< Hisqiʼeel 25 >
1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Kisha neno la Yahwe likanijia, kusema,
2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Amoonotaatti garagalfadhuutii isaaniin mormuudhaan raaji.
“Mwanadamu, weka uso wako juu ya watu wa Amoni na tabiri juu yao.
3 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Dubbii Waaqayyo Gooftaa dhagaʼaa. Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yeroo iddoon koo qulqulluun xureeffametti, yeroo biyyi Israaʼel onetti, yeroo uummanni Yihuudaa boojiʼamee fudhatametti, “Baga!” jettaniirtuutii;
Waambie watu wa Amoni, 'Sikiliza neno la Bwana Yahwe. Hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo: Kwa sababu umesema, “Aha!” juu ya patakatifu pangu wakati palipotiwa unajisi, na juu ya nchi ya Israeli wakati ilipokuwa ukiwa, na juu ya nyumba ya Yuda wakati walipoenda utumwani,
4 kanaafuu ani saba baʼa biiftuutti handhuuraa godheen dabarsee isin kenna. Isaan gidduu keessanitti qubata hundeeffatanii dunkaana isaanii ni dhaabbatu; isaan midhaan keessan nyaatu; aannan keessanis ni dhugu.
kwa hiyo, tazama, nitakupatia kwa watu katika mashariki kama milki yao. Watafanya kambi juu yako na kuweka mahema miongoni mwako. Watakula matunda yako na watakunywa maziwa yako.
5 Magaalaa Rabbaa iddoo gaalli dheedu, Amoon immoo iddoo hoolaan boqotu nan godha. Ergasiis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
Nitamfanya Raba malisho ya ngamia na watu wa Amoni shamba la mifugo. Kisha utajua yakwamba mimi ni Yahwe.
6 Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Isin jalʼina garaa keessaniitiin badiisa biyya Israaʼelitti gammaduudhaan harka keessan walitti rurrukuttanii miilla keessaniin lafa dhidhiittaniirtuutii;
Kwa kuwa Bwana Yahwe asema hivi: Umepigia makofi mikono yako na kupiga chapa miguu yako, na kufurahi pamoja na dharau ndani yako dhidi ya nchi ya Israeli.
7 kanaafuu ani harka koo isinitti diriirfadhee boojuuf dabarsee sabootatti isinan kenna. Ani saboota irraa isin kutee biyyoota keessaa isinan balleessa. Ani isinan barbadeessa; isinis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’”
Kwa hiyo, tazama! Nitanyoosha mkono wangu na kukupatia kama mateka kwa mataifa. Nitakukatilia mbali kutoka watu na kukuangamiza kutoka miongoni mwa nchi! Nitakuharibu, na utajua yakwamba mimi ni Yahwe.'
8 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Moʼaabii fi Seeʼiir, “Kunoo manni Yihuudaa akkuma saboota biraa hundaa taʼe” jedhaniiruutii;
Bwana Yahwe asema hivi, 'Kwa sababu Moabu na Seiri husema “Tazama! Nyumba ya Yuda ni kama kila taifa jingine.”
9 kanaafuu magaalaawwan daangaa biyyattii irra jiran kanneen ishee kabajamsiisan jechuunis Beet Yashiimooti, Baʼaal Meʼoonii fi Kiriyaataayimii jalqabee hamma Moʼaabitti jiran qullaa nan hambisa.
Kwa hiyo, tazama! ntafungua miteremko ya Moabu, kuanzia kwenye miji yake juu ya mpaka-uzuri wa Beth Yeshimothi, Baal Meoni, na Kiriathaimu-
10 Ani akka Amoononni saboota gidduutti hin yaadatamneef Moʼaabotaa fi Amoonota handhuuraa godhee uummata baʼaatti nan kenna;
kwa watu wa mashariki waliokuwa juu ya watu wa Amoni. Nitawapatia kama milki ili kwamba watu wa Amoni hawatakumbukwa miongoni mwa mataifa.
11 anis Moʼaabin nan adaba. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’”
Hivyo nitafanya hukumu juu ya Moabu, na watajua yakwamba mimi ni Yahwe.'
12 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Sababii Edoom mana Yihuudaatti haaloo baʼee waan kana gochuudhaan yakka guddaa hojjeteef,
Bwana Yahwe asema hivi, Edomu amelipiza kisasi juu ya nyumba ya Yuda na amefanya makosa katika kufanya hivyo.
13 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani Edoomitti harka koo diriirfadhee namoota isheetii fi horii isaanii nan fixa. Ani ishee nan onsa; isaanis Teemaanii hamma Dedaaniitti goraadeedhaan ni dhumu.
Kwa hiyo, Bwana Yahwe asema hivi: Nitaunyoosha mkono wangu juu ya Edomu na kumharibu kila mtu na wanyama huko. Nitawaharibu, sehemu ya ukiwa, kutoka Temani hata Dedani. Wataanguka kwa upanga.
14 Ani harka saba koo Israaʼeliin Edoomitti haaloo nan baʼa; isaanis akkuma aarii fi dheekkamsa kootiitti Edoomin adabu; Edoomis haaloo baafachuu koo ni beekti, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
Nitaweka kisasi changu juu ya Edomu kwa mkono wa watu wangu Israeli, na watafanya kwa Edomu kulingana na hasira yangu na ghadhabu yangu, na wakitajua kisasi changu-hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo.'
15 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Sababii Filisxeemonni didhaan kakaʼanii garaa hamminaatiin haaloo baʼanii fi sababii isaan diinummaa duriitiin Yihuudaa balleessuu barbaadaniif,
Bwana Yahwe asema hivi, 'Wafilisti wamelipiza kisasi pamoja na uovu na kutoka ndani yao wamejaribu kuiharibu Yuda tena na tena.
16 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani harka koo diriirfadhee Filisxeemota nan balleessa; Kereetota nan balleessa; warra qarqara galaanaatti hafan nan barbadeessa.
Basi hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo: Tazam! Nitanyoosha mkono wangu dhidi ya Wafilisti, na nitakalia mbali Wakerethi na kuwaharibu mabaki yaliyobaki karibu na pwani.
17 Ani haaloo guddaa isaanitti baʼee dheekkamsa kootiin isaan nan adaba. Yeroo ani haaloo isaan baʼutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’”
Kwa kuwa nitalipiza kisasi kikubwa dhidi yao pamoja na matendo ya ghadhabu kubwa ya adhabu, hivyo watajua yakwamba mimi ni Yahwe, nitakapolipiza kisasi juu yao.”'