< Hisqiʼeel 21 >

1 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Yerusaalemitti garagalfadhuutii iddoo qulqulluu kanaan mormii lallabi. Biyya Israaʼeliinis mormii raajii dubbadhu;
“Ɗan mutum, ka kafa fuskarka gāba da Urushalima ka kuma yi wa’azi a kan wuri mai tsarki. Ka yi annabci gāba da ƙasar Isra’ila
3 akkanas isheen jedhi: ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani sitti nan kaʼa. Goraadee koo manʼee isaa keessaa luqqifadhee nama qajeelaas, hamaas si keessaa nan balleessa.
ka faɗa mata, ‘Ga abin da Ubangiji ya ce ina gāba da ke. Zan ja takobina daga kubensa in karkashe adalai da mugaye daga cikinki.
4 Waan ani nama qajeelaas, nama hamaas balleessuudhaaf goraadeen koo saba kibbaa hamma kaabaatti jirutti ni luqqifama.
Domin zan karkashe adalai da kuma mugaye, ba zan rufe takobina a kan kowa daga kudu zuwa arewa ba.
5 Akka ani Waaqayyo goraadee koo manʼee isaa keessaa luqqifadhe, namni hundi ni beeka; innis manʼee isaatti hin deebiʼu.’
Sa’an nan duka mutane za su san cewa Ni Ubangiji na ja takobina daga kubensa; ba zai sāke koma kuma ba.’
6 “Kanaafuu yaa ilma namaa, aadi! Fuula isaanii duratti garaa cabaa fi gadda hadhaaʼaadhaan aadi.
“Saboda ka yi nishi, ɗan mutum! Yi nishi a gabansu da ajiyar zuciya da ɓacin rai.
7 Yommuu isaan, ‘Ati maaliif aadda?’ jedhanii si gaafatanitti, ‘Sababii oduu dhagaʼamaa jiruutiif. Onneen hundi ni baqxi; harki hundis ni laafa; hafuurri hundi ni gaggaba; jilbi hundis bishaan taʼa.’ Oduuni sun dhagaʼamaa jira! Dhugumaanis ni taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
Kuma sa’ad da suka tambaye ka, ‘Me ya sa kake nishi?’ Sai ka ce musu, ‘Domin labarun da suke fitowa. Kowace zuciya za tă narke kowane hannu kuma ya gurgunta; kowane ruhu zai sume kowane gwiwa kuma ta rasa ƙarfi kamar ruwa.’ Yana zuwa! Tabbatacce zai faru, in ji Ubangiji Mai Iko Duka.”
8 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
Maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
9 “Yaa ilma namaa, raajii dubbadhuutii, ‘Gooftaan akkana jedha’ jedhi: “‘Goraadee! Goraadee! Goraadee qaramee cululuqfame,
“Ɗan mutum, yi annabci ka ce, ‘Ga abin da Ubangiji ya faɗa, “‘Takobi, takobi, wasasshe da kuma gogagge,
10 kan ajjeesuuf qarame, akka balaqqee calaqqisuudhaaf cululuqfame! “‘Nu bokkuu ilma koo Yihuudaatiin gammannaa? Goraadeen ulee akkasii hunda tuffata.
wasasshe don kisa, gogagge har yana walwal kamar walƙiya! “‘Kada ku yi farin ciki, hukunci yana zuwa, domin kowa ya ƙi jin abin da na yi gargaɗi a kai.
11 “‘Goraadeen akka harkaan qabatamuuf cululuqfamuuf ramadameera; harka warra nama qaluutti kennamuuf qaramee cululuqfameera.
“‘An ba da wannan takobi don a goge, don a kama da hannu; an washe shi aka kuma goge, shiryayye don a yi kisa da shi.
12 Yaa ilma namaa, kun saba kootti, ilmaan mootota Israaʼel hundatti dhufeeraatii, iyyii wawwaadhu. Isaan saba koo wajjin goraadeedhaaf kennamaniiru. Kanaafuu ati laphee kee rukuti.
Ka yi kuka ka yi makoki, ɗan mutum, gama yana gāba da dukan sarakunan Isra’ila. An jefa su ga takobi tare da jama’ata. Saboda haka ku buga ƙirjinku.
