< Hisqiʼeel 20 >

1 Waggaa torbaffaa, jiʼa shanaffaa keessa guyyaa kudhannaffaatti maanguddoota Israaʼel keessaa tokko tokko waan Waaqayyo jedhu gaafachuuf dhufanii fuula koo dura tataaʼan.
On the tenth day of the fifth month of the seventh year, some of the elders of Israel came to ask advice from the Lord, and they sat down with me.
2 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
Then a message from the Lord came to me, saying,
3 “Yaa ilma namaa, akkana jedhii maanguddoota Israaʼelitti dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin yaada koo gaafachuu dhuftanii? Ani jiraataadhaatii, ani akka isin yaada koo gaafattaniif isinii hin eeyyamu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’
“Son of man, tell these elders of Israel that this is what the Lord God says: Have you come to ask my advice? As I live, I'm not going to answer you, declares the Lord God.
4 “Ati isaanitti murtaa? Yaa ilma namaa, ati isaanitti murtaa? Ergasiis akka isaan hojiiwwan abbootii isaanii jibbisiisoo sana beekan godhi;
Are you going to condemn them—will you do that, son of man? Remind them about the disgusting things their forefathers did,
5 akkanas isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani gaafan Israaʼel filadhetti harka koo ol qabadhee sanyii mana Yaaqoobiif kakachuudhaan biyya Gibxi keessatti isaanitti of mulʼiseera. Harka koo ol kaasee, “Ani Waaqayyo Waaqa keessan” isaaniin jedheera.
and then tell them that this is what the Lord God says: At the time I chose Israel, I held up my hand and made a solemn promise to Jacob's descendants and revealed myself to them when they were in Egypt. I held up my hand and told them, ‘I am the Lord your God.’
6 Gaafas ani biyya Gibxii isaan baasee biyya ani isaaniif file kan aannanii fi damma baastu, biyya biyyoota hunda caalaa miidhagdutti isaan galchuudhaaf isaaniif nan kakadhe.
I promised them on that day to lead them out of Egypt and take them to a country that I had chosen for them, a land flowing with milk and honey—better than any other country.
7 Anis akkanan isaaniin jedhe; “Tokkoon tokkoon keessan wantoota jibbisiisoo kan iji keessan itti gammadu sana balleessaa; waaqota Gibxiinis of hin xureessinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.”
I told them: ‘All of you have to get rid of your disgusting pagan images. Don't make yourselves unclean by worshiping the idols of Egypt. I am the Lord your God.’
8 “‘Isaan garuu natti fincilanii na dhagaʼuu didan; wantoota jibbisiisoo iji isaanii itti gammade sanas hin balleessine yookaan waaqota Gibxi tolfamoo sanas hin dhiisne. Kanaafuu ani biyya Gibxi keessatti aarii koo isaanitti baʼuudhaaf dheekkamsa koo isaan irratti nan dhangalaasa jedheen ture.
But they rebelled against me and wouldn't do what I told them. None of them got rid of their disgusting pagan images, and they didn't give up worshiping the idols of Egypt. So I warned them that I would punish them in my anger there in Egypt.
9 Ani garuu akka maqaan koo fuula saboota Israaʼeloonni gidduu isaanii jiraatan kanneen ani Israaʼeloota biyya Gibxii baasuudhaan fuula isaanii duratti of beeksise sanaa duratti hin xuroofne gochuudhaaf maqaa kootiif jedheen hojjedhe.
But I did act so I would not be misrepresented, so that I wouldn't lose respect in the eyes of the other nations living near them who had seen me reveal myself to Israel by leading them out of Egypt.
10 Kanaafuu ani biyya Gibxii isaan baaseen gammoojjiitti isaan fide.
So I led them out of Egypt and took them into the wilderness.
11 Akka namni isaaniif ajajamu isaaniin jiraatuuf ani sirnawwan koo isaaniif nan kenne; seerawwan koos isaanitti nan beeksise.
There I gave them my laws and explained to them my regulations so that those who kept them would live.
12 Akkasumas akka isaan akka ani Waaqayyo isaan qulqulleesse beekaniif, akka anaa fi isaan gidduutti mallattoo taʼuuf Sanbatoota koo isaaniif nan kenne.
I also gave them my Sabbaths to be a sign between me and them, so that they would acknowledge that I am the Lord who makes them holy.
