< Hisqiʼeel 19 >

1 “Waaʼee ilmaan mootota Israaʼeliif faarsii booʼi;
“Ka yi makoki game da sarakunan Isra’ila
2 akkanas jedhi: “‘Haati kee leencota gidduutti, leenca akkamii turte! Isheen leencota gidduu ciiftee ilmoolee ishee guddifatte.
ka ce, “‘Mahaifiyarki zakanya ce cikin zakoki! Takan kwanta cikin’yan zakoki ta kuma yi renon kwiyakwiyanta.
3 Ilmoolee ishee keessaas tokko guddifatte; innis leenca jabaa taʼe. Inni waa adamsee ciccirachuu barate; namootas nyaate.
Ta goyi ɗaya daga cikin kwiyakwiyanta, ya yi girma ya zama zaki mai ƙarfi. Ya koyi yayyage abin da ya yi farauta yakan kuma cinye mutane.
4 Saboonni waaʼee isaa dhagaʼan; inni boolla isaanii keessatti qabame. Isaan hokkoodhaan harkisanii gara biyya Gibxitti isa geessan.
Al’ummai suka ji labarinsa, aka kuma kama shi cikin raminsu. Suka ja shi da ƙugiyoyi zuwa ƙasar Masar.
5 “‘Isheen yommuu akka abdiin ishee hin guutamin, akka wanni isheen yaaddes hin milkaaʼin argitetti, ilmoolee ishee keessaa kan biraa fudhattee leenca jabaa gootee guddifte.
“‘Sa’ad da ta ga sa zuciyarta bai cika ba, abin da take fata gani ya tafi, sai ta ɗauki wani daga cikin kwiyakwiyanta ta mai da shi zaki mai ƙarfi.
6 Inni leencota gidduu biddiiqe; leenca jabaa taʼeeraatii. Inni waa adamsee ciccirachuu barate; namootas nyaate.
Ya yi ta yawo a cikin zakoki, gama yanzu shi zaki ne mai ƙarfi. Ya koyi yayyage abin da ya yi farauta yakan kuma cinye mutane.
7 Inni daʼannoo isaanii diige; magaalaawwan isaaniis onse. Biyyattii fi kanneen ishee keessa jiraatan hundi aaduu isaatiin raafaman.
Ya rurrushe kagaransu ya kuma ragargaza biranensu. Ƙasar da dukan waɗanda suke cikinta sun tsorata da jin rurinsa.
8 Ergasii saboonni warri kutaalee biyya naannoo sanaa jiran isatti kaʼan. Isaanis kiyyoo isaanii isa duratti diriirsan; innis boolla isaanii keessatti qabame.
Sai al’ummai suka tayar masa, waɗannan daga yankunan da suke kewaye. Suka yafa raga dominsa ya kuwa fāɗa cikin raminsu.
9 Isaan hokkoodhaan qabanii mana shiboo keessa isa kaaʼan; gara mootii Baabilonitti isa fidan. Mana hidhaatti isa galchan; kanaafuu aaduun isaa tulluuwwan Israaʼel irratti ergasii hin dhagaʼamne.
Da ƙugiyoyi suka ja shi cikin keji suka kawo shi wurin sarkin Babilon. Suka sa shi cikin kurkuku, saboda haka ba a ƙara jin rurinsa a kan duwatsun Isra’ila ba.
10 “‘Haati kee akkuma wayinii lafa qotiisaa kee keessa bishaan bira dhaabatee ti; biqiltuun sunis sababii bishaan baayʼee argatteef mistee damee hedduu baaffatte.
“‘Mahaifiyarku kamar kuringa ce a cikin gonar inabi da aka shuka kusa da ruwa; ta ba da’ya’ya da kuma cikakkun rassa saboda yalwan ruwa.
11 Dameewwan isaas jajjaboo bokkuu bulchaatiif taʼan turan. Isheen baalawwan gobbatan gidduutti ol dheerina isheetii fi baayʼina dameewwan isheetiin ol dheerattee mulʼatti turte.
Rassanta suka yi ƙarfi, suka dace da sandar mai mulki. Ta yi tsayi zuwa sama ana ganin ta saboda tsayinta da kuma saboda yawan rassanta.
12 Isheen garuu aariidhaan buqqifamtee lafatti gatamte. Bubbeen baʼa biiftuu ishee gogsee ija ishee irraa harcaase; dameewwan ishee ciccimoonis ni coollagan; ibiddis isaan fixe.
Amma aka tumɓuke ta cikin fushi aka jefar da ita a ƙasa. Iskar gabas ta sa ta yanƙwane, aka kakkaɓe’ya’yanta; rassanta masu ƙarfi suka bushe wuta kuma ta cinye su.
13 Amma isheen gammoojjii keessa, lafa gogaa dheebote irra dhaabamte.
Yanzu an shuka ta a hamada, a busasshiyar ƙasa marar ruwa.
14 Damee ishee tokko keessaa ibiddi baʼee ija ishee fixe. Dameen jabaan bokkuu bulchaatiif taʼu tokko iyyuu ishee irratti hin hafne.’ Kun faaruu booʼichaa kan booʼichaaf itti fayyadamanii dha.”
Wuta ta fito daga jikin rassanta ta cinye’ya’yanta. Babu sauran reshe mai ƙarfin da ya rage a kanta da ya dace da sandar mai mulki.’ Wannan waƙa ce kuma za a yi amfani da ita a matsayin makoki.”

< Hisqiʼeel 19 >