13 “‘Qorumsi dhugumaan ni dhufa. Yoo bokkuun goraadeen tuffate sun itti fufuu baate hoo? jedha Waaqayyo Gooftaan.’
“‘Gwaji tabbatacce zai zo. Kuma a ce sandan Yahuda, wanda takobi ya ƙi, ya ci gaba? In ji Ubangiji Mai Iko Duka.’
14 “Kanaafuu yaa ilma namaa, ati raajii dubbadhu; harka kees walitti rurrukuti. Goraadeen yeroo lama, yeroo sadiis haa dhaʼu. Goraadeen kun goraadee nama fixu, goraadee akka malee nama fixu, kan qixa hundaan isaan marsuu dha.
“Saboda haka fa, ɗan mutum ka yi annabci ka kuma tafa hannuwanka. Bari takobi ya yi sara sau biyu, har sau uku ma. Takobin kisa ne, takobi ne don kisa mai girma, zai kewaye su a kowane gefe.
15 Kunis akka onneen baqxee hedduun isaanii barbadeeffamaniif ani balbala isaanii hunda dura ajjeechaaf goraadee kaaʼeera. Wayyoo! Inni akka calaqqisuuf haxaaʼameera; inni nama ajjeesuuf cululuqfame.
Domin zukata su narke da yawa kuma su fāɗi, na tsai da takobin kisa a dukan ƙofofinsu. Kash! A sa ya haska kamar walƙiya, ana riƙe da shi don kisa.
16 Yaa goraadee, kallattii qara keetii hundaan karaa mirgaatiinis, karaa bitaatiinis kuti.
Ya takobi, yi sara zuwa dama ka yi kuma zuwa hagu, duk inda aka juya ka.
17 Anis harka koo walitti nan rurrukuta; dheekkamsi koos ni qabbanaaʼa. Ani Waaqayyo dubbadheeraa.”
Zan tafa hannuwana, fushina kuwa zai sauka. Ni Ubangiji na faɗa.”
18 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Sai maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
19 “Yaa ilma namaa, akka goraadeen mootii Baabilon ittiin dhufuuf daandii lama baasi; lachanuu biyyuma tokkoo kaʼu. Iddoo daandiin sun gara magaalaatti goru irras mallattoo dhaabi.
“Ɗan mutum, ka nuna hanyoyi biyu inda takobin sarkin Babilon zai bi, duka biyun su fara daga ƙasa guda. Ka kafa shaida inda hanyar za tă rabu zuwa cikin birni.
20 Goraadee Rabbaa Amoonotaatti dhufuuf daandii tokko mallattoo godhadhu; kan Yihuudaa fi magaalaa Yerusaalem ishee daʼannoo qabdu sanatti dhufu immoo daandii lammaffaa mallattoo godhadhu.
Ka nuna hanya guda wadda takobi zai fāɗo wa Rabba ta Ammonawa ɗayan kuma da zai fāɗo a kan Yahuda da kuma Urushalima mai katanga.
21 Mootiin Baabilon milkii ilaallachuuf jedhee iddoo daandiin sun wal gaʼu irra, fiixee daandiiwwan lamaanii irra dhaabata; innis xiyyaan ixaa buufata; waaqota isaa tolfamoo sanaan ni mariʼata; tiruus ni ilaallata.
Gama sarkin Babilon zai tsaya a mararrabar hanya, a inda hanyar ta rabu biyu, don yă yi duba. Zai jefa ƙuri’a da kibiyoyinsa, zai nemi shawarar gumakansa, zai bincike hanta.
22 Akka inni waan ittiin dallaa diigu dhaabuuf, akka ajaja ajjeechaa kennuuf, akka waca waraanaa dhageessisuuf, akka waan ittiin dallaa diigan karra dura kaaʼuuf, akka biyyoo tuuluu fi akka daʼannoo hojjetuuf harka isaa mirgaatti ixaan Yerusaalemiif baʼe.
A hannunsa na dama ƙuri’a don Urushalima za tă fito, inda zai kafa dundurusai, ya ba da umarni kisa, a yi kururuwar yaƙi, a kafa dundurusai a kan ƙofofi, a gina mahaurai a kuma yi ƙawanya.
