< Hisqiʼeel 21 >

1 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
I doszło do mnie słowo PANA mówiące:
2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Yerusaalemitti garagalfadhuutii iddoo qulqulluu kanaan mormii lallabi. Biyya Israaʼeliinis mormii raajii dubbadhu;
Synu człowieczy, odwróć swoją twarz w stronę Jerozolimy i krop [swoją mowę] ku świętym miejscom, i prorokuj przeciwko ziemi Izraela;
3 akkanas isheen jedhi: ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani sitti nan kaʼa. Goraadee koo manʼee isaa keessaa luqqifadhee nama qajeelaas, hamaas si keessaa nan balleessa.
Powiedz ziemi Izraela: Tak mówi Pan BÓG: Oto ja [jestem] przeciwko tobie i dobędę swój miecz z pochwy, i wytnę spośród ciebie sprawiedliwego i bezbożnego.
4 Waan ani nama qajeelaas, nama hamaas balleessuudhaaf goraadeen koo saba kibbaa hamma kaabaatti jirutti ni luqqifama.
Ponieważ wytnę spośród ciebie sprawiedliwego i bezbożnego, mój miecz wyjdzie ze swej pochwy przeciwko wszelkiemu ciału od południa [aż] do północy.
5 Akka ani Waaqayyo goraadee koo manʼee isaa keessaa luqqifadhe, namni hundi ni beeka; innis manʼee isaatti hin deebiʼu.’
I pozna wszelkie ciało, że ja, PAN, dobyłem swój miecz z pochwy i już [do niej] nie wróci.
6 “Kanaafuu yaa ilma namaa, aadi! Fuula isaanii duratti garaa cabaa fi gadda hadhaaʼaadhaan aadi.
A ty, synu człowieczy, wzdychaj, jakbyś miał złamane biodro, w goryczy wzdychaj na ich oczach.
7 Yommuu isaan, ‘Ati maaliif aadda?’ jedhanii si gaafatanitti, ‘Sababii oduu dhagaʼamaa jiruutiif. Onneen hundi ni baqxi; harki hundis ni laafa; hafuurri hundi ni gaggaba; jilbi hundis bishaan taʼa.’ Oduuni sun dhagaʼamaa jira! Dhugumaanis ni taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
A gdy zapytają: Dlaczego wzdychasz? – to odpowiesz: Z powodu wieści, która nadchodzi, bo każde serce się rozpłynie, wszystkie ręce osłabną, wszelki duch omdleje i wszystkie kolana rozpłyną się [jak] woda. Oto nadchodzi to i stanie się, mówi Pan BÓG.
8 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
I doszło do mnie słowo PANA:
9 “Yaa ilma namaa, raajii dubbadhuutii, ‘Gooftaan akkana jedha’ jedhi: “‘Goraadee! Goraadee! Goraadee qaramee cululuqfame,
Synu człowieczy, prorokuj i mów: Tak mówi PAN. Mów: Miecz, miecz jest wyostrzony i wypolerowany.
10 kan ajjeesuuf qarame, akka balaqqee calaqqisuudhaaf cululuqfame! “‘Nu bokkuu ilma koo Yihuudaatiin gammannaa? Goraadeen ulee akkasii hunda tuffata.
Wyostrzony, aby dokonać rzezi, wypolerowany, aby lśnił. Czy mamy się cieszyć? Gdyż gardzi rózgą mego syna jak każdym drzewem.
11 “‘Goraadeen akka harkaan qabatamuuf cululuqfamuuf ramadameera; harka warra nama qaluutti kennamuuf qaramee cululuqfameera.
Dał go na wypolerowanie, aby mógł być ujęty w dłoń, ten miecz jest wyostrzony, jest też wypolerowany, aby dać go w ręce zabójcy.
12 Yaa ilma namaa, kun saba kootti, ilmaan mootota Israaʼel hundatti dhufeeraatii, iyyii wawwaadhu. Isaan saba koo wajjin goraadeedhaaf kennamaniiru. Kanaafuu ati laphee kee rukuti.
Wołaj i zawódź, synu człowieczy, gdyż ten [miecz] będzie przeciwko memu ludowi, przeciwko wszystkim książętom Izraela. Strach miecza przyjdzie na mój lud, dlatego uderz się w biodro.
