< Hisqiʼeel 24 >

1 Waggaa saglaffaa, jiʼa kurnaffaa keessa bultii kurnaffaatti; dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Neno la Yahwe likanijia katika mwaka wa nane mwezi wa kumi na siku ya kumi ya mwezi, kusema,
2 “Yaa ilma namaa guyyaa kana, guyyaa harʼaa kana galmeeffadhu; mootiin Baabilon guyyaa harʼaa kana Yerusaalemin marseeraatii.
“Mwanadamu, andika kwa ajili yako jina la hii siku, siku hii sahihi mfalme wa Babeli ameizingira Yerusalimu.
3 Mana fincilaa kanatti akkana jedhii fakkeenya himi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Okkotee itti affeelan ibidda irra kaaʼi; ibidda irra kaaʼiitii bishaan itti naqi.
Basi nena mithali juu ya hii nyumba ya kuasi, fumbo moja. Waambie, 'Bwana Yahwe asema hivi: weka sufuria ya kupikia. Iweke na weka maji kwenye hiyo.
4 Foon murmuramaa, foon murmuramaa filatamaa hunda jechuunis tafaa fi cinaacha itti naqi. Lafeewwan filatamoodhaanis isa guuti;
Vikusanye vipande vya chakula ndani yake, kila kipande kizuri-paja na bega-na ijaze kwa mifupa bora.
5 bushaayee keessaa filatamaa isaa fuudhi. Lafee bilcheessuudhaaf okkotee sana jala qoraan naqi; akka gaariitti affeeli; lafee isaas bilcheessi.
Chukua kundi bora na jaza mifupa chini yake. Ilete kuchemsha na ipike mifupa ndani yake.
6 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: “‘Magaalaa dhiiga namaa dhangalaaftuuf, okkotee xuriin itti qabatee xuriin sun irraa hin baʼiniif wayyoo! Utuu ixaa hin buusin gumaa gumaa isaa keessaa fuudhii duwwaa hambisi.
Kwa hiyo, Bwana Yahwe asema hivi: Ole kwa mji wa damu. Nitakiongeza chungu cha mbao. Weka kuni nyingi na washa moto. Pika nyama vizuri na changanya katika viungo na iacha mifupa iteketee.
7 “‘Dhiigni isheen dhangalaafte ishee keessa jiraatii; isheen kattaa qulullaaʼaa irratti dhiiga sana dhangalaafte; isheen dhiiga sanatti biyyoo deebisuuf lafatti hin dhangalaafne.
Kwa kuwa damu iko kati yake. Ameiweka juu ya jiwe laini; hakuimwaga juu ya nchi kuifunika kwa mavumbi,
8 Ani dheekkamsa koo kakaasee haaloo baʼuuf jedhee akka dhiigni sun hin haguugamneef dhiiga ishee kattaa qulullaaʼaa irratti nan dhangalaase.
hivyo inaleta hasira ya kulipa kisasi. Nimeweka damu yake juu ya jiwe laini ili isifunikwe.
9 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Magaalaa dhiiga dhangalaaftu sanaaf wayyoo! Anis qoraan ibiddaa nan tuula.
Kwa hiyo, Bwana Yahwe asema hivi: Ole kwa mji wa damu. Nitakiongeza chungu cha mbao.
10 Qoraan irra tuuli; ibiddas itti qabsiisi. Urgooftuu itti naqiitii foon isaa akka gaariitti affeeli; lafeen isaas haa gubamu.
Weka kuni nyingi na washa moto. Pika nyama vizuri na changanya katika viungo na acha mifupa iteketee.
11 Ergasii akka xuriin isaa irraa baqee wanni irratti ligidaaʼe gubatee baduuf, hamma inni hoʼee sibiilli diimaan isaa baqutti, okkotee duwwaa sana cilee bobaʼu irra kaaʼi.
Kisha weka chungu kitupu juu ya mkaa, ili kuchemsha na kuchoma shaba yake, hivyo uchafu wake ndani yake itayeyushwa, kutu yake imekula.'
12 Yaaliin godhame hundi akkasumaan hafe; ligidaaʼuun isaas ibiddaan iyyuu gad hin dhiifne.
Amechoka kwa sababu ya kazi ya taabu, lakini kutu yake haitoki kweke kwa moto.
13 “‘Xuraaʼummaan kee addaggummaa dha. Ani si qulqulleessuu yaaleera; ati garuu xuraaʼummaa kee irraa hin qulqulloofne; hamma dheekkamsi koo sirraa deebiʼutti ati lammata hin qulqullooftu.
Tabia yako ya aibu iko ndani ya uchafu wako, kwa sababu nimekusafisha, lakini bado hutaweza kuwa msafi. Bado hutakuwa huru kutoka uchafu wako hadi hasira yako itakapotulia kutoka kwako.
