< Hisqiʼeel 23 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
The word of Yahweh came to me, saying,
2 “Yaa ilma namaa, dubartoota lama, intallan haadha tokkootu ture.
“Son of man, there were two women, daughters of the same mother.
3 Isaanis shamarrummaa isaaniitii jalqabanii sagaagalummaadhaaf of kennuudhaan biyya Gibxi keessatti sagaagaltoota taʼan. Biyya sanattis harmi isaanii ni tuttuqame; fiixeen guntuta isaanii kan yeroo durbummaa immoo ni qaqqabatame.
They acted as prostitutes in Egypt in the time of their youth. They acted as prostitutes there. Their breasts were squeezed and their virgin nipples were fondled there.
4 Ishee hangafni Oholaa, obboleettiin ishee immoo Oholaa jedhamte. Isaanis kan koo turan; ilmaanii fi intallanis daʼan. Aholaan Samaariyaa dha; Oholiibaan immoo Yerusaalemii dha.
Their names were Oholah—the older sister—and Oholibah—her younger sister. Then they became mine and bore sons and daughters. Their names mean this: Oholah means Samaria, and Oholibah means Jerusalem.
5 “Oholaan utuma kan koo taatee jirtuu sagaagalummaa jalqabde; isheenis michoota ishee jechuunis loltoota Asoor kajeelte;
But Oholah acted as a prostitute even when she was mine; she lusted for her lovers, for the Assyrians who were dominant,
6 isaanis loltoota wayyaa bifa cuquliisaa uffatan, bulchitootaa fi ajajjoota; isaan hundinuus namoota mimmiidhagoo kanneen farda yaabbatan turan.
the governor who wore blue, and for his officials, who were strong and handsome, all of them men riding on horses.
7 Isheenis hayyoota Asoor hundaaf sagaagalummaadhaan of kennite; waaqota tolfamoo namoota isheen kajeelte sanaa hundaanis of xureessite.
So she gave herself as a prostitute to them, to all the best of Assyria's men, and she made herself unclean with everyone she lusted for—and with all their idols.
8 Isheen sagaagalummaa ishee kan biyya Gibxi keessatti jalqabde sana hin dhiifne; yeroo shamarrummaa isheetti namoonni ishee wajjin ciisan fiixee guntuta ishee kan yeroo durbummaa qaqqabatanii dharraa sagaagalummaa isaanii ishee irratti dhangalaasan.
For she had not left her prostitute behavior behind in Egypt, when they had slept with her when she had been a young girl, when they first began to fondle her virgin breasts, when they first began to pour out their promiscuous behavior on her.
9 “Kanaafuu ani michoota ishee, Asoorota isheen dharraatetti dabarsee ishee nan kenne.
Therefore I gave her into the hand of her lovers, into the hand of the Assyrians for whom she lusted.
10 Isaanis qullaa ishee mulʼisan; ilmaanii fi intallan ishee ni fudhatan; goraadeedhaanis ishee ajjeesan. Isheen dubartoota keessatti waan kolfaa taatee murtiin ishee irratti raawwatame.
They uncovered her nakedness, took her sons and daughters, killed her with the sword, and she became notorious among other women, so they executed judgment on her.
11 “Obboleettiin ishee Oholiibaa waan kana argitee turte; taʼus isheen dharraa isheetii fi sagaagalummaa isheetiin obboleettii ishee caalaa xuroofte.
Her sister Oholibah saw this, but she lusted even more passionately and acted like a prostitute even more than her sister.
12 Akkasumas isheen Asoorota jechuunis bulchitootaa fi ajajjoota, loltoota wayyaa irraa fi jalaa uffatan, namoota farda yaabbatan kanneen hundi isaanii dargaggeeyyii mimmiidhagoo taʼan dharraate.
She lusted for the Assyrians, the governors and the dominating officials who dressed impressively, who were men riding horses. All of them were strong, handsome men.
13 Ani akka isheenis of xureessite nan arge; lachan isaanii iyyuu daandii tokko irra deemu.
I saw that she had made herself unclean. It was the same for both sisters.