13 “‘Qorumsi dhugumaan ni dhufa. Yoo bokkuun goraadeen tuffate sun itti fufuu baate hoo? jedha Waaqayyo Gooftaan.’
Jest to bowiem próba, a cóż jeśli [miecz] będzie gardzić rózgą? Już jej nie będzie, mówi Pan BÓG.
14 “Kanaafuu yaa ilma namaa, ati raajii dubbadhu; harka kees walitti rurrukuti. Goraadeen yeroo lama, yeroo sadiis haa dhaʼu. Goraadeen kun goraadee nama fixu, goraadee akka malee nama fixu, kan qixa hundaan isaan marsuu dha.
Ty więc, synu człowieczy, prorokuj i bij dłonią o dłoń. Niech przyjdzie miecz drugi i trzeci raz, miecz zabitych, ten wielki miecz zabitych, przenikający aż do ich komnat.
15 Kunis akka onneen baqxee hedduun isaanii barbadeeffamaniif ani balbala isaanii hunda dura ajjeechaaf goraadee kaaʼeera. Wayyoo! Inni akka calaqqisuuf haxaaʼameera; inni nama ajjeesuuf cululuqfame.
Postawiłem strach miecza we wszystkich ich bramach, aby ich serce się rozpłynęło i pomnożyły się ich upadki. Ach! [Jest] wypolerowany, aby błyszczeć, wyostrzony, aby zabić.
16 Yaa goraadee, kallattii qara keetii hundaan karaa mirgaatiinis, karaa bitaatiinis kuti.
Zbierz się, [mieczu], udaj się w prawo i w lewo, dokądkolwiek twoja twarz jest zwrócona.
17 Anis harka koo walitti nan rurrukuta; dheekkamsi koos ni qabbanaaʼa. Ani Waaqayyo dubbadheeraa.”
Ja również uderzę dłonią o dłoń i uspokoję swoją zapalczywość. Ja, PAN, [to] powiedziałem.
18 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Potem [znowu] doszło do mnie słowo PANA mówiące:
19 “Yaa ilma namaa, akka goraadeen mootii Baabilon ittiin dhufuuf daandii lama baasi; lachanuu biyyuma tokkoo kaʼu. Iddoo daandiin sun gara magaalaatti goru irras mallattoo dhaabi.
A ty, synu człowieczy, wyznacz sobie dwie drogi, którymi ma przyjść miecz króla Babilonu. Obie niech wychodzą z jednej ziemi, wybierz miejsce na rozstaju dróg wiodących do miasta, wybierz je.
20 Goraadee Rabbaa Amoonotaatti dhufuuf daandii tokko mallattoo godhadhu; kan Yihuudaa fi magaalaa Yerusaalem ishee daʼannoo qabdu sanatti dhufu immoo daandii lammaffaa mallattoo godhadhu.
Wyznacz drogę, którą ma przyjść miecz: do Rabby synów Ammona i do Judy w obwarowanej Jerozolimie.
21 Mootiin Baabilon milkii ilaallachuuf jedhee iddoo daandiin sun wal gaʼu irra, fiixee daandiiwwan lamaanii irra dhaabata; innis xiyyaan ixaa buufata; waaqota isaa tolfamoo sanaan ni mariʼata; tiruus ni ilaallata.
Król Babilonu bowiem stanął na rozdrożu, na początku dwóch dróg, aby zasięgnąć wróżby: polerował strzały, radził się bożków, patrzył na wątrobę.
22 Akka inni waan ittiin dallaa diigu dhaabuuf, akka ajaja ajjeechaa kennuuf, akka waca waraanaa dhageessisuuf, akka waan ittiin dallaa diigan karra dura kaaʼuuf, akka biyyoo tuuluu fi akka daʼannoo hojjetuuf harka isaa mirgaatti ixaan Yerusaalemiif baʼe.
Wyrocznia wskazała na jego prawą rękę, na Jerozolimę, aby szykował dowódców, którzy mieli wydać rozkaz rzezi i podnieść okrzyk bojowy, aby ustawić tarany pod bramami, aby usypać wał i budować szańce.