23 Wanni kunis warra isa wajjin kakuu galaniif milkii sobaa fakkaata; inni garuu dogoggora isaanii isaan yaadachiisee boojuudhaan isaan fudhata.
Zai zama kamar duban ƙarya ne ga waɗanda suka yi rantsuwar yin masa biyayya, amma zai tunashe su game da laifinsu ya kuma kama su.
24 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Isin sababii akka cubbuun keessan waan isin hojjettan hunda keessatti mulʼatuuf, akka balleessaan keessan hin dhokanne gochuudhaan waan akka yakki keessan yaadatamu gootaniif jechuunis waan akkana gootaniif ni boojiʼamtu.
“Saboda haka ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa, ‘Domin ku mutanen nan kun tuna da laifinku ta wurin tawaye, kun kuma bayyana zunubanku cikin dukan abin da kuke yi, domin kun yi haka, za a kama ku.
25 “‘Yaa ilma mootii Israaʼel xuraaʼaa fi hamaa nana, kan guyyaan kee dhiʼaate, kan yeroon adabama keetii fiixee gaʼe,
“‘Ya kai ƙazantaccen mugu, yerima Isra’ila, wanda kwanansa ta zo, wanda lokacin hukuncinsa ya cika fal,
26 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Marata of irraa hiiki; gonfoos of irraa fuudhi. Wanti akka amma jirutti hafu hin jiru; kan gad qabame ol qabama; kan ol qabame immoo gad qabama.
ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa ka kunce rawanin, ka ɗauke rawanin nan. Ba zai zama kamar yadda yake ba. Za a ɗaukaka ƙasƙantacce, amma a ƙasƙantar da mai girma.
27 Diigama! Diigama! Ani ishee nan diiga! Hamma namni isheen isaaf maltu dhufutti isheen akka kanaan duraa hin taatu; ishees isaaf nan kenna.’
Hallaka! Hallaka! Zan hallaka shi! Ba za a maido da shi ba sai ya ga ainihin mai shi; gare shi zan bayar da shi.’
28 “Yaa ilma namaa, akkana jedhii raajii dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan waaʼee Amoonotaa fi arrabsoo isaanii akkana jedha: “‘Goraadee, goraadee, kan ajjeesuuf luqqifame, akka fixuu fi akka calaqqisuuf kan haxaaʼame!
“Kai kuma, ɗan mutum, ka yi annabci ka ce, ‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa game da Ammonawa da kuma zarginsu. “‘Takobi, takobi, an ja don kisa, an goge don cinyewa yana haske kamar walƙiya!
29 Mulʼanni sobaa waaʼee keetiif, raajiin sobaa siif jiraatu iyyuu, inni morma hamoota ajjeefamuu qaban kanneen guyyaan isaanii dhiʼaate, warra yeroon adabbii isaanii gaʼe irra ni kaaʼama.
Duk da wahayin ƙarya game da kai, duban ƙarya game da kai, za a sa shi a wuyan mugaye waɗanda za a kashe, waɗanda kwanansu ta zo, waɗanda lokacin hukuncinsu ya cika fal.
30 Goraadee manʼee isaatti deebisi; iddoo ati itti dhalattetti, biyya akaakayyuu keetiitti, ani sitti nan mura.
“‘Ka mai da takobi a kubensa. A inda aka halicce ka, a ƙasar kakanninka, zan hukunta ka.
31 Ani dheekkamsa koo sirratti nan dhangalaasa; ibidda aarii kootiis sitti nan buufa; ani namoota hamoo kanneen balleessuudhaan beekamanitti dabarsee sin kenna.
Zan zub da hasalata a kanka in hura maka wutar fushina; Zan ba da kai a hannun mugayen mutanen da suka gwanince a hallakarwa.
32 Ati qoraan ibiddaa taata; dhiigni kee biyya kee keessatti dhangalaʼa; siʼachi hin yaadatamtu; ani Waaqayyo dubbadheeraatii.’”
Za ka zama itacen wuta, za a zub da jininka a ƙasarka, ba za a ƙara tuna da kai ba; gama Ni Ubangiji na faɗa.’”

< Hisqiʼeel 21 >