< Hisqiʼeel 27 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
ויהי דבר יהוה אלי לאמר
2 “Yaa ilma namaa, waaʼee Xiiroos faarsii booʼi.
ואתה בן אדם שא על צר קינה
3 Xiiroos ishee balbala galaanaa irra jiraattu, kan uummata qarqara galaanaa hundaaf daldaltuu taate sanaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Yaa Xiiroos, ati, “Ani bareedinaan hirʼina hin qabu” jetta.
ואמרת לצור הישבתי (הישבת) על מבואת ים רכלת העמים אל איים רבים כה אמר אדני יהוה צור את אמרת אני כלילת יפי
4 Daangaan kee garaa galaanaa keessa; warri si ijaaran bareedduu hirʼina hin qabne si taasisaniiru.
בלב ימים גבוליך בניך כללו יפיך
5 Isaan laaxaa doonii keetii birbirsa Seniirii dhufeen hojjetan; utubaa doonii siif tolchuufis Libaanoonii birbirsa fidan.
ברושים משניר בנו לך את כל לחתים ארז מלבנון לקחו לעשות תרן עליך
6 Qilxuu Baashaanii dhufeen batoo kee hojjetan; muka birbirsaa kan qarqara Qophiroosiitii dhufeen lafa doonii keessaa ilka arbaatiin miidhagsanii siif hojjetan.
אלונים מבשן עשו משוטיך קרשך עשו שן בת אשרים מאיי כתים
7 Sharaan doonii keetii quncee talbaa kan miidhagfamee biyya Gibxii dhufe ture; innis akka faajjiitti si fayyade; haguuggiin kees bifa cuquliisaa fi diimaa dhiilgee kan qarqara Eliishaatii dhufe ture.
שש ברקמה ממצרים היה מפרשך להיות לך לנס תכלת וארגמן מאיי אלישה היה מכסך
8 Mooqxonni kee namoota Siidoonaa fi Arwaadii dhufan turan; yaa Xiiroos hayyoonni kee ooftota doonii keetii turan.
ישבי צידון וארוד היו שטים לך חכמיך צור היו בך המה חבליך
9 Ogeeyyiin Gebaal kanneen muuxannoo guddaa qaban, qaawwa doonii keetii duuchuuf si gidduu turan. Dooniiwwan galaanaatii fi ooftonni isaanii hundi, si wajjin daldaluuf gara kee dhufu turan.
זקני גבל וחכמיה היו בך מחזיקי בדקך כל אניות הים ומלחיהם היו בך לערב מערבך
10 “‘Namoonni Faaresi, kan Luudii fi kan Fuuxii, loltummaadhaan loltoota kee gidduu tajaajilan. Isaanis si miidhagsuuf gaachanawwan isaanii fi gonfoo isaanii si keessatti fannisan.
פרס ולוד ופוט היו בחילך אנשי מלחמתך מגן וכובע תלו בך המה נתנו הדרך
11 Namoonni Arwaadii fi Heeleekii dallaa kee qixa hundaan eegan; namoonni Gamaadii gamoowwan kee keessa turan. Gaachana isaaniis naannessanii dallaa keetti fannisan; isaan bareedduu hanqina hin qabne si taasisan.
בני ארוד וחילך על חומותיך סביב וגמדים במגדלותיך היו שלטיהם תלו על חומותיך סביב--המה כללו יפיך
12 “‘Sababii guddina qabeenya keetiitiif Tarshiish si wajjin daldalaa turte; isaan meetii, sibiila, qorqorroo fi dilaalii fidanii si wajjin wal geeddaraa daldalaa turan.
תרשיש סחרתך מרב כל הון בכסף ברזל בדיל ועופרת נתנו עזבוניך
13 “‘Giriik, Tuubaalii fi Meshek si wajjin daldalan; isaanis miʼoota gurguraa keetiin garbootaa fi miʼoota naasii geeddaru turan.
יון תבל ומשך המה רכליך בנפש אדם וכלי נחשת נתנו מערבך
14 “‘Namoonni Beet Toogarmaa immoo fardeen feʼiisaa, fardeen lolaatii fi gaangoliidhaan miʼa kee kan daldalaa geeddaratu ture.
מבית תוגרמה סוסים ופרשים ופרדים נתנו עזבוניך
15 “‘Namoonni Dedaanii si wajjin daldalan; biyyoonni qarqara galaanaa baayʼeenis maamiloota kee turan; isaanis ilka arbaatii fi muka harsammeessaa siif baasan.
בני דדן רכליך איים רבים סחרת ידך קרנות שן והובנים (והבנים) השיבו אשכרך
16 “‘Sababii ati oomisha guddaa qabduuf Sooriyaan si wajjin daldalti ture; isaanis maragdiin, uffata diimaa dhiilgeen, wayyaa faayeffameen, uffata quncee talbaa irraa hojjetame haphii isaatiin, elellaanii fi lula diimaadhaan miʼoota kee daldalaa geeddaratan.
ארם סחרתך מרב מעשיך בנפך ארגמן ורקמה ובוץ וראמת וכדכד נתנו בעזבוניך
17 “‘Yihuudaa fi Israaʼelis si wajjin daldalan; isaanis qamadii biyya Miiniiti, Maxinoo miʼaawaa, damma, zayitii fi baalmiin miʼa daldalaa kee geeddaratan.
יהודה וארץ ישראל המה רכליך בחטי מנית ופנג ודבש ושמן וצרי נתנו מערבך
18 “‘Sababii oomisha kee hedduutii fi qabeenya miʼa kee guddaa sanaatiif Damaasqoon daadhii wayinii Helbooniitii fi rifeensa hoolaa Zaahariitiin si wajjin daldalteerti.