23 Wanni kunis warra isa wajjin kakuu galaniif milkii sobaa fakkaata; inni garuu dogoggora isaanii isaan yaadachiisee boojuudhaan isaan fudhata.
I w ich oczach będzie to fałszywa wróżba, gdyż zobowiązali się przysięgami, lecz on im przypomni ich nieprawość, aby zostali pojmani.
24 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Isin sababii akka cubbuun keessan waan isin hojjettan hunda keessatti mulʼatuuf, akka balleessaan keessan hin dhokanne gochuudhaan waan akka yakki keessan yaadatamu gootaniif jechuunis waan akkana gootaniif ni boojiʼamtu.
Dlatego tak mówi Pan BÓG: Ponieważ przypominacie mi swoją nieprawość, odsłaniając wasze przestępstwo tak, że wasze grzechy są jawne we wszystkich waszych czynach – ponieważ przypominacie mi [o tym], zostaniecie pojmani tą ręką.
25 “‘Yaa ilma mootii Israaʼel xuraaʼaa fi hamaa nana, kan guyyaan kee dhiʼaate, kan yeroon adabama keetii fiixee gaʼe,
A ty, nieczysty bezbożniku, księciu Izraela, którego dzień nadejdzie, gdy nastanie koniec ich nieprawości;
26 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Marata of irraa hiiki; gonfoos of irraa fuudhi. Wanti akka amma jirutti hafu hin jiru; kan gad qabame ol qabama; kan ol qabame immoo gad qabama.
Tak mówi Pan BÓG: Zdejmij diadem, zrzuć koronę. Ta już nigdy taka nie będzie. To, co niskie, będzie wywyższone, a to, co wysokie, będzie poniżone.
27 Diigama! Diigama! Ani ishee nan diiga! Hamma namni isheen isaaf maltu dhufutti isheen akka kanaan duraa hin taatu; ishees isaaf nan kenna.’
Wniwecz, wniwecz, wniwecz ją obrócę. I już jej nie będzie, aż przyjdzie ten, który [do niej] ma prawo, i jemu ją oddam.
28 “Yaa ilma namaa, akkana jedhii raajii dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan waaʼee Amoonotaa fi arrabsoo isaanii akkana jedha: “‘Goraadee, goraadee, kan ajjeesuuf luqqifame, akka fixuu fi akka calaqqisuuf kan haxaaʼame!
Ale ty, synu człowieczy, prorokuj i mów: Tak mówi Pan BÓG o synach Ammona i o ich hańbie. Powiedz: Miecz, miecz jest dobyty, jest wypolerowany na rzeź, błyszczy, aby wytracić wszystko;
29 Mulʼanni sobaa waaʼee keetiif, raajiin sobaa siif jiraatu iyyuu, inni morma hamoota ajjeefamuu qaban kanneen guyyaan isaanii dhiʼaate, warra yeroon adabbii isaanii gaʼe irra ni kaaʼama.
Chociaż opowiadają ci złudne widzenia i wróżą kłamstwo, aby cię przyłożyć do szyi bezbożnych pobitych, których dzień nadejdzie, gdy nastanie koniec ich nieprawości.
30 Goraadee manʼee isaatti deebisi; iddoo ati itti dhalattetti, biyya akaakayyuu keetiitti, ani sitti nan mura.
Schowaj [jednak miecz] do pochwy. Będę cię sądził w miejscu, gdzie zostałeś stworzony, w ziemi twego pochodzenia.
31 Ani dheekkamsa koo sirratti nan dhangalaasa; ibidda aarii kootiis sitti nan buufa; ani namoota hamoo kanneen balleessuudhaan beekamanitti dabarsee sin kenna.
I wyleję na ciebie swoją zapalczywość, tchnę przeciwko tobie ogniem swojego gniewu i wydam cię w ręce okrutnych ludzi i wprawnych w wytraceniu.
32 Ati qoraan ibiddaa taata; dhiigni kee biyya kee keessatti dhangalaʼa; siʼachi hin yaadatamtu; ani Waaqayyo dubbadheeraatii.’”
Staniesz się strawą dla ognia, twoja krew będzie [rozlana] po całej ziemi, nie będziesz [już] wspominany, bo ja, PAN, to powiedziałem.

< Hisqiʼeel 21 >