< Hisqiʼeel 27 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Tena neno la Yahwe likanijia, kusema,
2 “Yaa ilma namaa, waaʼee Xiiroos faarsii booʼi.
“Sasa wewe, mwanadamu, anza kuomboleza kuhusiana na Tiro,
3 Xiiroos ishee balbala galaanaa irra jiraattu, kan uummata qarqara galaanaa hundaaf daldaltuu taate sanaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Yaa Xiiroos, ati, “Ani bareedinaan hirʼina hin qabu” jetta.
na mwambie Tiro, aishiye kwenye malango ya bahari, manahodha wa watu hata visiwa vingi, Bwana Yahwe asema hivi kwako: Tiro, umesema, mimi ni ukamilifu katika uzuri.'
4 Daangaan kee garaa galaanaa keessa; warri si ijaaran bareedduu hirʼina hin qabne si taasisaniiru.
Mipaka yako iko kwenye moyo wa bahari; majengo yako yamekamilisha uzuri wako.
5 Isaan laaxaa doonii keetii birbirsa Seniirii dhufeen hojjetan; utubaa doonii siif tolchuufis Libaanoonii birbirsa fidan.
Wametengeneza mbao nene na pana kwa mvinje kutoka Mlima Hermoni; wamechukua mkangazi kutoka Lebanoni kuufanya mlingoti.
6 Qilxuu Baashaanii dhufeen batoo kee hojjetan; muka birbirsaa kan qarqara Qophiroosiitii dhufeen lafa doonii keessaa ilka arbaatiin miidhagsanii siif hojjetan.
Wametengeneza makasia yako kutoka kwenye mialo ya Bashani; wametengeza sitaha zako kwa mbao za mvinje kutoka Kitimu, na wametengeneza kwa pembe.
7 Sharaan doonii keetii quncee talbaa kan miidhagfamee biyya Gibxii dhufe ture; innis akka faajjiitti si fayyade; haguuggiin kees bifa cuquliisaa fi diimaa dhiilgee kan qarqara Eliishaatii dhufe ture.
Tanga zako zilikuwa za rangi za kitani kutoka Misri ambazo zilikuwa kama beramu!
8 Mooqxonni kee namoota Siidoonaa fi Arwaadii dhufan turan; yaa Xiiroos hayyoonni kee ooftota doonii keetii turan.
Wale waliokuwa wakiishi Sidoni na Arvadi walikuwa wavuta makasia wako; wenye busara wa Tire walikuwa ndani yenu; walikuwa marubani wako.
9 Ogeeyyiin Gebaal kanneen muuxannoo guddaa qaban, qaawwa doonii keetii duuchuuf si gidduu turan. Dooniiwwan galaanaatii fi ooftonni isaanii hundi, si wajjin daldaluuf gara kee dhufu turan.
Mafundistadi wenye uzoefu wa hali ya juu kutoka Gabeli walijaza mishono; meli zote za bahari na mabaharia wao miongoni mwenu walikuwa wakiwabeba manahodha kwaajili ya biashara.
10 “‘Namoonni Faaresi, kan Luudii fi kan Fuuxii, loltummaadhaan loltoota kee gidduu tajaajilan. Isaanis si miidhagsuuf gaachanawwan isaanii fi gonfoo isaanii si keessatti fannisan.
Uajemi, Ludi, na Putu walikuwa katika jeshi lako, watu wako wa vita. Walining'iniza ngao na chapeo ndani yako; walionyesha uzuri wako.
11 Namoonni Arwaadii fi Heeleekii dallaa kee qixa hundaan eegan; namoonni Gamaadii gamoowwan kee keessa turan. Gaachana isaaniis naannessanii dallaa keetti fannisan; isaan bareedduu hanqina hin qabne si taasisan.
Watu wa Arvadi na Heleki katika jeshi lako walikuwa juu ya kuta zako wamekuzunguka, na watu wa Gamadi walikuwa kwenye minara yako. Walinin'giniza juu ngao zao juu ya kuta zako zote zilizokuzunguka! Wakaukamilisha uzuri wako.
12 “‘Sababii guddina qabeenya keetiitiif Tarshiish si wajjin daldalaa turte; isaan meetii, sibiila, qorqorroo fi dilaalii fidanii si wajjin wal geeddaraa daldalaa turan.
Tarshishi alikuwa mdau wa biashara pamoja nawe kwa sababu ya wingi wa utajiri wako wa kuuza mizigo: fedha, chuma, bati, na risasi. Walinunua na kuuza bidhaa za biashara!
