< Hisqiʼeel 24 >

1 Waggaa saglaffaa, jiʼa kurnaffaa keessa bultii kurnaffaatti; dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Et factum est verbum Domini ad me in anno nono, in mense decimo, decima die mensis, dicens:
2 “Yaa ilma namaa guyyaa kana, guyyaa harʼaa kana galmeeffadhu; mootiin Baabilon guyyaa harʼaa kana Yerusaalemin marseeraatii.
Fili hominis scribe tibi nomen diei huius, in qua confirmatus est rex Babylonis adversum Ierusalem hodie.
3 Mana fincilaa kanatti akkana jedhii fakkeenya himi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Okkotee itti affeelan ibidda irra kaaʼi; ibidda irra kaaʼiitii bishaan itti naqi.
Et dices per proverbium ad domum irritatricem parabolam, et loqueris ad eos: Haec dicit Dominus Deus: Pone ollam; pone, inquam, et mitte in eam aquam.
4 Foon murmuramaa, foon murmuramaa filatamaa hunda jechuunis tafaa fi cinaacha itti naqi. Lafeewwan filatamoodhaanis isa guuti;
Congere frusta eius in eam, omnem partem bonam, femur et armum, electa et ossibus plena.
5 bushaayee keessaa filatamaa isaa fuudhi. Lafee bilcheessuudhaaf okkotee sana jala qoraan naqi; akka gaariitti affeeli; lafee isaas bilcheessi.
Pinguissimum pecus assume, compone quoque strues ossium sub ea: efferbuit coctio eius, et discocta sunt ossa illius in medio eius.
6 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: “‘Magaalaa dhiiga namaa dhangalaaftuuf, okkotee xuriin itti qabatee xuriin sun irraa hin baʼiniif wayyoo! Utuu ixaa hin buusin gumaa gumaa isaa keessaa fuudhii duwwaa hambisi.
Propterea haec dicit Dominus Deus: Vae civitati sanguinum, ollae, cuius rubigo in ea est, et rubigo eius non exivit de ea: per partes et per partes suas eiice eam, non cecidit super eam sors.
7 “‘Dhiigni isheen dhangalaafte ishee keessa jiraatii; isheen kattaa qulullaaʼaa irratti dhiiga sana dhangalaafte; isheen dhiiga sanatti biyyoo deebisuuf lafatti hin dhangalaafne.
Sanguis enim eius in medio eius est, super limpidissimam petram effudit illum: non effudit illum super terram ut possit operiri pulvere.
8 Ani dheekkamsa koo kakaasee haaloo baʼuuf jedhee akka dhiigni sun hin haguugamneef dhiiga ishee kattaa qulullaaʼaa irratti nan dhangalaase.
Ut superinducerem indignationem meam, et vindicta ulciscerer: dedi sanguinem eius super petram limpidissimam ne operiretur.
9 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Magaalaa dhiiga dhangalaaftu sanaaf wayyoo! Anis qoraan ibiddaa nan tuula.
Propterea haec dicit Dominus Deus: Vae civitati sanguinum, cuius ego grandem faciam pyram.
10 Qoraan irra tuuli; ibiddas itti qabsiisi. Urgooftuu itti naqiitii foon isaa akka gaariitti affeeli; lafeen isaas haa gubamu.
Congere ossa, quae igne succendam: consumentur carnes, et coquetur universa compositio, et ossa tabescent.
11 Ergasii akka xuriin isaa irraa baqee wanni irratti ligidaaʼe gubatee baduuf, hamma inni hoʼee sibiilli diimaan isaa baqutti, okkotee duwwaa sana cilee bobaʼu irra kaaʼi.
Pone quoque eam super prunas vacuam, ut incalescat, et liquefiat aes eius: et confletur in medio eius inquinamentum eius, et consumatur rubigo eius:
12 Yaaliin godhame hundi akkasumaan hafe; ligidaaʼuun isaas ibiddaan iyyuu gad hin dhiifne.
multo labore sudatum est, et non exivit de ea nimia rubigo eius, neque per ignem.
13 “‘Xuraaʼummaan kee addaggummaa dha. Ani si qulqulleessuu yaaleera; ati garuu xuraaʼummaa kee irraa hin qulqulloofne; hamma dheekkamsi koo sirraa deebiʼutti ati lammata hin qulqullooftu.
Immunditia tua execrabilis: quia mundare te volui, et non es mundata a sordibus tuis: sed nec mundaberis prius, donec quiescere faciam indignationem meam in te.