14 “Isheen garuu sagaagalummaa ishee ittuma fufte. Fakkii namootaa kan keenyan manaa irratti fakkeeffame, fakkiiwwan Kaldootaa kan halluu diimaadhaan fakkeeffame,
Then she increased her prostitution even more. She saw men carved on walls, figures of Chaldeans painted in red,
15 kan mudhii isaanii irraa sabbata, mataa isaanii irraa immoo marata qaban argite; isaan hundi ajajjoota gaarii waraanaa kan Baabilonotaa, dhalattoota biyya Kaldootaa fakkaatu ture.
wearing belts around their waists, with flowing turbans on their heads. All of them had the appearance of officers of chariot troops, the likeness of sons of Babylonia, whose native land is Chaldea.
16 Isheenis akkuma isaan argiteen isaan dharraatee gara biyya Kaldootaatti ergamoota isaanitti ergatte.
As soon as her eyes saw them, she lusted for them, so she sent out messengers to them in Chaldea.
17 Warri Baabilonis gara ishee, gara siree jaalalaa seenanii dharraa sagaagalummaa isaaniitiin ishee xureessan. Isheenis erga isaaniin xurooftee booddee jibbitee isaan irraa garagalte.
Then the Babylonians came to her and to her bed of lust, and they made her unclean with their promiscuousness. By what she had done she was made unclean, so she turned herself away from them in disgust.
18 Yeroo isheen ifaan ifatti sagaagalummaa ishee itti fuftee qullaa of dhaabdetti, ani akkuman obboleettii ishee irraa gara gale sana jibbaan ishee irraa nan gara gale.
When she displayed her acts of prostitution and uncovered her nakedness, I turned away from her, just as I had turned away in disgust from her sister.
19 Taʼus isheen akkuma yeroo shamarrummaa ishee, yeroo biyya Gibxi keessatti sagaagaltuu turte sana yaadatteen sagaagalummaa ishee ittuma fufte.
Then she increased her prostitution as she remembered the days of her youth, when she was a prostitute in the land of Egypt.
20 Isheenis achitti michoota ishee kanneen dhagni saala isaanii, dhagna hormaata korma harree fakkaatu, fincaan isaanii kan dhiiraa immoo fincaan korma fardaa fakkaatu sana dharraate.
So she lusted for her lovers, whose private parts were like those of donkeys, and whose reproductive emissions were like those of horses.
21 Kanaafuu ati addaggummaa yeroo shamarrummaa keetii kan yeroo biyya Gibxi turtetti harmi kee qaqqabatamee guntunni kee immoo tuttuqame sana yaadatte.
This is how you committed shameful acts of your youth, when the Egyptians fondled your nipples and squeezed your young breasts.
22 “Kanaafuu yaa Oholiibaa, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani michoota kee kanneen ati xireeffattee irraa garagalte sana sitti kaasee qixa hundaan sitti nan fida.
Therefore, Oholibah, the Lord Yahweh says this, 'Behold! I will turn your lovers against you. Those from whom you turned away, I will bring them against you from every side:
23 Isaan kunneenis Baabilonotaa fi Kaldoota hunda, namoota Pheqood kan Shooʼaatii fi Qoʼaa turan; isaan wajjinis Asoorota hundattu ture; Asooronni kunneenis dargaggeeyyii mimmiidhagoo hundi isaanii bulchitootaa fi ajajjoota waraanaa, ajajjoota gaarii waraanaatii fi namoota sadarkaa ol aanaa kanneen hundi isaanii fardaan deeman turan.
the Babylonians and all the Chaldeans, Pekod, Shoa, and Koa, and all the Assyrians with them, strong, handsome men, governors and commanders, all of them are officers and men of reputation, all of them riding on horses.
24 Isaanis miʼa lolaatii fi gaarii waraanaa, gaariiwwan biraatii fi tuuta uummataa wajjin sitti dhufu; isaanis gaachana guddaa fi xinnaan, gonfoo sibiilaatiin qixa hundaan sitti hiriiru; ani dabarsee isaanitti adabbiif sin kenna; isaan akkuma seera isaaniitti si adabu.
They will come against you with weapons, and with chariots and wagons, and with a great crowd of people. They will set large shields, small shields, and helmets against you all around. I will give them the opportunity to punish you, and they will punish you with their actions.