13 “‘Giriik, Tuubaalii fi Meshek si wajjin daldalan; isaanis miʼoota gurguraa keetiin garbootaa fi miʼoota naasii geeddaru turan.
Yavani, Tubali, na Mesheki-waliwauza watumwa na katika vitu kutengeneza shaba. Walibeba bidhaa zako.
14 “‘Namoonni Beet Toogarmaa immoo fardeen feʼiisaa, fardeen lolaatii fi gaangoliidhaan miʼa kee kan daldalaa geeddaratu ture.
Beth Togarma waliandaa farasi, farasi dume, na nyumbu kama kama bidhaa zako.
15 “‘Namoonni Dedaanii si wajjin daldalan; biyyoonni qarqara galaanaa baayʼeenis maamiloota kee turan; isaanis ilka arbaatii fi muka harsammeessaa siif baasan.
Watu wa Dedani walikuwa wafanya biashara wako kwenye pwani nyingi. Bidhaa zilikuwa mkononi mwako; walikutumia pembe, pembe za ndovu, na mpingo kama ushuru!
16 “‘Sababii ati oomisha guddaa qabduuf Sooriyaan si wajjin daldalti ture; isaanis maragdiin, uffata diimaa dhiilgeen, wayyaa faayeffameen, uffata quncee talbaa irraa hojjetame haphii isaatiin, elellaanii fi lula diimaadhaan miʼoota kee daldalaa geeddaratan.
Shamu alikuwa mchuuzi katika bidhaa zako nyingi; waliandaa zumaridi, zambarau, nguo zenye rangi mbali mbali, kitambaa kizuri, lulu, na kito chekundu cha thamani kama bidhaa zako.
17 “‘Yihuudaa fi Israaʼelis si wajjin daldalan; isaanis qamadii biyya Miiniiti, Maxinoo miʼaawaa, damma, zayitii fi baalmiin miʼa daldalaa kee geeddaratan.
Yuda na nchi ya Israeli walikuwa wafanyabiashara pamoja nawe. Waliandaa ngano kutoka Minithi, keki, asali, mafuta, na lihamu kama bidhaa zako.
18 “‘Sababii oomisha kee hedduutii fi qabeenya miʼa kee guddaa sanaatiif Damaasqoon daadhii wayinii Helbooniitii fi rifeensa hoolaa Zaahariitiin si wajjin daldalteerti.
Dameski alikuwa mfanya biashara wa bidhaa zako zote, za utajiri mkubwa mno, na ya divai ya Helboni na sufu ya Zahari.
19 Warri Daanii fi Yaawaan kanneen Oseelii dhufan miʼa daldalaa kee bitatan; isaanis sibiila baqfamee hojjetameen burgudii fi qarafaadhaan miʼoota daldalaa kee ni geeddarratu ture.
Dani na Yavani kutoka Uzali walikwandalia bidhaa ya chuma kilichofuliwa, na mdalasini, na mchai. Hivi vikawa bidhaa yako.
20 “‘Dedaan immoo uffata kooraa si wajjin daldalte.
Dedani alikuwa mchuuzi katika nguo nzuri za kutandika.
21 “‘Biyyi Arabaatii fi ilmaan mootota Qeedaar hundi maamiloota kee turan. Isaanis xobbaallaa hoolaa, korbeeyyii hoolaatii fi reʼoota si wajjin daldalu turan.
Arabuni na wakuu wote wa Kedari walikuwa wafanyabiashara pamoja nawe; walikuandalia wanakondoo, kondoo dume na mbuzi.
22 “‘Daldaltoonni Shebaatii fi Raʼimaa si wajjin daldalaniiru; urgooftuuwwan gosa hundaa, dhagaawwan gati jabeeyyii fi warqeedhaan miʼoota daldalaa kee geeddarataniiru.
Wafanya biashara wa Sheba na Raama walikuja kukuuzia kila aina ya viungo vizuri katika vito vyote vya thamani; waliuza dhahabu kwa ajili ya bidhaa.
23 “‘Kaaraan, Kaneen, Eden, daldaltoonni Shebaa, Ashuurii fi Kilmaad si wajjin daldalaa turan.
Harani, Kane, na Adina walikuwa wafanya biashara pamoja nawe, karibu na Sheba, Ashuru, na Kilmadi.
24 Isaan iddoo gabaa keetii keessatti uffata mimmiidhagaa, uffata bifa cuquliisaa, uffata faayeffamee fi afaa halluu garaa garaa kan kirrii micciiramee jabeeffamee dhaʼameen daldalan.