14 “‘Ani Waaqayyo dubbadheera. Yeroon ani itti hojjedhu naaf dhufeera. Ani duubatti hin deebiʼu; ani garaa hin laafu yookaan hin gaabbu. Akkuma amala keetiittii fi hojii keetiitti sitti murama, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
Ego Dominus locutus sum: Veniet, et faciam: non transeam, nec parcam, nec placabor: iuxta vias tuas, et iuxta adinventiones tuas iudicabo te, dicit Dominus.
15 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Et factum est verbum Domini ad me, dicens:
16 “Yaa ilma namaa, ani waan iji kee itti gammadu dhaʼicha tokkoon si duraa nan fuudha. Taʼus ati hin gaddin yookaan hin booʼin yookaan imimmaan tokko iyyuu hin dhangalaasin.
Fili hominis, ecce ego tollo a te desiderabile oculorum tuorum in plaga: et non planges, neque plorabis, neque fluent lacrymae tuae.
17 Of keessatti aadi; nama duʼeef hin booʼin. Marata kee maradhu; kophee kees miilla keetti kaaʼadhu; fuula kee gara gadiitiin hin haguuggatin yookaan buddeena warra gaddaa hin nyaatin.”
Ingemisce tacens, mortuorum luctum non facies: corona tua circumligata sit tibi, et calceamenta tua erunt in pedibus tuis, nec amictu ora velabis, nec cibos lugentium comedes.
18 Kanaafuu ani ganamaan sabatti nan hime; niitiin koos galgala duute. Guyyaa itti aanu ganama ani akkuman ajajame sana nan godhe.
Locutus sum ergo ad populum mane, et mortua est uxor mea vespere: fecique mane sicut praeceperat mihi.
19 Namoonnis, “Waan kana gochuun kee hiikkaa maalii akka nuuf qabu ati nutti hin himtuu?” jedhanii na gaafatan.
Et dixit ad me populus: Quare non indicas nobis quid ista significent, quae tu facis?
20 Anis akkanan isaaniin jedhe; “Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Et dixi ad eos: Sermo Domini factus est ad me, dicens:
21 Mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani iddoo koo qulqulluu jechuunis daʼannoo isin ittiin boontan, waan iji keessan itti gammadu, waan isin jaallattan sana nan xureessa. Ilmaanii fi intallan keessan kanneen isin dhiiftanii deemtan immoo goraadeedhaan ni dhumu.
Loquere domui Israel: Haec dicit Dominus Deus: Ecce ego polluam sanctuarium meum, superbiam imperii vestri, et desiderabile oculorum vestrorum, et super quo pavet anima vestra: et filii vestri, filiae vestrae, quas reliquistis, gladio cadent.
22 Isinis akkuma ani godhe sana gootu. Fuula keessan gara gadiitiin hin haguuggattan yookaan buddeena warra gaddaa hin nyaattu.
Et facietis sicut feci: Ora amictu non velabitis, et cibos lugentium non comedetis.
23 Maranni keessan mataa keessan irra, kopheen keessan immoo miilla keessan irra haa turu. Isin sababii cubbuu keessaniitiif ni huqqattan; walii wajjinis ni aaddu malee hin gadditan yookaan hin boossan.
Coronas habebitis in capitibus vestris, et calceamenta in pedibus: non plangetis neque flebitis, sed tabescetis in iniquitatibus vestris, et unusquisque gemet ad fratrem suum.
24 Hisqiʼeel mallattoo isiniif taʼa; isinis akkuma inni godhe sana ni gootan. Yeroo wanni kun taʼutti isin akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beektu.’
Eritque Ezechiel vobis in portentum: iuxta omnia, quae fecit, facietis cum venerit istud: et scietis quia ego Dominus Deus.
25 “Yaa ilma namaa, gaafa ani daʼannoo isaanii, gammachuu fi ulfina isaanii, waan iji isaanii itti gammadu, waan garaan isaanii hawwuu fi ilmaanii fi intallan isaanii fudhadhutti,
Et tu fili hominis ecce in die, qua tollam ab eis fortitudinem eorum, et gaudium dignitatis, et desiderium oculorum eorum, super quo requiescunt animae eorum, filios, et filias eorum:
26 gaafas namni miliqee baʼe tokko dhufee oduu sitti hima.
In die illa cum venerit fugiens ad te, ut annunciet tibi:
27 Gaafas afaan kee ni banama; atis isa wajjin ni haasofta; ergasii hin calʼistu. Kanaafuu ati isaaniif mallattoo ni taata; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
In die, inquam, illa aperietur os tuum cum eo, qui fugit: et loqueris, et non silebis ultra: erisque eis in portentum, et scietis quia ego Dominus.

< Hisqiʼeel 24 >