25 Ani dheekkamsa koo sitti nan erga; isaanis aariidhaan sirra yaaʼu. Funyaanii fi gurra kee sirraa kutu; warri si keessaa hafan iyyuu goraadeedhaan dhumu. Isaan ilmaan keetii fi intallan kee fudhatanii deemu. Warri si keessaa hafan immoo ibiddaan barbadeeffamu.
For I will set my jealous anger on you, and they will deal with you in fury. They will cut off your noses and your ears, and your survivors will fall by the sword. They will take away your sons and your daughters, and your survivors will be devoured by fire.
26 Akkasumas wayyaa kee sirraa baafatanii faaya kee miidhagaa fudhatu.
They will strip you of your clothes and take away all of your jewelry.
27 Akkasiin ani addaggummaa fi sagaagalummaa ati biyya Gibxitti jalqabde sana nan dhaaba. Ati dharraadhaan wantoota kanneen hin ilaaltu yookaan lammata biyya Gibxi hin yaadattu.
So I will remove your shameful behavior from you and your acts of prostitution from the land of Egypt. You will not lift up your eyes toward them with longing, and you will think of Egypt no longer.'
28 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Ani warra ati jibbite, kanneen ati xireeffattee irraa garagalte sanatti dabarsee sin kenna.
For the Lord Yahweh says this, 'Behold! I will give you into the hand of the ones you hate, back into the hand of the ones from whom you had turned away.
29 Isaanis jibbaan sitti dhufanii waan ati itti dadhabde hunda sirraa fudhatu. Qullaa fi harka duwwaa si hambisu; qaaniin sagaagalummaa keetiis ifatti baʼa. Addaggummaan keetii fi halalummaan kee,
They will deal with you hatefully; they will take all your possessions and abandon you naked and bare, and your nakedness will be uncovered just as when you engaged in promiscuity and prostitutions.
30 waan kana sitti fidaniiru; ati saboota ormaa dharraatee waaqota isaanii tolfamoodhaan of xureessiteertaatii.
These things will be done to you in your acting like a prostitute, lusting after nations by which you became unclean with their idols.
31 Ati karaa obboleettiin kee deemte irra deemteerta; kanaafuu ani harka kee keessa xoofoo ishee nan kaaʼa.
You have walked in the way of your sister, so I will put her cup of punishment into your hand.'
32 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Atis xoofoo guddaa fi gad fagoo, xoofoo obboleettii keetii ni dhugda; ati arrabsoo fi tuffii ni quufta; xoofoon sun dhugaatii baayʼee qabataatii.
The Lord Yahweh says this, 'You will drink your sister's cup that is deep and large. You will become a laughingstock and a subject for derision—this cup contains a great amount.
33 Ati xoofoo obboleettii keetii kan Samaariyaatiin, xoofoo diigamuutii fi badiisaatiin, kan machiitii fi gaddaatiin ni guutamta.
You will be filled with drunkenness and sorrow, the cup of horror and devastation; the cup of your sister Samaria.
34 Ati ni dhugda; keessaas ni fixxa; xoofoo sana ni caccabsita; harma kee of irraa ciccirta. Ani waan kana dubbadheera, jedha Waaqayyo Gooftaan.
You will drink it and drain it empty; then you will shatter it and tear your breasts with the pieces. For I have declared it—this is the Lord Yahweh's declaration.'
35 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ati waan na irraanfattee duubatti na gatteef gatii addaggummaa keetiitii fi sagaagalummaa keetii ni argatta.”
Therefore, the Lord Yahweh says this, 'Because you have forgotten me and thrown me away behind your back, so also you will bear the consequences of your shameful behavior and acts of sexual immorality.'”
36 Waaqayyo akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ati Oholaa fi Oholiibaatti ni murtaa? Yoos hojii isaanii jibbisiisaa sana isaanitti himi;
Yahweh said to me, “Son of man, will you judge Oholah and Oholibah? So present to them their disgusting actions,
37 isaan sagaagalaniiru; dhiigni harka isaanii irra jira. Isaan waaqota isaanii tolfamoo wajjin sagaagalaniiru; isaan ijoollee naaf daʼan iyyuu nyaata godhanii isaaniif aarsaa dhiʼeessaniiru.
since they have committed adultery, and since there is blood on their hands. They have committed adultery with their idols, and they have even caused their sons to pass through the fire, as food for their idols.
