keessa bibittinnaaʼan keessaa walitti qabutti, ani akkan isaan gidduutti qulqulluu taʼe fuula sabootaa duratti of nan argisiisa. Ergasii isaan biyya ofii isaanii kan ani garbicha koo Yaaqoobiif kenne sana keessa ni jiraatu.
This is what the Lord GOD says: ‘When I gather the house of Israel from the peoples among whom they have been scattered, I will show Myself holy among them in the sight of the nations. Then they will dwell in their own land, which I have given to My servant Jacob.
26 Isaan nagaadhaan achi jiraatanii manneen ijaarratanii wayiniis dhaabbatu; yeroo ani olloota isaanii kanneen isaan cunqursan adabutti, isaan nagumaan jiraatu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo Waaqa isaanii taʼe ni beeku.’”
And there they will dwell securely, build houses, and plant vineyards. They will dwell securely when I execute judgments against all those around them who treat them with contempt. Then they will know that I am the LORD their God.’”

< Hisqiʼeel 28 >