14 “‘Ani Waaqayyo dubbadheera. Yeroon ani itti hojjedhu naaf dhufeera. Ani duubatti hin deebiʼu; ani garaa hin laafu yookaan hin gaabbu. Akkuma amala keetiittii fi hojii keetiitti sitti murama, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
Mimi, Yahwe, nimesema hili, na nitalifanya. Sintotulia wala kupumzika kwa ajili ya hili. Kama njia zako zilivyokuwa, na kama matendo yako, yatakuhukumu! -hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo.”
15 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Kisha neno la Yahwe likanijia, kusema,
16 “Yaa ilma namaa, ani waan iji kee itti gammadu dhaʼicha tokkoon si duraa nan fuudha. Taʼus ati hin gaddin yookaan hin booʼin yookaan imimmaan tokko iyyuu hin dhangalaasin.
“mwanadamu! Tazama, ninachukua tamaa ya macho yako kutoka kwako pamoja na tauni, lakini hutaomboleza wala kulia, na machozi yako hayatatoka.
17 Of keessatti aadi; nama duʼeef hin booʼin. Marata kee maradhu; kophee kees miilla keetti kaaʼadhu; fuula kee gara gadiitiin hin haguuggatin yookaan buddeena warra gaddaa hin nyaatin.”
Utagugumia bila kusikika. Usiendeshe mazishi kwa ajili ya aliyekufa. Funga kilemba chako juu yako na vaa makubazi miguuni pako, lakini usivalishe shela nywele zako au kula mkate wa watu waombolezao kwa ajili ya kuwapoteza wake zao.”
18 Kanaafuu ani ganamaan sabatti nan hime; niitiin koos galgala duute. Guyyaa itti aanu ganama ani akkuman ajajame sana nan godhe.
Hivyo nimeongea na watu asubuhi, na mke wangu amekufa asubuhi. Asubuhi nimefanya kile nilichokuwa nimeambiwa kukifanya.
19 Namoonnis, “Waan kana gochuun kee hiikkaa maalii akka nuuf qabu ati nutti hin himtuu?” jedhanii na gaafatan.
Watu wameniuliza, “Ji! hautatuambia haya mambo yanamaana gani, mambo ambayo unayoyafanya?”
20 Anis akkanan isaaniin jedhe; “Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Hivyo nimewaambia, “Neno la Yahwe likanijia, kusema,
21 Mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani iddoo koo qulqulluu jechuunis daʼannoo isin ittiin boontan, waan iji keessan itti gammadu, waan isin jaallattan sana nan xureessa. Ilmaanii fi intallan keessan kanneen isin dhiiftanii deemtan immoo goraadeedhaan ni dhumu.
'Waambie nyumba ya Israeli, Bwana Yahwe asema hivi: Tazama! Nitapanajisi patakatifu pangu-fahari ya nguvu yenu, mahali panapopendeza macho yenu, na panapotamaniwa na roho zenu, na wana wenu na binti zenu ambao mliowaacha nyuma wataanguka kwa upanga.
22 Isinis akkuma ani godhe sana gootu. Fuula keessan gara gadiitiin hin haguuggattan yookaan buddeena warra gaddaa hin nyaattu.
Kisha mtafanya hasa kama nilivyofanya: hutafunika nywele za sehemu ya chini za uso, wala kula mkate wa watu wanaoomboleza!
23 Maranni keessan mataa keessan irra, kopheen keessan immoo miilla keessan irra haa turu. Isin sababii cubbuu keessaniitiif ni huqqattan; walii wajjinis ni aaddu malee hin gadditan yookaan hin boossan.
Badala yake, vilemba vyenu vitakuwa juu ya vichwa, na makubadhi yenu miguuni mwenu; hutaomboleza wala kulia, kwa kuwa mtayeyuka katika maovu yenu, na kila mtu atagugumia kwa ya ajili ya ndugu yake.
24 Hisqiʼeel mallattoo isiniif taʼa; isinis akkuma inni godhe sana ni gootan. Yeroo wanni kun taʼutti isin akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beektu.’
Hivyo Ezekieli atakuwa ishara kwenu, kama kila kitu ambacho alichokifanya mtafanya wakati hili litakapokuja. Kisha mtajua yakwamba mimi ni Bwana Yahwe!”'
25 “Yaa ilma namaa, gaafa ani daʼannoo isaanii, gammachuu fi ulfina isaanii, waan iji isaanii itti gammadu, waan garaan isaanii hawwuu fi ilmaanii fi intallan isaanii fudhadhutti,
“Lakini wewe, mwanadamu, siku ambayo nitachukua hekalu lao, ambalo ni furaha yao, kiburi chao, na kile waonacho na kutamani-na wakati nikiwachukua wana wao na binti-
26 gaafas namni miliqee baʼe tokko dhufee oduu sitti hima.
siku hiyo, mgeni atakuja kwako kukupatia habari!
27 Gaafas afaan kee ni banama; atis isa wajjin ni haasofta; ergasii hin calʼistu. Kanaafuu ati isaaniif mallattoo ni taata; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
Siku hiyo kinywa chako kitafunguliwa kwa huyo mgeni na utaongea-hutakuwa bubu tena. Utakuwa ishara kwao hivyo basi watajua kwamba mimi ni Yahwe.

< Hisqiʼeel 24 >