38 Dabalaniis waan kana narratti raawwatan: Yeruma sana iddoo koo qulqulluu xureessan; Sanbatoota koos ni salphisan.
Then they continue to do this to me: They make my sanctuary unclean, and on the same day they defile my Sabbaths.
39 Gaafuma ijoollee isaanii waaqota tolfamoof aarsaa godhanitti iddoo koo qulqulluu seenanii xureessan. Wanni isaan mana koo keessatti godhan kanaa dha.
For when they had slaughtered their children for their idols, then they came to my sanctuary on the same day to defile it! So behold! This is what they have done in the middle of my house.
40 “Akka namoonni biyya fagootii dhufaniif ergamoota itti ergan; isaanis ni dhufan; yommuu isaan dhufanittis ati dhagna kee dhiqattee, ija kee kuulattee faaya kee kaaʼatte.
You sent out for men who came from far away, to whom messengers had been sent—now behold. They indeed came, those for whom you bathed, painted your eyes, and adorned yourself with jewelry.
41 Ati siree ulfinaa irra teesse; fuula siree sanaa dura minjaala keesse; minjaala sana irras ixaana kootii fi zayitii koo keesse.
There you sat on a beautiful bed and at a table arranged before it where you placed my incense and my oil.
42 “Wacni fandalaltootaa naannoo isheetti dhagaʼame; machooftonni namoota wacan sana wajjin gammoojjiidhaa dhufanis achi turan; isaanis irree dubartii sanaattii fi kan obboleettii isheetti bitawoo, mataa isaaniitti immoo gonfoo miidhagaa kaaʼaniif.
So the sound of a noisy crowd was around her; including all kinds of men, even Sabeans were brought in from the wilderness, and they put bracelets on their hands and beautiful crowns on their heads.
43 Anis, ‘Namoonni yeroo ishee wajjin sagaagalanitti isaan amma ejja hojjechuu isaaniitii mitii?’ nan jedhe.
Then I said of her who was worn out by adultery, 'Now they will be sexually immoral with her, and she with them.'
44 Jarris ishee wajjin ciisan. Isaanis akkuma namoonni sagaagaltoota wajjin ciisan sana Oholaa fi Oholiibaa addaggeewwan sana wajjin ciisan.
They went in to her and slept with her as men go in to be with a prostitute. In this way they slept with Oholah and Oholibah, who were immoral women.
45 Sababii isaan ejjitoota taʼanii fi dhiigni harka isaanii irratti argameef, namoonni qajeeltonni adabbii dubartoota ejjitootaa fi dhiiga dhangalaasaniif malu isaanitti muru.
But righteous men will pass judgment and punish them as adulteresses, and they will punish them with the sentence for those who shed blood, because they are adulteresses and blood is on their hands.
46 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani jeeqxota itti nan kakaasa; raafamaa fi saamichaaf dabarsee isaan nan kenna.
So the Lord Yahweh says this: I will raise up a company against them and give them up to be terrorized and plundered.
47 Jeeqxonni sunis dhagaan isaan tumanii goraadee isaaniitiin isaan kukkutu; ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii fixanii manneen isaanii immoo ni gubu.
Then that company will stone them with stones and cut them down with their swords. They will kill their sons and daughters and burn down their houses.
48 “Kanaafuu akka dubartoonni hundi of eeggatanii fi isin duukaa hin buuneef ani biyyattii keessaa addaggummaa nan balleessa.
For I will remove shameful behavior from the land and discipline all the women so they will no longer act like prostitutes.
49 Isin addaggummaa keessaniif ni adabamtu; gatii cubbuu keessan kan waaqota tolfamoo waaqessuudhaan hojjettan sanaa ni argattu. Ergasiis akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beektu.”
So they will set your shameful behavior against you. You will bear the guilt of your sins with your idols, and in this way you will know that I am the Lord Yahweh.”

< Hisqiʼeel 23 >