< Hisqiʼeel 26 >

1 Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa sana keessaa guyyaa jalqabaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
ויהי בעשתי עשרה שנה באחד לחדש היה דבר יהוה אלי לאמר
2 “Yaa ilma namaa, Xiiroos waaʼee Yerusaalem, ‘Baga! Karri sabootaa cabeera; balbalawwan ishees naaf banamaniiru; egaa amma waan isheen onteef ani nan sooroma’ jetteertii;
בן אדם יען אשר אמרה צר על ירושלם האח--נשברה דלתות העמים נסבה אלי אמלאה החרבה
3 kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Xiiroos, kunoo ani sitti kaʼeera; akkuma galaanni dambalii isaa kaasu sana anis saboota baayʼee sitti nan kaasa.
לכן כה אמר אדני יהוה הנני עליך צר והעליתי עליך גוים רבים כהעלות הים לגליו
4 Isaan dallaa Xiiroos ni diigu; gamoo ishees ni jigsu; ani biyyoo ishee irraa haxaaʼee kattaa qullaa hafe ishee nan godha.
ושחתו חמות צר והרסו מגדליה וסחיתי עפרה ממנה ונתתי אותה לצחיח סלע
5 Isheen galaana keessatti iddoo itti kiyyoo qurxummii diriirsan ni taati; ani dubbadheeraatii, jedha Waaqayyo Gooftaan. Isheen sabootaaf boojuu taati;
משטח חרמים תהיה בתוך הים--כי אני דברתי נאם אדני יהוה והיתה לבז לגוים
6 intallan ishee kanneen walakkaa biyyaa jiranis goraadeedhaan ajjeefamu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
ובנותיה אשר בשדה בחרב תהרגנה וידעו כי אני יהוה
7 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Ani karaa kaabaatii Nebukadnezar mooticha Baabilon, mootii moototaa sana fardeenii fi gaariiwwan wajjin, abbootii fardaatii fi raayyaa waraanaa guddaa isaa wajjin Xiiroositti nan fida.
כי כה אמר אדני יהוה הנני מביא אל צר נבוכדראצר מלך בבל מצפון מלך מלכים--בסוס וברכב ובפרשים וקהל ועם רב
8 Innis intallan kee kanneen biyya walakkaa jiran goraadeedhaan fixa; dallaa ittiin si marsu ijaarrata; hamma dallaa keetiitti biyyoo ol tuula; gaachana isaas sitti ol kaafata.
בנותיך בשדה בחרב יהרג ונתן עליך דיק ושפך עליך סללה והקים עליך צנה
9 Innis jirma ittiin waa diigan dallaa keetti garagalfata; gamoowwan kees miʼa lolaatiin diiga.
ומחי קבלו יתן בחמותיך ומגדלתיך--יתץ בחרבותיו
10 Fardeen isaas hamma awwaaraan si haguuguu dandaʼanitti gar malee baayʼee taʼu. Yeroo inni akkuma namoota magaalaa dallaan ishee diigame seenaniitti karrawwan keetiin ol seenutti dallaan kee didichuu fardeen waraanaatiin, kan gaariiwwan waraanaatii fi kan gaariiwwan kaaniitiin ni raafama.
משפעת סוסיו יכסך אבקם מקול פרש וגלגל ורכב תרעשנה חומותיך בבאו בשעריך כמבואי עיר מבקעה
11 Kotteewwan fardeen isaa daandiiwwan kee hunda ni dhidhiitu; innis namoota kee goraadeedhaan ajjeesa; utubaawwan kee jajjaboonis ni jigu.
בפרסות סוסיו ירמס את כל חוצותיך עמך בחרב יהרג ומצבות עזך לארץ תרד
12 Isaan qabeenya kee boojiʼu; miʼa kee kan daldalaa ni saamu; dallaa kee ni jigsu; manneen kee mimmiidhagoo ni diigu; dhagaa kee, jirmaa fi biyyoo kee galaanatti naqu.
