< Hisqiʼeel 2 >

1 Innis, “Yaa ilma namaa, miilla keetiin dhaabadhu; ani sittan dubbadhaa” naan jedhe.
Akati kwandiri, “Mwanakomana womunhu, simuka netsoka dzako nditaure newe.”
2 Akkuma inni dubbateenis Hafuurri anatti seenee miilla kootiin na dhaabachiise; anis isaa natti dubbatu nan dhagaʼe.
Akati achitaura, Mweya wakapinda mandiri ukandisimudza netsoka dzangu, ndikamunzwa achitaura neni.
3 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ani gara Israaʼelootaatti, gara saba fincilaa kan natti fincile sanaatti sin erga; isaanii fi abbootiin isaanii hamma harʼaatti natti fincilaniiru.
Akati, “Mwanakomana womunhu, ndiri kukutuma kuvaIsraeri, kurudzi runomukira irwo rwakandimukira; ivo namadzibaba avo vanga vachingondipandukira kusvikira zuva ranhasi.
4 Sabni ani itti si ergu sun didaa fi mata jabeessa. Atis, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ jedhiin.
Vanhu vandinokutuma kwavari, vakavangarara uye vakasindimara. Uti kwavari, ‘Zvanzi naIshe Jehovha.’
5 Isaan mana fincilaadhaatii; dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis akka raajiin isaan gidduu jiru ni beeku.
Uye kunyange vakanzwa kana kuti vakaramba kunzwa, nokuti ivo imba inomukira, vachaziva kuti muprofita akanga ari pakati pavo.
6 Yaa ilma namaa, ati isaan yookaan dubbii isaanii hin sodaatin. Sokorruu fi qoraattiin si marsus, torbaanqabaa gidduu jiraattus hin sodaatin. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati waan isaan dubbatan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin.
Uye iwe, mwanakomana womunhu, usavatya kana mashoko avo. Usatya, kunyange wakakombwa neminzwa norukato uye ugere pakati pezvinyavada. Usatya zvavanotaura kana kuvhundutswa navo, kunyange vari imba inomukira.
7 Waan isaan finciltoota taʼaniif, dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis ati dubbii koo isaanitti himuu qabda.
Unofanira kutaura mashoko angu kwavari kunyange vakateerera kana kuti vakaramba kuteerera, nokuti ivo vanondimukira.
8 Yaa ilma namaa, ati garuu waan ani siin jedhu dhaggeeffadhu; ati akka mana fincilaa sanaa hin fincilin; afaan kee banadhuutii waan ani siif kennu nyaadhu.”
Asi iwe, mwanakomana womunhu, teerera zvandinokuudza. Usandimukira sezvinoita imba iyo inondimukira; shama muromo wako udye zvandinokupa.”
9 Kana irratti ani utuu harki tokko natti hiixatuun arge. Harka sana keessas kitaaba maramaa tokkotu ture;
Ipapo ndakatarira, ndikaona ruoko rwakatambanudzirwa kwandiri. Marwuri makanga mune gwaro,
10 innis fuula koo duratti kitaaba sana diriirse. Kitaaba sana irrattis, duraa duubaan faaruun booʼichaa, gaddii fi wawwaannaan barreeffamanii turan.
rakapetenurwa pamberi pangu. Rakanga rakanyorwa kumativi aro ose mashoko okuchema nokuungudza nenhamo.

< Hisqiʼeel 2 >