דמשק סחרתך ברב מעשיך מרב כל הון ביין חלבון וצמר צחר
19 Warri Daanii fi Yaawaan kanneen Oseelii dhufan miʼa daldalaa kee bitatan; isaanis sibiila baqfamee hojjetameen burgudii fi qarafaadhaan miʼoota daldalaa kee ni geeddarratu ture.
ודן ויון מאוזל בעזבוניך נתנו ברזל עשות קדה וקנה במערבך היה
20 “‘Dedaan immoo uffata kooraa si wajjin daldalte.
דדן רכלתך בבגדי חפש לרכבה
21 “‘Biyyi Arabaatii fi ilmaan mootota Qeedaar hundi maamiloota kee turan. Isaanis xobbaallaa hoolaa, korbeeyyii hoolaatii fi reʼoota si wajjin daldalu turan.
ערב וכל נשיאי קדר המה סחרי ידך בכרים ואילם ועתודים בם סחריך
22 “‘Daldaltoonni Shebaatii fi Raʼimaa si wajjin daldalaniiru; urgooftuuwwan gosa hundaa, dhagaawwan gati jabeeyyii fi warqeedhaan miʼoota daldalaa kee geeddarataniiru.
רכלי שבא ורעמה המה רכליך בראש כל בשם ובכל אבן יקרה וזהב נתנו עזבוניך
23 “‘Kaaraan, Kaneen, Eden, daldaltoonni Shebaa, Ashuurii fi Kilmaad si wajjin daldalaa turan.
חרן וכנה ועדן רכלי שבא אשור כלמד רכלתך
24 Isaan iddoo gabaa keetii keessatti uffata mimmiidhagaa, uffata bifa cuquliisaa, uffata faayeffamee fi afaa halluu garaa garaa kan kirrii micciiramee jabeeffamee dhaʼameen daldalan.
המה רכליך במכללים בגלומי תכלת ורקמה ובגנזי ברמים בחבלים חבשים וארזים במרכלתך
25 “‘Dooniiwwan Tarshiish, miʼoota kee kan daldalaa siif feʼan. Ati walakkaa galaanaatti feʼiisa ulfaataadhaan guutamteerta.
אניות תרשיש שרותיך מערבך ותמלאי ותכבדי מאד בלב ימים
26 Mooqxonni kee, gara galaana guddaatti si geessan. Bubbeen baʼa biiftuu garuu galaana walakkaatti si caccabsa.
במים רבים הבאוך השטים אתך רוח הקדים שברך בלב ימים
27 Gaafa dooniin kee caccabutti qabeenyi kee, meeshaan keetii fi miʼi daldalaa kee, namoonni kee kanneen dooniidhaan hojjetan, ooftonni dooniitii fi warri doonii haaromsan, daldaltoonni keetii fi loltoonni kee hundi namni doonii irra jiru biraa hundi garaa galaanaa keessatti gad liqimfamu.
הונך ועזבוניך מערבך מלחיך וחבליך מחזיקי בדקך וערבי מערבך וכל אנשי מלחמתך אשר בך ובכל קהלך אשר בתוכך יפלו בלב ימים ביום מפלתך
28 Yeroo ooftonni doonii keetii iyyanitti biyyoonni qarqara galaanaa ni raafamu.
לקול זעקת חבליך ירעשו מגרשות
29 Warri batoo qabatan hundi, warri doonii irra hojjetanii fi ooftonni doonii, doonii isaanii irraa buʼanii qarqara galaanaa dhaabatu.
וירדו מאניותיהם כל תפשי משוט--מלחים כל חבלי הים אל הארץ יעמדו
30 Isaanis sagalee isaanii ol fudhatanii hiqqifatanii siif booʼu; mataa isaaniittis awwaara firfirsanii daaraa keessa gangalatu.
והשמיעו עליך בקולם ויזעקו מרה ויעלו עפר על ראשיהם באפר יתפלשו
31 Waaʼee keetiifis mataa haaddatanii wayyaa gaddaa uffatu. Lubbuu isaaniitiin akka malee hiqqifatanii gadda guddaadhaan ni booʼu.
והקריחו אליך קרחה וחגרו שקים ובכו אליך במר נפש מספד מר
32 Isaanis yeroo wawwaatanii siif booʼanitti, “Kan akka Xiiroos galaanaan liqimfamee bade eenyu?” jedhanii faaruu booʼichaa siif faarsu.
ונשאו אליך בניהם קינה וקוננו עליך מי כצור כדמה בתוך הים
33 Yeroo miʼi daldalaa kee galaana irra ergamutti, ati saboota hedduu quufsite; qabeenya kee guddaa fi miʼa keetiin mootota lafaa sooromsite.
בצאת עזבוניך מימים השבעת עמים רבים ברב הוניך ומערביך העשרת מלכי ארץ
34 Amma immoo ati galaana keessatti, tujuba bishaanii keessatti caccabdeerta; miʼoonni keetii fi miiltonni kee hundi suma wajjin liqimfamaniiru.
עת נשברת מימים במעמקי מים מערבך וכל קהלך בתוכך נפלו
35 Warri qarqara galaanaa jiraatan hundi waaʼee keetiin rifataniiru; mootonni isaanii sodaadhaan hollatanii fuulli isaaniis naasuudhaan geeddarameera.
כל ישבי האיים שממו עליך ומלכיהם שערו שער רעמו פנים
36 Daldaltoonni saboota gidduu jiran sitti siiqsu; dhumni kee suukaneessaa taʼeera; ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’”
סחרים בעמים שרקו עליך בלהות היית ואינך עד עולם

< Hisqiʼeel 27 >