13 “‘Manni Israaʼel garuu gammoojjii keessatti natti fincile. Sirna koo isa namni yoo itti bule isaan jiraatu isa hin eegne; seera koos ni tuffatan. Sanbatoota koos guutumaan guutuutti xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee gammoojjii keessatti isaanan barbadeessa jedhen ture.
But the people of Israel rebelled against me in the desert, refusing to observe my laws and rejecting my regulations, even though they would have given them life. They violated my Sabbaths. So I warned them that I would punish them and wipe them out there in the desert.
14 Ani garuu akka maqaan koo fuula saboota utuma iji isaanii arguu Israaʼelin achii baase sanaa duratti hin xuroofneef maqaa kootiif jedhee waan kana nan hojjedhe.
But I still acted for them so I would not be misrepresented, so that I wouldn't lose respect in the eyes of the other nations who had seen me lead Israel out of Egypt.
15 Akkasumas biyya ani isaaniif kenne kan biyyoota hunda caalaa miidhagdu kan aannanii fi damma baastutti akka isaan hin galchine harka koo ol qabadhee gammoojjii keessatti isaanitti nan kakadhe;
So I held up my hand and vowed to them in the desert that I wouldn't take them into the land that I had given them, a land flowing with milk and honey—better than any other country—
16 kunis waan isaan seera koo tuffataniif, sirna koo duukaa hin buʼinii fi Sanbatoota koo xureessaniif. Yaadni isaanii waaqota isaanii tolfamoo faana buʼeeraatii.
because they repeatedly rejected my regulations, refused to observe my laws, and violated my Sabbaths, and because they chose to continue worshiping idols.
17 Taʼus ani gara laafinaanan isaan ilaale malee isaan hin balleessine yookaan gammoojjii keessatti isaan hin fixne.
Even so I was sorry for them and I didn't destroy them; I didn't wipe them out in the desert.
18 Ani gammoojjii keessatti ijoollee isaaniitiin akkana nan jedhe; “Sirna abbootii keessanii duukaa hin buʼinaa yookaan seera isaanii hin eeginaa yookaan waaqota isaanii tolfamoon of hin xureessinaa.
I told their children in the desert: ‘Don't do what your fathers told you to do. Don't follow their practices. Don't make yourselves unclean by worshiping their idols.
19 Ani Waaqayyo Waaqa keessan; sirna koo duukaa buʼaa; seera koos of eeggannaadhaan eegaa.
I am the Lord your God. Do what I tell you to do. Follow my regulations and make sure to practice them.
20 Akka inni nu gidduutti mallattoo taʼuuf Sanbata koo qulqullinaan eegaa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe ni beektu.”
Keep my Sabbaths holy so they may be a sign between me and you, so that you may acknowledge that I am the Lord your God.’
21 “‘Ijoolleen isaanii garuu natti fincilan; isaan sirna koo isa, “Namni yoo itti bule isaan jiraatu” sana duukaa hin buune; seera koos of eeggannoodhaan hin eegne. Sanbatoota koos ni xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee gammoojjii keessatti aarii koo isaanitti nan baʼa jedheen ture.
But their children also rebelled against me. They didn't follow my laws and didn't keep my regulations, even though they would have given them life. They violated my Sabbaths. So I warned them that I would punish them in my anger there in the desert.
22 Ani garuu maqaa kootiif jedhee akka maqaan koo fuula saboota ani utuma isaan ilaalanuu achii isaan baase sanaa duratti hin xuroofneef harka koo dachaafadhe.
But I held back and did what I did so I would not be misrepresented, so that I wouldn't lose respect in the eyes of the other nations who had seen me lead Israel out of Egypt.
23 Akkasumas ani gammoojjii keessatti harka koo ol qabadhee akkan saboota gidduutti isaan faffacaasuu fi biyyoota keessa isaan bittinneessu fuula isaanii duratti nan kakadhe;
However, I held up my hand and vowed to them in the desert that I was going to scatter them among the various countries of different nations.
24 isaan seera kootiif ajajamuu didan; sirna koos ni tuffatan; Sanbatoota koos ni xureessan; iji isaaniis waaqota tolfamoo kan abbootii isaanii duukaa buʼe.
For they didn't keep my regulations, instead they rejected my laws and violated my Sabbaths, always looking to worship their fathers' idols.