ושללו חילך ובזזו רכלתך והרסו חומותיך ובתי חמדתך יתצו ואבניך ועציך ועפרך בתוך מים ישימו
13 Ani sirba kee nan hambisa; sagaleen baganaa keetii siʼachi hin dhagaʼamu.
והשבתי המון שיריך וקול כנוריך לא ישמע עוד
14 Ani kattaa qullaa hafe si taasisa; atis iddoo itti kiyyoo qurxummii diriirsan taata. Ati gonkumaa deebifamtee hin ijaaramtu; ani Waaqayyo dubbadheeraatii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
ונתתיך לצחיח סלע משטח חרמים תהיה--לא תבנה עוד כי אני יהוה דברתי נאם אדני יהוה
15 “Waaqayyo Gooftaan Xiiroosiin akkana jedha: Yeroo warri madaaʼan aadanii fi yeroo namni si keessatti qalamutti biyyoonni qarqara galaanaa sagalee jiguu keetiitiin hin hollatanii?
כה אמר אדני יהוה לצור הלא מקול מפלתך באנק חלל בהרג הרג בתוכך ירעשו האיים
16 Ilmaan moototaa kanneen qarqara galaanaa jiraatan hundi teessoo isaanii irraa ni buʼu; uffata isaanii lafa kaaʼu; wayyaa isaanii kan faayeffames of irraa baasu. Isaan sodaadhaan guutamanii daaraa irra taaʼanii utuu addaan hin kutin waan sirra gaʼe sanaan naasuudhaan hollatu.
וירדו מעל כסאותם כל נשיאי הים והסירו את מעיליהם ואת בגדי רקמתם יפשטו חרדות ילבשו על הארץ ישבו וחרדו לרגעים ושממו עליך
17 Isaanis waaʼee keetiif akkana jedhanii faarsanii siif booʼu: “‘Yaa magaalaa beekamtuu, kan namoota galaanaatiin guutamte ati akkamitti barbadoofte! Ati lammiiwwan kee wajjin galaana irratti irree jabeettii turte; warra achi jiraatan hundas sodaa keetiin guutte.
ונשאו עליך קינה ואמרו לך איך אבדת נושבת מימים העיר ההללה אשר היתה חזקה בים היא וישביה אשר נתנו חתיתם לכל יושביה
18 Gaafa ati jigdutti, biyyoonni qarqara galaanaa ni hollatu; jigaatii keetiinis biyyoonni bishaan gidduu kanneen galaanaan marfaman akka malee sodaatan.’
עתה יחרדו האין יום מפלתך ונבהלו האיים אשר בים מצאתך
19 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yommuu ani akka magaalaawwan namni keessa hin jiraannee magaalaa onte si taasisutti, yommuu ani tujuba sirra garagalchee bishaan guddaadhaan si haguugutti,
כי כה אמר אדני יהוה בתתי אתך עיר נחרבת כערים אשר לא נושבו בהעלות עליך את תהום וכסוך המים הרבים
20 ani gara namoota duriitti, warra boolla buʼan wajjin boolla sin buusa. Ani akkuma diigama duriitti, warra boolla buʼan wajjin akka ati lafa jala jiraattu sin godha; atis lammata hin deebitu yookaan biyya warra lubbuun jiranii keessatti iddoo hin argattu.
והורדתיך את יורדי בור אל עם עולם והושבתיך בארץ תחתיות כחרבות מעולם את יורדי בור--למען לא תשבי ונתתי צבי בארץ חיים
21 Anis dhuma kee suukaneessaa nan godha; atis siʼachi hin jiraattu. Ati ni barbaadamta; garuu siʼachi hin argamtu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
בלהות אתנך ואינך ותבקשי ולא תמצאי עוד לעולם--נאם אדני יהוה

< Hisqiʼeel 26 >