Hawa walikuwa wachuuzi wako mapambo ya joho ya nguo za urujuani pamoja na rangi zilibuniwa, na nguo zilizo sanifiwa vizuri katika sehemu zako za soko.
25 “‘Dooniiwwan Tarshiish, miʼoota kee kan daldalaa siif feʼan. Ati walakkaa galaanaatti feʼiisa ulfaataadhaan guutamteerta.
Merikebu za Tarshishi zilikuwa misafara ya bidhaa yako! Hivyo ulijaa, shehena nzito katika moyo wa bahari!
26 Mooqxonni kee, gara galaana guddaatti si geessan. Bubbeen baʼa biiftuu garuu galaana walakkaatti si caccabsa.
Wapiga makasia wako walikuleta kwenye bahari kuu mno; upepo wa mashariki umekuvunja kati yao.
27 Gaafa dooniin kee caccabutti qabeenyi kee, meeshaan keetii fi miʼi daldalaa kee, namoonni kee kanneen dooniidhaan hojjetan, ooftonni dooniitii fi warri doonii haaromsan, daldaltoonni keetii fi loltoonni kee hundi namni doonii irra jiru biraa hundi garaa galaanaa keessatti gad liqimfamu.
Utajiri wako, bidhaa, na mizigo ya biashara; wapiga makasia wako na marubani, na waunzi wa meli; wafanya biashara wako wa bidhaa na watu wote wa vita walio ndani yako, na jeshi lako-watazama kwenye kina cha bahari siku ya kuangamia kwako.
28 Yeroo ooftonni doonii keetii iyyanitti biyyoonni qarqara galaanaa ni raafamu.
Miji iliyopo kwenye bahari sauti itatetemeka kulia kwa rubani zako;
29 Warri batoo qabatan hundi, warri doonii irra hojjetanii fi ooftonni doonii, doonii isaanii irraa buʼanii qarqara galaanaa dhaabatu.
Wote wavutao kasia watashuka chini kutoka meli katika zao; wanamaji na marubani wote juu ya bahari watasimama juu ya nchi.
30 Isaanis sagalee isaanii ol fudhatanii hiqqifatanii siif booʼu; mataa isaaniittis awwaara firfirsanii daaraa keessa gangalatu.
Kisha watakufanya kusikiliza sauti yao na kulia kwa uchungu; watarusha vumbi juu ya vichwa vyao. Watabingirika katika majivu.
31 Waaʼee keetiifis mataa haaddatanii wayyaa gaddaa uffatu. Lubbuu isaaniitiin akka malee hiqqifatanii gadda guddaadhaan ni booʼu.
Watanyo vichwa vyao upara kwa ajili yako na kujifunga wenyewe kwa nguo za magunia, na watalia kwa sauti.
32 Isaanis yeroo wawwaatanii siif booʼanitti, “Kan akka Xiiroos galaanaan liqimfamee bade eenyu?” jedhanii faaruu booʼichaa siif faarsu.
Watakuinulia maombolezo ya kuomboleza kwa ajili yako na kuimba nyimbo za maombolezo juu yako, ni nani aliye kama Tiro, ambaye sasa ameletwa kunyamazishwa kati ya bahari?
33 Yeroo miʼi daldalaa kee galaana irra ergamutti, ati saboota hedduu quufsite; qabeenya kee guddaa fi miʼa keetiin mootota lafaa sooromsite.
Wakati bidhaa yako ilipoenda ufukweni kutoka kwenye bahari, imewarithisha watu wengi; uliwatajirisha wafalme wa dunia kwa wingi wa utajiri wako mkubwa na bidhaa!
34 Amma immoo ati galaana keessatti, tujuba bishaanii keessatti caccabdeerta; miʼoonni keetii fi miiltonni kee hundi suma wajjin liqimfamaniiru.
Lakini wakati ulipo vunjwavunjwa kwa bahari, kwa vilindi vya maji, bidhaa yako na wafanya kazi wako wote kuzama!
35 Warri qarqara galaanaa jiraatan hundi waaʼee keetiin rifataniiru; mootonni isaanii sodaadhaan hollatanii fuulli isaaniis naasuudhaan geeddarameera.
Wote wakaao pwani walikuogopa, na wafalme wao kuvunjwa vunjwa katika kitisho! Nyuso zao zimetetemeka!
36 Daldaltoonni saboota gidduu jiran sitti siiqsu; dhumni kee suukaneessaa taʼeera; ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’”
Wafanya biashara wa meli wa watu wakuzomea; umekuwa tishio, na hutakuwepo tena milele.”

< Hisqiʼeel 27 >