25 Anis sirna gaarii hin taʼinii fi seera isaan itti hin jiraannetti dabarseen isaan kenne;
I also let them follow the regulations they wanted that weren't good; laws that wouldn't help them live.
26 anis sodaadhaan isaan guutuufan aarsaa isaan ilmaan isaanii hangafa dhiʼeessuudhaan kennan sanaan akka isaan xuraaʼan nan godha; kanas ani akka isaan akka ani Waaqayyo taʼe beekaniifan godhe.’
I let them make themselves unclean by their offerings to idols, including their firstborn sons. I allowed this to happen so that they would be so appalled that they would acknowledge that I am the Lord.
27 “Kanaafuu yaa ilma namaa, akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Kanaanis abbootiin keessan na gananii na arrabsan;
So, son of man, tell the people of Israel that this is what the Lord God says: You're acting in exactly the same way your forefathers insulted me by being unfaithful to me.
28 yeroo ani gara biyya ani isaaniif kennuuf kakadhee ture sanaatti isaan galchee isaan immoo gaara ol dheeraa kam iyyuu yookaan muka lalisaa kam iyyuu arganitti, isaan achitti aarsaa isaaniif dhiʼeessan; aariif na kakaasuuf jedhanii qalma dhiʼeessan; ixaana isaanii urgaaʼaa dhiʼeessanii dhibaayyuu isaaniis dhibaafatan.
After I led them into the land that I had promised to give them, on any high hill or under any leafy tree they saw there they offered their pagan sacrifices and presented offerings to idols that made me angry, burning their sweet-smelling incense and pouring out their drink offerings.
29 Anis lafti ol dheeraan isin dhaqxan kun maal?’ isaaniin jedhe.” Hamma harʼaatti lafti sun Baamaa jedhamee waamama.
So I asked them: ‘What's this high place you're going to?’ (Even today it's still called Bamah.)
30 “Kanaaf mana Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin akkuma abbootii keessanii of xureessitanii hawwii wantoota jibbisiisoo isaaniitiin gubattanii?
Therefore tell the people of Israel that this is what the Lord God says: Are you going to make yourselves unclean like your forefathers, turning yourselves into prostitutes, acting the way they did with the same disgusting practices?
31 Isin yeroo kennaa keessan dhiʼeessitanii ilmaan keessan ibiddaan aarsaa gootanitti, hamma harʼaatti ittuma fuftanii waaqota keessan tolfamoo hundaan of xureessitan. Yaa mana Israaʼel, akka isin na kadhattani ani isiniif nan eeyyamaa? Ani dhugumaan jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; akka isin na kadhattan ani isiniif hin eeyyamu.
When you present your offerings to idols and sacrifice your children in the fire, you continue to make yourselves unclean with all your idols right up until now. So should I give you advice when you ask me, people of Israel? As I live, declares the Lord God, I'm not going to answer you!
32 “‘Isin, “Nu akka sabootaa, akka uummata addunyaa kanneen mukaa fi dhagaadhaaf sagadan sanaa taʼuu feena” jettu. Garuu wanni isin garaatti yaaddan gonkumaa hin taʼu.
When you say to yourselves, ‘Let's be like the other nations, like people in other countries who worship idols made of wood and stone,’ what you're thinking is never going to happen.
33 Ani dhugumaan jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; ani irree jabaa fi harka diriirfameen, dheekkamsa roobsuudhaan isinan bulcha.
As I live, declares the Lord God, I will rule you with all my strength and power, and in my anger.
34 Ani harka jabaadhaan, irree diriirfamee fi dheekkamsa roobeen saboota keessaa isinan fida; biyyoota isin itti bibittinnooftan keessaas walitti isinan qaba.
With all my strength and power, and in my anger, I will lead you out from among the nations and gather you from the countries where you were scattered.
35 Ani gammoojjii sabootaatti isin fidee achitti ifaan ifatti isinitti nan mura.
I will bring you before me for judgment face to face in the desert of the nations.
36 Ani akkuman biyya Gibxitti abbootii keessanitti mure sana isinittis nan mura, jedha Waaqayyo Gooftaan.
In the same way I judged your forefathers in the Egyptian desert after I'd led them out of Egypt, so I will judge you, declares the Lord God.
37 Ani akka isin ulee koo jalaan lootan nan godha; hidhaa kakuuttis isin nan galcha.
I will decide about you as you pass under the rod and see if you kept our solemn agreement.
38 Warra natti kaʼanii natti fincilan isin keessaa nan baasa. Biyya isaan jiraachaa turan sana keessaa isaan nan baasa; garuu isaan biyya Israaʼel hin seenan. Kanaanis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
I will get rid of those of you who rebel against me, those who sin against me. I will lead them out of the country where they're currently living, but they won't enter the land of Israel. Then you will know that I am the Lord.
39 “‘Yaa mana Israaʼel waaʼee keessan garuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Tokkoon tokkoon keessan dhaqaatii waaqota tolfamoo keessan tajaajilaa! Ergasii garuu dhugumaan na dhaggeeffattu; kennaa fi waaqota keessaniinis lammata maqaa koo qulqullicha hin xureessitan.
This is what the Lord God says to you, you people of Israel: All of you, go ahead and worship your idols. But after that if you don't listen to me you won't continue to disgrace me with your pagan offerings and idols.
40 Tulluu koo qulqullicha irratti, tulluu Israaʼel dheeraa sana irratti, jedha Waaqayyo Gooftaan, achitti guutummaan mana Israaʼel na tajaajilu; anis achitti isaan nan simadha. Achittis buusii keessanii fi kennaa keessan filatamaa sana aarsaa keessan qulqulluu hunda wajjin nan barbaada.
For there on my holy mountain, Israel's high mountain, declares the Lord God, every single person in the whole country of Israel will worship me. That's where I'll accept them and will ask for your offerings and your best gifts, together with all your holy sacrifices.
41 Ani yeroon saboota keessaa isin baasee biyyoota isin itti bittinnooftanii turtan keessaa walitti isin qabutti, ixaana urgaaʼaa godhadhee isin nan simadha; fuula sabootaa durattis isin gidduutti qulqulluu taʼuu koo of nan mulʼisa.
When I bring you back from the nations and gather you from countries where you were scattered, I will accept you as a suitable offering to me. I will reveal my holiness through you so the nations can see.
42 Yeroo ani biyya Israaʼel, biyya ani abbootii keessaniif kennuuf harka ol qabadheen kakadhee ture sanatti isin galchutti isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
Then you will acknowledge that I am the Lord when I bring you back to the country of Israel, the land that I promised to give your forefathers.
43 Achitti isin amala keessanii fi gochawwan ittiin of xureessitan hunda ni yaadattu; hammina hojjettan hundaafis of balfitu.
That's where you will remember your bad ways and everything you've done to make yourselves unclean, and you will hate yourselves for the evil things you did.
44 Yaa mana Israaʼel, yeroo ani utuu akka hammina keessaniittii fi akka hojii keessan fokkisaa sanaatti hin taʼin, maqaa kootiif jedhee isinii araaramutti, isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
Then you people of Israel will acknowledge that I am the Lord, because I have treated you well because of who I am, and not because of your evil ways and terrible things you've done, declares the Lord God.”
45 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Another message from the Lord came to me, saying,
46 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara kibbaatti garagalfadhu; biyya kibbaatti lallabiitii bosona biyya Negeebiitiin mormuudhaan raajii dubbadhu.
“Son of man, face towards the south and preach against it. Prophesy against the forest of the Negev.
47 Bosona Negeebiin akkana jedhi: ‘Dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani ibidda sitti qabsiisuufan jira; innis mukkeen kee hunda jiidhaa fi goggogaa illee ni fixa. Arrabni isaa hin dhaamu; wanni kibbaa hamma kaabaatti jiru hundinuus ni gubama.
Tell the forest of the Negev: Listen to the word of the Lord! This is what the Lord God says: I am going to set you on fire, and it will burn up all your trees, both those that are living and those that are dead. The blaze won't be put out, and everything from the north to the south will be burned.
48 Namni hundinuus akka ani Waaqayyo ibidda sana qabsiise ni beeka; ibiddi sunis hin dhaamu.’”
Then everyone will recognize that it was me, the Lord, who started the fire, and it won't be put out.”
49 Anis, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani bade! Isaan waaʼee koo, ‘Inni fakkeenya dubbata mitii?’ anaan jedhu” jedhe.
But then I said, “Oh no, Lord God! People already say, ‘He's just telling stories!’”

< Hisqiʼeel 20 >